Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan ‘Waaqayyoof Gammachuudhaan Akka Hojjetan’ Gargaaraa

Warri “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan ‘Waaqayyoof Gammachuudhaan Akka Hojjetan’ Gargaaraa

“Waaqayyo galaa biyya ormaa in eega.”—FAR. 146:9.

FAARFANNAA: 17, 109

1, 2. (a) Obboloonni keenya tokko tokko rakkoowwan akkamiitu isaan mudata? (b) Gaaffiiwwan akkamiitu kaʼa?

OBBOLEESSI Leeja jedhamu akkana jedheera: “Buruundii keessatti waraanni walii waliinii yommuu jalqabetti maatiin keenya walgaʼii aanaa irra ture. Namoonni yommuu fiiganii fi walitti dhukaasan ni argina turre. Warri koo fi obbolaawwan koo 11 taanu uffata keenya qofa fudhannee lubbuu keenya oolfachuuf baqanne. Dhuma irratti miseensonni maatii koo tokko tokko kiiloo meetira 1,600 ol deemanii kaampii godaantotaa Maalaawwii keessa jiru tokko gaʼuu dandaʼaniiru. Warri hafne garuu gargar faffacaane.”

2 Addunyaa maratti lakkoofsi godaantota sababii waraanaatiin ykn ariʼatamaatiin qeʼee isaanii irraa buqqaʼanii 65,000,000 ol taʼu; kun immoo lakkoofsa hanga ammaatti galmeeffame irra ni caala. * Isaan kana keessaa Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼaman ni argamu. Hedduun isaanii michoota isaanii duʼaan dhabaniiru; qabeenya isaaniis guutummaatti dhabaniiru jechuun ni dandaʼama. Kan biraa hoo, rakkoowwan akkamiitu isaan irra gaʼe? Obboloonni kun utuma rakkina keessa jiranii illee, ‘Waaqayyoof gammachuudhaan akka hojjetan’ isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Far. 100:2) Godaantota hanga ammaatti Yihowaa hin beekne hoo, karaa buʼa qabeessa taʼeen misiraachoo isaanitti himuu kan dandeenyu akkamitti?

JIREENYA GODAANTOTAA

3. Yesuusii fi barattoonni isaa hedduun godaantota taʼanii kan turan akkamitti?

3 Maleekaan Yihowaa, Heroodis Mootichi Yesuusiin ajjeesuu akka barbaadu Yoseefiin erga akeekkachiisee booda, Yesuus inni mucaa turee fi warri isaa Gibxii keessatti godaantota taʼanii jiraataniiru. Hanga Heroodis duʼutti achuma jiraataniiru. (Mat. 2:13, 14, 19-21) Waggaa hedduu booda, barattoonni Yesuus jalqabaa, ariʼatamaan kan kaʼe ‘guutummaa Yihudaa fi Samaariyaa keessa bittinnaaʼanii’ turan. (HoE. 8:1) Yesuus duuka buutonni isaa hedduun dirqamaan mana isaanii keessaa akka ariʼaman dursee dubbatee ture. Akkana jedheera: “Magaalaa tokko keessatti yommuu ariʼatama isin irra geessisan, gara magaalaa isa kan biraatti baqadhaa.” (Mat. 10:23) Sababii kamiin iyyuu yoo taʼe baqachuun salphaa miti.

4, 5. Godaantonni (a) yommuu baqatanitti, (b) kaampii keessa yommuu jiraatanitti haala sodaachisaa akkamiitu isaan mudata?

4 Godaantonni yeroo baqatanitti ykn yeroo kaampii keessa jiraatanitti haalli sodaachisaan isaan mudachuu dandaʼa. Gaad inni quxisuu Leeja taʼe akkana jechuudhaan dubbateera: “Reeffa namootaa dhiibbaan lakkaʼaman bira darbinee, torban hedduutiif adeemneerra. Yeroo sana umuriin koo waggaa 12 ture. Miilli koo gar malee dhiitaʼee waan tureef, maatiin koo ana dhiisanii akka deemanin isaanitti hime. Abbaan koo humna finciltootaa harka akkan hin buuneef na baatee deeme. Guyyaa guyyaadhaan Yihowaa kadhachaa fi isatti amanamuudhaan, al tokko tokko maangoo karaa keenya irra jiru qofa nyaachuudhaan lubbuudhaan jiraachuu dandeenyeerra.”—Filp. 4:12, 13.

5 Yeroo booda maatii Leeja keessaa harki caalaan isaanii kaampii godaantotaa Mootummoota Gamtoomanii keessa waggoota hedduudhaaf jiraataniiru. Haa taʼu malee, achittis nageenyi isaanitti hin dhagaʼamu ture. Leeja inni yeroo ammaatti daawwataa ol aanaa aanaa taʼe akkana jedheera: “Namoonni hedduun hojii hin qaban turan. Oduu kan odeessan, kan machaaʼan, qumaara kan taphatan, kan hatanii fi jireenya gadhiisii kan jiraatan turan.” Wantoonni kun dhiibbaa akka isaan irraan hin geessisneef jecha, Dhugaa Baatonni kaampii sana keessa turan sochiiwwan gumii irratti guutummaatti hirmaachuun isaan barbaachisee ture. (Ibr. 6:11, 12; 10:24, 25) Dhugaa keessatti jabaatanii jiraachuu fi hedduun isaanii qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu jalqabuudhaan yeroo isaanii ogummaadhaan itti fayyadamaniiru. Yeroon Israaʼeloonni lafa onaa keessa turan akka xumuramee ture yaadachuudhaan, yeroon isaan kaampii kana keessa turanis gaaf tokko akka xumuramu ilaalcha sirrii qabaatanii itti fufuu dandaʼaniiru.—2 Qor. 4:18.

GODAANTOTATTI JAALALA ARGISIISUU

6, 7. (a) “Jaalalli Waaqayyoo” Kiristiyaanonni obboloota isaanii rakkatan akka gargaaran kan isaan kakaase akkamitti? (b) Fakkeenya tokko kenni.

6 Keessumaa haalli rakkisaan yommuu nu mudatutti, “jaalalli Waaqayyoo” jaalala akka walitti argisiisnu nu dirqisiisa. (1 Yohaannis 3:17, 18 dubbisi.) Beelli cimaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Yihudaa keessa turan irra yommuu gaʼe, gumichi gargaarsa isaaniif qindeessee ture. (HoE. 11:28, 29) Phaawulos ergamaanii fi Pheexiros ergamaanis, Kiristiyaanonni keessummummaa akka wal simatan gorsa isaaniif kennanii turan. (Rom. 12:13; 1 Phe. 4:9) Kiristiyaanonni obboloota bakka biraatii isaan gaafachuu dhufan kan simatan erga taʼee, namoota hidhata amantii isaanii balaadhaaf saaxilaman ykn sababii amantii isaaniitiin ariʼatamni isaan irra gaʼe immoo caalaatti simachuu qabu!—Fakkeenya 3:27 dubbisi. *

7 Yeroo dhihoodhaa asitti, Dhugaa Baatonni Yihowaa kumaan lakkaaʼaman, jechuunis dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen walitti buʼiinsaa fi ariʼatama baha Yuukreen ture keessaa baqachuun isaan barbaachisee ture. Isaan keessaa tokko tokko ajjeefamuun isaanii baayʼee nama gaddisiisa. Haa taʼu malee, baayʼeen isaanii obboloota isaanii hafuuraa Yuukreen naannoo biraatti argamaniin simatamaniiru; hedduun isaanii immoo Dhugaa Baatota Raashiyaa keessa jiran bira buufataniiru. Isaan “kutaa addunyaa waan hin taaneef” biyyoota lamaan keessatti iyyuu siyaasa keessa utuu hin seenin, hinaaffaadhaan ‘dubbii Waaqayyoo lallabuu’ isaanii itti fufaniiru.—Yoh. 15:19; HoE. 8:4.

GODAANTONNI AMANTII ISAANII AKKA JABEEFFATAN GARGAARUU

8, 9. (a) Godaantonni biyya haaraa keessa jiran rakkoowwan akkamiitu isaan mudachuu dandaʼa? (b) Obsaan isaan gargaaruu kan qabnu maaliifi?

8 Godaantonni tokko tokko dirqamaan biyya isaanii gadhiisanii akka deeman taasifamu. Hedduun isaanii garuu biyya haaraa hin beekne dhaquuf dirqamaniiru. Mootummoonni hamma tokko nyaata, uffataa fi bakka jireenyaa kan kennan taʼus, nyaata baran garuu hin argatan taʼa. Godaantonni biyya hoʼaatii dhufan qorri kan isaan mudatu yeroo jalqabaatiif waan taʼuuf, akkaataa uffannaa haalichaaf taʼu hin beekan taʼa. Naannoo baadiyyaatii kan dhufan yoo taʼe immoo, meeshaalee mana keessaa ammayyaa taʼanitti fayyadamuun isaan rakkisuu dandaʼa.

9 Mootummoonni tokko tokko sagantaalee godaantonni haala haaraa wajjin akka wal baran gargaaran qabu. Haa taʼu malee, yeroo baayʼee jiʼoota muraasa gidduutti of dandaʼanii akka jiraatan isaan irraa eegu taʼa. Taʼus yeroon ceʼumsaa kun baayʼee rakkisaa isaanitti taʼuu dandaʼa. Qooqa haaraa barachuu fi seera haaraatti baruu, akkasumas naamusa, yeroo eeguu, qaraxa, miʼa bitaniif kaffaluu, mana barumsaa dhaquu fi ijoollee adabuu ilaalchisee wanta isaan irraa eegamu yeruma tokkotti raawwachuuf yaaluun hammam ulfaataa akka taʼe yaadaa! Ati hoo obboloota kee rakkina akkanaa keessa jiran obsaa fi kabajaan isaan gargaaruu ni dandeessaa?—Filp. 2:3, 4.

10. Amantiin godaantota haaraa dhufanii akka cimu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)

10 Kana malees, abbootiin taayitaa yeroo tokko tokko obboloonni keenya godaantota taʼan gumii wajjin wal arguun rakkisaa akka isaanitti taʼu godhu. Dhaabbileen tokko tokko obboloonni keenya hojii walgaʼii irraa akka hafan isaan taasisu hojjechuu yommuu didanitti akka gargaarsa ykn akka hirkattummaa isaan dhowwatan isaan doorsisu. Obboloonni muraasni doorsisa kanaaf moʼamuudhaan harka kennaniiru. Kanaaf, hamma dandaʼametti akkuma isaan dhufaniin obboloota keenya godaantota taʼan simachuu qabna. Akka isaaniif yaannu arguu qabu. Isaaniif garaa laafuunii fi gargaarsa qabatamaa isaaniif gochuun keenya amantii isaanii cimsuu dandaʼa.—Fak. 12:25; 17:17.

GODAANTOTAAF GARGAARSA QABATAMAA GOCHUU

11. (a) Godaantonni jalqaba irratti maaltu isaan barbaachisa? (b) Godaantonni akka galateeffatan argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Jalqaba irratti, obboloota keenyaaf nyaata, uffata ykn wantoota buʼuuraa kaan kennuufii nu barbaachisa taʼa. * Obboleessa tokkoof kennaa xinnoo akka karabaataa kennuun illee hiika guddaa qabaachuu dandaʼa. Godaantonni immoo baayʼee kan eegan taʼuu mannaa, kan galateeffatan taʼuu isaanii argisiisu qabu; kun immoo namoonni isaan keessummeessan gammachuu kennuudhaan argamu akka dhamdhaman isaan gargaara. Yeroo hunda arjummaa namoota kaaniitiin jiraachuun kabaja godaantonni ofiif qaban kan hirʼisuu fi hariiroo obboloota isaanii wajjin qaban kan mancaasu taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. (2 Tas. 3:7-10) Taʼus godaantonni gargaarsi qabatamaan akka isaaniif godhamu ni barbaadu.

Obboloota keenya godaantota taʼan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 11-13 ilaali)

12, 13. (a) Godaantotaaf gargaarsa qabatamaa taʼe gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenya tokko kenni.

12 Godaantotaaf gargaarsa qabatamaa taʼe gochuuf qarshii hedduu nu hin barbaachisu. Wanti isaan caalaatti barbaadan yeroo keenyaa fi jaalala keenya dha. Akkaataa geejjiba uummataa itti fayyadaman, bakka gabaa nyaata fayyaadhaaf taʼuu fi gatiin isaa miʼaa hin taane eessaa argachuu akka dandaʼan ykn qarshii argachuuf meeshaalee tokko tokkotti, jechuunis makiinaa hodhaa, makiinaa marga haamutti akkamitti fayyadamuu akka dandaʼan isaanitti argisiisuun salphaa taʼuu dandaʼa. Hunda caalaa immoo, gumii isaanii isa haaraa wajjin guutummaatti akka wal baran isaan gargaaruu dandeessu. Yoo dandaʼame, konkolaataadhaan gara gumii isaan geessaa. Akkasumas naannoo tajaajilaa keessan keessatti ergaa Mootummichaa namootatti himuuf akkamitti isaanitti dhihaachuu akka dandaʼan isaaniif ibsa. Obboloonni keessan godaantota taʼan isinii wajjin tajaajila akka baʼan godha.

13 Dargaggoonni godaantota taʼan afur gara gumii tokkoo yommuu dhufanii turanitti, jaarsoliin adda addaa konkolaataa oofuu, kiiboordii kompiitaraatiin barreessuu, iyyata hojii barreessuu, akkasumas guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf akkamitti yeroo isaanii mijeessuu akka dandaʼan isaan barsiisaniiru. (Gal. 6:10) Utuma baayʼee hin turin, arfan isaanii iyyuu qajeelchitoota taʼan. Gargaarsa jaarsoliin isaaniif gadhanii fi tajaajila Yihowaa keessatti galma baafachuuf carraaqqii gochuun isaanii, karaa hafuuraa guddina akka argisiisanii fi sirna Seexanaa kanaan akka hin liqimfamne isaan eegeera.

14. (a) Godaantonni qorumsa akkamii irraa of eeggachuu qabu? (b) Fakkeenya tokko kenni.

14 Akkuma Kiristiyaanota kaan hundaa godaantonnis, qabeenya argachuuf jecha hariiroo Yihowaa wajjin qaban akka laaffisaniif qorumsaa fi dhiibbaa isaan irra gaʼu moʼuun isaan barbaachisa. * Leeja inni olitti ibsamee turee fi obbolaawwan isaa, utuu baqachaa jiranii abbaan isaanii amantii ilaalchisee wanta inni isaanitti hime ni yaadatu. “Miʼa muraasa barbaachisaa hin taanee fi baannee turre tokko tokkoon daddarbate. Dhuma irrattis, korojoo duwwaa ol qabee, seeqaa akkas jedhe: ‘Argitanii? Wanti isin barbaachisu kana qofa dha!’”—1 Ximotewos 6:8 dubbisi.

WANTA HUNDA CAALAA GODAANTOTAAF BARBAACHISUUF XIYYEEFFANNAA KENNUU

15, 16. Godaantota (a) karaa hafuuraa, (b) karaa miiraa gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

15 Godaantotaaf nyaataa fi uffata caalaa wanti isaan barbaachisu jira. Deggersa miiraa fi Kitaaba Qulqulluu irraa yaada nama jajjabeessu argachuu barbaadu. (Mat. 4:4) Jaarsoliin, barreeffamoota qooqa godaantotaatiin jiran akka argatanii fi obboloota qooqa isaanii dubbatanii wajjin akka wal argan gochuudhaan isaan gargaaruu dandaʼu. Godaantonni hedduun firoota, hawaasaa fi gumii isaanii irraa guutummaatti gargar citaniiru. Kanaaf, Kiristiyaanonni hidhata amantii isaanii taʼan jaalala Yihowaa fi gara laafina akka isaanitti argisiisan barbaadu. Taʼuu baannaan garuu, gara firoota isaanii Dhugaa Baatota hin taanetti ykn namoota aadaa fi muuxannoo walfakkaataa qabanitti harkifamuu dandaʼu. (1 Qor. 15:33) Gumii keessatti guutummaatti akka simataman akka isaanitti dhagaʼamu gochuudhaan, Yihowaa isa ‘galaa biyya ormaa eeguu’ wajjin hojjechuuf mirga arganna.—Far. 146:9.

16 Akkuma Yesuusii fi maatiin isaa biyya isaaniitti deebiʼuu hin dandeenye, godaantonnis warri isaan cunqursan hamma aangoo irra jiranitti gara biyya dhalootaa isaaniitti deebiʼuuf carraa hin qaban taʼa. Kana malees, akkuma Leejan ibsetti, “haatii fi abbaan hedduun bakka wantoonni suukanneessaan itti raawwataman, jechuunis bakka miseensonni maatii isaanii itti gudeedamanii fi itti ajjeefamanitti ijoollee isaanii deebisanii fiduu hin barbaadan.” Godaantota bakka haalli suukanneessaan itti raawwatamee dhufan akkasii gargaaruuf, obboloonni godaantota simatan gorsa, “Miira walii hubadhaa, jaalala obbolummaa qabaadhaa, gara laafina qabaadhaa; akkasumas kan gad of qabdan taʼaa” jedhu hordofuu qabu. (1 Phe. 3:8) Ariʼatamni, godaantonni tokko tokko warra kaan irraa akka of qoodan kan isaan godhe taʼuu isaa irra iyyuu, keessumaa rakkina isaan irra gaʼe ijoollee isaanii duratti dubbachuun isaan qaanessa taʼa. ‘Ani bakka isaanii utuun taʼee, maal akka naaf godhamun barbaada?’ jedhaa of gaafadhaa.—Mat. 7:12.

GODAANTOTA DHUGAA BAATOTA HIN TAANEEF LALLABUU

17. Hojiin lallabaa godaantotaaf boqonnaa argamsiisaa kan jiru akkamitti?

17 Godaantonni yeroo harʼaatti jiran hedduun, biyyoota hojiin lallabaa keenya itti daangeffame irraa kan dhufani dha. Dhugaa Baatota biyya godaantonni jiranii fi hinaaffaa qabaniif galanni haa taʼuutii, godaantonni kumaan lakkaaʼaman yeroo jalqabaatiif “dubbii Mootummichaa” dhagaʼaa jiru. (Mat. 13:19, 23) Namoonni ‘baʼaan isaanitti ulfaate,’ walgaʼiiwwan keenya irratti karaa hafuuraa boqonnaa argachaa, akkasumas yaada “Dhuguma Waaqayyo isin gidduu jira” jedhu dafanii amananii fudhachaa jiru.—Mat. 11:28-30; 1 Qor. 14:25.

18, 19. Godaantotaaf yommuu lallabnu ogummaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Obboloonni godaantotaaf lallaban ‘of eeggatoo,’ darbees ‘hubatoo’ taʼuu qabu. (Mat. 10:16; Fak. 22:3) Wanta isaan yaaddessu yommuu dubbatan obsaan isaan dhaggeeffadhaa; waaʼee siyaasaa garuu hin kaasinaa. Qajeelfama waajjirri damee fi abbootiin taayitaa naannoo sanaa kennan hordofaa; wanta isinis taʼe warra kaan balaadhaaf saaxilu hin raawwatinaa. Amantii fi aadaa godaantotaa beekuu fi kabajuuf carraaqqii godhaa. Fakkeenyaaf, namoonni biyya tokko tokko irraa dhufan akkaataa uffannaa dubartootaa sirrii taʼe ilaalchisee ilaalcha adda taʼe qabu. Kanaaf, yommuu godaantotaaf lallabnu karaa isaan hin mufachiisneen uffachuun keenya barbaachisaa dha.

19 Akkuma nama Samaariyaa fakkeenya Yesuus dubbate keessatti ibsamee, namoota Dhugaa Baatota hin taane dabalatee namoota rakkatan gargaaruu ni barbaanna. (Luq. 10:33-37) Kana gochuuf karaan inni hunda caalu immoo misiraachicha isaaniif lallabuu dha. Jaarsi godaantota hedduu gargaare tokko akkana jedheera: “Yeruma sana Dhugaa Baatota Yihowaa akka taanee fi kaayyoon keenya inni guddaan karaa hafuuraa isaan gargaaruu malee wanta karaa foonii isaan barbaachisu isaaniif kennuu akka hin taane ibsuun keenya barbaachisaa dha. Taʼuu baannaan, kan nutti dhihaatan faayidaa isaaniitiif qofa taʼa.”

BUʼAA GAMMACHIISAA ARGAMU

20, 21. (a) Godaantotatti jaalala Kiristiyaanaa argisiisuun buʼaa akkamii argamsiisa? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?

20 Namoota “galaa biyya ormaa” taʼaniif jaalala Kiristiyaanaa argisiisuun buʼaa gaarii qaba. Obboleettiin tokko maatiin ishii wajjin ariʼatama Ertiraa ture keessaa baqattee turte. Ijoolleen ishii afur gammoojjii keessa qaxxaamuranii adeemsa dadhabsiisaa guyyaa saddeetii booda Sudaan gaʼan. Akkana jetteetti: “Obboloonni achi turan nyaata, uffata, mana jireenyaa fi geejjiba akka argatan gochuudhaan akkuma fira dhiigaatti isaan simataniiru. Namoonni namoota hin beekne sababii Waaqa tokko waaqeffataniif qofa mana isaaniitti simatan eenyufaʼi? Dhugaa Baatota Yihowaa qofa dha!”—Yohaannis 13:35 dubbisi.

21 Ijoollee hedduu warra isaanii godaantota taʼan ykn fedha isaaniitiin biyya biraa deemanii wajjin dhufan ilaalchisee hoo maal jechuutu dandaʼama? Mata duree itti aanu irratti, hundi keenya gammachuudhaan Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

^ key. 2 Mata duree kana keessatti, jecha “godaantota” jedhu namoota biyya alaattis taʼe biyya isaanii keessatti waraanaan, ariʼatamaan ykn balaa uumamaatiin qeʼee isaanii irraa buqqaʼan argisiisuuf itti fayyadamneerra. Akka dhaabbanni Yuunaayitid Neeshinsi Haayi Komishinar foor Refiwujiis (UNHCR) jedhamu galmeessetti, yeroo ammaatti guutummaa addunyaa irratti “namoota 113 keessaa namni 1” “dirqamaan qeʼee isaa irraa akka buqqifamu taasifama.”

^ key. 6 Mata duree “Warra Ormaatti Gaarummaa Argisiisuu hin Dagatinaa” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 2016, ful. 8-12 irra jiru ilaali.

^ key. 11 Akkuma godaantonni dhufaniin jaarsoliin qajeelfama kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu (Amaariffa) jedhamu boqonnaa 8 keeyyata 30 irra jiru hordofuu qabu. Jaarsoliin gumiiwwan biyya kan biraa jiranii weeb saayitii jw.org jedhamutti fayyadamanii karaa waajjira damee biyya isaanii jiruu xalayaa erguu qabu. Hanga yeroo sanaatti garuu, haala hafuuraa nama godaantuu taʼe sanaa beekuuf, gumii isaa fi tajaajila ilaalchisee malaan gaaffii isa gaafachuu dandaʼu.