Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 52

Warri Kaan Rakkina Akka Dandamatan Gargaari

Warri Kaan Rakkina Akka Dandamatan Gargaari

“Gargaaruuf humna yoo qabaatte, warra isaan barbaachisuuf wanta gaarii hin dhowwatin.”—FAK. 3:27.

FAARFANNAA 103 Tiksitoota—Dhiirota Kennaa Taʼan

QABIYYEE a

1. Yihowaan kadhannaa tajaajiltoonni isaa dhiheessaniif yeroo baayʼee deebii kan kennu akkamitti?

 YIHOWAAN kadhannaa namni tokko garaadhaa dhiheessuuf deebii kennuuf sitti fayyadamuu akka dandaʼu beektaa? Jaarsas taate tajaajilaa gumii, qajeelchaa ykn babalʼisaa atis warra kaan gargaaruu ni dandeessa. Dargaggeessas taate maanguddoo, dhiiras taate durba kana gochuu ni dandeessa. Yihowaan namni isa jaallatu tokko yommuu gargaarsaaf isatti iyyatu, jaarsoliin gumii ykn tajaajiltoonni isaa amanamoo kan biroon “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼan gochuu dandaʼa. (Qol. 4:11) Karaa kanaan Yihowaa fi obboloota keenya tajaajiluun mirga guddaadha. Yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti, yeroo balaan mudatutti ykn yeroo ariʼatamni jiraatutti akkas gochuu dandeenya.

YEROO DHUKKUBNI DADDARBAAN JIRAATUTTI WARRA KAAN GARGAARI

2. Yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti warra kaan gargaaruun rakkisaa nutti taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

2 Yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti wal gargaaruun rakkisaa nutti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, michoota keenya dhaqnee gaafachuu kan barbaannu taʼus, akkas gochuun fayyaa keenya balaadhaaf saaxila. Warra rakkina maallaqaa qaban mana keenyatti nyaata affeeruu barbaanna taʼa; garuu kanas gochuu hin dandeenyu. Warra kaan gargaaruu kan barbaannu taʼus, miseensonni maatii keenyas dhukkubicha wajjin waldhaansoo gochaa jiru taanaan akkas gochuun rakkisaa nutti taʼa. Taʼus, obboloota keenya gargaaruu barbaanna, Yihowaanis isaan gargaaruuf wanta dandeenyu gochaa akka jirru yeroo argu ni gammada. (Fak. 3:27; 19:17) Maarree, maal gochuu dandeenya?

3. Jaarsolii, gumii Deezii keessa jiranirraa maal baranna? (Ermiyaas 23:4)

3 Wanta jaarsoliin gochuu dandaʼan. Jaarsa yoo taate, hoolota Yihowaa akka gaariitti beekuuf yaali. (Ermiyaas 23:4 dubbisi.) Deeziin ishiin mata duree darberratti ibsamte, “Jaarsoliin garee tajaajilaa keenya keessa jiran anaa fi obboloota kan biroo wajjin tajaajilarratti ni hirmaatu, akkasumas nu faana yeroo dabarsu turan” jetteetti. b Jaarsoliin kun akkas gochuun isaanii, weerarri dhibee Kooviid-19 erga kaʼee booda yeroo Deeziin miseensota maatii ishii tokko tokko dhukkuba kanaan duʼaan dhabdetti, ishii gargaaruun akka isaaniif salphatu godheera.

4. Jaarsoliin sun Deezii gargaaruu kan dandaʼan maaliifi? Jaarsoliin kaan kanarraa maal baratu?

4 Deeziin, “Jaarsolii kana sana durayyuu akka michoota kootti waanan ilaaluuf miira natti dhagaʼamee fi wanta na yaaddessu isaanitti himuun natti hin ulfaanne” jetteetti. Jaarsoliin kanarraa maal baratu? Rakkinni tokko uumamuu isaa dura obboloota tika keessan jala jiraniif kunuunsa godhaa. Michoota isaaniif taʼaa. Dhukkubni daddarbaan jiraachuu isaatiin kan kaʼe qaamaan dhaqxanii isaan gaafachuu hin dandeessan taanaan, karaa kan biraatiin isaan qunnamuuf carraaqqii godhaa. Deeziin akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko guyyuma tokkotti jaarsoliin garaa garaa naaf bilbilu ykn ergaa barreeffamaa naaf ergu. Caqasoota naaf caqasan duraaniyyuu akka gaariitti kanan beeku taʼus garaa koo tuqaniiru.”

5. Jaarsoliin wanta obboloota isaanii barbaachisu beekuu fi isaan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

5 Karaan wanta obboloota kee barbaachisu beekuu itti dandeessu inni tokko malaan gaaffii isaan gaafachuudha. (Fak. 20:5) Nyaata gaʼaa, qorichaa fi wantoota isaan barbaachisan kan biroo qabuu? Hojii isaanii dhabuuf jedhuu? Yookiin maallaqa kiraa manaatiif kaffalan hin qabanii laata? Gargaarsa mootummaa gaafachuuf xalayaa barreessuurratti gargaarsi isaan barbaachisaa? Deeziin gargaarsa obboloota ishii argatteetti. Keessumaa wanti qorumsa ishii mudate dandamachuuf ishii gargaare, gargaarsa jaarsoliin karaa miiraa fi karaa hafuuraa ishiidhaaf godhanidha. Akkana jetteetti: “Jaarsoliin na wajjin kadhataniiru. Wanta isaan dubbatan sirriitti yaadachuu baadhus, miira yeroo sanatti natti dhagaʼame garuu nan yaadadha. Akkuma waan Yihowaan, ‘Kophaa kee miti’ naan jedhetti natti dhagaʼame.”—Isa. 41:10, 13.

Obboleessi kutaa dhiheessaa jiru, obboloonni qaamaan walgaʼiirratti argaman hedduun, akkasumas obboleessi dhukkubsatee fi karaa viidiyoo konfiransii walgaʼicharratti argame tokko yaada nama jajjabeessu kennuu isaaniitti gammadeera (Keeyyata 6 ilaali)

6. Obboloonni gumii keessa jiran hedduun warra kaan gargaaruuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkicha ilaali.)

6 Wanta warri kaan gochuu dandaʼan. Jaarsoliin obboloota gumii keessa jiraniif kunuunsa akka godhan eeguun keenya sirriidha. Taʼus, Yihowaan hundi keenyayyuu warra kaan akka jajjabeessinuu fi akka gargaarru barbaada. (Gal. 6:10) Nama dhukkubsate tokko gargaaruuf wanta xinnoollee yoo goone baayʼee isa jajjabeessuu dandaʼa. Ijoolleen xixinnoonillee abbaa ykn haadha isaanii wajjin taʼuudhaan obboleessa tokko gargaaruu ni dandaʼu. Dargaggoonni obboleettii tokkoof gabaa dhaquu ykn wanta kan biraarratti ishii gargaaruu ni dandaʼu. Obboloonni gumii keessa jiran kan biroonimmoo obboleessa dhukkubsate tokkoof nyaata qopheessanii geessuufii dandaʼu. Yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti obboloonni gumii keessa jiran hundi jajjabinni akka isaan barbaachisu beekamaadha. Tarii qaamaanis taʼe viidiyoo konfiransiidhaan walgaʼii booda obboloota keenya wajjin haasaʼuuf takka turuu dandeenya. Jaarsoliinis jajjabinni isaan barbaachisa. Obboloonni tokko tokko jaarsolii yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti hojiin isaanitti baayʼatu galateeffachuuf kaardii isaaniif erganiiru. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keenya itti fufuuf’ gaʼee keenya yeroo raawwannu buʼaa gaariitu argama.—1 Tas. 5:11.

WARRA BALAAN ISAAN MUDATE GARGAARI

7. Balaan tokko erga gaʼee booda haalli rakkisaan akkamii jiraachuu dandaʼa?

7 Balaan tokko jireenyi namootaa liphsuu ijaatti guutummaatti akka jijjiiramu gochuu dandaʼa. Yeroo balaatti namoonni qabeenya isaaniis taʼe mana isaanii, darbees nama jaallatan duʼaan dhabuu dandaʼu. Obboloota keenyarras balaan gaddisiisaan akkasii ni gaʼa. Maarree, yeroo akkasiitti gargaarsa gochuu kan dandeenyu akkamitti?

8. Jaarsoliinis taʼan mataawwan maatii balaan uumamuu isaa dura maal gochuu dandaʼu?

8 Wanta jaarsoliin gochuu dandaʼan. Jaarsoliin, obboloonni keessan balaan gaʼuu isaa dura akka qophaaʼan gargaaraa. Obboloonni gumii keessa jiran hundi nageenya isaanii eeguu fi jaarsolii wajjin wal qunnamuuf tarkaanfii fudhachuu qaban beekuu isaanii mirkaneeffadhaa. Maargaaret ishiin mata duree darberratti ibsamte akkana jetteetti: “Jaarsoliin keenya kutaa akka gumichaaf barbaachisurratti tibbi ibiddi bosonaa itti kaʼu akka hin darbine akeekkachiisa nuuf kennanii turan. Abbootiin taayitaa naannicha dhiisnee akka deemnu qajeelfama yoo kennan ykn haalli isaa balaa akka qabu yoo hubanne dafnee naannoo sanaa deemuu akka qabnu nutti himan.” Torban shan booda ibiddi bosonaa lubbuu balaadhaaf saaxilu waan kaʼeef, gorsi kun gorsa yeroo isaatti kenname ture. Mataawwan maatii waaqeffannaa maatii isaaniirratti wanta tokkoon tokkoon miseensonni maatii isaanii gochuu qaban ibsuu dandaʼu. Atis taate ijoolleen kee qophaaʼoo yoo taatan yeroo balaan uumamutti tasgabbaaʼuu ni dandeessu.

9. Jaarsoliin balaan tokko gaʼuu isaa duraa fi erga gaʼee booda qindoominaan hojjechuu kan dandaʼan akkamitti?

9 Ilaaltuu ol aanaa garee tajaajilaa yoo taate, balaan gaʼuu isaa dura teessoo obboloota garee tajaajilaa kee keessa jiran hundumaa qabaachuu kee mirkaneeffadhu. Galmee teessoo obboloota keetii qabate qopheeffadhu, akkasumas odeeffannoon qabatte sirrii taʼuu isaa yeroo yerootti mirkaneeffadhu. Akkas yoo goote, yeroo balaattillee babalʼistoota hundumaa argachuu fi isaan gargaaruu ni dandeessa. Achiis odeeffannoo qabatte dafiitii qindeessaa qaama jaarsoliitti dabarsi; innimmoo ilaaltuu ol aanaa aanaa haasofsiisa. Obboloonni kun qindoominaan yeroo hojjetan obboloota isaanii karaa hundarra wayyuun gargaaruu dandaʼu. Ibiddi bosonaa erga kaʼee booda ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii Maargaaret saʼaatii 36 hirriba malee dabarse; yeroo jaarsoliin obboloota qeʼee isaaniitii buqqaʼan gara 450 taʼan argachuu fi kunuunsa isaaniif gochuuf carraaqqii gochaa turanitti hojicha qindeessaa kan ture isadha. (2 Qor. 11:27) Akka kanaan, obboloonni bakki buufatan isaan barbaachisu hundi gargaarsa argachuu dandaʼaniiru.

10. Jaarsoliin tika gochuun barbaachisaa taʼuu isaa yaadachuu kan qaban maaliifi? (Yohaannis 21:15)

10 Jaarsoliin karaa hafuuraa fi karaa miiraas obboloota isaaniitiif gargaarsa ni godhu. (1 Phe. 5:2) Balaan tokko yeroo gaʼu, jaarsoliin jalqabarratti obboloonni hundi nagaa taʼuu isaanii, akkasumas nyaata, uffataa fi iddoo buufatan qabaachuu isaanii mirkaneeffachuu qabu. Jiʼoota hedduu sana booda jiranitti garuu karaa hafuuraa fi karaa miiraa jajjabinni isaan barbaachisa. (Yohaannis 21:15 dubbisi.) Harooldi inni miseensa Koree Waajjira Damee taʼee fi obboloota balaadhaan miidhaman hedduu wajjin wal arge akkana jedheera: “Hamma bayyanatanitti yeroo fudhata. Jireenya isaanii duriitti erga deebiʼanii boodas, nama duʼaan dhaban, qabeenya isaanii iddoo guddaa kennaniif ykn haala gaddisiisaa balaan sun isaanirraan gaʼe yaadachuu isaanii itti fufu. Kunis akka haaraatti gaddi cimaan akka isaanitti dhagaʼamu godha. Kun amantii akka dhaban kan argisiisu utuu hin taʼin, miira nama kamittiyyuu dhagaʼamudha.”

11. Maatiiwwan itti fufiinsaan gargaarsi akkamii isaan barbaachisuu dandaʼa?

11 Jaarsoliin gorsa, “Warra booʼanii wajjin booʼaa” jedhuuf xiyyeeffannaa ni kennu. (Rom. 12:15) Yihowaanis taʼe obboloonni isaanii ammayyuu akka isaan jaallatan obboloota balaarraa oolaniif mirkaneessuu qabu. Jaarsoliin maatiiwwan kadhannaa dhiheessuu, qoʼannaa gochuu, walgaʼiirratti argamuu fi hojii lallabaarratti hirmaachuu dabalatee barsiifata hafuuraa isaanii akka eeggatan gargaaruu barbaadu. Kana malees, jaarsoliin warri wanta balaan balleessuu hin dandeenyerratti akka xiyyeeffatan ijoollee isaanii akka gargaaran isaan jajjabeessuu dandaʼu. Warri, Yihowaan yeroo hundumaa Abbaa isaanii akka taʼee fi isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe ijoollee keessan yaadachiisaa. Obboloonni isaanii addunyaa maratti argamanis isaan gargaaruuf yeroo hundumaa qophaaʼoo akka taʼan mirkaneessaafii.—1 Phe. 2:17.

Naannoo keessanitti balaan yoo gaʼe fedhiidhaan gargaarsa gochuu ni dandeessaa? (Keeyyata 12 ilaali) e

12. Warri kaan yeroo balaatti gargaarsa gochuuf maal gochuu dandaʼu? (Fakkicha ilaali.)

12 Wanta warri kaan gochuu dandaʼan. Naannoo sitti dhihoo taʼetti balaan yoo gaʼe, gargaarsa gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe jaarsolii gaafadhu. Obboloonni qeʼee isaaniitii buqqaʼan ykn obboloonni fedhiidhaan hojii ijaarsaarratti hirmaatan yeroodhaaf mana kee akka buufatan gargaaruu dandeessa taʼa. Kana malees, babalʼistoota gargaarsi isaan barbaachisuuf nyaataa fi wantoota kan biroo geessuu ni dandeessa taʼa. Balaan kan gaʼe naannoo sirraa fagaatutti yoo taʼeyyuu gargaarsa gochuu ni dandeessa. Akkamitti? Obboloota balaan irra gaʼeef kadhachuu dandeessa. (2 Qor. 1:8-11) Hojii addunyaa maraatiif buusii gochuudhaan hojii gargaarsaa maallaqaan deggeruus ni dandeessa. (2 Qor. 8:2-5) Naannoo balaan gaʼe dhaqxee gargaaruu kan dandeessu yoo taʼe, kana gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe akka sitti himan jaarsolii gaafadhu. Gargaarsa akka gootu yoo affeeramtemmoo, iddoo fi yeroo gargaarsi kee caalaatti barbaachisutti gargaarsa gochuu akka dandeessuuf leenjiin siif kennamuu dandaʼa.

OBBOLOONNI KEE ARIʼATAMA AKKA DANDAMATAN GARGAARI

13. Namoonni biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan haala rakkisaa akkamiitu isaan mudata?

13 Obboloonni biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan, yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼu jireenyi caalaatti isaanitti ulfaata. Obboloonni biyyoota akkasii keessa jiraatan akkuma namoota kaanii rakkinni maallaqaa isaan mudachuu, dhukkubsachuu fi nama jaallatan duʼaan dhabuu dandaʼu. Dhorkaa jiruun kan kaʼe jaarsoliin dhaqanii isaan gaafachuu ykn warra jajjabinni isaan barbaachisu bilisummaadhaan haasofsiisuu hin dandaʼan taʼa. Andireen inni mata duree darberratti ibsame haalli akkasii isa mudateera. Obboleettiin garee tajaajilaa isaa keessa jirtu takka rakkinni maallaqaa ishii mudatee ture. Boodas balaan konkolaataa ishiirra gaʼe. Yaaliin baqaqsanii hodhuu garaa garaa ishii barbaachisee ture, taʼus haalli ishii fooyyaʼuu hin dandeenye. Biyyattii keessa dhorkaanii fi weerarri dhibee jiraatus obboloonni ishii gargaaruuf wanta dandaʼan hundumaa godhaniiru; Yihowaanis kana ilaalaa ture.

14. Jaarsoliin Yihowaatti amanamuudhaan fakkeenya taʼuu kan dandaʼan akkamitti?

14 Wanta jaarsoliin gochuu dandaʼan. Andireen Yihowaatti kadhannaa dhiheesseera, akkasumas wanta dandaʼu godheera. Maarree, Yihowaan kadhannaa isaatiif deebii kan kenne akkamitti? Obboloonni caalaatti obboleettii sana gargaaruu dandaʼan gargaarsa gochuuf akka kakaʼan gochuudhaani. Obboloonni tokko tokko mana yaalaatti beellama yeroo qabaattu ishii geessu turan. Kaanimmoo gargaarsa maallaqaa ishiidhaaf godhaniiru. Yihowaan obboloonni kun wanta dandaʼan akka godhan isaan kakaaseera, carraaqqii isaan tokkummaadhaan, akkasumas ija jabinaan godhanis isaaniif eebbiseera. (Ibr. 13:16) Jaarsoliin, yeroo hojiin keenya daangeffamu gargaarsa warra kaanii gaafadhaa. (Er. 36:5, 6) Hundumaa caalaammoo, Yihowaatti amanamaa. Inni obboloota keessaniif wanta isaan barbaachisu akka gootan isin gargaara.

15. Yeroo ariʼatamaatti tokkummaa keenya eeguu kan dandeenyu akkamitti?

15 Wanta warri kaan gochuu dandaʼan. Yeroo dhorkaan jiraatutti walitti qabamuu kan dandeenyu obboloota keenya muraasa qofaa wajjin taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, yoomiyyuu caalaa yeroo akkasiitti nagaa keenya eeggachuun keenya barbaachisaadha. Obboloota keessan utuu hin taʼin Seexana lolaa. Dogoggora obboloonni kee hojjetan irra isaaniif darbuuf yaali, akkasumas walitti buʼiinsa gidduu keessanitti uumamu hundumaatiif hatattamaan furmaata kennuuf yaali. (Fak. 19:11; Efe. 4:26) Warra kaan gargaaruuf dursa fudhadhu. (Tit. 3:14) Warri kaan obboleettii gargaarsi barbaachisu sana gargaaruun isaanii garee tajaajilaa isaaniirratti dhiibbaa gaarii godheera. Obboloonni garee sana keessatti tajaajilan akkuma maatiitti baayʼee walitti dhihaataniiru.—Far. 133:1.

16. Qolosaayis 4:3, 18 wajjin haala wal simuun obboloota keenya ariʼatamni irra gaʼaa jiru gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

16 Obboloonni keenya kuma kudhaniin lakkaaʼaman dhorkaan mootummaa jiraatus Yihowaa tajaajilaa jiru. Isaan keessaa tokko tokko sababii amantii isaaniitiin hidhamaniiru. Isaaniifis taʼe maatiiwwan isaaniitiif, akkasumas obboloota bilisummaa isaanii balaadhaaf saaxilanii karaa hafuuraa, karaa qaamaa fi gama seeraatiin isaan gargaaraniif kadhachuu dandeenya. c (Qolosaayis 4:3, 18 dubbisi.) Humna kadhannaan kee qabu salphistee hin ilaalin.—2 Tas. 3:1, 2; 1 Xim. 2:1, 2.

Maatii kee ariʼatamaaf ammuma qopheessuu kan dandeessu akkamitti? (Keeyyata 17 ilaali)

17. Ariʼatamaaf ammuma qophaaʼuu kan dandeessan akkamitti?

17 Atii fi maatiin kee ariʼatamaaf ammuma qophaaʼuu ni dandeessu. (HoE. 14:22) Rakkina gaʼuu dandaʼu hundumaa tilmaamuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsadhu, ijoolleen kees akkasuma akka godhan isaan gargaari. Darbee darbee dhiphinni yoo sitti dhagaʼame, miira sitti dhagaʼamu hundumaa kadhannaadhaan Waaqayyotti himi. (Far. 62:7, 8) Yihowaatti amanamuu kan dandeessan maaliif akka taʼe maatiidhaan irratti mariʼadhaa. d Yeroo balaatiif dursitanii qophaaʼuun keessan ijoollee kee akkuma gargaaru, ariʼatamaaf dursitanii qophaaʼuun keessanis isaan gargaara; Yihowaatti akka amanaman dursitee waan isaan barsiisteef, yeroo akkasiitti ija jabina qabaachuu fi tasgabbaaʼuu ni dandaʼu.

18. Gara fuulduraatti yeroo akkamiitu nu eeggata?

18 Nagaan Waaqayyoo tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu godha. (Filp. 4:6, 7) Yihowaan yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti, yeroo balaan gaʼutti, akkasumas yeroo ariʼatamni gaʼutti nagaa kanatti fayyadamee garaa keenya tasgabbeessa. Jaarsolii jabaatanii hojjetanitti fayyadamee tika nuuf godha. Kana malees, hunda keenyaafiyyuu akka wal gargaarru mirga nuuf kenneera. Nagaan amma qabnu yeroo qorumsaatiif, darbees ‘rakkina guddaadhaaf’ nu qopheessa. (Mat. 24:21) Yeroo sanatti, nagaa keenya eeggachuunii fi warri kaanis akkas akka godhan gargaaruun nu barbaachisa. Sana booda garuu rakkinni nu dhiphisu hin jiraatu. Yeroo sanatti wanta Yihowaan yeroo hunda nuuf hawwu, jechuunis nagaa dhugaa bara baraaf turu qabaanna.—Isa. 26:3, 4.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

a Yihowaan yeroo baayʼee warra haala rakkisaa keessa jiran gargaaruuf tajaajiltoota isaa amanamootti fayyadama. Obboloota kee gargaaruuf sittis fayyadamuu dandaʼa. Mee warra gargaarsi barbaachisu gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Waajjirri damee ykn waajjirri muummee xalayaa obboloota mana hidhaa jiraniif barreessine nuuf dabarsuu hin dandaʼu.

d Mata duree, “Ariʼatamaaf Ammuma Qophaaʼaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Adoolessa 2019 irratti baʼe ilaali.

e IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa tokko maatii balaan erga gaʼee booda dunkaana keessa buufatee jiru tokkoof nyaata kennaa jiru.