Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan ‘Akeeka Kee Hundumaa Siif haa Raawwatu!’

Yihowaan ‘Akeeka Kee Hundumaa Siif haa Raawwatu!’

“Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.”—FAR. 37:4.

FAARFANNAA: 135, 81

1. Dargaggeessi tokko wanta gara fuulduraatti raawwatu ilaalchisee murtoo akkamii gochuu qaba? Taʼus gar malee dhiphachuu kan hin qabne maaliifi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

DARGAGGOOTAA, adeemsa tokko jalqabuu keessan dura bakka deemtan murteessuu akka qabdan beekamaa dha. Jireenyi adeemsaa wajjin wal fakkaachuu dandaʼa; eessa deemuu akka barbaaddan kan murteessitan immoo dargaggummaa keessanitti dha. Karoora baafachuun salphaa akka hin taane beekamaa dha. Shamarreen Heezar jedhamtu tokko, “Ulfaataa taʼus, wanta gara fuulduraatti hojjettu murteessuu qabda” jetteetti. Taʼus hin sodaatinaa. Yihowaan saba isaatiin akkana jedhee ture: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras.”—Isa. 41:10.

2. Yihowaan jireenya kee gara fuulduraatiif karoora gaarii akka baafattu akka barbaadu akkamitti beekta?

2 Yihowaan jireenya keessan gara fuulduraa ilaalchisee karoora gaarii akka baafattan isin jajjabeessa. (Lal. 12:1; Mat. 6:20) Gammadoo akka taatan barbaada. Wantoota ilaallu, dhageenyuu fi dhamdhamannu gammachiisaa godhee uumuun isaa kanaaf ragaa taʼa. Kana malees, hangam akka nuuf yaaduu fi jireenya hunda irra wayyu jiraachuuf maal gochuu akka qabnu akka nu barsiisus yaadaa. Namoota gorsa isaa fudhachuu didan ilaalchisee Yihowaan akkana jedha: ‘Wanta ana hin gammachiifne gootan. Kunoo garboonni koo in gammadu, isin garuu in yeellaasifamtu! Kunoo, garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu.’ (Isa. 65:12-14) Sabni isaa jireenya isaanii keessatti filannoo gaarii yoo godhan Yihowaan kabaja argata.—Fak. 27:11.

KAROORA GAMMACHUU SIIF ARGAMSIISU

3. Yihowaan maal akka qabaattu barbaada?

3 Yihowaan karoora akkamii akka baafattu si jajjabeessa? Namoonni isa beekuu fi amanamummaadhaan isa tajaajiluudhaan gammachuu akka argatan barbaada. (Far. 128:1; Mat. 5:3) Kun bineensota nyaachuu, dhuguu fi dhala godhachuu qofatti gammadanii jiraatan irraa baayʼee adda dha. Waaqayyo wantoota kana irra caalaniif karoora baafachuudhaan gammachuu akka argattu barbaada. Uumaan kee, ‘Waaqa jaalalaa’ fi “Waaqa gammadaa” siʼa taʼu namootas ‘akka bifa isaatti uume.’ (2 Qor. 13:11; 1 Xim. 1:11; Uma. 1:27) Fakkeenya Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee yommuu hordoftu gammachuu argatta. Caqasni, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhu dhugaa taʼuu isaa muuxannoo kee irraa hin hubannee? (HoE. 20:35) Kun dhugaa jireenya namootaa keessatti mulʼatu dha. Kanaaf, Yihowaan karoorri ati baafatte jaalala namoota kaanii fi Waaqayyoof qabdu irratti kan xiyyeeffatu akka taʼu barbaada.—Maatewos 22:36-39 dubbisi.

4, 5. Wanti Yesuusiin gammachiise maal ture?

4 Yesuus Kiristoos isin dargaggootaaf fakkeenya gaarii taʼa. Yeroo mucaa turetti, taphachaa fi gammadaa akka ture hin shakkisiisu. Dubbiin Waaqayyoo, “Kolfuunis yeroo qaba . . . sirbuunis yeroo qaba” jedha. (Lal. 3:4) Akkasumas Yesuus Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan Yihowaatti dhihaateera. Yommuu umuriin isaa waggaa 12 turetti, barsiisonni mana qulqullummaa keessa turan, dhimmoota hafuuraa ilaalchisee “hubannaa fi deebii isaa” yommuu argan baayʼee isaan dinqisiisee ture.—Luq. 2:42, 46, 47.

5 Yesuus yeroo nama guddaa taʼettis wanta Waaqayyo barbaadu raawwachuun isa gammachiisa ture. Fakkeenyaaf Waaqayyo, ‘hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo akka inni lallabuu fi warra jaamaniif qaroo isaanii akka deebisu’ barbaada ture. (Luq. 4:18) Faarfannaan 40:8 miira Yesuus yommuu ibsu, “Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola” jedha. Yesuus waaʼee Abbaa isaa isa samii namoota barsiisuun isa gammachiisa ture. (Luqaas 10:21 dubbisi.) Yesuus yeroo tokko waaʼee waaqeffannaa dhugaa dubartii tokko erga barsiisee booda, barattoota isaatiin, “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa hojjechuu, hojii inni anaaf kennes guutummaatti raawwachuu dha” jedhee ture. (Yoh. 4:31-34) Yesuus jaalala Waaqayyoo fi warra kaaniif qabu argisiisuun isa gammachiisa ture. Atis yoo akkas goote gammachuu argatta.

6. Waaʼee karoora kee Kiristiyaanota muuxannoo qabanii wajjin irratti mariʼachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

6 Kiristiyaanonni hedduun dargaggummaa isaaniitti qajeelchitoota taʼanii tajaajiluun gammachuu isaaniif argamsiiseera. Waaʼee karoora kee maaliif isaanii wajjin irratti hin mariʼattu? “Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu; warri gorsa kennan yoo baayʼatan garuu, fiixaan in baʼa.” (Fak. 15:22) Obboloonni kun, tajaajilli yeroo guutuu barumsa jireenya kee guutuu si fayyadu akka siif kennu sitti himuu dandaʼu. Yesuus Abbaa isaa isa samii irraa barachaa kan ture taʼus, yeroo lafa irra tajaajilaa turettis barachuu isaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, misiraachoo lallabuudhaan garaa namootaa tuquu fi qorumsa keessatti amanamummaa eeggachuun gammachuu akka argamsiisu barateera. (Isaayaas 50:4 dubbisi; Ibr. 5:8; 12:2) Mee gosoota tajaajila yeroo guutuu gammachuu guddaa siif argamsiisuu dandaʼan tokko tokko irratti haa mariʼannu.

HOJII BARATTOOTA GOCHUU IRRATTI HIRMAACHUUN MILKAAʼINA KAN ARGAMSIISU MAALIIFI?

7. Hojiin barattoota gochuu dargaggoota hedduu kan gammachiisu maaliifi?

7 Yesuus, “Dhaqaatii . . . namoota barattoota godhaa . . . isaan barsiisaa” jedhee ture. (Mat. 28:19, 20) Hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuuf karoora yoo baafatte, hojii jireenya kee keessatti gammachuu guddaa siif argamsiisuu fi Waaqayyoof ulfina kennu filatteetta jechuu dha. Hojii kam irratti iyyuu ogummaa qabaachuuf yeroon si barbaachisa. Obboleessi Tiimootii jedhamuu fi umurii waggoota kurnanii keessa yeroo turetti qajeelchaa taʼee tajaajiluu jalqabe dhiheenya kana akkana jedheera: “Yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluu kanan barbaadu, akkan isa jaalladhu karaan itti argisiisu waan taʼeefi dha. Jalqaba irratti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuu hin dandeenyen ture; bakka kan biraatti ergan jijjiiramee booda garuu jiʼa tokko giddutti qoʼannaa hedduu jalqabsiisuu dandaʼeera. Barataan koo tokko Galma Mootummaa dhufuu jalqabe. Mana Barumsaa Obboloota Qeenteedhaaf * qophaaʼe galee jiʼa lamaaf ergan leenjiʼee booda, bakka kan biraatti kanan ramadame siʼa taʼu, namoota afur qoʼannaa jalqabsiisuu dandaʼeera. Hafuurri qulqulluun jireenya namootaa yommuu jijjiiru arguu waanan dandaʼuuf, namoota barsiisuun natti tola.”—1 Tas. 2:19.

8. Dargaggoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko hojii barattoota gochuu irratti guutummaatti kan hirmaatan akkamitti?

8 Dargaggoonni hedduun immoo qooqa kan biraa barataniiru. Fakkeenyaaf, Jeekab inni Kaaba Ameerikaa jiraatu akkana jedhee barreesseera: “Yommuu umuriin koo waggaa torba turetti, ijoolleen wajjin barannu hedduun lammii Veetnaam turan. Waaʼee Yihowaa isaanitti himuu waanan barbaadeef, yeroo muraasa booda qooqa isaanii barachuufan karoora baafadhe. Qooqa kana gara caalaa isaa kanan baradhe, maxxansa Masaraa Eegumsaa afaan Ingiliffaa fi Afaan Veetnaamiin qophaaʼan wal bira qabuudhaan ture. Kana malees, gumii qooqa Veetnaamiin geggeeffamuu fi natti dhihoo jiru keessaa michoota horadheera. Yommuu umuriin koo 18 guutu qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Yeroo booda immoo, Mana Barumsaa Obboloota Qeenteedhaaf qophaaʼen seene. Kunis yeroo ammaatti garee afaan Veetnaamiin geggeeffamu keessatti qajeelchaa, akkasumas kophaa koo jaarsa taʼee akkan tajaajilu na gargaareera. Namoonni Veetnaam hedduun qooqa isaanii barachuu kootti baayʼee dinqisiifamu. Akkan ol seenu kan na afeeran taʼuu isaa irra iyyuu, yeroo baayʼee Kitaaba Qulqulluu isaan qoʼachiisuu dandaʼeera. Hedduun isaanii guddina argisiisanii cuuphamaniiru.”—Hojii Ergamootaa 2:7, 8 waliin ilaali.

9. Hojiin barattoota gochuu barumsa gaarii kan namaaf argamsiisu akkamitti?

9 Hojiin barattoota gochuu, hojii gaarii akka amaleeffattu, akkasumas dandeettii walii galuu, ofitti amanamummaa fi mala akka qabaattu si barsiisa. (Fak. 21:5; 2 Xim. 2:24, milj.) Haa taʼu malee, caqasoota Kitaaba Qulqulluu amantiin kee irratti hundaaʼe caalaatti akka beektu waan si gargaaruuf, hojiin barattoota gochuu caalaatti si gammachiisa. Itti dabalees Yihowaa wajjin walitti dhiheenyaan akkamitti akka hojjettu baratta.—1 Qor. 3:9.

10. Naannoo tajaajilaa rakkisaa taʼe keessatti illee, gammachuudhaan hojii barattoota gochuu irratti hirmaachuu kan dandeessu akkamitti?

10 Naannoo tajaajilaa kee keessa namoonni misiraachicha dhagaʼan muraasa yoo taʼan illee, hojii barattoota gochuu irraa gammachuu argachuu ni dandeessa. Hojiin barattoota gochuu gareedhaan kan hojjetamu dha. Guutummaan gumichaa namoota garaa qajeelaa qaban argachuuf carraaqa. Nama yeroo booda barataa taʼu kan argatan obboleessa ykn obboleettii tokko taʼu illee, barbaacha irratti kan hirmaatan hunda waan taʼaniif gammachuu isaa kan hirmaatan hunda dha. Fakkeenyaaf, qajeelchaan Biraandan jedhamu naannoo tajaajilaa misiraachicha hin fudhanne keessa waggaa sagal tajaajileera. Akkana jedheera: “Misiraachicha lallabuu kanan jaalladhu Yihowaan hojii kana akka raawwannu waan nu gaafateefi. Akkuman barumsa xumureen qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Obboloota dargaggoo gumii keenya keessa jiran jajjabeessuunii fi yommuu isaan guddina hafuuraa godhan arguun baayʼee na gammachiisa. Mana Barumsaa Obboloota Qeenteef qophaaʼe ergan xumuree booda, bakka biraattan qajeelchaa taʼee ramadame. Ani naannoo tajaajilaa kana keessaa nama cuuphame argachuu baadhus warri kan biraan garuu argataniiru. Hojii barattoota gochuu irratti hirmaannaa guutuu gochuuf karoora baafachuu kootti gammachuutu natti dhagaʼama.”—Lal. 11:6.

KAROORRI KEE GARAMITTI SI GEESSA?

11. Bifa tajaajila qulqulluu dargaggoonni hedduun itti gammadan kami dha?

11 Yihowaa tajaajiluuf carraa hedduutu jira. Fakkeenyaaf, dargaggoonni hedduun hojii ijaarsaa irratti fedhiidhaan hirmaatu. Galmawwan Walgaʼii haaraa dhibbaan lakkaaʼamantu barbaachisa. Galmawwan kana ijaaruun tajaajila qulqulluu Waaqayyoof ulfina fiduu fi siifis gammachuu argamsiisu keessaa tokko dha. Akkuma gosa tajaajila qulqulluu kaanii, obboloota kaanii wajjin walii galteedhaan hojjechuun nama gammachiisa. Hojiiwwan ijaarsaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti raawwatamanis, nageenyaaf dursa akka kenninu, jabaannee akka hojjennuu fi obboloota ol aantummaadhaan hojicha geggeessanii wajjin walii galteedhaan akka hojjennu waan nu gargaaraniif madda barumsaa ti.

Warra tajaajila yeroo guutuu keessa seenan eebba hedduutu isaan eeggata (Keeyyata 11-13 ilaali)

12. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun carraawwan kan biraa akkamii argamsiisuu dandaʼa?

12 Obboleessi Keevan jedhamu akkana jedheera: “Ijoollummaa kootii kaasee, yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun barbaada ture. Dhuma irratti, yommuu umuriin koo 19 guutu qajeelchaan taʼe. Wanta jireenyaaf na barbaachisu argachuuf, hojii yeroo koo guutuu Yihowaa tajaajiluuf na dandeessisu obboleessa hojii ijaarsaa hojjetu tokko biraa hojjechuun jalqabe. Baaxii, foddaa fi balbala dhaabuun baradhe. Yeroo booda, garee namoota balaa obomboleettiidhaan miidhaman gargaaruu wajjin waggaa lamaaf Galma Mootummaa fi manneen obbolootaa ijaaruu irrattan hirmaadhe. Afriikaa Kibbaatti wanti ijaaramu akka jiru yommuun dhagaʼu achi dhaquufan gaafadhe; achiis nan afeerame. Afriikaa keessatti bakka Galmi Mootummaa tokko itti hojjetamuu bakka kan biraatti torban muraasa gidduutti xumurree deemna turre. Gareen ijaarsaa ani keessa ture akkuma maatii kootii naaf taʼeera. Waliin jiraanna, waliin Kitaaba Qulqulluu qoʼanna, wajjinis hojjenna. Obboloota naannoo sana jiranii wajjinis hojii lallabaa irratti hirmaachuun koos na gammachiisa ture. Karoorri ani ijoollummaa kootti baafadhee ture isan eege caalaa gammachuu naaf argamsiiseera.”

13. Betʼel keessa tajaajiluun dargaggoota kan gammachiisu akkamitti?

13 Obboloonni yeroo isaanii guutuu Yihowaa tajaajiluuf karoorfatanii turan yeroo ammaatti Betʼel keessa tajaajilaa jiru. Betʼelitti hojiin ati hojjettu kam iyyuu Yihowaadhaaf waan taʼeef, tajaajilli kun gammachuu siif argamsiisa. Maatiin Betʼel nyaata hafuuraa dhiheessuu irratti gargaarsa godhu. Dastiin inni miseensa maatii Betʼel taʼe akkana jedheera: “Tajaajila yeroo guutuu jalqabuuf galma kanin baafadhe umurii koo waggaa sagalitti ture; achiis barumsa yeroon xumuru qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe. Waggaa tokkoo fi walakkaa boodaa, Betʼelitti kanan afeerame siʼa taʼu, akkaataa itti meeshaa maxxansaatti fayyadaman baradheera; achiis hojii kompiitaraa wajjin wal qabaten baradhe. Betʼelitti, addunyaa maratti hojiin barattoota gochuu hammam guddachaa akka jiru ilaalchisee odeeffannoo haaraa dhagaʼuun na gammachiisa. Hojiin nuti hojjennu namoonni gara Yihowaatti akka dhihaatan waan gargaaruuf, Betʼel keessa tajaajiluu nan jaalladha.”

GARA FUULDURAATIIF KAROORA AKKAMII BAAFACHUU DANDEESSA?

14. Tajaajila yeroo guutuu jalqabuuf, karoora baafachuu kan dandeessu akkamitti?

14 Tajaajilaa yeroo guutuu taʼuuf karoora baafachuu kan dandeessu akkamitti? Hundumaa caalaa, amalawwan gaarii horachuun kee guutummaatti Yihowaa tajaajiluu irratti milkaaʼina akka argattu si gargaara. Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoʼadhu, hiika isaa irrattis akka gaariitti xiinxali, akkasumas walgaʼiiwwan gumii irratti hirmaannaa gochuuf yaali. Yeroo barumsa irra jirtutti warra kaanitti misiraachicha himuuf dandeettii qabdu fooyyeffachuu dandeessa. Yaada isaanii malaan gaafachuudhaan, akkasumas deebii isaanii sirriitti dhaggeeffachuudhaan namootaaf xiyyeeffannaa kennuu baradhu. Kana malees, Galma Walgaʼii keenya qulqulleessuu fi suphuu dabalatee, hojiiwwan gumii keessatti hojjetaman hojjechuuf of dhiheessuu dandeessa. Yihowaan namoota gad of qabanii fi fedhii qabanitti fayyadama. (Faarfannaa 110:3 dubbisi; HoE. 6:1-3) Phaawulos ergamaan hojii misiyoonummaa irratti akka isa gargaaruuf Ximotewosiin kan afeere, ‘obboloota biratti maqaa gaarii waan qabuuf ture.’—HoE. 16:1-5.

15. Wanta ittiin jiraattu argachuuf qophii gochuu kan dandeessu akkamitti?

15 Tajaajiltoonni yeroo guutuu wanta ittiin jiraatan argachuu akka qaban beekamaa dha. (HoE. 18:2, 3) Tarii barumsa gabaabaa barachuun kee, hojii yeroo murtaaʼeef hojjetamuu fi naannoo keetti barbaadamu hojjechuuf si gargaara taʼa. Yeroo karoora baafattutti, ilaaltuu ol aanaa aanaa fi qajeelchitoota aanaa kee keessa jiran gorsa gaafachuu dandeessa. Qajeelchitootaaf hojiin mijataa taʼe isa kam akka taʼe isaan gaafadhu. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhutti, “Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in baʼa.”—Fak. 16:3; 20:18.

16. Dargaggummaa keetti guutummaatti Yihowaa tajaajiluun kee, itti gaafatamummaa gara fuulduraatti si eeggatuuf si qopheessuu kan dandaʼu akkamitti?

16 Yihowaan abdii gammachiisaa gara fuulduraatti si eeggatu ‘jabeessitee akka qabattu’ akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼi. (1 Ximotewos 6:18, 19 dubbisi.) Tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuun kee, obboloota akkuma kee tajaajila kana irratti hirmaatanii wajjin hariiroo akka qabaattuu fi karaa hafuuraa bilchina akka qabaattu si gargaara. Namoonni hedduun dargaggummaa isaaniitti yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun isaanii gaaʼela milkaaʼina qabu akka qabaatan isaan gargaareera. Yeroo baayʼee, obboloonni utuu gaaʼela hin godhatin qajeelchaa taʼanii tajaajilaa turan, gaaʼela erga godhatanii boodas waliin itti fufuu dandaʼaniiru.—Rom. 16:3, 4.

17, 18. Karoora baafachuun garaa keenya irraa kan jalqabu akkamitti?

17 Karoora baafachuun garaa kee qopheessuu dabalata. Faarfannaan 20:4 waaʼee Yihowaa, “Waan garaan kee jaallatu siif haa kennu! Akeeka kee hundumaas siif haa raawwatu!” jedha. Kanaafuu, jireenya keetti akkamitti fayyadamuu akka qabdu yaadi. Yihowaan bara keenya kanatti maal raawwachaa akka jiruu fi tajaajila isaa irratti karaa kamiin hirmaachuu akka dandeessu yaadi. Achiis wanta isa gammachiisu raawwachuuf karoorfadhu.

18 Yeroo guutuu Yihowaa tajaajiluun kee, daandii jireenyaa Waaqayyoof ulfina fidu waan taʼeef gammachuu guddaa siif argamsiisa. Eeyyee, “Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.”—Far. 37:4.

^ key. 7 Yeroo ammaatti Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa jedhama.