Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

Yaadni Hisqiʼel boqonnaa 37 irra jiruu fi waaʼee ulee lamaan walitti qabsiisuu dubbatu hiika maalii qaba?

Yihowaan ergaa abdii guddaa qabu, jechuunis sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti erga deebiʼanii booda tokko akka taʼan Hisqiʼelitti himee ture. Haaluma wal fakkaatuun ergaan kun, jalqaba guyyoota dhumaa irraa eegalee sabni Waaqayyoo tokko akka taʼan ni dubbata.

Yihowaan, raajiin isaa Hisqiʼel uleewwan lamaan irratti akka barreessu itti himee ture. Ulee isa tokko irratti, “Yihudaadhaa fi ijoollee Israaʼel warra isaa wajjin walii galan,” ulee isaa biraa irratti immoo, “Ulee Efreem isa kan Yoseefii fi kan ijoollee Israaʼel warra isaa wajjin walii galan hundumaa” jedhee barreessuu qaba ture. Uleewwan lamaan kun, harka Hisqiʼel keessatti ‘ulee tokko’ taʼuuf jedhu.—His. 37:15-17.

Jechi “Efreem” jedhu maal argisiisa? Mootii jalqabaa mootummaa kaabaa isa gosoota kudhan qabatee kan ture Yerobiʼaam, gosa Efreem isa gosa iddoo guddaa qabu ture irraa dhufe. (Kes. 33:13, 17; 1 Mot. 11:26) Gosti kun kan argame ilma Yooseef kan taʼe Efreem irraa ture. (Lak. 1:32, 33) Yooseef abbaa isaa Yaaqoob irraa eebba adda taʼe argatee ture. Kanaafuu, uleen inni mootummaa kaabaa isa gosoota kudhan qabate bakka buʼu “Ulee Efreem” jedhamuun isaa sirrii ture. Yeroo Hisqiʼel waaʼee raajii ulee lamaanii dubbatu barreessetti, mootummaan kaabaa Israaʼel Dh.K.D. bara 740⁠tti boojuu Asorotaa jalatti erga kufee yeroo dheeraan darbee ture. (2 Mot. 17:6) Kanaafuu, yeroo sanatti Israaʼelonni baayʼeen bulchiinsa Baabilon isa bulchiinsa Asorotaa humnaan garagalche keessatti bittinaaʼanii turan.

Dh.K.D. bara 607⁠tti mootummaan kibbaa gosa Israaʼel lamaan qabatee fi mootummaa kaabaa keessaa warri hafan boojuudhaan gara Baabilon geeffamanii turan. Mootonni karaa hidda dhalootaa Yihudaatiin dhufan gosoota lamaan kana bulchu turan; akkasumas luboonni mana qulqullummaa Israaʼel keessa jiru keessatti waan tajaajilaniif sirni lubummaas gosoota lamaan kanaa wajjin wal qabata ture. (2 Sen. 11:13, 14; 34:30) Kanaaf, mootummaan gosa lamaanii kun ulee isa ‘Yihudaadhaaf’ kennamee ture bakka buʼuun isaa sirrii ture.

Uleewwan lamaan raajii kana irratti argaman kan walitti qabsiifaman yoom ture? Dh.K.D. bara 537⁠tti yeroo Israaʼelonni mana qulqullummaa deebisanii ijaaruudhaaf gara Yerusaalemitti deebiʼanitti ture. Namoonni mootummaa gosa kurnanii fi mootummaa gosa lamaanii bakka buʼan, waliin taʼanii boojuu irraa deebiʼaniiru. Sana booda saba Israaʼel gidduutti wal qoqqooduun ni hafe. (His. 37:21, 22) Israaʼelonni deebiʼanii tokkummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu jalqaban. Isaayaas raajichii fi Ermiyaas raajichis waaʼee tokkummaa kanaa raajii dubbatanii turan.—Isa. 11:12, 13; Er. 31:1, 6, 31.

Raajii kana keessatti waaqeffannaa dhugaa ilaalchisee barumsa barbaachisaa akkamii arganna? Yihowaan waaqeffattoonni isaa “tokko akka ta’an” godha. (His. 37:18, 19) Waadaan tokkummaa kun bara keenyatti raawwatameeraa? Eeyyee. Jalqaba irratti raajiin kun bara 1919⁠tti yeroo sabni waaqayyoo suutuma suutaan deebiʼanii gurmaaʼanii fi deebiʼanii tokko taʼanitti raawwatamuu jalqabe. Yaaliin Seexanni akka isaan hamma dhumaatti tokko hin taane gochuuf godhe ni fashalaaʼe.

Yeroo sanatti, warra deebiʼanii gurmaaʼan keessaa baayʼeen isaanii Yesuusii wajjin samii keessatti moototaa fi luboota taʼuuf abdii qabu turan. (Mul. 20:6) Akka fakkeenyaatti, ulee Yihudaadhaaf kennamee wajjin wal fakkaatu turan. Haa taʼuu malee, yeroo booda namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban hedduun Yihudoota hafuuraa kanatti makamuu jalqabaniiru. (Zak. 8:23) Isaan kun, ulee Yoseefiif kennamee wajjin kan wal fakkaatan yeroo taʼu, abdii Kiristoos faana bulchuu hin qaban turan.

Yeroo harʼaatti gareewwan kun lamaan, Yesuus Kiristoos Mooticha isa raajiidhaan ‘garbicha koo Daawit’ jedhamee waamame jalatti tokkummaadhaan Yihowaa tajaajilaa jiru. (His. 37:24, 25) Yesuus duuka buutonni isaa hundi ‘akkuma abbaan isaa isaa wajjin tokkummaa qabuu fi innis abbaa isaa wajjin tokkummaa qabu, isaanis tokko akka taʼaniif’ kadhateera. * (Yoh. 17:20, 21) Akkasumas, Yesuus dibamtoonni tuuta hoolotaa muraasa taʼan, “hoolota kan biraa” wajjin “tuuta tokko” akka taʼan raajii dubbateera. Hundumti isaanii immoo ‘tiksee tokko’ jala taʼu. (Yoh. 10:16) Jechi Yesuus dubbate kun, sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran abdiin isaanii inni gara fulduraa maal iyyuu yoo taʼe, karaa hafuuraa tokko akka taʼan akka gaariitti ibsa!

^ KEY. 6 Yesuus dhufaatii isaa ilaalchisee yeroo dubbatetti ibsi inni duraa duubaan itti fayyadame baayʼee nama dinqisiisa. Jalqaba irratti waaʼee ‘Garbicha amanamaa fi ogeessa’ garee xinnaa obboloota dibamoo geggeessitoota taʼan of keessatti qabatee dubbate. (Mat. 24:45-47) Achiis, fakkeenyota adda durummaadhaan warra samii irra jiraachuuf abdii qaban hunda ilaallatan dubbate. (Mat. 25:1-30) Dhuma irratti immoo, waaʼee namoota lafa irra jiraachuuf abdii qabanii fi obboloota Kiristoos deggeranii dubbate. (Mat. 25:31-46) Bara keenyatti raawwiin raajii Hisqiʼel, jalqaba irratti wanta namoota samii irra jiraachuuf abdii qaban irratti raawwatamu argisiisa. Mootummaan kaabaa inni gosoota kudhan qabate yeroo hunda namoota lafa irra jiraachuuf abdii qaban kan argisiisu miti. Tokkummaan raajii kana keessatti ibsame kun, tokkummaa namoota lafa irra jiraachuuf abdii qabanii fi samii irra jiraachuuf abdii qaban gidduu jiru nu yaadachiisa.