Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dubbiin Waaqayyoo jiraataa dha’

Gaaffii Dubbistootaa

Gaaffii Dubbistootaa

“Dubbiin Waaqayyoo” inni Ibroota 4:12 irratti “jiraataa fi humna qabeessa dha” jedhame maali dha?

Yaada naannoo caqasichaa jiru irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Phaawulos ergamaan waaʼee ergaa isa kaayyoo Waaqayyoo ibsuu fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu dubbachaa ture.

Ibroonni 4:12 yeroo baayʼee barreeffamoota keenya irratti Kitaabni Qulqulluun jireenya namootaa jijjiiruuf humna akka qabu argisiisuuf itti hojjetameera; haala kanaan ibsamuun isaas sirrii dha. Taʼus, yaanni Ibroota 4:12 irra jiru hiika balʼaa akka qabu hubachuun barbaachisaa dha. Phaawulos, Ibroonni Kiristiyaanota taʼan kaayyoo Waaqayyoo wajjin wal simanii jiraachuu akka qaban isaan gorsuu isaa ture. Kaayyoo Waaqayyoo kana keessaa baayʼeen isaa Kitaabota Qulqulluu keessatti ibsameera. Phaawulos Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa baʼan akka fakkeenyaatti caqaseera. Israaʼeloonni biyyattii abdachiifamte, jechuunis ‘biyya aannanii fi damma baastuu’ fi bakka boqonnaa dhugaa itti argatan sanatti akka galan abdii qabu turan.—Bau. 3:8; Kes. 12:9, 10.

Kun kaayyoo Waaqayyo saba isaatiif ibse dha. Taʼus Israaʼeloonni yeroo booda boqu jabeeyyii waan taʼanii fi amantii waan dhabaniif, baayʼeen isaanii bakka boqonnaa sanatti utuu hin galin hafaniiru. (Lak. 14:30; Iya. 14:6-10) Haa taʼu malee, Phaawulos itti fufuudhaan ‘gara boqonnaa Waaqayyootti galuuf amma iyyuu abdiin jira’ jedheera. (Ibr. 3:16-19; 4:1) Ergaan waaʼee kaayyoo Waaqayyoo ibsu kun kutaa “abdii” sanaa akka taʼe ifa dha. Akkuma Ibroonni Kiristiyaanota taʼan godhan, nutis waaʼee kaayyoo kanaa dubbisuu fi isaa wajjin wal simnee jiraachuu dandeenya. Phaawulos, abdiin kun Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa addeessuuf Uumama 2:2 fi Faarfannaa 95:11 irraa yaada muraasa caqaseera.

Yaanni ‘gara boqonnaa Waaqayyootti galuuf amma iyyuu abdiin jira’ jedhu xiyyeeffannaa keenya kan harkisu dha. Abdiin boqonnaa Waaqayyootti galuu ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame akka raawwatamu hin shakkinu; boqonnichatti galuufis tarkaanfii fudhanneerra. Kana kan goone Seera Musee eeguu ykn hojiiwwan kan biraatiin Yihowaa duratti fudhatama argachuuf carraaquudhaan miti. Kanaa mannaa, amantiidhaan kaayyoo Waaqayyoo isa ibsamee wajjin haala wal simuun jiraachaa jirra; akkana gochuu keenyas itti fufna. Kana malees, akkuma olitti ibsame namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi addunyaa maratti argaman, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi ergaa waaʼee kaayyoo Waaqayyoo ibsu beekuu dandaʼaniiru. Isaan keessaa hedduun isaanii akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiruuf, amantii argisiisuu fi cuuphamanii Kiristiyaanota taʼuuf kakaʼaniiru. Tarkaanfii namoonni kun fudhachaa jiran, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa” taʼuu isaa ifatti kan mirkaneessu dha. Kaayyoon Waaqayyoo inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame jireenya namootaa irratti jijjiirama fidaa jira, gara fuulduraattis jireenya keenya irratti jijjiirama fiduu isaa itti fufa.