Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesuus kan Duʼe Dhuguma Anaaf Turee?

Yesuus kan Duʼe Dhuguma Anaaf Turee?

KITAABNI QULQULLUUN jechoota garaa namaa tuqanii fi namootuma “miira akka keenyaa” qabaniin dubbatamaniin kan guutame dha. (Yaq. 5:17) Fakkeenyaaf, yaada Phaawulos haqaan dubbatee fi Roomaa 7:21-24 irratti argamu salphaatti hubachuu ni dandeenya. Akkas jedheera: “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka ana keessa jiru nan hubadha. . . . Ani nama gadadamaa dha!” Yaadawwan haqaan ibsaman akkasii cubbuu dhaallee wajjin yommuu qabsoo goonu nu jajjabeessu.

Phaawulos miira wantoota kan birootiif qabus haqaan ibseera. Galaatiyaa 2:20 irratti Yesuus dhuunfaatti akka, ‘isa jaallatee fi isaaf jedhee dabarsee akka of kenne’ amanannaa qabu dubbateera. Atis ‘miiruma akkasii’ akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Tarii yeroo hunda akkas sitti hin dhagaʼamu taʼa.

Cubbuu kanaan dura hojjenneen kan kaʼe, ofii keenyaaf miirri gadheen kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe, aarsaan furii dhuunfaatti akka nuuf kennametti yaaduun haa hafuutii, Yihowaan akka nu jaallatuu fi dhiifama akka nuuf godhe amanuun iyyuu nutti ulfaachuu dandaʼa. Yesuus dhugumaan furii akkasitti akka ilaallu barbaadaa? Taanaan, kana gochuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Mee gaaffiiwwan lamaan kana haa qorru.

YESUUS AARSAA OFII ISAATIIF ILAALCHA AKKAMII QABA?

Eeyyee, Yesuus aarsaan isaa dhuunfaatti akka nuuf kennametti akka ilaallu barbaada. Kana akkamitti mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Mee seenaa Luqaas 23:39-43 irratti galmeeffame yaadaan ilaalaa. Namni tokko Yesuus maddiitti muka dhiphinaa irratti fannifameera. Namni kun kanaan dura balleessaa waan raawwateef yakkamaa taʼuu isaa amaneera. Adabni cimaan akkasii kan kennamu namoota akkasii qofaaf waan taʼeef, yakki inni hojjete cimaa taʼuu qaba. Namni kun baayʼee dhiphatee waan tureef, Yesuusiin, “Yommuu gara Mootummaa keetti dhuftu na yaadadhu” jedhee kadhate.

Deebiin Yesuus maal ture ree? Yesuus nama kana ilaaluuf mataa isaa yommuu gara isaatti jalʼise hangam akka dhiphate yaadi. Dhiphachaa kan ture taʼus, akkuma taʼetti of jabeessee seequudhaan, “Ani dhuguman sitti hima harʼa, anaa wajjin Jannata keessa taata” jedhee nama kanaaf abdii kenne. Yesuus salphaadhumatti, “Ilmi namaa . . . lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf dhufe” jechuudhaan isa yaadachiisuu dandaʼa ture. (Mat. 20:28) Haa taʼu malee, Yesuus gaarummaadhaan aarsaan isaa dhuunfaatti akka kaffalame cimsee ibsuu isaa hubatteettaa? Bamaqaa “sii” fi “ana” jedhutti yommuu fayyadamu, sagalee akka isaaf yaadu argisiisuun akka dubbate beekamaa dha. Akkasumas namichi lafa jannata taatu irra akka jiraatu yommuu isatti himu furiin dhuunfaatti akka kaffalame argisiiseera.

Yesuus aarsaan inni yeroo muraasa booda kaffalu, kennaa dhuunfaa taʼuu isaa namichi akka amanu barbaadee akka ture hin shakkisiisu. Yesuus yakkamaa Waaqayyoon tajaajiluuf carraa hin arganne kanaaf akkasitti erga yaadee, Kiristiyaana cuuphamee Waaqayyoon tajaajilaa jiruuf akka yaadu beekama dha. Kanaafuu, kanaan dura cubbuu kan raawwanne taʼus, ofii keenyaaf ilaalcha gaarii akkasii horachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

PHAAWULOSIIN MAALTU GARGAARE?

Tajaajilli Phaawulos ilaalcha inni aarsaa furii Yesuusiif qabu irratti dhibbaa godheera. Akkamitti? Phaawulos, ‘Inni, ani amanamaa akkan taʼetti na lakkaaʼee tajaajilaaf waan na muudeef, Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus isa humna naa kenne nan galateeffadha; ani kanaan dura Waaqayyoon kanan arrabsu, saba isaa kanan ariʼadhuu fi kanan of tuulun ture’ jedhee ibseera. (1 Xim. 1:12-14) Phaawulos tajaajilli isaa, Yesuus araaraa fi jaalala akka isatti argisiisee fi dhuunfaatti amanannaa akka isa irratti qabu isaaf mirkaneesseera. Haaluma kana fakkaatuun Yesuus dhuunfaatti tajaajila nuuf kenneera. (Mat. 28:19, 20) Tajaajilli keenya Yesuus akka nuuf duʼe hubachuuf nu gargaaruu dandaʼaa?

Albart inni waggaa 34f gumiidhaa baafamee erga turee booda dhiheenya gara Yihowaatti deebiʼe akkas jedheera: “Cubbuun koo yeroo hundumaa fuula koo dura jira. Haa taʼu malee, tajaajila irratti yommuun hirmaadhu, akkuma Phaawulos, Yesuus tajaajila dhuunfaatti akka naaf kenne natti dhagaʼama. Tajaajilli na ijaara, waaʼee ofii koo, jireenyaa koo fi abdii koo gara fuulduraa ilaalcha gaarii akkan qabaadhu na gargaara.”—Far. 51:3.

Namoota akaakuu hundumaa yommuu qoʼachiistu, araaraa fi jaalala Yesuus isaaniif qabu isaaniif mirkaneessi

Alan inni dhugaa dhagaʼuu isaa dura yakkaa fi hammina raawwachaa ture akkas jedheera: “Miidhaan namoota irratti raawwadhe amma iyyuu nan yaadadha. Kun yeroo tokko tokko na dhiphisa. Taʼus, namni akka koo cubbamaa taʼe warra kaanitti misiraachoo akka himu naaf heyyamuu isaatti Yihowaa nan galateeffadha. Deebii namoonni misiraachichaaf kennan yommuun argu, Yihowaa hangam gaarii fi jaalala qabeessa akka taʼe na yaadachiisa. Yihowaan namoota akkuma koo wanta hamaa hojjetan gargaaruudhaaf akka natti fayyadamu natti dhagaʼama.”

Tajaajilli dhuunfaatti raawwannu, humna keenya gochaa fi yaada sirrii taʼe irra akka oolchinu nu gargaara. Kana malees, araaraa fi jaalala Yesuus nutti argisiise, akkasumas amanannaa inni nu irratti qabu nuuf mirkaneessa.

YIHOWAAN GARAA KEENYA IRRA NI CAALA

Sirni Seexanaa hamma balleeffamutti garaan keenya sababbii dogoggora kanaan dura raawwanneef nu ceephaʼuu isaa itti fufa. Miira akkasii mormuudhaaf maaltu nu gargaara?

Jeen ishiin dargaggummaa ishiitti, jireenya bifa lama jiraachaa turteen kan kaʼes, miira balleessaa ishiitti dhagaʼamuu wajjin qabsooftu, “‘Waaqayyo garaa keenya irra ni caala’ yaada jedhu nan jaalladha” jetteetti. (1 Yoh. 3:19, 20) Nutis, Yihowaa fi Yesuus hangam cubbamoota akka taane nu caalaa akka hubatan beekuudhaan jajjabina argachuu ni dandeenya. Jaalalaan kakaʼanii furii kan dhiheessan namoota cubbuu hin qabneef utuu hin taʼin, cubbamoota yaada geddarataniif akka taʼe yaadadhaa.—1 Xim. 1:15.

Akkaataa Yesuus namoota cubbamoota taʼan itti qabe irratti kadhannaadhaan yommuu xiinxalluu fi tajaajila keenya raawwachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yommuu goonu, dhugaa gatii guddaa qabu kana garaa keenyaaf mirkaneessina. Kana gochuudhaan, atis akkuma Phaawulos, Yesuus, ‘ana jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne’ jechuu dandeessa.