Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara duritti imalaan tokko doonii ittiin deemu kan argatu akkamitti ture?

AKKUMA walii galaatti, bara Phaawulos dooniin nama feʼuuf qofa qophaaʼe hin jiru ture. Imaltoonni doonii ittiin deeman argachuuf, daldalaa doonii feʼumsaatiin bakka isaan deemuu barbaadan dhaquu fi isaan feʼuuf tole jedhu argachuuf namoota gaafatu turan. (HoE. 21:2, 3) Dooniin tokko bakka imalaan sun deemuu barbaadu kan hin geenye yoo taʼe illee, bakka buufata dooniitti, doonii kan biraa bakka imalaan sun deemuu barbaadutti isa dhiheessu argachuu dandaʼa ture.—HoE. 27:1-6.

Adeemsi galaana irraa waggaa guutuu kan godhamu waan hin turreef, dooniiwwan sagantaa dhaabbataa taʼe hin qaban turan. Haala qilleensaa mijataa hin taane malees, hojjettoonni doonii amantii sobaa hordofan, sagalee qurruu yoo dhagaʼan ykn qarqara galaanaatti caccabaa doonii yoo argan milkii gadhee akka taʼe yaaduudhaan deemsa isaanii yeroo kan biraatti dabarsu turan. Hojjettoonni doonii haala qilleensaa mijataa taʼetti fayyadamu turan, kanaafuu yeroo qilleensi isaa gaarii taʼu imala isaanii itti fufu. Imalaan tokko doonii ittiin deemu argachuuf, miʼa isaa qabatee gara buufata doonii dhaquudhaan, beeksisa dooniin deemsaaf qophaaʼuu isaa ilaalchisee himamu hordofa ture.

Barreessaa seenaa kan taʼe Liyoonel Kaasoon akkas jedheera: “Magaalaan Roomaa mala salphaa doonii deemsaa argachuun itti dandaʼamu waan qabduuf namoonni ofuma isaaniitiin doonii barbaaduun isaan hin barbaachisu ture. Buufanni doonii magaalattii, bakka Lagni Tiiber garbatti makamutti argama ture. Magaalaa Oostiyaa ishii achitti dhihoo jirtu keessa bakki gabaa naannoo isaatii biiroo hedduu qabu jira ture. Biiroowwan kana keessaa baayʼeen isaanii kan abbootii doonii gara garaa siʼa taʼan, isaanis, tokko kan Naarboonii [yeroo harʼaa Faransaay], kan biraan immoo kan abbootii doonii Kaarteej [yeroo harʼaa Tuuniiziyaa], . . . fi kan biroo ti. Namni doonii ittiin imalu barbaadu kam iyyuu, biiroowwan kallattii inni itti deemuu barbaadu bira jiran dhaqee gaafachuu qofatu isa irraa eegama.”

Dooniidhaan deemuun imaltootaaf yeroo kan qusatu taʼus, rakkina mataa isaa qaba ture. Phaawulos adeemsa misiyoonummaa irra utuu jiruu yeroo baayʼee dooniin inni ittiin deemu caccabee ture.—2 Qor. 11:25.