Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Eebba Yihowaa Argachuuf Walʼaansoo Gochuu Keessan Itti Fufaa

Eebba Yihowaa Argachuuf Walʼaansoo Gochuu Keessan Itti Fufaa

‘Waaqayyoo fi nama walʼaansoo qabdee mooteetta.’ —UMA. 32:28, hiika bara 1899.

FAARFANNAA: 23, 38

1, 2. Tajaajiltoonni Yihowaa wantoota akkamii irraa fagaachuu qabu?

ABEL nama amanamaa isa jalqabaa irraa eegalee hanga bara keenyaatti waaqeffattoonni amanamoo taʼan walʼaansoo gochaa jiru. Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni Ibroota taʼan Yihowaa duratti fudhatama argachuu fi eebba isaa argachuuf, ‘rakkina guddaadhaan qabsoo cimaa keessa jabaatanii akka dhaabatan’ isaaniif barreesseera. (Ibr. 10:32-34) Phaawulos qabsoo Kiristiyaanonni godhan, walʼaansoo atleetonni Giriik keessatti dorgommii fiigichaa, walʼaansoo fi buunyaa irratti yommuu hirmaatan godhanii wajjin wal bira qabee ibseera. (Ibr. 12:1, 4) Yeroo ammaatti, dorgommii fiigichaa jireenyaa irra kan jirru siʼa taʼu, mormitoonni yaanni keenya akka hihhiramu gochuu, nu kuffisuu, gad nu qabuu, akkasumas gammachuu keenyaa fi badhaasa gara fuulduraatti argannu nu jalaa butuu barbaadan nu mudatu.

2 Tokkoffaa, Seexanaa fi addunyaa isaa isa hamaa wajjin qabsoo (ykn “walʼaansoo,” miiljalee) cimaa goona. (Efe. 6:12) Wantoota “daʼoo jajjabaa” addunyaa taʼaniin akka hin mancaaneef of eeggachuun baayʼee barbaachisaa dha. Kunis barumsa amantii, falaasamaa fi gochawwan nama miidhan, kan akka halalummaa raawwachuu, tamboo xuuxuu, dhugaatii gara malee dhuguu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu kan dabalatu dha. Akkasumas dadhabina foonii keenyaa fi miira abdii kutachuu wajjin walʼaansoo wal irraa hin cinne gochuu qabna.—2 Qor. 10:3-6; Qol. 3:5-9.

3. Waaqayyo dinoota keenya akka lolluuf kan nu leenjisu akkamitti?

3 Mormitoota humna guddaa qaban akkasii moʼuun dhuguma ni dandaʼamaa? Eeyyee ni dandaʼama; garuu qabsoo gochuu gaafata. Phaawulos dorgomaa buunyaa bara duriitti ture akka fakkeenyaatti caqasuudhaan, “Ani akkasumaan qilleensa rukutuuf hin abootu” jechuudhaan waaʼee ofii isaa dubbateera. (1 Qor. 9:26) Akkuma dorgomaan buunyaa mormituu isaa of irraa ittisu, nutis diinota keenya of irraa faccisuu qabna. Yihowaan lola keenya irratti nu leenjisa, akkasumas nu gargaara. Dubbii isaatti fayyadamee qajeelfamawwan lubbuu keenya nuuf oolchan nuu kenna. Kana malees barreeffamoota keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, walgaʼii gumii fi walgaʼii guguddaatti fayyadamee nu gargaara. Wanta barattu hojii irra oolchaa jirtaa? Akkana gochaa hin jirtu taanaan, akkuma nama “qilleensa rukutuu” diina kee guutummaatti mormaa hin jirtu jechuu dha.

4. Hamaadhaan moʼamuu irraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?

4 Diinonni keenya yeroo nuti hin eegnetti, akkasumas yeroo nuti baayʼee dadhabnutti nu miidhuu waan dandaʼaniif, yeroo hunda dammaqoo taanee jiraachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun, “Hamaa gaariidhaan moʼuu kee itti fufi malee, hamaadhaan hin moʼamin” jechuudhaan nu akeekkachiisa. (Rom. 12:21) Gorsi “hamaadhaan hin moʼamin” jedhu hamaa moʼuu akka dandeenyu kan argisiisu dha. Hamaa loluu keenya yoo itti fufne akkas gochuu ni dandeenya. Faallaa kanaatiin, yoo of eeggachuu baannee fi loluu yoo dhiisne, Seexana, addunyaa isaa isa hamaa fi foon keenya isa mudaa qabuun moʼamuu dandeenya. Seexanni sodaattanii harka akka kennitan akka isin godhu matumaa hin heyyaminaa!—1 Phe. 5:9.

5. (a) Qabsoo eebba Waaqayyoo argachuuf goonu itti fufuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (b) Waaʼee namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kamii ilaalla?

5 Gama kanaan milkaaʼina argachuuf warri walʼaansoo gochaa jiran sababii itti kana godhan dagachuu hin qaban. Waaqayyo duratti fudhatama argachuu fi eebba isaa argachuuf, abdii Ibroota 11:6 irra jiru irratti xiyyeeffachuu qabu: “Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddataniif gatii isaanii akka kennu amanuu qaba.” Yaanni afaan Giriikii ‘cimsanii isa barbaaduu’ jedhamee hiikame carraaqqii cimaa gochuu kan argisiisu dha. (HoE. 15:17) Kitaabni Qulqulluun seenaa dhiirotaa fi dubartoota eebba Yihowaa argachuuf carraaqqii cimaa gochuudhaan fakkeenya gaarii taʼanii qabateera. Yaaqoob, Raahel, Yoseefii fi Phaawulos rakkoowwan miira isaanis taʼe qaama isaanii dadhabsiisan kan isaan mudatan taʼus, jabaatanii dhaabachuu isaaniitiin eebba hedduu argataniiru. Namoota walʼaansoo gochuu irratti fakkeenya gaarii taʼan kana arfan hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

JABAATANII DHAABBACHUUN EEBBA ARGAMSIISA

6. Yaaqoob jabaatee akka dhaabbatu kan isa gargaare maali dha? Badhaasa akkamii argate? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Yaaqoob inni abbaa Israaʼelootaa ture Yihowaa waan jaallatuuf, wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa waan qabuu fi abdii Yihowaan sanyii isaa akka eebbisu kenne irratti amantii guutuu waan qabuuf qabsoo godheera; akkasumas jabaatee dhaabateera. (Uma. 28:3, 4) Kun Yaaqoob yommuu umuriin isaa gara waggaa 100⁠tti dhihaatee turetti eebba Waaqayyoo argachuuf wanta humni isaa dandaʼu hunda maaliif akka godhe nu hubachiisa; maleekaa foon uffatee wajjin illee walʼaansoo godhee ture. (Uumama 32:24-28 dubbisi.) Yaaqoob humna maleekaa wajjin walʼaansoo gochuuf isa dandeessisu kan argate ofuma isaatiin turee? Akkas akka hin taane beekamaa dha! Qabsaaʼaa gara kuteessa waan tureefi dha; akkasumas walʼaansoo sana irraa akka hin baqanne argisiiseera! Jabaatee dhaabachuu isaatiinis eebba argateera. Maqaan Israaʼel jedhu isaaf moggaafamuun isaas kan isaaf malu dha; (hiikni isaas “Waaqayyoo Wajjin Walʼaansoo kan Godhu [Jabaatee kan Dhaabbatu]” ykn “Waaqayyo Walʼaansoo Godha” jechuu dha.) Yaaqoob badhaasa nutis argachuu barbaannu, jechuunis Yihowaa duratti fudhatama argachuu fi eebba argachuu dandaʼeera.

7. (a) Raahel wanta nama dhiphisu akkamiitu ishii irra gaʼe? (b) Walʼaansoo gochuu ishii kan itti fuftee fi yeroo booda eebba kan argatte akkamitti?

7 Raahel haati manaa Yaaqoob ishiin jaallatamtuun, Yihowaan abdii abbaa manaa ishiitiif kenne akkamitti akka raawwatu arguuf hawwii guddaa qabdi turte. Haa taʼu malee, gufuun furmaata hin qabne fakkaatu jira ture. Ishiin ijoollee hin qabdu. Bara sanatti immoo haalli kun akka rakkina guddaatti ilaalama ture. Raahel jabina miiraa fi qaamaa haala abdii nama kutachiisuu fi toʼannaa ishiitii ala taʼe kanaa wajjin qabsoo gochuu ishii itti fufuuf ishii gargaaru kan argatte akkamitti? Ishiin matumaa abdii hin kutanne. Kanaa mannaa, caalaatti cimsitee kadhachuudhaan walʼaansoo gochuu ishii itti fufteetti. Yihowaan waawwannaa Raahel garaadhaa dhiheessite dhagaʼeera; yeroo boodas ijoollee ishiidhaaf kennuudhaan ishii eebbiseera. Raahel yeroo tokko injifannoodhaan, ‘Ani jabeessee walʼaansoo qabee harka nan caale [ykn nan moʼe]’ jechuun ishii kan nama dinqisiisu miti!—Uma. 30:8, 20-24.

8. Yoseef rakkina yeroo dheeraadhaaf turee fi ulfaataa taʼe akkamiitu isa mudate? Tarkaanfiin inni fudhate fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu akkamitti?

8 Yaaqoobii fi Raahel fakkeenya gaarii taʼuun isaanii, ilmi isaanii Yoseef qorumsi amantii yeroo isa mudatetti tarkaanfii inni fudhate irratti dhiibbaa guddaa akka geessise hin shakkisiisu. Yoseef yommuu umuriin isaa waggaa 17 taʼetti, rakkina guddaatu isa mudate. Obbolaan isaa isatti hinaafanii garbummaatti isa gurguran. Yeroo booda immoo Gibxii keessatti balleessaa malee mana hidhaa galeera. (Uma. 37:23-28; 39:7-9, 20-21) Yoseef yeroo kanatti abdii hin kutanne; aariidhaan kakaʼee haaloo baʼuus hin barbaanne. Kanaa mannaa, yaadi isaa fi garaan isaa hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabu irratti akka xiyyeeffatu godheera. (Lew. 19:18; Rom. 12:17-21) Fakkeenyi Yoseef nu gargaara. Fakkeenyaaf, jireenyi ijoollummaa keenyaa rakkisaa kan ture taʼus ykn haalli amma keessa jiru kan abdii nama kutachiisu fakkaatus, walʼaansoo gochuu fi jabaannee dhaabachuu keenya itti fufuu nu barbaachisa. Yoo akkas goone Yihowaan akka nu eebbisu amantii qabaachuu dandeenya.—Uumama 39:21-23 dubbisi.

9. Fakkeenya Yaaqoob, Raahelii fi Yoseef hordofuudhaan eebba Yihowaa argachuuf carraaqqii akkamii gochuu qabna?

9 Haalawwan isin mudachaa jiranii fi qorumsa isinitti taʼuu dandaʼan yaadaa. Tarii haqni isinitti jalʼatee, halaalatti jibbamtanii ykn isinitti gaʼisamee taʼuu dandaʼa. Yookiin namni tokko hinaaffaadhaan kakaʼee sobaan isin himatee taʼuu dandaʼa. Moʼamtanii harka kennuu mannaa, wanta Yaaqoob, Raahelii fi Yoseef gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaare yaadadhaa. Wantoota hafuuraatiif dinqisiifannaa guddaa akka qaban argisiisuu isaanii waan itti fufaniif Waaqayyo isaan cimseera; akkasumas isaan eebbiseera. Walʼaansoo gochuu isaanii fi kadhannaa garaadhaa dhiheessanii wajjin haala wal simuun jiraachuu isaanii itti fufaniiru. Xumura sirna haamaa kanaa keessa jiraachaa waan jirruuf, abdii amansiisaa fuuldura keenya jiru jabeessinee qabachuu qabna! Yihowaa duratti fudhatama argachuuf carraaqqii cimaa gochuuf, jechuunis walʼaansoo gochuuf fedhii qabduu?

WALʼAANSOO GOCHUUDHAAN EEBBA ARGACHUUF FEDHII QABAADHAA

10, 11. (a) Eebba Waaqayyoo argachuuf walʼaansoo gochuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Wanti filannoo sirrii gochuuf, akkasumas wantoota abdii akka kutannuu fi yaanni keenya akka hihhiramu godhanii wajjin qabsoo goonu moʼuuf nu dandeessisu maali dha?

10 Haalawwan eebba Yihowaa argachuun walʼaansoo kan gaafatu akka taʼu godhan tokko tokko maal faʼi? Haalli namoota hedduu mudatu inni tokko dadhabina foonii moʼuuf qabsoo gochuu dha. Tokko tokko immoo tajaajilaaf ilaalcha sirrii qabaatanii itti fufuuf carraaqqii cimaa gochuu isaan barbaachiseera. Tarii ati immoo dhibee fayyaa kan qabdu ykn kophummaan kan sitti dhagaʼamu taatu illee jabaattee dhaabbachuun si barbaachisa taʼa. Qabsoo namoonni tokko tokko nama isaan mufachiiseef ykn cubbuu isaan irratti hojjeteef dhiifama gochuuf godhanis akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Yihowaa kan tajaajille yeroo dheeraa hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, hundi keenya wantoota Waaqa isa warra amanamoo badhaasu akka hin tajaajille nu dhowwuu dandaʼanii wajjin qabsoo gochuu qabna.

Eebba Waaqayyoo argachuuf walʼaansoo gochaa jirtaa? (Keeyyata 10, 11 ilaali)

11 Dhugaa dubbachuuf, filannoo sirrii gochuunii fi jireenya Kiristiyaanaa hordofuun qabsoo cimaa gaafata. Keessumaa garaan keenya inni jalʼaan karaa isa sirrii hin taane irra akka deemnu dhiibbaa kan nu irratti godhu yoo taʼe kun dhugaa taʼuu dandaʼa. (Er. 17:9) Karaa taʼe tokkoon hamma tokko dadhabina akka qabdan yoo hubattan, hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhaa. Kadhannaanii fi hafuurri qulqulluun, karaa sirrii akka taʼe beektanii fi Yihowaan eebbisu akka hordoftaniif humna isiniif kennuu dandaʼa. Tarkaanfii kadhannaa keessanii wajjin wal simu fudhadhaa. Guyyaa guyyaadhaan kutaa Kitaaba Qulqulluu muraasa dubbisuuf yaalaa; qoʼannaa dhuunfaa fi Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe gochuuf sagantaa baafadhaa.—Faarfannaa 119:32 dubbisi.

12, 13. Kiristiyaanonni lama fedhii dogoggoraa isaanii toʼachuuf gargaarsa kan argatan akkamitti?

12 Dubbiin Waaqayyoo, hafuurri qulqulluu fi barreeffamoonni keenya Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan, fedhii dogoggoraa akka moʼan Kiristiyaanota akka gargaaran fakkeenyonni argisiisan hedduu dha. Dargageessi umurii kurnanii keessa jiru mata duree, “Fedhii Dogoggoraa Damdamachuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhuu fi Dammaqaa! Amajjii 2004 (Amaariffa) irratti baʼe dubbise. Dhiibbaa akkamii isa irratti geessise ree? Akkana jedheera: “Yaadawwan sirrii hin taane toʼachuuf qabsoo gochaan jira. Mata duree sana keessatti yaada ‘qabsoon namoonni hedduun fedhii dogoggoraa wajjin godhan baayʼee cimaa dha’ jedhu yommuun dubbisu, kutaa waldaa obbolummaa akkan taʼe akka natti dhagaʼamu godhe. Miirri akkasii kan itti dhagaʼamu ana qofa akka hin taanen hubadhe.” Dargaggeessi kun mata duree, “Saalaa Wajjin Haala Wal Qabateen Jireenya Barbaadan Jiraachuun Waaqayyo Duratti Fudhatama Qabaa?” jedhuu fi Dammaqaa! Sadaasa 2003 (Amaariffa) irratti baʼe irraas faayidaa argateera. Barreeffama kana irratti warra tokko tokkoof qabsoon kun ‘qoree foon isaanii waraanu’ akka taʼe ibsamuu isaa hubate. (2 Qor. 12:7) Amala qajeelaa qabaatanii jiraachuuf qabsoo wal irraa hin cinne utuma godhanii, yeroo gara fuulduraa ilaalchisee ilaalcha gaarii qabaachuu dandaʼu. Dargaggeessi kun akkana jedheera: “Kanaan kan kaʼes, guyyaan tokko darbee guyyaan kan biraan yommuu dhufu amanamaa taʼee jiraachuu akkan dandaʼun yaada. Yihowaan jaarmiyaa isaatti fayyadamee sirna hamaa kana guyyaa guyyaatti damdamannee akka jiraannu waan nu gargaaruuf guddaan galateeffadha.”

13 Muuxannoo obboleettii Yuunaayitid Isteetis jiraattu tokkoos haa ilaallu. Akkana jettee barreessiteetti: “Yeroo hunda wanta nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti waan nuuf dhiheessitaniif isin galateeffachuun barbaada. Yeroo baayʼee mata dureewwan kunneen anumaaf akka barreeffaman natti dhagaʼama. Waggoota hedduudhaaf, wanta Yihowaan jibbuuf fedhiin qabuu wajjin qabsoo gochaan jira. Al tokko tokko, harka kennuu fi loluu koo dhaabuun barbaada. Yihowaan gara laafessaa fi dhiifama kan godhu taʼuu isaa beekus, fedhii dogoggoraa akkasii waanan qabuu fi keessa kootti fedhii sana waanan hin jibbineef gargaarsa isaa argachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama. Qabsoon wal irraa hin cinne kun kallattii jireenyaa koo hunda irratti dhiibbaa geessiseera. . . . Mata duree ‘“Garaa Ittiin” Yihowaa “Beektan” Qabaadhaa’ jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15, 2013 irra jiru ergan dubbisee booda, Yihowaan dhugumaan na gargaaruu akka barbaadu natti dhagaʼame.”

14. (a) Phaawulos qabsoo gochaa ture ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼame? (b) Dadhabina foonii keenyaa wajjin qabsoo goonu irratti milkaaʼina argachuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Roomaa 7:21-25 dubbisi. Phaawulos fedhii fi dadhabina foon keenya isa mudaa qabuu wajjin qabsoo gochuun hangam ulfaataa taʼuu akka dandaʼu muuxannoo isaa irraa hubatee ture. Haa taʼu malee, kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu fi aarsaa furii Yesuusitti amanuudhaan, qabsoo keessa isaa jiru moʼuu akka dandaʼu mirkanaaʼaa ture. Waaʼee keenya hoo maal jechuutu dandaʼama? Dadhabina foonii keenyaa wajjin qabsoo goonu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Akkamitti? Akkuma Phaawulos jabina keenya irratti utuu hin taʼin guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan, akkasumas furicha irratti amantii qabaachuudhaani.

15. Kadhannaan amanamoo taanee jiraachuu fi qorumsa damdamachuuf nu gargaara kan jennu maaliifi?

15 Waaqayyo yeroo tokko tokko dhimmi tokko hangam akka nu yaaddessu akka argisiisnu ni barbaada taʼa. Fakkeenyaaf, nuti (ykn miseensi maatii keenyaa tokko) dhukkuba cimaadhaan yoo qabamne ykn jalʼinni haqaa yoo nu irratti raawwatame hoo? Yihowaan, humna amanamoo taanee akka jiraannu, gammachuu keenya akka hin dhabnee fi madaallii hafuuraa keenya eegnee itti fufuuf nu gargaaru akka nuu kennuuf waawwannaa dhiheessuudhaan guutummaatti akka isatti amanamnu argisiisna. (Filp. 4:13) Bara Phaawulosittis taʼe bara keenyatti muuxannoon namoota hedduu, kadhannaan humna keenya haareeffachuu fi amanannaa jabaannee dhaabachuu keenya itti fufuuf nu dandeessisu qabaachuuf kan nu gargaaru taʼuu isaa mirkaneessa.

EEBBA YIHOWAA ARGACHUUF WALʼAANSOO GOCHUU KEESSAN ITTI FUFAA

16, 17. Akka nama walʼaansoo qabu tokkootti murtoon kee maali dha?

16 Diyaabilos yommuu abdii kutattanii fi moʼamtanii harka kennitan arguu barbaada. Kanaaf, ‘wanta gaarii taʼe jabeessitanii qabachuuf’ murteessaa. (1 Tas. 5:21) Walʼaansoo Seexana, addunyaa isaa isa hamaa fi fedhii gadhee kam iyyuu wajjin gootan moʼuu akka dandeessan mirkanaaʼoo taʼaa. Waaqayyo isin jabeessuuf dandeettii akka qabu guutummaatti amanuudhaan akkana gochuu dandeessu.—2 Qor. 4:7-9; Gal. 6:9.

17 Kanaaf yoom iyyuu loluu keessan itti fufaa. Qabsoo gochuu keessan itti fufaa. Walʼaansoo gochuu keessan itti fufaa. Jabaattanii dhaabachuu keessan itti fufaa. Yihowaan ‘eebba danuu isin irratti akka dhangalaasu’ amanannaa guutuu qabaadhaa.—Mil. 3:10.