Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dargaggootaa, Amantii Keessan Cimsadhaa

Dargaggootaa, Amantii Keessan Cimsadhaa

Amantiin . . . ragaa wantoonni dhugaa taʼan kan hin mulʼanne taʼanis jiraachuu isaanii kan argisiisu dha.”—IBR. 11:1.

FAARFANNAA: 41, 11

1, 2. Dargaggoonni yeroo harʼaa jiran dhibbaa akkamiitu isaan irra gaʼa? Kana damdamachuuf hoo tarkaanfii akkamii fudhachuu dandaʼu?

OBBOLEETTII shamarree Biritaaniyaa keessa jiraattu tokkoon intalli ishii wajjin barattu, “Namni akka kee beekaa taʼe Waaqayyotti akkamitti amana?” jettee turte. Obboleessi Jarman jiraatu tokkos akkana jedhee barreesseera: “Barsiisonni koo seenaa Kitaabni Qulqulluun waaʼee uumamaa dubbatu oduu durii akka taʼeetti ilaalu. Barattoonni barumsa jijjiirama tirannaatti amanuu isaanis akka laayyootti ilaalu.” Obboleettii shamarreen Faransaay keessa jiraattus, “Barsiisonni mana barumsaa keenyaa amma iyyuu barattoonni Kitaaba Qulqulluutti amanan jiraachuun isaanii baayʼee isaan dinqisiisa” jetteetti.

2 Akka dargaggeessa Yihowaa tajaajilu ykn akka nama waaʼee Isaa barachaa jiru tokkootti, yaada namoota baayʼee biratti fudhatama qabu kan akka, Uumaatti amanuu mannaa jijjiirama tirannaatti amanuu hordofuu akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, amantii kee cimsachuu fi amantiin kee cimaa taʼe akka itti fufuuf tarkaanfiin fudhachuu dandeessu jira. Tarkaanfiin inni jalqabaa dandeettii yaaduu isa ‘si eeguu’ fi Waaqayyo siif kennetti fayyadamuu dha. Falaasamoota addunyaa amantii kee si jalaa balleessuu dandaʼan irraa si eega.—Fakkeenya 2:10-12 dubbisi.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

3 Amantii dhugaan Waaqayyoon ilaalchisee beekumsa sirrii argachuu irratti kan hundaaʼe dha. (1 Xim. 2:4) Kanaaf Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenya yommuu qoʼattan, irra fiiguudhaan hin dubbisinaa. Wanta dubbistan ‘hubachuu’ akka dandeessaniif dandeettii yaaduu keessanitti fayyadamaa. (Mat. 13:23) Kun amantii Waaqayyo Uumaa taʼuu isaa fi Kitaaba Qulqulluu irratti qabdan cimsuuf akkamitti akka isin gargaaru haa ilaallu; mata dureewwan kana ilaalchisee “ragaa amansiisaa” hedduutu jira.—Ibr. 11:1, miiljalee.

AMANTII KEESSAN CIMSACHUU KAN DANDEESSAN AKKAMITTI?

4. Waaʼee Waaqayyoo fi akkaataa jireenyi itti jalqabe maal iyyuu yoo amanne, kun yeroo hunda amantii gaafata kan jennu maaliifi? Wantoota kam irratti yaaduu qabna?

4 Namoonni jijjiirama tirannaatti kan amanan saayinsii irratti waan hundaaʼeef akka taʼee fi Waaqayyotti amanuun garuu amantii irratti kan hundaaʼe akka taʼe sitti himanii beekuu? Namoonni hedduun ilaalcha akkasii qabu. Taʼus, yaada armaan gadii yaadatti qabachuun keenya gaarii dha: Namni tokko waaʼee Waaqayyoo ykn waaʼee jijjiirama tirannaa maali iyyuu yoo amane, lamaanuu amantii kan gaafatu dha. Maaliifi? Eenyu iyyuu Waaqayyoonis taʼe wanti tokko yommuu uumamu argee hin beeku. (Yoh. 1:18) Namni kam iyyuu, saayintistiis taʼe kan hin taane, bineensi gosni tokko gara isa kaaniitti tirannaadhaan utuu jijjiiramuu hin argine. Fakkeenyaaf, repitaayiliin tokko jijjiirama tirannaatiin gara hoosistuutti yommuu jijjiiramu namni arge hin jiru. (Iyo. 38:1, 4) Kanaaf, hundi keenya xumura gaarii irra gaʼuuf ragaa kenname qoruu fi dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuu qabna. Uumama ilaalchisee Phaawulos akkana jedheera: “Amalawwan [Waaqayyoo] warri ijaan hin argamne, jechuunis humni isaa inni bara baraa fi Waaqayyummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas amalawwan isaa wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama; kanaaf, isaan sababa itti qabatan hin qaban.”—Rom. 1:20.

Namootaaf yommuu ibsitu, meeshaalee afaan keetiin argamanitti akka gaariitti fayyadami (Keeyyata 5 ilaali)

5. Nuti sabni Waaqayyoo dandeettii hubannaa keenyatti akka fayyadamnuuf qophiin akkamii nuu godhameera?

5 ‘Hubannaan’ wanta yeruma sana hin mulʼanne ykn ifa hin taane adda baasanii beekuu dabalata. (Ibr. 11:3) Kanaaf namoonni hubannaa qaban, ijaa fi gurra isaanii qofa utuu hin taʼin sammuu isaaniittis ni fayyadamu. Jaarmiyaan Yihowaa wantoota qorannaan irratti godhamee fi nu gargaaran nuu qopheesseera. Wantoonni kun ija amantiitiin Uumaa keenya ‘arguuf’ nu dandeessisu. (Ibr. 11:27) Wantoonni kun viidiyoo Uumamni Dinqisiisaan Ulfina Waaqayyoo Mulʼisa (Ingiliffa) jedhamu, birooshuroota Jireenyi Uumamaan Argamee? (Amaariffa) fi Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shan (Amaariffa) jedhaman, akkasumas kitaaba Uumaan Siif Yaadu Jiraa? (Ingiliffa) jedhamu kan dabalatani dha.Barruulee keenya irrattis mata dureewwan irratti yaaduu dandeenyu gaggaariin ni baʼu. Barruun Dammaqaa! yeroo baayʼee saayintistootaa fi namoota kaan Waaqayyotti maaliif akka amanan ibsanii wajjin gaafannoo godhame qabatee baʼa. Mata dureen “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhus diizaayinii dinqisiisaa uumama keessa jiru tokko tokko ibsa. Saayintistoonni yeroo baayʼee diizaayinota dinqisiisoo taʼan kana fakkeessanii hojjechuuf yaalu.

6. Meeshaalee nuu qophaaʼanitti fayyadamuun faayidaa akkamii qaba? Ati hoo faayidaa akkamii argatte?

6 Birooshuroota olitti caqasaman ilaalchisee obboleessi Yuunaayitid Isteetis jiraatuu fi umuriin isaa 19 taʼe tokko akkana jedheera: “Barreeffamoonni kunneen baayʼee na gargaaraniiru. Birooshuroota kana yeroo baayʼee qoʼadheera.” Obboleettiin Faransaay jiraattu immoo akkana jetteetti: “Mata dureewwan ‘Qaamni Kana Tolche Jiraa?’ jedhaman baayʼee na dinqisiisu! Injinaroonni dandeettii guddaa qaban diizaayinii uumamaa wal xaxaa taʼe fakkeessanii kan hojjetan taʼus, wanti isaan hojjetan uumamaan akka hin qixxaanne argisiisu.” Warri shamarree umurii waggaa 15 Afriikaa Kibbaa keessa jiraatan, “Intalli keenya yeroo hunda barruu Dammaqaa! irraa jalqaba kan dubbistu mata duree ‘Gaafannoo’ jedhu dha” jedhaniiru. Ati hoo? Qophiiwwan kanneen irraa guutummaatti fayyadamaa jirtaa? Amantiin kee akka muka hidda gad fagoo qabuu akka taʼu si gargaaru. Akkas yoo taʼe amantiin kee qilleensa barumsa sobaa damdamachuuf si gargaara.—Er. 17:5-8.

AMANTII KITAABA QULQULLUU IRRATTI QABDAN

7. Waaqayyo dandeettii yaaduu keessanitti akka fayyadamtan kan barbaadu maaliifi?

7 Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffii gaafachuun dogoggora miti. Yihowaan ‘dandeettii yaaduu keetti’ fayyadamtee dhugaa isaa akka mirkaneeffattu barbaada. Warri kaan waan itti amananiif qofa akka amantu hin barbaadu. Kanaaf beekumsa sirrii argachuuf dandeettii yaaduu keetti fayyadami. Beekumsi kun immoo amantii dhugaatiif buʼuura cimaa taʼa. (Roomaa 12:1, 2; 1 Ximotewos 2:4 dubbisi.) Wantoota beekumsa akkasii argachuuf isin gargaaran keessaa tokko mata dureewwan qoʼannaadhaaf filattani dha.

8, 9. (a) Obboloonni tokko tokko mata dureewwan akkamii qoʼatu? (b) Obboloonni tokko tokko wanta qoʼatan irratti xiinxaluu isaaniitiin faayidaa akkamii argataniiru?

8 Obboloonni tokko tokko raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ykn Kitaaba Qulqulluu wanta barreessitoonni seenaa, saayintiistonnii fi qoʼattoonni arkiʼooloojii jedhanii wajjin wal bira qabanii ilaaluu jaallatu. Fakkeenyaaf Uumama 3:15 haa ilaallu. Yihowaan raajii iddoo guddaa qabu kana kan dubbate Addaamii fi Hewwaan bulchiinsa isaa irratti fincila erga kaasanii booda ture. Raajiin kun, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbatamanii fi Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsi Waaqayyoo hunda irra kan wayyu taʼuu isaa kan mirkaneessu, akkasumas rakkina hunda kan balleessu akkamitti akka taʼe akka hubannu nu gargaaran hedduu keessaa isa jalqabaa ti. Uumama 3:15 qoʼachuu kan dandeessu akkamitti? Caqasoota Kitaaba Qulqulluu raajiin kun akkamitti akka raawwatamu balʼinaan ibsan tarreessi. Achiis caqasoonni kun yoom akka barreeffaman erga adda baafattee booda, duraa duubaan barreessi. Barreessitoonni kun yeroo garaa garaatti kan jiraatan taʼus, hundi isaanii wanta raajicha caalaatti ifa godhu akka barreessan hubatta. Kunis hafuurri Yihowaa akka isaan gaggeesse sii mirkaneessa.—2 Phe. 1:21.

9 Obboleessi Jarman jiraatu tokko kitaabonni Kitaaba Qulqulluu hundi waaʼee Mootummichaa balʼinaan akka dubbatan hubateera. Akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu kan barreessan namoota gara 40 taʼanis kun taʼuun isaa nama dinqisiisa. Baayʼeen isaanii yeroo garaa garaatti kan jiraatanii fi qaamaan kan wal hin beekne turan.” Obboleettiin Awustiraaliyaa jiraattu mata dureen qoʼannaa Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 2013 irratti baʼee fi waaʼee hiika Ayyaana Faasikaa ibsu baayʼee ishee tuqeera. Ayyaanni addaa kun Uumama 3:15 fi dhufaatii Masiihichaa wajjin kallattiidhaan wal qabata. Akkana jetteetti: “Qoʼannaan sun Yihowaan dinqisiisaa taʼuu isaa na hubachiiseera. Qophiin kun Israaʼelootaaf kan kenname taʼus, Yesuus irratti raawwatamuun isaa baayʼee na dinqisiiseera. Nyaanni gaafa Ayyaana Faasikaa nyaatamu raajii inni of keessatti qabate hangam dinqisiisaa akka taʼe takka irratti yaaduun qaban ture!” Obboleettiin kun akkas kan ishiitti dhagaʼame maaliifi? Wanta dubbiste irratti gad fageenyaan waan yaaddeef ‘hubachuu’ dandeessetti. Kunis amantii ishii akka cimsattuu fi caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaattu ishii gargaareera.—Mat. 13:23.

10. Amanamummaan barreessitoota Kitaaba Qulqulluu amantii wanta isaan barreessan irratti qabnu kan nuuf cimsu akkamitti?

10 Wanti qoʼachuu dandeenyuu fi amantii keenya cimsu kan biraan, ija jabinaa fi amanamummaa barreessitoota Kitaaba Qulqulluu qoruu dha. Barreessitoonni durii hedduun sobaan gaggeessitoota isaanii kan jajanii fi mootummoota isaanii kan faarsan turan. Raajonni Yihowaa garuu yeroo hundumaa dhugaa isaa dubbatu turan. Dogoggora saba isaanii, akkasumas kan mootota isaanii illee barreessuuf fedhii qabu turan. (2 Sen. 16:9, 10; 24:18-22) Dogoggora ofii isaanii fi tajaajiltoota Waaqayyoo kaanii ifatti barreessaniiru. (2 Sam. 12:1-14; Mar. 14:50) Obboleessi dargaggeessi Biritaaniyaa jiraatu tokko akkana jedheera: “Amanamummaan akkasii yeroo baayʼee hin argamu. Kun Kitaabni Qulqulluun dhugumaan Yihowaa biraa kan dhufe taʼuu isaa amanannaa qabnu nuuf guddisa.”

11. Dargaggoonni faayidaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiif dinqisiifannaa qaban guddifachuu kan dandaʼan akkamitti?

11 Kitaabni Qulqulluun dhugaa buʼuuraa akka qajeelfamaatti gargaaru qabaachuun isaa, namoonni hedduun gaggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffamuu isaa akka amanan godheera. (Faarfannaa 19:7-11 dubbisi.) Obboleettiin shamarreen Jaappaan jiraattu tokko akkana jettee barreessiteetti: “Maatiin keenya barumsawwan Kitaaba Qulqulluu yommuu hojii irra oolchu hundi keenya baayʼee gammadoo taana turre. Nagaa, tokkummaa fi jaalala qabna turre.” Dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu waaqeffannaa sobaa fi gocha hafuurota hamoo namoota hedduu garboomsan irratti akka hin hirmaannee nu eega. (Far. 115:3-8) Falaasamni Waaqayyo hin jiru jedhu namoota irratti dhiibbaa ni geessisaa? Barumsawwan akka jijjiirama tirannaa, humna Yihowaan qofti qabu uumamaaf kennuudhaan uumama waaqa fakkeessu. Namoonni Waaqayyo akka hin jirre dubbatan jireenyi keenya gara fuulduraa guutummaatti harka keenya keessa jira jedhu. Taʼus, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee abdii amansiisaa kennuu hin dandaʼan.—Far. 146:3, 4.

WARRA KAANIIF IBSUU

12, 13. Karaa buʼa qabeessi barattoota, barsiisota ykn namoota kaanii wajjin waaʼee uumamaa fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuun itti dandaʼamu isa kami?

12 Warra kaaniif waaʼee uumamaa fi waaʼee Kitaaba Qulqulluu yommuu ibsitu buʼa qabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti? Tokkoffaa, wanta namoonni kaan itti amanan akka beektu gootee yaaduuf hin ariifatin. Namoonni tokko tokko jijjiirama tirannaatti akka amanan kan dubbatan taʼanis, Waaqayyo akka jirus isaanitti dhagaʼama. Waaqayyo jijjiirama tirannaatti fayyadamee lubbu qabeeyyii adda addaa uume jedhanii yaadu. Kaan immoo jijjiirama tirannaatti kan amanan utuu dhugaa taʼuu baatee mana barumsaatti hin barsiifamu ture jedhanii waan yaadaniif akka taʼe dubbatu. Tokko tokko immoo dhaabbilee amantiitti waan mufataniif Waaqayyotti amanuu dhiisaniiru. Kanaaf jireenyi akkamitti akka eegale nama tokkoo wajjin yommuu mariʼattu, yeroo hunda jalqaba gaaffii gaafachuun gaarii dha. Namni sun maalitti akka amanu hubadhu. Sababi qabeessa yoo taatee fi dhaggeeffachuuf fedhii yoo qabaatte, namni sun si dhaggeeffachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa.

13 Namni tokko uumamatti waan amantuuf akka si ceephaʼaa jiru yoo sitti dhagaʼame, malaan isatti garagalchuuf yaali. Uumaa malee jireenyi akkamitti jalqabuu akka dandaʼu akka siif ibsu isa gaafachuu dandeessa. Uumamni inni jalqabaa akka itti fufuuf, wal horuu fi of baayʼisuu qaba. Piroofeesarri keemistirii tokko wantoota barbaachisan keessaa tokko tokko kan armaan gadii akka taʼan dubbataniiru. Isaanis: (1) Membireenii eegumsa godhu, (2) dandeettii annisaa argachuu fi jijjiiruu, (3) odeeffannoo jiinii keessaa fi (4) dandeettii odeeffannoo sana baayʼisuu dha. Itti fufaniis, “Namni tokko lubbuu qabeeyyiin baayʼee xinnoo taʼan illee hangam wal xaxoo akka taʼan yommuu hubatu baayʼee dinqisiifata” jedhaniiru.

14. Waaʼee jijjiirama tirannaa ykn waaʼee uumamaa mariʼachuuf qophaaʼoo akka hin taane yoo isinitti dhagaʼame maal gochuu dandeessu?

14 Waaʼee jijjiirama tirannaa ykn waaʼee uumamaa mariʼachuuf qophaaʼoo akka hin taane yoo isinitti dhagaʼame, ragaa salphaa Phaawulos itti fayyadametti gargaaramuu dandeessu. Phaawulos, “Manni hundi nama taʼe tokkoon akka ijaaramu beekamaa dha, inni wantoota hundumaa uume garuu Waaqayyo dha” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 3:4) Ibsi kun amansiisaa fi buʼa qabeessa dha! Eeyyee, diizaayinoonni wal xaxaa taʼan buʼaa sammuu dandeettii yaaduu qabu tokkoo akka taʼan beekamaa dha. Barreeffama kanaa wajjin wal simus fayyadamuu dandeessa. Obboleettiin tokko dargaggeessa Waaqayyo jiraachuu isaatti hin amannee fi jijjiirama tirannaatti amanu haasofsiisuuf birooshuroota olitti ibsaman lamaanitti fayyadamteetti. Gara torban tokkoo booda dargaggeessi sun, “Amma Waaqayyotti amaneera” jedheera. Kunis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf kan isa kakaase siʼa taʼu, dargaggeessi kun obboloota keenya keessaa tokko taʼeera.

15, 16. Kitaaba Qulqulluu irratti yommuu mariʼattu akka haala isaatti jijjiirama gochuu kan dandeessu akkamitti? Galmi kee hoo maal taʼuu qaba?

15 Nama waaʼee Kitaaba Qulqulluu shakkii qabuu wajjin yommuu mariʼattus akkasuma gochuu dandeessa. Wanta inni dhugumaan itti amanuu fi mata dureewwan isa hawwachuu dandaʼan beekuuf yaali. (Fak. 18:13) Saayinsiin kan isa hawwatu yoo taʼe, qabxiiwwan Kitaabni Qulqulluun saayinsii wajjin kan wal simu taʼuu isaa ibsan yoo isaaf caqaste fedhii argisiisuu dandaʼa taʼa. Namoonni kaan immoo fakkeenyonni Kitaabni Qulqulluun raajii fi seenaa sirrii taʼe kan qabate taʼuu isaa ibsan xiyyeeffannaa isaanii harkisu. Yookiin qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu kanneen akka Lallaba Gaaraa keessatti argamanii caqasuu dandeessa.

16 Galmi kee falmiidhaan moʼuu utuu hin taʼin, garaa namootaa tuquu taʼuu qaba. Kanaaf akka gaariitti isaan dhaggeeffadhu. Gaaffii isaan gaafadhu; akkasumas gaarummaa fi kabajaan yaada kee ibsi; keessumaa maanguddootaa wajjin yommuu mariʼattutti akkas godhi. Yoo akkas goote isaanis ilaalcha kee sii kabajuuf kakaʼuu dandaʼu. Wantoota buʼuuraa kanatti kan amante sirriitti itti yaaddee akka taʼes hubachuu dandaʼu. Kun immoo wanta dargaggoonni hedduun hin goone dha. Namoota sababii qabeeyyii hin taaneef ykn wanta itti amantu ilaalchisee sitti qoosaniif deebii kennuuf dirqamni akka si irra hin jirre yaadachuun kee gaarii dha.—Fak. 26:4.

DHUGAA KAN MATAA KEE GODHADHU

17, 18. (a) Dhugaa kan mataa kee godhachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? (b) Mata duree itti aanu irratti gaaffii kam irratti mariʼanna?

17 Amantii cimaan beekumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu beekuu malees waan dabalatu qaba. Kanaaf akka nama qabeenya dhokfame barbaaduutti Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qori. (Fak. 2:3-6) Meeshaalee afaan keetiin argaman kan akka LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAA fi Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼettis fayyadami. Kana malees, Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbisuuf galma baafadhu. Jiʼa 12 gidduutti akkas gochuuf yaali. Dubbii Waaqayyoo dubbisuu caalaa wanti amantii keenya cimsu kan biraan hin jiru. Daawwataan ol aanaa aanaa tokko yeroo dargaggummaa isaa ilaalchisee akkana jedheera: “Wanti Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaa akkan hubadhu na gargaare inni tokko guutummaatti dubbisuu koo ti. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu ijoollummaa kootii jalqabee barachaa ture dhuma irratti ifa naaf taʼaniiru. Kun karaa hafuuraa akkan guddadhuuf gumaacha guddaa naa godheera.”

18 Warri, ijoolleen keessan karaa hafuuraa guddina akka godhan gargaaruu irratti gaʼee guddaa qabdu. Amantii cimaa akka qabaatan isaan gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Mata dureen itti aanu waaʼee kanaa ibsa.