Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SEENAA JIREENYAA

Yihowaan Hamma Ani Yaade Caalaa Na Eebbiseera

Yihowaan Hamma Ani Yaade Caalaa Na Eebbiseera

‘QAJEELCHAA taʼuun qaba. Garuu qajeelchaa taʼanii tajaajiluun nama hin nuffisiisuu?’ jedheen yaadan ture. Biyyoota Afriikaa hedduu kan akka Daaree Salaam, Elsalvaadoorii fi Asmaraatti nyaata erguu irratti hojii Jarman keessatti hojjedhu nan jaalladhan ture. Afriikaa keessa biyyoota kanaa fi kan biroo hedduu keessatti gaaf tokko yeroo guutuu Yihowaa nan tajaajila jedhee yaadee hin beeku!

Yeroo booda shakkii koo moʼuudhaan qajeelchaa taʼee tajaajiluu yommuun jalqabu, jireenyi koo karaa ani matumaa ni taʼa jedhee hin yaadneen ni jijjiirame. (Efe. 3:20) Haa taʼu malee, kun akkamitti taʼuu dandaʼe jettanii yaaddu taʼa. Mee jalqabaa kaasee isinitti haa himu.

Kanan dhaladhe Barliin, Jarman keessatti, Waraanni Addunyaa lammaffaa bara 1939⁠tti eegaluu isaa jiʼoota muraasa dura ture. Waraanichi bara 1945⁠tti xumuramuu jala yommuu gaʼu, xiyyaaronni waraanaa Barliin irratti boombii hedduu buusan. Yeroo tokko boombiin daandii keenya irra buʼee yommuu dhowu, maatiin koo fi ani miliqnee bakka boombii jalaa itti dhokatan seenne. Achiis nageenyaa keenyaaf biyya dhalootaa haadha koo Erfartitti baqanne.

Bara 1950 Jarman keessatti warra koo fi obboleettii koo wajjin

Haati koo dhugaa cimsitee barbaaddi turte. Barreeffamoota falaasotaa kan dubbistee fi amantiiwwan gara garaa kan qoratte taʼus, wanta barbaaddu sana hin arganne. Naannoo bara 1948⁠tti, Dhugaa Baatonni lama mana keenya dhufan. Haati koo akka ol seenan erga isaan afeertee booda, gaaffii hedduu isaan gaafatte. Saʼaatii tokko utuu hin guutin, anaa fi obboleettii koo quxisuudhaan, “Dhugaa nan argadhe!” jette. Sana booda utuu hin turin, haati koo, obboleettiin koo fi ani Erfarti keessatti walgaʼii irratti argamuu jalqabne.

Bara 1950 Barliinitti kan deebine siʼa taʼu, Gumii Barliin-Kirootisbaarki irratti hirmaachuu jalqabne. Achiis Barliin keessa bakka biraatti erga gallee booda, Gumii Barliin-Teempeelhoof irratti hirmaachuu jalqabne. Yeroo booda haati koo kan cuuphamte taʼus, ani garuu akkan qophaaʼe natti hin dhagaʼamne. Maaliifi?

IJA LAAFINAA FI MAMII KOO MOʼUU

Baayʼee ija laafessa waanan tureef, guddina xiqqoo qofan godhe. Waggaa lamaaf tajaajila baʼaa kanan ture taʼus, matumaa namootatti dubbadhee hin beeku. Obbolootaa fi obboleettota ija jabeeyyii fi Yihowaadhaaf kan bulan taʼuu isaanii argisiisanii wajjin yeroo dabarsuu yommuun jalqabu wanti hundi ni jijjiirame. Isaan keessaa tokko tokko mana hidhaa Naazii ykn mana hidhaa Jarman Bahaa keessatti hidhamanii turan. Warri kaan immoo Jarman Bahaatti barreeffamoota dhoksaadhaan galchuuf bilisummaa isaanii balaadhaaf saaxilanii turan. Fakkeenyi isaanii baayʼee na dinqisiisa ture. Isaan obboloota isaaniif jecha lubbuu isaanii fi bilisummaa isaanii erga balaadhaaf saaxilanii, ani immoo xinnuma illee ija jabaachuuf carraaquun qaba jedheen yaade.

Bara 1955 duula lallabaa addaa irratti yommuun hirmaadhu ija laafina koo moʼuun jalqabe. Obboleessi keenya Naataan Noor xalayaa Informaantii * irratti maxxanfame irratti duulli sun duula jaarmiyichi sanaan dura qopheesse keessaa isa hunda caalu akka taʼe beeksisee ture. Innis, babalʼistoonni hundi duula kana irratti yoo hirmaatan, “jiini sun jiʼa sanaan dura lafa kana irratti dhugaa baʼame hunda caalaa akka gaariitti dhugaa baanu akka nuuf taʼu” dubbatee ture. Wanti inni dubbate kun dhugaa ture! Sana booda utuu baayʼee hin turin, Yihowaadhaaf kanan of murteesse siʼa taʼu, bara 1956⁠tti abbaa koo fi obboleettii koo wajjin cuuphamne. Haa taʼu malee, utuma baayʼee hin turin, murtoon gochuu qabu kan biraan na mudate.

Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun hojii sirrii hojjetamuu qabu akka taʼe waggoota hedduudhaaf kanan beeku taʼus, yeroo kan biraattan dabarsan ture. Jalqaba daldala jimilaa akkasumas daldala biyya alaatti erguu fi biyyatti galchuu irratti Barliin keessatti shaakala hojii gochuufan murteesse. Sana booda, hojii koo irratti muuxannoo fi ogummaa argachuuf jecha barumsan baradheen yeroo muraasaaf hojjechuu barbaadeen ture. Kanaafuu, bara 1961 magaalaa Haambargi ishii buufata doonii guddoo Jarman taate keessatti hojiin jalqabe. Hojii koo irratti caalaatti xiyyeeffachaa yommuun deemu, galman tajaajila yeroo guutuu jalqabuuf qabu caalaatti gara fuulduraatti dabarsaan deeme. Maal gochuun qaba ture ree?

Yihowaan obboloota jaallatamoo taʼanitti fayyadamee wantoota hafuuraatiif dursa akkan kennu, waan na gargaareef baayʼeen galateeffadha. Michoonni koo baayʼeen isaanii qajeelchitoota taʼanii waan turaniif fakkeenya gaarii naaf taʼaniiru. Dabalataanis obboleessi Eeriik Muundi inni mana hidhaa warra Naazii irraa oole Yihowaatti akkan amanamu na jajjabeesseera. Mana hidhaa keessatti obboloonni ofitti amanaman yeroo booda dadhaboo akka taʼan dubbateera. Haa taʼu malee, warri guutummaatti Yihowaatti amanaman amanamummaa isaanii eeganii itti fufuudhaan gumii keessatti akka utubaa akka taʼan dubbatee ture.

Bara 1963 yommuu qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe

Kana malees, obboleessi keenya Maartiin Potziingeer inni booda Qaama Ol Aanaa keessatti tajaajile, “Ija jabinni qabeenya keessan isa hunda caalu dha!” jechuudhaan obboloota jajjabeessa ture. Jechoota kana irratti ergan xiinxalee booda,Waxabajjii 1963⁠tti hojii koo dhiiseen qajeelchaa taʼe. Kun murtoo ani godhe keessaa isa hunda irra caalu ture! Jiʼoota lama booda, hojii kan biraa barbaaddachuu jalqabuu koo dura, qajeelchaa addaa taʼee akkan tajaajilun afeerame. Waggoota muraasa booda Yihowaan wanta ani eegee ture hunda irra caalu naaf godhe. Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 44⁠ffaa irratti akkan hirmaadhun afeerame.

GIILʼAADITTI BARUMSA GATII GUDDAA QABU BARACHUU

Keessumaa Obboloota keenya Naataan Noorii fi Liimaan Siwiingil irraa barumsa guddaa, “Ramaddii keessan irratti daftanii abdii hin kutatinaa” jedhu baradheera. Haalli isaa ulfaataa yoo taʼe illee, ramaddii keenya irra akka turru nu jajjabeessaniiru. Obboleessi keenya Noor akkas jedheera: “Wanti irratti xiyyeeffachuu qabdan maali dha? Balfa, tukaanii, hiyyummaadhaa? Moo mukeetii, abaabowwanii fi gammachuu fuula namootaa irraa mulʼatu irratti xiyyeeffattu? Namoota jaallachuu baradhaa. Guyyaa tokko Obboleessi keenya Siwiingil obboloonni tokko tokko dafanii kan abdii kutatan maaliif akka taʼe yommuu ibsu dubbachuu hamma dadhabutti miiraan waan dhiphateef imimmaan ija isaa guutee ture. Kanaafuu, hamma tasgabbaaʼutti haasaa isaa addaan kute. Anis garaan koo guddaa waan tuqameef, Kiristoosiinis taʼe, obboloota isaa amanamoo taʼan abdii kutachiisuu dhiisuufan murteesse.—Mat. 25:40.

Ani, Kiloodii fi Hayinariiki bara 1967 Lubuumbaashii, Koongoo keessatti hojii misiyoonummaa keenya irra utuu jirruu

Ramaddii keenya erga barree booda, obboloonni Betʼel tokko tokko eessatti akka ramadamne hawwii guddaadhaan muraasa keenya nu gaafatan. Hamma ani, “Koongoo (Kinshaasaa)” jedhee isaanitti himutti tokkoon tokkoon ramaddii keenyaa ilaalchisee yaada gaarii dubbatan. Achiis erga takka turanii booda, “Oo, Koongoo! Egaa Yihowaan si wajjin haa taʼu ka!” jedhan. Yeroo sanatti Koongoo (Kinshaasaa) keessa waraanni guddaan, yakkii fi ajjeechaan akka jiru balʼinaan ni odeeffama ture. Haa taʼu malee, ani barumsan argadhe sammuutti qabadheen ture. Fulbaana 1967 erga eebbifamnee yeroo muraasa booda, Hayinariiki Daanboozitaal, Kiloodi Liinzee fi ani magaalaa guddoo Koongoo kan taate gara Kinshaasaa deemne.

LEENJII MISIYOONUMMAA GUDDAA

Kinshaasaa erga geenyee booda, jiʼa sadiif afaan Faransaayi baranne. Achiis gara Lubuumbaashii isa duraan Elsaabeetveelii jedhamuu fi fagaatee kibba Koongoo daangaa Zaambiyaatti dhihoo jiruu deemne. Sana booda mana misiyoonotaa isa walakkaa magaalattiitti argamutti galle.

Naannoon tajaajilaa Lubuumbaashii baayʼeen kan itti hin hojjetamne waan taʼeef, namoota achi jiran hedduutti dhugaa himuuf warra jalqabaa taʼuun keenya nu gammachiisee ture. Utuma hin turin hamma qoʼachiisuu dandeenyu caalaa namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼatan hedduu arganne. Kana malees, namoota hojjettoota mootummaa taʼan ykn poolisoota taʼanii hojii siviilii hojjetaniif lallabneerra. Baayʼeen isaanii Dubbii Waaqayyoo fi hojii lallabaa keenyaaf kabaja guddaa akka qaban argisiisaniiru. Namoonni hedduun afaan Suwahilii waan dubbataniif, Kiloodi Liinzee fi ani afaan Suwaahiliis ni baranne. Achiis utuma baayʼee hin turin, gumii Afaan Suwaahiliidhaan geggeeffamutti ramadamne.

Muuxannoo gammachiisaa hedduu kan arganne taʼus, rakkoowwan hedduunis nu mudataniiru. Yeroo baayʼee loltoonni machaʼanii fi qawwee qabatan ykn poolisoonni rakkina uumanii fi himata sobaa nu irratti dhiheessan nu mudataniiru. Yeroo tokko guutummaan tuuta poolisootaa meeshaa hidhatan walgaʼii gumii mana misiyoonii keenyatti godhamutti seenuudhaan gara buufata poolisiitti nu geessan; achiis hamma galgala keessaa saʼaatii afuriitti lafa irra erga nu teessisanii booda nu gadhiisan.

Bara 1969 hojii daawwannaa akkan hojjedhun ramadame. Naannoo Daawwannaa sana irratti, yeroo baayʼee daandii dhoqqee qabuu fi marga dhedheeraa isa Afriikaa keessa baayʼinaan jiru keessa karaa dheeraa nan deeman ture. Ganda tokko keessatti indaanqoon tokko wucii ishii hammattee siree ani irra rafu jala bulti turte. Ganama bariʼuu isaa dura lafti bariʼuu isaa beeksisuuf iyya ishiin dhaggeessistu matumaa hin irraanfadhu. Galgala ibidda bira taaʼee dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu ani jaalladhu ilaalchisee wantan yaadadhu obboloota wajjin dubbachuu nan jaalladhan ture.

Rakkoowwan na mudatan keessaa inni hunda caalu, obboloota warraaqsa Kitaawaalaa deggeranii wajjin kan wal qabate ture. * Isaan keessaa tokko tokko cuuphamanii kan turan taʼuu isaa irra iyyuu jaarsolii gumii taʼanii turan. Namoonni obbolootaa fi obboleettota dhugaa taʼan ‘dhagoota dhokataa’ kana ni saaxilu turan. (Yih. 12) Dhuma irrattis Yihowaan gumicha kan qulqulleesse siʼa taʼu, guddina ajaaʼibsiisaa sana booda dhufeef buʼuura kaaʼeera.

Bara 1971 waajjira damee Kinshaasaatti kanan ramadame siʼa taʼu, hojiiwwan gara garaa kan akka xalayaa erguu fi fuudhuu, barreeffamoota ajajuu fi dhimmoota tajaajilaa wajjin wal qabatan irrattan hojjedhan ture. Betʼel keessatti hojii biyya guddaa buʼuuraalee misoomaa muraasa qabu keessatti hojjetamu akkamitti qindeessuun akka dandaʼamu baradheera. Yeroo tokko tokko ergaan nuti xiyyaaraan erginu gumiiwwan bira kan gaʼu jiʼoota hedduu booda dha. Xalayaan nuti xiyyaaraan erginu erga xiyyaara irraa buʼee booda bidiruutti kan feʼamu siʼa taʼu, bidiruun sunis aramaawwan bishaan irratti gobbatanii biqilaniin qabamee torbee hedduudhaaf tura. Rakkoowwan kanaa fi kan biroon kan jiran taʼus, hojichi ni hojjetama ture.

Obboloonni qarshii muraasa qofaan walgaʼiiwwan koonyaa gugguddaa taʼan akkamitti akka qindeessan arguun baayʼee na dinqisiisa ture. Tuullaa biyyoo ririmaa irraa waltajjii hojjetu, keenyan kabuuf marga dhedheeraatti fayyadamu, teessuma hojjechuuf immoo marga kana walitti maranii akka boraatiittti itti fayyadamu turan. Utuboota hojjechuuf muka leemmanaa, baaxii uwwisuuf ykn minjaala hojjechuuf immoo afata dhallaadduu irraa hojjetamutti fayyadamu turan. Quncee mukaa quncisanii akka mismaaraatti itti fayyadamu. Obbolootaa fi obboleettota biyyichaa dadhabbii hin beekne kana dinqisiifachuudhaan alatti homaa jechuu hin dandaʼu. Baayʼeen isaan jaalladha. Gara ramaddii koo isa haaraa deemuuf jecha yommuu isaan biraa deemetti baayʼeen gadde.

KEENIYAA KEESSATTI TAJAAJILUU

Bara 1974 gara waajjira damee Keeniyaa, isa Naayiroobiitti argamuutti jijjiirame. Waajjirri damee Keeniyaa hojii lallabaa biyyoota naannoo sana jiran kudhan keessatti hojjetamu qindeessa ture. Biyyoota kana keessaa tokko tokkotti hojiin keenya dhorkamee waan tureef hojii hojjennu hedduu qabna turre. Biyyoota kana, keessumaa immoo Itoophiyaa akkan daawwadhu yeroo baayʼee ramadameen ture. Biyya kana keessatti obboloonni keenya yeroo tokko tokko ni ariʼatamu, akkasumas qorumsi cimaan isaan irra gaʼa ture. Baayʼeen isaanii gochi gara jabinaa isaan irratti raawwatameera ykn mana hidhaa galaniiru; tokko tokko immoo ajjeefamaniiru. Taʼus, Yihowaa fi walii isaanii wajjin hariiroo gaarii waan qabaniif amanamummaadhaan jabaatanii dhaabachuu dandaʼaniiru.

Bara 1980 yeroon Geel Maatiisan wajjin gaaʼela godhannu, jireenyi koo caalaatti jijjiirame. Geel Kaanaadaatti kan dhalatte siʼa taʼu, Giilʼaaditti waliin barannee turre. Yeroo sanaa kaasee xalayaa waliif barreessina turre. Geel misiyoonii taatee Booliiviyaa keessatti tajaajilteetti. Waggaa 12 booda deebinee Niwuu Yoorkitti wal argine. Sana booda utuma baayʼee hin turin Keeniyaa keessatti gaaʼela godhanne. Geel dhugumaan ilaalcha hafuuraa kan qabduu fi wanta qabdutti gammaddee jiraachuudhaan fakkeenya waan taateef baayʼeen galateeffadha. Ishiin akka gaariitti na deggeruu fi hiriyaa jaallatamtuu naaf taʼuu ishii itti fufteetti.

Bara 1986 Geelii fi ani hojii daawwannaa irratti akka hirmaannu kan ramadamne siʼa taʼu, ani Koree Waajjira Damee keessattis nan tajaajilan ture. Hojiin daawwannaa nuti hojjennu biyyoota waajjira damee Keeniyaa jala jiran baayʼee isaanii tajaajiluu kan dabalatu ture.

Bara 1992 walgaʼii koonyaa Asmaraatti godhame irratti utuun haasaa kennuu

Bara 1992 Asmaraa (Ertiraa keessatti) yeroo hojiin keenya naannoo sanatti dhorkaa jala hin turre, walgaʼii koonyaa gochuuf yommuu qophoofnu wanta taʼe nan yaadadha. Walgaʼii gochuuf bakki arganne mana kuusaa ala isaa caalaa keessi isaa jibbisiisaa taʼe tokko qofa ture. Guyyaa walgaʼii koonyaa goonutti, obboloonni keessi isaa bakka waaqeffannaa Yihowaatiif mijatu akka taʼuuf akkamitti akka jijjiiran arguun baayʼee na ajaaʼibsiisee ture. Maatiiwwan hedduun uffata miidhagsuuf taʼu kan fidan siʼa taʼu, wanta ijatti hin tolle kam iyyuu uwwisanii turan. Walgaʼii koonyaa gammachiisaa taʼe kan goone siʼa taʼu, walgaʼii kan irratti namoonni 1,279 argamaniiru.

Yeroo hunda kan bullu bakka gara garaa waan taʼeef, hojiin daawwannaa jijjiirama guddaa ture. Yeroo tokko mana keessummaa bareedaa garba qarqara jiru keessa kan bullu siʼa taʼu, yeroo kan biraa immoo kaampii hojjettootaa qorqoorroodhaan hojjetamee fi manni boolii isaa meetira 100 irraa fagaatee argamu keessa bulla. Taʼus, bakki itti tajaajille eessa iyyuu yoo taʼe, wanti caalaatti dinqisiifannu, qajeelchitootaa fi babalʼistoota hinaaffaa qaban wajjin guyyaa tajaajila irratti dabarsinu ture. Ramaddii keenya isa itti aanu yommuu fudhannu, michoota keenya hedduu, warra baayʼee jaallannu dhiisnee deemuun baayʼee nutti ulfaatee ture.

ITOOPHIYAA KEESSATTI EEBBA ARGACHUU

Bara dhuma 1980manii fi jalqaba 1990maniitti biyyoota waajjira damee Keeniyaa jala jiran hedduu keessatti hojiin keenya seeraan beekamtii argatee ture. Kanaan kan kaʼes, waajjiroonni damee fi waajjiroonni biyyootaa mataa isaanii dandaʼan ni hundeeffaman. Bara 1993⁠tti waajjira Itoophiyaa, Addis Ababaa jiru keessatti akka hojjennu kan ramadamne siʼa taʼu, hojiin keenya waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif dhoksaadhaan hojjetamaa erga turee booda, yeroo kanatti seeraan beekamtii argatee ture.

Bara 1996 baadiyyaa Itoophiyaa keessatti hojii dawwannaa irra utuun jiruu

Yihowaan hojii Itoophiyaa keessatti hojjetamu eebbiseera. Obboloonnii fi obboleettonni hedduun qajeelchitoota taʼanii tajaajilu turan. Bara 2012 kaasee babalʼistoota keessaa dhibbeentaa 20 ol kan taʼan waggaa waggaadhaan qajeelchitoota yeroo hundaa taʼanii tajaajilaniiru. Kana malees, manneen barumsaa tiʼookraasii leenjii barbaachisu kan kennan siʼa taʼu, Galmawwan Walgaʼii 120 ol taʼan ijaaramaniiru. Bara 2004 maatiin Betʼel gamoo haaraa Galma Walgaʼii guguddaa of biraa qabutti galuun isaaniis eebba kan biraa ture.

Geelii fi ani waggoota hedduudhaaf obbolootaa fi obboleettota keenya Itoophiyaa keessa jiranii wajjin michummaa cimaa uumneerra. Isaan gaarummaa guddaa kan qabanii fi jaalala qabeeyyii waan taʼaniif baayʼee isaan jaallanna. Yeroo dhihoodhaa asitti dhibee fayyaa wajjin qabsoo gochaa waan jirruuf, gara waajjira damee Giddu Gala Awurooppaatti jijjiiramuun keenya barbaachisaa taʼeera. Iddoo kanatti kunuunsi jaalala irratti hundaaʼe nuuf godhamaa kan jiru taʼus, michoota keenya jaallatamoo Itoophiyaa keessa jiran irraa addaan baʼuun baayʼee nu gaddisiisa.

YIHOWAAN AKKA GUDDATU GODHEERA

Yihowaan hojiin isaa akka guddatu kan godhe akkamitti akka taʼe argineerra. (1 Qor. 3:6, 9) Fakkeenyaaf, yeroon Koongoo keessaatti jalqaba namoota Ruwaandaa albuuda baasaniif lallabetti Ruwaandaa keessa babalʼisaan gabaasa godhu tokko illee hin jiru ture. Yeroo ammaa biyyicha keessa obbolootaa fi obboleettota 30,000 ol taʼantu jira. Bara 1967 Koongoo (Kinshaasaa) keessa babalʼistoota gara 6,000 qofatu jira ture. Yeroo ammaa babalʼistoonni gara 230,000 taʼan kan jiran siʼa taʼu, namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan immoo Ayyaana Yaadannoo bara 2018 kabajame irratti argamaniiru. Biyyoota waajjira damee Keeniyaa jala turan keessatti walumatti qabaatti lakkoofsi babalʼistootaa 100,000 olitti guddateera.

Gara waggaa 50 dura Yihowaan tajaajila yeroo guutuu akkan jalqabu na gargaaruuf obboloota gara garaatti fayyadamee ture. Amma iyyuu ija laafinaa wajjin qabsoo gochaa kanan jiru taʼus, guutummaatti Yihowaatti amanamuu baradheera. Wanti Afriikaa keessatti na mudate obsa akkan qabaadhuu fi wantan qabutti gammadee akkan jiraadhu na barsiiseera. Anii fi Geel obbolootaa fi obboleettota jaallatamoo keessumaa simachuu jaallatan, rakkoowwan guguddaa dandamatan akkasumas Yihowaatti amanaman ni dinqisiifanna. Gaarummaa guddaa inni natti argisiiseef Yihowaa guddaan galateeffadha. Dhuguma iyyuu Yihowaan hamma ani yaadee ture caalaa na eebbiseera.—Far. 37:4.

^ key. 11 Yeroo booda Tajaajila Mootummaa kan jedhame siʼa taʼu, yeroo ammaa Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qorannaa Walgaʼiitiin bakka buufameera.

^ key. 23 Jechi “Kitaawaalaa” jedhu jecha afaan Suwaahilii hiika, “toʼachuu, qajeelchuu ykn bulchuu” jedhu qabu irraa kan dhufe dha. Kaayyoon warraaqsa kanaa siyaasa siʼa taʼu, kolonii Beeljiyam jalaa bilisa baʼuu ture. Gareewwan Kitaawaalaa barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaa fudhachuu, qoʼachuu fi raabsuudhaan barumsi Kitaaba Qulqulluu ilaalcha siyaasaa isaanii, aadaawwan boodatti hafaa fi jireenya naamusaan ala taʼe akka deggeru godhanii jalʼisu turan.