Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Harki Keessan Lawwaassaʼee kan Gad Rarraʼu hin Taʼin!’

‘Harki Keessan Lawwaassaʼee kan Gad Rarraʼu hin Taʼin!’

Harki keessan lawwaassaʼee kan gad rarraʼu hin taʼin!’—SEF. 3:16.

FAARFANNAA: 54, 32

1, 2. (a) Yeroo ammaatti namoonni hedduun rakkoowwan akkamiitu isaan irra gaʼa? Kun hoo dhiibbaa akkamii isaan irraan gaʼa? (b) Isaayaas 41:10, 13 abdii mirkanaaʼaa akkamii qabateera?

OBBOLEETTIIN qajeelchaa yeroo hundaa taatee fi abbaan manaa ishii jaarsa gumii taʼe tokko akkana jetteetti: “Barsiifata hafuuraa gaarii kanan qabu taʼus, waggoota hedduudhaaf dhiphinaa wajjin qabsoo gochaan jira. Hirriba na dhowwa, fayyaa koo huba, akkaataan namoota itti qabu irratti dhiibbaa ni geessisa, akkasumas al tokko tokko abdii akkan kutadhuu fi namoota irraa akkan adda of baasu na godha.”

2 Miira obboleettii kanaa hubachuu ni dandeessuu? Kan nama gaddisiisu, addunyaa Seexanaa isa hamaa keessa jiraachuun dhiibbaa guddaa kan nama irraan gaʼu siʼa taʼu, kun immoo namni tokko akka dhiphatuu fi humna akka dhabu godha. Haalli kun qofoo sibiilaa bidiruun gara fuulduraatti akka hin adeemne dhowwuu wajjin wal fakkaata. (Fak. 12:25) Akkas akka sitti dhagaʼamu kan godhu maal taʼuu dandaʼa? Gadda nama jaallattu duʼaan dhabuu keetiin si irra gaʼe damdamachuuf yaalaa, dhukkuba cimaa wajjin qabsoo gochaa, yeroo haalli dinagdee rakkisaa taʼe kanatti wanta maatii keetiif barbaachisu guutuuf dhamaʼaa jirta ykn mormiin si irra gaʼaa jira taʼa. Dhiphinni wantoonni kun si irraan gaʼan oolee bulee humna si dhabsiisuu dandaʼa. Darbees gammachuu si dhabsiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Waaqayyo si gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Isaayaas 41:10, 13 dubbisi.

3, 4. (a) Jechi ‘harka’ jedhu Kitaaba Qulqulluu keessatti kan itti hojjetame akkamitti? (b) Wanti harki keenya lawwaasaʼee akka gad rarraʼu godhu maal taʼuu dandaʼa?

3 Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee amalaa fi gocha adda addaa argisiisuuf kutaalee qaama namootaatti ni fayyadama. Fakkeenyaaf, harki siʼa dhibbaan lakkaaʼamu caqasameera. Harka ofii jabeessuun, jajjabaachuu, cimuu fi hojii tokko hojjechuuf humna argachuu argisiisuu dandaʼa. (1 Sam. 23:16, hiika bara 1899; Iz. 1:6, hiika bara 1899) Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee ilaalcha gaarii fi abdii qabaachuu argisiisuus ni dandaʼa.

4 Harki lawwaasaʼee gad rarraʼu ykn harki laafe, iddoo tokko tokkotti nama abdii kutate ykn gadde argisiisuuf fakkeenyaan itti hojjetameera. (2 Sen. 15:7, hiika bara 1899; Ibr. 12:12) Namni haala akkasii keessa jiru abdii akka kutatu beekamaa dha. Haalli isin dhiphisu ykn karaa qaamaa, miiraa fi karaa hafuuraa akka laaftan godhu yoo isin mudate jabina isin barbaachisu argachuu kan dandeessan eessaa ti? Kakaʼumsaa fi cimina jabaattanii dhaabachuu fi gammachuu qabaachuuf isin gargaaru argachuu kan dandeessan akkamitti?

“HARKI WAAQAYYOO GABAABBATEE ISIN FAYYISUU HIN DADHABNE”

5. (a) Yommuu rakkinni uumamutti maal goona taʼa? Taʼus maal of yaadachiisuu qabna? (b) Mata duree kana keessatti maal irratti mariʼanna?

5 Sefaaniyaa 3:16, 17 dubbisi. Sodaachuu fi abdii kutachuudhaan harki keenya lawwaasaʼee akka gad rarraʼu gochuu mannaa, Yihowaan Abbaa keenya inni nuuf yaadu, ‘yaaddoo keenya hundumaa isa irratti akka gatnu’ nu afeereera. (1 Phe. 5:7) Wanta Waaqayyo, ‘harki isaa gabaabbatee’ tajaajiltoota isaa amanamoo ‘fayyisuu akka hin dadhabne’ Israaʼelootatti hime yaadachuu qabna. (Isa. 59:1) Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu Yihowaan tajaajiltoonni isaa rakkinni humnaa ol fakkaatu yeroo isaan mudatutti fedha isaa akka raawwatan gargaaruuf fedhii fi humna akka qabu argisiisan sadii irratti mariʼanna. Fakkeenyonni kunneen isin cimsuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼes ni ilaalla.

6, 7. Injifannoo Israaʼeloonni Amaaleqoota irratti argatan irraa barumsa guddaa akkamii arganna?

6 Israaʼelonni dinqiidhaan garbummaa Gibxii jalaa baʼanii utuu baayʼee hin turin, Amaaleqoonni waraana isaan irratti banan. Iyaasuu inni ija jabeessi qajeelfama Musee hordofee Israaʼelota gara waraanaatti geesse. Kana gidduutti, Museen Aaronii fi Huuriin fudhatee gaara achitti dhihoo jiruu fi dirree waraanaa sana irraa arguu dandaʼutti ol baʼe. Namoonni kun sadan waraana sana sodaatanii baqachaa jiruu? Matumaa!

7 Museen karoora milkaaʼina isaaniitiif murteessaa taʼe hojii irra oolche. Harka isaa fi ulee Waaqa isa dhugaa gara samiitti ol qabe. Museen yommuu akkas godhu hundatti Yihowaan Israaʼeloonni Amaaleqoota akka moʼan godha ture. Haa taʼu malee, yommuu Museen harki isaa itti ulfaatee gad deebisuu jalqabu Amaaleqoonni ni moʼu turan. Aaronii fi Huur tarkaanfii murteessaa fudhachuudhaan, “dhagaa fidanii achi keenyaaniif, inni irra taaʼe; Aaronii fi Huur immoo, inni tokko garanaan, inni kaan immoo garasiin goranii, hamma aduun lixutti harki isaa akka gad hin deebineef ol qabaniif.” Eeyyee, harki Waaqayyoo inni humna qabeessi Israaʼeloonni waraana sana akka moʼan gargaare.—Bau. 17:8-13.

8. (a) Yeroo warri Itoophiyaa Yihudaa doorsisanitti Aasaan maal godhe? (b) Waaqayyotti amanamuu ilaalchisee fakkeenya Aasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Yihowaan bara Aasaa Mootichaattis harki isaa gabaabaa akka hin taane argisiiseera. Kitaaba Qulqulluu keessatti waraanni godhame hedduun caqasameera. Taʼus raayyaan waraanaa lakkoofsaan hunda caalu kan Zeraa isa nama Itoophiyaa turee ti. Inni loltoota muuxannoo qaban 1,000,000 qaba ture. Loltoonni Itoophiyaa loltoota Aasaa dachaadhaan caalu turan. Yeroo kanatti Aasaan salphaadhumatti dhiphachuu fi sodaachuu, akkasumas moʼamee harki isaa lawwaasaʼee gad rarraʼuu akka dandaʼu yaaddu taʼa. Haa taʼu malee, Aasaan gargaarsa argachuuf yeruma sana gara Yihowaatti garagale. Akka ilaalcha namaatti loltoota Itoophiyaa moʼuun kan hin dandaʼamne fakkaatus, “Waaqayyoof garuu wanti hundi ni dandaʼama.” (Mat. 19:26) Waaqayyo humna isaa isa guddaa mulʼisuudhaan, Aasaa isa “bara jireenya isaa hundumaa garaa isaa guutuu Waaqayyoof of kenne” ‘duratti warra Itoophiyaa in rukute.’—2 Sen. 14:8-13; 1 Mot. 15:14.

9. (a) Nahimiyaan rakkoon dallaa Yerusaalem deebisee akka hin ijaarre isa dhowwuu dandaʼu akkamii isa mudatee ture? (b) Waaqayyo kadhannaa Nahimiyaatiif deebii akkamii kenne?

9 Nahimiyaan yommuu gara Yerusaalem deemetti wanta isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu yaadaa. Magaalattiin waan tokko illee of irraa ittisuu hin dandeessu; Yihudoonni kaanis garmalee abdii kutataniiru. Doorsisni diinotaa Yihudoonni harki isaanii laafee, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu akka dhaaban godheera. Nahimiyaan hoo haalli kun abdii isa kutachiisee harka isaa akka laaffisu heyyameeraa? Lakki! Akkuma Musee, Aasaa fi tajaajiltoota amanamoo Yihowaa kaanii, Nahimiyaanis barsiifata kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qaba ture. Yeroo kanattis akkasuma godhe. Yihudoonni rakkinni isaan mudate humnaa ol isaanitti fakkaatus, Yihowaan kadhannaa Nahimiyaan gargaarsa argachuuf garaadhaa dhiheesseef deebii kenneera. Waaqayyo harka Yihudootaa isa laafe jabeessuuf ‘humna isaa isa guddaa fi irree isaa isa cimaatti’ fayyadameera. (Nahimiyaa 1:10; 2:17-20; 6:9 dubbisi.) Yihowaan yeroo ammaatti tajaajiltoota isaa jabeessuuf, ‘humna isaa isa guddaa fi irree isaa isa cimaatti’ akka fayyadamu ni amantuu?

YIHOWAAN HARKA KEESSAN NI JABEESSA

10, 11. (a) Seexanni harki keenya akka laafu gochuuf kan yaalu akkamitti? (b) Yihowaan nu jabeessuu fi humna nuuf kennuuf maalitti fayyadama? (c) Barumsaa fi leenjii tiʼookraasii irraa faayidaa akkamii argattaniittu?

10 Diyaabilos sochii Kiristiyaanaa keenya akka dhaabnu gochuuf carraaqqii godhu irratti matumaa harka isaa akka hin laaffisne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Sobaa fi doorsisa mootummootaa, gaggeessitoota amantii fi gantootaatti fayyadama. Kaayyoon isaa maali dha? Harka keenya laaffisee hojii misiraachoo Mootummichaa lallabuu akka hin hojjenne gochuu dha. Haa taʼu malee, Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee nu jabeessuuf dandeettiis taʼe fedha qaba. (1 Sen. 29:12) Rakkina Seexannii fi sirni isaa inni hamaan nu irraan geessisan kam iyyuu damdamachuuf, hafuura qulqulluutti amanamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. (Far. 18:39; 1 Qor. 10:13) Kana malees, Dubbii Waaqayyoo isa hafuura qulqulluudhaan barreeffame waan qabnuuf guddaa galateeffanna. Nyaata hafuuraa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi jiʼa jiʼaan argannus yaadaa. Yaanni Zakaariyaas 8:9, 13 (dubbisi) irra jiru yommuu Yerusaalem deebitee ijaaramaa turtetti kan dubbatame taʼus, nuufis akka gaariitti hojjeta.

11 Kana malees, barumsi Waaqayyo biraa argamuu fi walgaʼiiwwan gumii, walgaʼiiwwan guguddaa fi manneen barumsaa tiʼookraasii irratti barannus caalaatti nu jabeesseera. Leenjiin kun kakaʼumsa sirrii akka qabaannu, galmawwan hafuuraa akka baafannuu fi itti gaafatamummaa hedduu Kiristiyaanota taʼuu keenyaan qabnu raawwachuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Far. 119:32) Barumsa akkasii irraa jabina argachuuf carraaqqii cimaa ni gootuu?

12. Karaa hafuuraa cimoo taanee jiraachuuf maal gochuu qabna?

12 Yihowaan Israaʼeloonni Amaaleqoota fi warra Itoophiyaa akka moʼan gargaareera; akkasumas Nahimiyaa fi namoota isaa wajjin turaniif humna dallicha deebisanii ijaaruuf gargaaru kenneera. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo hojii lallabaa raawwachuu akka dandeenyuuf jabina mormii, dantaa dhabummaa fi dhiphina damdamachuuf nu dandeessisu nuuf kenna. (1 Phe. 5:10) Yihowaan nuuf jedhee dinqii akka raawwatu hin eegnu. Kanaa mannaa, gaʼee keenya raawwachuu qabna. Kun immoo Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, walgaʼiiwwan torbaniitiif qophaaʼuu fi irratti argamuu, qoʼannaa dhuunfaa fi qoʼannaa maatiitiin sammuu keenyaa fi garaa keenya sooruu, akkasumas yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu dabalata. Barsiifannii fi hojiin kam iyyuu, karaawwan Yihowaan nu cimsuu fi nu jajjabeessuuf itti gargaaramu irraa akka hin fayyadamne akka nu godhu matumaa heyyamuu hin qabnu. Wantoota kana keessaa isa tokko irratti harki keessan lawwaasaʼee akka gad rarraʼe yoo isinitti dhagaʼame Waaqayyoon gargaarsa gaafadhaa. Achiis hafuurri isaa ‘fedha akka qabaattanii fi hojiidhaaf akka kakaataniif akkamitti akka humna isiniif kennu’ hubadhaa. (Filp. 2:13) Haa taʼu malee harka warra kaanii jabeessuuf maal gochuu dandeessu?

HARKA LAAFE JABEESSAA

13, 14. (a) Obboleessi tokko erga haati manaa isaa duutee booda jajjabina kan argate akkamitti? (b) Warra kaan jajjabeessu kan dandeenyu karaawwan kamiini?

13 Yihowaan waldaa obbolummaa addunyaa maraa waaqeffattoota nuuf yaadanii fi nu jajjabeessuu dandaʼan qabate nuu kenneera. Phaawulos ergamaan, “Harka laafee fi jilba dadhabe hunda jabeessaa . . . miilla keessaniif daandii qajeelaa qopheeffachuu keessan itti fufaa” jedhee akka barreesse yaadadhaa. (Ibr. 12:12, 13) Namoonni jaarraa jalqabaatti turan hedduun jajjabina hafuuraa akkasii argatanii turan. Yeroo harʼaattis haalli isaa akkasuma. Obboleessi haadha manaa isaa duʼaan dhabee fi wantoonni nama gaddisiisan kan biraan isa mudatan akkana jedheera: “Qorumsa nu irra gaʼu, yeroo itti nu irra gaʼu ykn baayʼina isaa filachuu akka hin dandeenye baradheera. Kadhannaanii fi qoʼannaan dhuunfaa uffata bishaaniin akka hin liqimfamne nu eeguu wajjin wal fakkaata. Akkasumas deggersi obboloonni koo hafuuraa anaaf godhan baayʼee na jajjabeesseera. Haalli rakkisaan uumamuu isaa dura, Yihowaa wajjin dhuunfaatti hariiroo cimaa qabaachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubachuu dandaʼeera.”

Miseensoonni gumii hundi warra kaaniif madda jajjabinaa taʼuu dandaʼu (Keeyyata 14 ilaali)

14 Aaronii fi Huur yommuu waraanni gaggeeffametti harka Musee ol qabanii turan. Nutis, karaa warra kaan deggeruu fi gargaaruu itti dandeenyu barbaaduu qabna. Eenyufaa gargaaruu dandeenya? Warra dullumaa wajjin qabsoo godhan, haalli fayyaa isaanii isaan daangesse, maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼu, warra kophummaan isaanitti dhagaʼamu ykn nama jaallatan duʼaan dhaban gargaaruu dandeenya. Kana malees, dargaggoota gochawwan dogoggoraa irratti akka hirmaatan ykn sirna kana keessatti gama barumsaa, qarshii, hojii fi kan kana fakkaataniin wanta akka milkaaʼinaatti ilaalamu akka argatan dhibbaan isaan irra gaʼu jajjabeessuu dandeenya. (1 Tas. 3:1-3; 5:11, 14) Galma Mootummaa keessatti, tajaajila irratti, yommuu nyaata waliin nyaattan ykn bilbilaan yommuu haasoftan, karaawwan namootaaf garaadhaa akka yaaddan itti argisiistan argachuuf carraaqaa.

15. Jechoonni gaariin obboloota keenya irratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼu?

15 Injifannoo Aasaa isa dinqisiisaa booda, Azaariyaa raajichi Aasaa fi saba isaa yommuu jajjabeessu, “Isin garuu gatii dadhabbii keessanii waan argattaniif, jabaadhaa, [“harki keessan hin laafin,” hiika bara 1899]!” jedheera. (2 Sen. 15:7) Kun Aasaan waaqeffannaa dhugaa iddootti deebisuuf jijjiirama hedduu akka godhu isa kakaaseera. Haaluma wal fakkaatuun, jechoonni gaariin isin dubbattan warra kaan irratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼu. Karaa kanaan caalaatti guutummaatti Yihowaa akka tajaajilan isaan gargaaruu dandeessu. (Fak. 15:23) Walgaʼiiwwan irratti harka baasuudhaan yaada nama jajjabeessu yommuu kennitan, dhiibbaa guddaa warra kaan irratti geessisuu dandeessan matumaa akka laayyootti hin ilaalinaa.

16. Akkuma Nahimiyaa, jaarsoliin harka obboloota gumii keessa jiranii jabeessuu kan dandaʼan akkamitti? Obboloonni dhuunfaatti akkamitti akka isin gargaaran dubbadhaa.

16 Gargaarsa Yihowaatiin, Nahimiyaa fi namoonni isaa wajjin turan hojiidhaaf harka isaanii jabeeffachuu dandaʼaniiru. Sana booda, guyyaa 52 tti dallaa Yerusaalem ijaaranii xumuran! (Nah. 2:18, hiika bara 1899; 6:15, 16) Nahimiyaan hojicha ol aantummaadhaan gaggeessuu qofa utuu hin taʼin, dallaa Yerusaalem deebisanii ijaaruu irratti hirmaateera. (Nah. 5:16) Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliin jaalala qabeeyyii taʼan hedduun ijaarsawwan tiʼookraasii ykn Galma Mootummaa isaanii qulqulleessuu fi suphuu irratti hirmaachuudhaan fakkeenya Nahimiyaa hordofuu dandaʼaniiru. Kana malees, babalʼistootaa wajjin tajaajiluu fi hojii tikaa hojjechuudhaan, warra garaa sodaataa qabanii fi harki isaanii laafe ni jabeessu.—Isaayaas 35:3, 4 dubbisi.

‘HARKI KEESSAN LAWWAASSAʼEE KAN GAD RARRAʼU HIN TAʼIN!’

17, 18. Yommuu rakkinni nu mudatu ykn yommuu dhiphannu waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?

17 Obboloota keenyaa wajjin harka wal qabannee tajaajiluun tokkummaa akka qabaannu godha. Kana malees michummaa cimaa akka qabaannu fi eebba Mootummaan Waaqayyoo fidu irratti amantiin qabnu akka dabalu godha. Harka warra kaanii yommuu jabeessinu haalawwan abdii nama kutachiisanii wajjin qabsoo akka godhan, akkasumas yeroo gara fuulduraa ilaalchisee ilaalcha sirrii fi abdii akka qabaatan isaan gargaarra. Kana malees, warra kaaniif akkas gochuun wantoota hafuuraa irratti akka xiyyeeffannuu fi wanti Waaqayyo gara fulduraatti nuu qopheesse dhugaa taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. Eeyyee, kun harka keenyas nuuf jabeessa.

18 Yihowaan bara durii yeroo adda addaatti tajaajiltoota isaa amanamoo akkamitti akka deggeree fi akka eege yommuu hubannu, yeroo ammaatti amantii fi amanannaan isa irratti qabnu akka cimu godha. Kanaaf yommuu dhiibbaa fi rakkinni isin irra gaʼu, ‘harki keessan lawwaassaʼee kan gad rarraʼu hin taʼin!’ Kanaa mannaa, kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuudhaan, harki isaa inni jabaan akka isin jabeessuu fi eebba Mootummichi fidutti akka isin geessu heyyamaa.—Far. 73:23, 24.