Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 51

Yeroo Rakkinaatti Nagaa Qabaachuu ni Dandeessa

Yeroo Rakkinaatti Nagaa Qabaachuu ni Dandeessa

“Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa.”—YOH. 14:27.

FAARFANNAA 112 Yihowaa, Ati Waaqa Nagaa Ti

QABIYYEE a

1. “Nagaan Waaqayyoo” maalidha? Nagaa kana qabaachuun keenya kan nu fayyadu hoo akkamitti? (Filiphisiyus 4:6, 7)

 NAGAAN addunyaan kun hin beekne tokko jira. Innis ‘nagaa Waaqayyoo,’ jechuunis tasgabbii Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya qabaachuudhaan argannudha. Nagaa Waaqayyoo yeroo qabaannu tasgabbiitu nutti dhagaʼama. (Filiphisiyus 4:6, 7 dubbisi.) Warra isa jaallatan wajjin michummaa cimaa qabaanna. ‘Waaqa nagaa’ wajjinis walitti dhufeenya cimaa qabaanna. (1 Tas. 5:23) Abbaa keenya kan beeknu, kan isatti amanamnuu fi kan isaaf ajajamnu yoo taʼe yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti nagaan Waaqayyoo garaa keenya isa dhiphate nuuf tasgabbeessa.

2. Nagaa Waaqayyoo qabaachuun akka dandaʼamu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?

2 Rakkoowwan akka dhukkuba daddarbaa, balaa, jeequmsa uummataa ykn ariʼatamaa jiran yeroo nu mudatanitti dhuguma nagaa Waaqayyoo qabaachuu ni dandeenyaa? Rakkoowwan kun sodaan akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼu. Taʼus Yesuus, “Garaan keessan akka raafamus taʼe sodaadhaan akka guutamu hin godhinaa” jedhee duuka buutota isaa gorseera. (Yoh. 14:27) Kan nama gammachiisu, obboloonnii fi obboleettonni hedduun gorsa Yesuus hojiirra oolchaniiru. Yeroo rakkoowwan ciccimoon isaan mudatanitti gargaarsa Yihowaatiin nagaa qabaachuu dandaʼaniiru.

YEROO DHUKKUBNI DADDARBAAN JIRAATUTTI NAGAA QABAACHUU

3. Dhukkubni daddarbaan ykn weerarri dhibee nagaa nu dhabsiisuu kan dandaʼu akkamitti?

3 Dhukkubni daddarbaan ykn weerarri dhibee jireenya keenya guutummaatti jijjiiruu dandaʼa. Mee Kooviid-19 namoota baayʼeerratti dhiibbaa akkamii akka godhe haa ilaallu. Qorannaan tokko akka argisiisutti yeroo weerara dhibee kanaatti namoota gabaasa godhan keessaa walakkaadhaa ol kan taʼan hirriiba rafuun akka isaan rakkise ibsaniiru. Weerarri dhibee kun yaaddoon, dhiphinni, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguunii fi qoricha sammuu hadoochu fudhachuun, akkasumas miidhaan maatii keessaa fi yaaliin of ajjeesuu baayʼee akka dabalu gumaacha godheera. Naannoo kee dhukkubni daddarbaan yoo jiraate, dhiphina sitti dhagaʼamu toʼachuu fi nagaa Waaqayyoo qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

4. Raajii Yesuus guyyoota dhumaa ilaalchisee dubbate beekuun keenya nagaa nuuf argamsiisa kan jennu maaliifi?

4 Yesuus guyyoota dhumaatti “bakka garaa garaatti” golfaan ykn dhukkubni daddarbaan akka jiraatu raajii dubbateera. (Luq. 21:11) Kana beekuun keenya nagaa kan nuuf argamsiisu akkamitti? Dhukkuboonni daddarboon yeroo kaʼan nu hin ajaaʼibsiisu. Akkuma Yesuus dubbatetti wantoonni kun akka raawwataman beekna. Kanaafuu, gorsa Yesuus, “Akka hin sodaanne of eeggadhaa” jechuudhaan namoota bara dhumaatti jiraataniif kenne hojiirra oolchina.—Mat. 24:6.

Yeroo weerara dhibeetti dubbisa Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuun kee nagaa sammuu qabaachuuf si gargaara (Keeyyata 5 ilaali)

5. (a) Filiphisiyus 4:8, 9 yeroo dhukkubni daddarbaan jiraatutti waaʼee maalii kadhachuu akka qabnu murteessuuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Obboleettiin takka dubbisa Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼe dhaggeeffachuudhaan kan fayyadamte akkamitti? Atoo ishiirraa maal baratta?

5 Dhukkubni daddarbaan baayʼee akka dhiphannuu fi akka sodaannu nu gochuu dandaʼa. Kun obboleettii Deezii jedhamtu mudatee ture. b Eessumni ishii, durbiin ishii fi doktarri ishii Kooviid-19n erga duʼanii booda ishiinis vaayirasii kanaan akka hin qabamnee fi haadha ishii maanguddoo taatetti akka hin dabarsine sodaattee turte. Sababa weerara dhibee kanaatiin hojii ishii akka hin dhabne waan sodaatteef, ‘Maallaqa nyaataa fi kiraa manaatiif barbaachisu eessaan argadha?’ jettee yaaddoftee turte. Waaʼee wantoota kanaa baayʼee waan yaaddofteef, hirriiba dhabdee turte. Taʼus, Deeziin nagaa ishii deebistee argatteetti. Akkamitti? Tasgabbaaʼuu fi wantoota gaggaariirratti yaaduu akka dandeessuuf Yihowaan akka ishii gargaaru adda baastee kadhatte. (Filiphisiyus 4:8, 9 dubbisi.) Yihowaan dubbisa Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼetti fayyadamee yeroo ishiitti dubbatu ni dhaggeeffatte. Akkana jetteetti: “Sagalee tasgabbaaʼaan obboloonni dubbisan qaban dhiphina natti dhagaʼamu naaf hirʼiseera, Yihowaan akka naaf yaadus na yaadachiiseera.”—Far. 94:19.

6. Qoʼannaa dhuunfaa gochuunii fi walgaʼiiwwan gumiirratti argamuun kan si gargaaru akkamitti?

6 Dhukkubni daddarbaan jiraachuun isaa barsiifatawwan kee tokko tokkorratti dhiibbaa akka godhu beekamaadha; taʼus qoʼannaa dhuunfaa gochuu ykn walgaʼiirratti argamuu akka si dhoowwu hin heyyamin. Muuxannoowwan barreeffamootaa fi viidiyoowwan keenyarratti argaman obboloonni kee rakkoowwan akkasii isaan mudatus amanamummaa isaanii akka eeggatan si yaadachiisu. (1 Phe. 5:9) Walgaʼiiwwan gumiirratti argamuun sammuu kee yaadawwan Kitaaba Qulqulluutiin guutuuf si gargaara. Warra kaan jajjabeessuufis taʼe jajjabina argachuuf carraa siif bana. (Rom. 1:11, 12) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra dhukkubsatan, warra sodaatan ykn warra kophummaan isaanitti dhagaʼame akkamitti akka gargaare xiinxaluun kee amantii kee siif cimsa, akkasumas Yihowaan siinis akka gargaaru mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara.

7. Yohaannis ergamaarraa maal baratte?

7 Obboloota kee wajjin wal qunnamuuf carraaqqii godhi. Dhukkubni daddarbaan obboloota keenya wajjin yeroo taanuttillee fageenya keenya akka eeggannu nu dirqisiisuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti akkuma Yohaannis ergamaa sitti dhagaʼama taʼa. Yohaannis michuu isaa Gaayosiin fuulaa fuulatti arguu barbaadee ture. (3 Yoh. 13, 14) Taʼus, Yohaannis yeroodhaaf Gaayosiin arguu akka hin dandeenye hubate. Kanaafuu, Yohaannis wanta gochuu dandaʼu godheera; Gaayosiif xalayaa barreesse. Obboloota kee qaamaan gaafachuu yeroo hin dandeenyetti bilbilaan, viidiyoo konfiransiidhaan ykn ergaa barreessuudhaan isaan qunnamuuf yaali. Obboloota kee wajjin yeroo hunda kan wal argitu yoo taʼe caalaatti tasgabbii fi nagaan sitti dhagaʼama. Keessumaa yeroo dhiphinni sitti dhagaʼamutti jaarsolii haasofsiisuuf yaali; jajjabina isaan siif kennanis fudhadhu.—Isa. 32:1, 2.

YEROO BALAAN JIRAATUTTI NAGAA QABAACHUU

8. Balaan tokko nagaa si dhabsiisuu kan dandaʼu akkamitti?

8 Lolaan, kirkirri lafaa ykn balaan ibiddaa si mudatee beeka yoo taʼe, balaan sun erga darbee boodallee yeroo dheeraadhaaf dhiphinni sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Nama jaallattu duʼaan dhabdee ykn qabeenyi kee barbadaaʼeera yoo taʼe gaddii fi aariin sitti dhagaʼamee ykn abdii kutattee taʼuu dandaʼa. Kun nama qabeenya jaallattu ykn nama amantii hin qabne akka taate kan argisiisu miti. Rakkina cimaa keessa waan dabarteef, namoonni tokko tokko tarkaanfii dogoggoraa akka fudhattu eegu taʼa. (Iyo. 1:11) Taʼus, haala nama dhiphisu keessattillee nagaa qabaachuu dandeessa. Akkamitti?

9. Yesuus balaawwan nurra gaʼuu dandaʼaniif kan nu qopheesse akkamitti?

9 Raajii Yesuus dubbate yaadadhu. Namoonni tokko tokko balaan nurra gaʼa jedhanii hin eegan; nuti garuu bara keenyatti balaan caalaatti dabalaa akka deemuu fi nurras gaʼuu akka dandaʼu beekna. Yesuus dhumni dhufuu isaa dura ‘kirkirri lafaa guguddaanii’ fi balaawwan kan biroon akka jiraatan duuka buutota isaatti himeera. (Luq. 21:11) Kana malees, ‘hamminni dabalaa akka deemu’ dubbateera; yakka, jeequmsaa fi haleellaa shororkeessitootaa kan arginu kanaafi. (Mat. 24:12) Yesuus balaawwan kun kan gaʼan namoota Yihowaan dhiise qofarra akka taʼe hin dubbanne. Balaawwan kun tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan hedduurras gaʼaniiru. (Isa. 57:1; 2 Qor. 11:25) Yihowaan balaawwan hundarraa dinqiidhaan nu eeguu dhiisuu dandaʼa; taʼus wanta tasgabbaaʼuu fi nagaa qabaachuuf nu gargaaru kamiyyuu nuuf kenna.

10. Balaadhaaf dursinee qophaaʼuun amantii akka qabnu argisiisa kan jennu maaliif? (Fakkeenya 22:3)

10 Dursinee karoora yoo baafanne yeroo balaan nurra gaʼutti tasgabbaaʼuun nuuf salphata. Haa taʼu malee, dursinee qophaaʼuun Yihowaarratti amantii akka hin qabne argisiisaa? Matumaa hin argisiisu. Balaadhaaf dursinee qophaaʼuun keenya dandeettii inni nu kunuunsuuf qaburratti amantii akka qabnu argisiisa. Akkamitti? Dubbiin Waaqayyoo balaawwan nu mudachuu dandaʼaniif dursinee akka qophoofnu nu jajjabeessa. (Fakkeenya 22:3 dubbisi.) Jaarmiyaan Waaqayyoo barruulee, walgaʼiiwwan gumii fi beeksisawwanitti fayyadamee yeroo balaatiif akka qophoofnu irra deddeebiʼee nu jajjabeessaa jira. c Maarree, Yihowaa ni amannaa? Taanaan, balaan tokko gaʼuu isaa dura amma gorsa kana hojiirra oolchina.

Dursitee qophaaʼuun kee balaarraa ooluuf si gargaaruu dandaʼa (Keeyyata 11 ilaali) d

11. Fakkeenya Maargaaretirraa maal baratte?

11 Mee muuxannoo obboleettii Maargaaret haa ilaallu. Naannoo ishiitti ibiddi bosonaa waan kaʼeef abbootiin taayitaa mana ishii gadhiistee akka deemtu ishii ajajan. Namoonni baayʼeen yeroo tokkotti baqachuuf yaalaa waan turaniif karaan ni cuccufame. Qilleensi isaa aaraan kan kaʼe gurraachaʼee waan tureef, Maargaaret konkolaataa ishii keessaa baʼuu hin dandeenye. Haa taʼu malee, dursitee waan qophoofteef ooluu dandeesseetti. Boorsaa ishiitti kaartaa daandii ittiin naannoo sanaa baatu kan biraa argachuuf ishii gargaaru qabattee turte. Yeroo balaan uumamutti karaa kamiin deemuu akka dandeessu beekuufis dursitee daandii sanarra deemteetti. Maargaaret dursitee waan qophoofteef balaa sanarraa ooluu dandeesseetti.

12. Qajeelfamoota nageenya keenya eeguuf nuuf kennaman hordofuu kan qabnu maaliifi?

12 Abbootiin taayitaa nuufis taʼe warra kaaniif eegumsa gochuuf jecha saʼaatii taʼe tokkotti manatti akka gallu, naannoo sanaa akka deemnu ykn qajeelfamoota kan biroo akka hordofnu nu gaafachuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko qabeenya isaanii dhiisanii deemuu waan hin barbaanneef qajeelfamoota kana dafanii hojiirra hin oolchan. Kiristiyaanonni hoo tarkaanfii akkamii fudhachuu qabu? Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Gooftaadhaaf jedhaatii aangoo namoonni hundeessan hundaaf bitamaa; inni iddoo ol aanaa waan qabuuf mootiidhaaf bitamaa; bulchitoonnis . . . isa biraa kan ergaman waan taʼaniif isaaniif bitamaa.” (1 Phe. 2:13, 14) Jaarmiyaan Waaqayyoos nageenya keenya eeguuf qajeelfama nuuf kenna. Jaarsoliin yeroo balaan uumamutti nu qunnamuu akka dandaʼaniif teessoo keenya isa ammaa akka isaaniif kenninu yeroo hunda yaadachiisni nuuf kennama. Atoo akkas gooteettaa? Kana malees, bakkuma jirru akka turru ykn bakka biraa akka deemnu, akkasumas yeroo balaatti gargaarsa argachuu ykn akkamittii fi yoom gargaarsa gochuu akka dandeenyu ilaalchisee qajeelfamni nuuf kennamuu dandaʼa. Ajajamuu yoo didne lubbuu keenyas taʼe, kan jaarsolii balaadhaaf saaxiluu dandeenya. Obboloonni amanamoon kun eegumsa akka nuuf godhan yaadadhu. (Ibr. 13:17) Maargaaret, “Qajeelfama jaarsolii fi jaarmiyichi kennu hojiirra oolchuun lubbuu koo akka naaf oolche nan amana” jetteetti.

13. Kiristiyaanonni qeʼee isaaniirraa buqqaʼan hedduun gammachuu fi nagaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti?

13 Obboloonni balaa uumamaa, waraana ykn jeequmsa uummataatiin kan kaʼe qeʼee isaaniirraa buqqaʼan hedduun haala isaanii isa haaraatti baruu fi yeruma sana sochiiwwan tiʼookraasiirratti hirmaachuuf carraaqqii godhaniiru. Akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa sababa ariʼatamaatiin bittinnaaʼanii turanii isaanis ‘dubbii Waaqayyoo lallabuu’ isaanii itti fufaniiru. (HoE. 8:4) Hojii lallabaarratti hirmaachuun isaanii haalawwan rakkisoorratti utuu hin taʼin, Mootummicharratti xiyyeeffachuuf isaan gargaareera. Kanaan kan kaʼes, nagaa fi gammachuu isaanii eeggataniiru.

YEROO ARIʼATAMAATTI NAGAA QABAACHUU

14. Ariʼatamni nagaa keenya booressuu kan dandaʼu akkamitti?

14 Ariʼatamni wantoota nagaa nuuf argamsiisan hedduu nu dhabsiisuu dandaʼa. Qabamnee hidhamuu dandeenya jennee utuu hin sodaatin bilisummaadhaan yeroo walitti qabamnu, yeroo lallabnuu fi sochii guyyaa guyyaarratti yeroo hirmaannu gammachuutu nutti dhagaʼama. Bilisummaa kana yoo dhabne garuu wanta sana booda nu mudachuu dandaʼu sodaachuudhaan dhiphachuu dandeenya. Miirri akkasii nutti dhagaʼamuun isaa dogoggora miti. Taʼus of eeggachuu qabna. Yesuus duuka buutonni isaa sababa ariʼatamaatiin gufachuu akka dandaʼan dubbateera. (Yoh. 16:1, 2) Maarree, yeroo ariʼatamni nurra gaʼutti nagaa keenya eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?

15. Ariʼatama sodaachuu kan hin qabne maaliifi? (Yohaannis 15:20; 16:33)

15 Dubbiin Waaqayyoo, “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu” jedha. (2 Xim. 3:12) Obboleessi Andiree jedhamu hojiin keenya biyya isaanii keessatti erga dhorkamee booda haala isaa amanee fudhachuun isatti ulfaatee ture. Akkana jedhee yaade: ‘Biyya kana keessa Dhugaa Baatota hedduutu jira. Abbootiin taayitaa hunda keenya hidhuu kan dandaʼan akkamitti?’ Haa taʼu malee, Andireen akkas jedhee yaaduun isaa nagaa isaaf argamsiisuu mannaa, akka dhiphatu godheera. Obboloonni kaan garuu, Yihowaatti waan amanamaniif, hidhaa jalaa miliquu akka dandaʼan of amansiisuuf hin yaalan. Hidhamuu akka dandaʼan kan beekan taʼus, hamma Andiree garuu hin dhiphanne. Kanaafuu, innis ilaalcha akka isaanii qabaachuu fi Yihowaatti amanamuuf murteesse. Achiis utuma baayʼee hin turin nagaan isatti dhagaʼamuu jalqabe; amma haalli rakkisaan jiraatus gammachuu qaba. Nutis akkasuma gochuu dandeenya. Yesuus ariʼatamni akka nurra gaʼu eeguu akka qabnu kan dubbate taʼus, amanamummaa keenya eeggachuu akka dandeenyus nuuf mirkaneesseera.—Yohaannis 15:20; 16:33 dubbisi.

16. Yeroo ariʼatamni nurra gaʼu qajeelfama akkamii hordofuu qabna?

16 Hojiin keenya yoo dhorkame ykn yoo daangeffame waajjira damee fi jaarsoliirraa qajeelfamni nuuf kennamuu dandaʼa. Qajeelfamoonni kun kan nuu kennaman eegumsa nuuf gochuuf, akkasumas nyaata hafuuraa argachuu keenya akka itti fufnuu fi hamma dandaʼametti hojii lallabaarratti hirmaachuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruufi. Qajeelfamni tokko kan kenname maaliif akka taʼe guutummaatti yeroo siif hin gallettillee ajajamuuf wanta siif dandaʼame hunda godhi. (Yaq. 3:17) Waaʼee obboloota keenyaa ykn waaʼee sochiiwwan gumii namoota isaaniif hin malleef odeeffannoo akka hin kennine of eeggadhu.—Lal. 3:7.

Yeroo rakkisaa taʼettillee nagaa qabaachuuf kan si gargaaru maalidha? (Keeyyata 17 ilaali) e

17. Akkuma ergamoota jaarraa jalqabaa maal gochuuf murteessineerra?

17 Sababiiwwan guguddaa Seexanni saba Waaqayyoorratti waraana bane keessaa inni tokko ‘waaʼee Yesuus dhugaa akka baʼan hojiin isaaniif kennamuu’ isaati. (Mul. 12:17) Seexannis taʼe addunyaan isaa akka si sodaachisan hin heyyamin. Mormiin utuma jiruu lallabuu fi barsiisuun gammachuu fi nagaa nuuf argamsiisa. Jaarraa jalqabaatti abbootiin taayitaa Yihudii ergamoonni lallabuu isaanii akka dhaaban yeroo isaan ajajanitti namoonni amanamoon kun Waaqayyoof ajajamuu filataniiru. Lallabuu isaanii itti fufaniiru; akkas gochuun isaaniis gammachuu isaaniif argamsiiseera. (HoE. 5:27-29, 41, 42) Hojiin keenya yeroo daangeffamutti yommuu lallabnu of eeggannoo gochuu akka qabnu beekamaadha. (Mat. 10:16) Wanta nuuf dandaʼame kan goonu yoo taʼe garuu, nagaa Yihowaa gammachiisuudhaan, akkasumas ergaa lubbuu baraaru lallabuudhaan argamu argachuu dandeenya.

‘WAAQNI NAGAA ISINII WAJJIN TAʼA’

18. Nagaa dhugaa nuuf kennuu kan dandaʼu eenyu?

18 Yeroo baayʼee rakkisaa taʼettillee nagaa qabaachuu akka dandeenyu amanannaa qabaadhu. Yeroo akkasiitti wanti nu barbaachisu nagaa Waaqayyoo, jechuunis nagaa Yihowaan kennu akka taʼe yaadachuu qabna. Dhukkubni daddarbaan, balaan ykn ariʼatamni yeroo si mudatu isatti amanami. Jaarmiyaa isaatti maxxanii jiraadhu. Yeroo dinqisiisaa gara fuulduraatti si eeggaturratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘Waaqni nagaa si wajjin taʼa.’ (Filp. 4:9) Mata duree itti aanurratti obboloonni rakkinni isaan mudate nagaa Waaqayyoo qabaachuu akka dandaʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

a Yihowaan warra isa jaallataniif nagaa kennuuf waadaa galeera. Nagaan Waaqayyo kennu maalidha? Argachuu kan dandeenyu hoo akkamitti? Yeroo dhukkubni daddarbaan, balaan ykn ariʼatamni nu mudatu ‘nagaa Waaqayyoo’ qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Mata dureen kun gaaffilee kanaaf deebii kenna.

b Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

c Mata duree, “Yommuu Balaan Gaʼu Tarkaanfii Nama Oolchuu Dandaʼu” jedhuu fi Dammaqaa! Lakk. 5 2017 irratti baʼe ilaali.

d IBSA FAKKII: Obboleettiin takka mana ishii gadhiistee deemuuf dursitee qophoofteetti.

e IBSA FAKKII: Obboleessi naannoo hojiin lallabaa keenya itti daangeffame jiraatu tokko of eeggannoodhaan dhugaa baʼuu isaa itti fufeera.