Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warri, Ijoolleen Keessan Amantii Cimaa Akka Qabaatan Gargaaraa

Warri, Ijoolleen Keessan Amantii Cimaa Akka Qabaatan Gargaaraa

Dargaggoonni, durboonnis . . . maqaa Waaqayyoo haa jajatan!”—FAR. 148:12, 13.

FAARFANNAA: 41, 48

1, 2. (a) Warri, wanta ulfaataa akkamiitu isaan mudata? Milkaaʼuu kan dandaʼan hoo akkamitti? (b) Qabxiiwwan warra kam arfan qorra?

HIRIYOONNI GAAʼELAA Faransaay jiraatan tokko, “Nuti Yihowaatti waan amannuuf, ijoolleen keenyas Yihowaatti ni amanu jechuu miti” jedhaniiru. Kana malees, “Amantiin wanta dhaalamu miti. Wanta ijoolleen keenya suuta suutaan argatani dha” jedhaniiru. Obboleessi Awustiraaliyaa jiraatu tokko immoo akkana jedheera: “Ijoolleen keessan amantii akka qabaatan gargaaruun tarii wanta isin mudachuu dandaʼu kam iyyuu caalaa ulfaataa taʼuu dandaʼa. Meeshaa jiru hundatti fayyadamuu isin barbaachisa. Gaaffii mucaan keessan gaafateef deebii quubsaa akka kennitan isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, yeroo booda deebisee gaaffiima sana isin gaafata! Deebii quubsaan isin harʼa mucaa keessan isa waa beekuuf hawwii qabuuf deebistan tarii booriif gaʼaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Dhimmoota tokko tokko irratti irra deddeebitanii mariʼachuun isin barbaachisa taʼa.”

2 Warra yoo taatan, al tokko tokko ijoolleen keessan guddatanii gaʼeessota amantii qaban akka taʼan barsiisuu fi leenjisuuf itti gaafatamummaa qabdan raawwachuuf gaʼumsa akka hin qabne isinitti dhagaʼamaa? Eenyu iyyuu ogummaa mataa isaatiin kana raawwachuu hin dandaʼu! (Er. 10:23) Waaqayyo qajeelfama akka nuu kennu yoo gaafanne garuu milkaaʼuu dandeenya. Wantoota ijoolleen keessan amantii cimaa akka qabaatan gargaaruuf isin dandeessisan afur haa ilaallu. Isaanis: (1) Sirriitti isaan beekuu, (2) Garaadhaa isaan barsiisuu, (3) Fakkeenyota gaariitti fayyadamuu, akkasumas (4) Obsaa fi barsiifata kadhannaa qabaachuu dha.

IJOOLLEE KEESSAN SIRRIITTI BEEKAA

3. Warri, gama barsiisuutiin fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

3 Yesuus wanta isaan itti amanan duuka buutota isaa gaafachuu hin sodaatu ture. (Mat. 16:13-15) Isinis fakkeenya isaa hordofaa. Haalli isaa yeroo mijatutti ijoolleen keessan miira isaanii akka ibsan isaan afeeruun gaarii dha. Kun immoo shakkii qaban kam iyyuu akka dubbatan afeeruus kan dabalatu dha. Obboleessi Awustiraaliyaa jiraatuu fi umuriin isaa waggaa 15 taʼe akkana jedheera: “Abbaan koo yeroo baayʼee waaʼee amantii koo anaa wajjin kan dubbatu siʼa taʼu, dhimmicha irratti akkan yaadus na gargaara. Akkana jedhee na gaafata: ‘Kitaabni Qulqulluun maal jedha?’ ‘Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti ni amantaa?’ ‘Kan itti amantu maaliifi?’ Wanta inni jedhe ykn harmeen koo jette akkan dubbadhu utuu hin taʼin, jecha mataa kootiin akkan isaaf deebisu barbaada. Yommuun guddachaa deemu, deebiin koo gad fageenya akka qabaatu gochuun qaban ture.”

4. Gaaffii ijoolleen gaafataniif xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenya kenni.

4 Mucaan keessan barumsa tokko tokko ilaalchisee shakkii yoo qabaate, aariidhaan ykn karaa akka isa mormitan argisiisuun deebii isaaf hin kenninaa. Dhimmicha irratti akka yaadu obsaan isa gargaaraa. Abbaan tokko akkana jedheera: “Gaaffiiwwan ijoolleen keessan gaafataniif xiyyeeffannaa kennaa. Iddoo guddaa akka hin qabnetti hin ilaalinaa ykn waaʼee dhimmichaa dubbachuun waan isinitti hin tolleef qofa dhimma isaan kaasan irraa hin baqatinaa.” Mucaan keessan gaaffii gaafachuun isaa, waaʼee dhimma sanaa akka yaaduu fi hubachuu akka barbaadu kan argisiisu akka taʼetti ilaaluun isin fayyada. Yesuus yommuu umuriin isaa waggaa 12 turetti illee gaaffiiwwan guguddaa gaafateera. (Luqaas 2:46 dubbisi.) Mucaan waggaa 15 Deenmaarki jiraatu akkana jechuudhaan waan yaadatu dubbateera: “Amantiin keenya dhugaa taʼuu isaa akkan shakku yommuun dubbadhetti, warri koo waaʼeen koo isaan yaaddessus tasgabbiidhaan na haasofsiisan. Gaaffii koo hundaaf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamanii deebii naaf kennan.”

5. Warri, amantii ijoollee isaanii akka laayyootti akka hin ilaalle argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?

5 Ijoollee keessan sirriitti beekuun yaada, miiraa fi yaaddoo isaanii beekuu dabalata. Isinii wajjin walgaʼii gumii irratti waan argamanii fi tajaajila irratti waan hirmaataniif qofa amantii qabaachuu dandaʼu jettanii hin yaadinaa. Sochii guyyaa guyyaa keessatti dhimmoota hafuuraa irratti mariʼadhaa. Ijoollee keessanii wajjin kadhadhaa; waaʼee isaaniis kadhadhaa. Wantoota amantii isaanii qoran kam iyyuu beekuuf yaalaa; qorumsawwan sanas akka damdamatan isaan gargaaraa.

GARAADHAA ISAAN BARSIISAA

6. Warri, dhugaan Kitaaba Qulqulluu garaa isaanii keessa akka jiraatu gochuun isaanii ijoollee barsiisuu irratti kan isaan gargaaru akkamitti?

6 Yesuus, Yihowaa, Dubbii Waaqayyoo fi namoota waan jaallatuuf yeroo barsiisu garaa namootaa tuqeera. (Luq. 24:32; Yoh. 7:46) Jaalalli akkasii warris garaa ijoollee isaanii akka tuqan isaan gargaara. (Keessa Deebii 6:5-8; Luqaas 6:45 dubbisi.) Kanaaf, warri Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota qoʼannaadhaaf gargaaran akka gaariitti qoʼachuu qabu. Uumamaa fi mata dureewwan dhimma kana ilaalchisee barreeffamoota keenya irratti baʼaniif xiyyeeffannaa kennaa. (Mat. 6:26, 28) Kun beekumsi keessan akka guddatu, dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabdan akka dabaluu fi ijoollee keessan barsiisuuf caalaatti gaʼumsa akka qabaattan isin gargaara.—Luq. 6:40.

7, 8. Garaan warraa dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin yommuu guutamu, buʼaan isaa maal taʼa? Fakkeenyaan ibsi.

7 Garaan keessan dhugaa Kitaaba Qulqulluutiin yommuu guutamu, waaʼee isaa maatii keessanii wajjin mariʼachuu barbaaddu. Walgaʼiidhaaf yommuu qophooftan ykn yommuu waaqeffannaa maatii gootan qofa utuu hin taʼin yeroo hunda akkas godhaa. Mareen akkasii dirqamaan ykn sagantaadhaan taʼuu hin qabu; kanaa mannaa fedhiidhaan akkasumas sochii guyyaa guyyaa keessatti yerooma waliin haasoftanitti taʼuu qaba. Hiriyoonni gaaʼelaa Yunaayitid Isteetis jiraatan maatiin isaanii uumama taʼe tokko yommuu argu ykn nyaata taʼe tokko yommuu nyaatu waaʼee Yihowaa xiinxaluuf itti fayyadama. Akkana jedhaniiru: “Wantoonni inni nuu kenne hundi jaalala isaa fi dursee akka itti yaade kan argisiisan taʼuu isaanii ijoollee keenya hubachiisna.” Hiriyoonni gaaʼelaa Afriikaa Kibbaa jiraatan ijoollee durbaa isaanii lamaanii wajjin bakka biqiltuu isaanii yommuu kunuunsan, akkaataan sanyiin itti biqiluu fi biqiltoonni itti guddatan dinqisiisaa taʼuu isaa isaaniif ibsu. “Ijoolleen durbaa keenya jireenyaaf kabaja akka qabaatanii fi wal xaxiinsi jireenyaa ajaaʼibsiisaa akka taʼe akka hubatan gochuuf yaalla” jedhaniiru.

8 Abbaan Awustiraaliyaa jiraatu tokko ilmi isaa umuriin isaa gara waggaa kudhanii yeroo turetti, godambaa tokko daawwatanii turan; carraa kana ilmi isaa amantii Waaqayyoo fi uumama irratti qabu akka cimsatu gargaaruuf itti fayyadameera. Akkana jedheera: “Godambaa sana keessatti uumamawwan galaanaa bara durii amonooyidsii fi tiraayilobaayitis jedhaman argine. Bineensoonni kun akkuma lubbu qabeeyyii yeroo ammaatti arginuu babbareedoo, wal xaxoo fi guutuu taʼuun isaanii nu dinqisiise. Kanaaf, jireenyi jijjiirama tirannaatiin salphaa irraa gara wal xaxaatti geddarame yoo taʼe, uumamawwan durii kun yeroo sanatti illee baayʼee wal xaxoo kan taʼan maaliifi? Barumsin argadhe baayʼee waan na dinqisiiseef ilma koottin hime.”

FAKKEENYA BUʼA QABEESSATTI FAYYADAMAA

9. Fakkeenyatti fayyadamuun buʼa qabeessa kan taʼe maaliifi? Haati tokko kana kan goote akkamitti?

9 Yesuus yeroo baayʼee fakkeenya namoonni akka yaadan godhu, garaa namaa tuquu fi yaadachuuf gargaarutti fayyadama ture. (Mat. 13:34, 35) Ijoolleen yeroo baayʼee yaadaan waa uumuu jaallatu. Kanaaf warri, yommuu ijoollee keessan barsiistan fakkeenyatti fayyadamuuf yaalaa. Haati Jaappaan jiraattu tokko akkana gooteetti. Ijoolleen ishii dhiiraa lamaan umuriin isaanii waggaa saddeetii fi kudhan yeroo ture, waaʼee qilleensa naannoo fi Yihowaan kana uumuu isaatiin akka nuuf yaadu akka argisiise isaan barsiiste. Kana gochuuf ijoollee ishii lamaanitti aannan, sukkaaraa fi buna kennite. Achiis akka buna ishiidhaaf danfisan isaan ajajje. Akkana jetteetti: “Of eeggannoo guddaadhaan hojjetan. Maaliif akka of eeggatan yommuun isaan gaafadhu, akkan jaalladhutti naaf danfisuuf akka taʼe natti himan. Waaqayyos akkasuma akka nuuf barbaachisutti of eeggannoodhaan gaazii qilleensa naannoo keessa jiru akka walitti maken isaaniif ibse.” Fakkeenyi kun umurii isaanii wajjin kan deemu ture; afaaniin qofa barsiisuu mannaa haala adda taʼeen akka irratti hirmaatan godheera. Barumsa kana yeroo dheeraadhaaf akka yaadatan homaa hin shakkisiisu!

Amantii Waaqayyoo fi uumama irratti qaban cimsuuf wantoota naannoo keessan jiranitti fayyadamuu dandeessu (Keeyyata 10 ilaali)

10, 11. (a) Mucaan keessan Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qabaatu gargaaruuf fakkeenya akkamiitti fayyadamuu dandeessu? (Suuraa fuula jalqabaa irra jiru ilaali.) (b) Fakkeenyonni buʼa qabeessa taʼanii argattan warra kam faʼi?

10 Mucaan keessan Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qabaatu gargaaruuf qajeelfama nyaata qopheessuuf tajaajilutti fayyadamuu ni dandeessu. Akkamitti? Keekii erga tolchitanii ykn kuukiisii erga hojjettanii booda, qajeelfama isaa hordofuun akkamitti akka isin fayyade ibsaa. Achiis kuduraa tokko, tarii poomii itti kennaatii, “Poomiin kun ‘qajeelfama’ ittiin hojjetame akka qabu beektaa?” jedhaa gaafadhaa. Achiis poomii sana bakka lamatti baqaqsaatii sanyii isaa itti kennaa. Qajeelfamni ittiin hojjetame sanyii kana keessatti akka ‘barreeffamee’ fi afaan kitaabonni qajeelfama nyaataa ittiin barreeffaman caalaa baayʼee wal xaxaa taʼeen barreeffamuu isaa isatti himuu dandeessu. Akkana jedhaa gaafadhaa: “Qajeelfama keekiin ittiin qopheeffamu namni barreesse erga jiraattee, qajeelfama poomii baayʼee wal xaxaa taʼe kan barreesse eenyu?” Mucaa guddaa taʼeef, qajeelfamni firii poomiis taʼe guutummaa muka poomii DNA keessatti barreeffamee akka ture ibsuufii dandeessu. Fakkeenyota birooshura keenya Madda Jireenyaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Gaafatamuu Qaban Shan (Amaariffa) jedhamu fuula 10 hanga 20 irra jiran tokko tokkos waliin ilaalaa.

11 Warri hedduun ijoollee isaanii wajjin mata duree Dammaqaa! irratti walitti aanee baʼuu fi “Qaamni Kana Tolche Jiraa?” jedhu irratti mariʼachuun isaan gammachiisa. Yookiin mata duree kana ijoollee isaanii xixinnoo taʼan yaadawwan salphaa taʼan barsiisuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaaʼelaa Deenmaarki jiraatan xiyyaara simbirrootaa wajjin wal bira qabanii ibsanii turan. Akkana jedhaniiru: “Xiyyaarri simbirroota fakkaata. Haa taʼu malee xiyyaarri hanqaaquu hanqaaqee, xiyyaara xixinnoo yaasuu ni dandaʼaa? Simbirroonni bakki addaa irra qubatan isaan barbaachisaa? Sagalee xiyyaaraa faarfannaa simbirrootaa wajjin yeroo wal bira qabdu maaltu sitti dhagaʼama? Kanaaf, nama xiyyaara hojjete moo Uumaa simbirrootaatu dandeettii yaaduu guddaa qaba?” Yaada akkasii gaaffiiwwan gaggaarii wajjin yoo fayyadamne, mucaan tokko “dandeettii yaaduu,” (NW) isaa akka guddifatuu fi amantii Waaqayyo irratti qabu akka cimsatu isa gargaaruu dandaʼu.—Fak. 2:10-12.

12. Fakkeenyonni, amantii ijoolleen Kitaaba Qulqulluu irratti qaban cimsuuf kan gargaaran akkamitti?

12 Fakkeenyi buʼa qabeessi amantiin mucaan tokko Kitaabni Qulqulluun sirrii taʼuu isaa irratti qabus akka cimu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Iyoob 26:7 (dubbisi) haa ilaallu. Caqasni kun geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamuu isaa ibsuu kan dandeessan akkamitti? Akkasumaan dhugaa jiru itti himuu dandeessu. Haa taʼu malee, dandeettii yaadaan ilaaluu mucichaa kakaasuuf maaliif hin yaaltan? Iyoob utuu teleskooppiinii fi xiyyaarri gara hawaa ittiin deeman (mankuraakurri) hin kalaqamin yeroo dheeraa dura akka jiraate itti himaa. Mucaan keessan wanti baayʼee guddaan hamma lafaa gaʼu homtuu utuu jala hin jiraatin rarraʼee jira jedhanii amanuun namoota tokko tokkoof hammam akka ulfaatu ibsuuf yaala. Mucichi kubbaa ykn dhagaatti fayyadamee wanti hamma (mass) qabu tokko waan tokko irra taaʼuu akka qabu fakkeenyaan ibsuuf yaala. Barumsi akkasii Yihowaan dhugaawwan tokko tokko namoonni qoratanii bira gaʼuu isaanii yeroo dheeraa dura Kitaaba Qulqulluu keessatti barreessisuu isaa akka hubatu godha.—Nah. 9:6.

FAAYIDAA DHUGAA BUʼUURAA KITAABA QULQULLUU FAKKEENYAAN IBSAA

13, 14. Warri, ijoolleen isaanii faayidaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?

13 Ijoolleen keessan faayidaa dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka hubatan gargaaraa. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.) Karaan kana itti gochuu dandeessan hedduu dha. Fakkeenyaaf, ijoolleen keessan odoola keessa jiraachuuf deemaa akka jiranii fi namoota isaanii wajjin jiraatan filachuu akka qaban godhanii akka yaadan gaafadhaa. Achiis, “Hundi isaanii nagaa fi walii galteedhaan akka jiraataniif tokkoon tokkoon isaanii amalawwan akkamii qabaachuu qabu?” jedhaa gaafadhaa. Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼee fi Galaatiyaa 5:19-23 irra jiru irrattis mariʼachuu dandeessu.

14 Fakkeenyi kun barumsa barbaachisaa lama isaan barsiisa. Tokkoffaa, qajeelfamni Waaqayyoo nagaa fi walii galteen dhugaa akka jiraatu godha. Lammaffaa, Yihowaan nu barsiisuudhaan, jireenya addunyaa haaraatiif nu qopheessaa jira. (Isa. 54:13; Yoh. 17:3) Barreeffamoota keenya irraa muuxannoo tokko filachuudhaan qabxiiwwan caqasaman akka isaaniif galan gochuu dandeessu. Mata duree walitti aansuudhaan Masaraa Eegumsaa irratti baʼuu fi “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhutti fayyadamuu dandeessu. Yookiin namni Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama guddaa godhe gumii keessan yoo jiraate, seenaa isaa akka isinitti himu afeeruu dandeessu. Fakkeenyi akkasii dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jiraataa akka taʼu godha!—Ibr. 4:12.

15. Ijoollee keessan yommuu barsiistan galmi keessan inni guddaan maal taʼuu qaba?

15 Qabxiin isaa kana dha: Ijoollee keessan yommuu barsiistan waanuma tokkotti hin cichinaa. Dandeettii yaadaan ilaaluu keessanitti fayyadamuuf yaalaa. Umurii isaanii tilmaama keessa galchuudhaan dandeettii yaaduu isaanii kakaasaa. Akkaataan itti barsiistan kan isaan gammachiisuu fi amantii isaanii kan cimsu akka taʼu godhaa. Abbaan tokko, “Mala haaraa wanta kanaan dura barsiisatanii turtan barsiisuuf isin gargaaru barbaaduu matumaa hin nuffinaa” jedheera.

AMANAMOO, OBSA QABEEYYII FI BARSIIFATA KADHANNAA KAN QABDAN TAʼAA

16. Yommuu ijoollee barsiistan obsi barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.

16 Amantii cimaa qabaachuuf hafuurri Waaqayyoo barbaachisaa dha. (Gal. 5:22, 23) Firiin tokko guddachuuf yeroo fudhata; amantiinis akkasuma. Ijoollee keessan yommuu barsiistan obsa qabaachuu fi carraaqqii wal irraa hin cinne gochuu qabdu. Abbaan ijoollee lamaa Jaappaan jiraatu tokko akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo ijoollee keenyaaf xiyyeeffannaa guddaa kennina. Xinnummaa isaaniitii kaasee guyyaa walgaʼiin gumii jiru irraa kan hafe guyyaa hunda daqiiqaa 15f isaan nan qoʼachiisan ture. Daqiiqaan 15 isaaniifis taʼe nuuf ulfaataa hin turre.” Daawwataan ol aanaa aanaa tokko akkana jedheera: “Yommuun umurii kurnanii keessa ture gaaffii fi shakkii hedduun qaban ture. Yeroo booda garuu, hedduun isaanii walgaʼiiwwan, qoʼannaa maatii fi qoʼannaa dhuunfaa irratti furmaata argataniiru. Warri barsiisuu isaanii itti fufuu kan qaban kanaafi.”

Barsiisaa buʼa qabeessa taʼuu yoo barbaaddan jalqaba Dubbiin Waaqayyoo garaa keessan keessa jiraachuu qaba (Keeyyata 17 ilaali)

17. Warri, fakkeenya gaarii taʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Hiriyoonni gaaʼelaa tokko ijoollee durbaa isaaniitiif fakkeenya kan taʼan akkamitti?

17 Wanti baayʼee barbaachisaa taʼe gama amantiitiin fakkeenya isaaniif taʼuu keessan akka taaʼe beekamaa dha. Ijoolleen keessan wanta isin gootan ni hubatu; kunis dhiibbaa gaarii isaan irraan geessisa. Kanaaf warri, amantii keessan cimsachuu keessan itti fufaa. Ijoolleen keessan Yihowaan hangam akka isiniif dhugoome haa argan. Hiriyoonni gaaʼelaa Bermudaa jiraatan yommuu haalli isaan dhiphisu isaan mudatutti, ijoollee isaanii wajjin Yihowaan akka isaan qajeelchu kan kadhatan siʼa taʼu, ijoolleen isaaniis dhuunfaatti akka kadhatan isaan jajjabeessu. Akkana jedhaniiru: “Intala keenya ishii hangafaatiin ‘Guutummaatti Yihowaatti amanami, tajaajila Mootummichaa irratti hinaaffaadhaan hirmaadhu, garmalees hin dhiphatin’ jenna. Ishiinis buʼaa isaa yommuu argitu Yihowaan nu gargaaraa akka jiru hubatte. Kunis amantii ishiin Waaqayyoo fi Kitaaba Qulqulluu irratti qabdu irratti jijjiirama guddaa fideera.”

18. Warri, dhugaa barbaachisaa isa kam hubachuu qabu?

18 Sanas taʼe kana, ijoolleen amantii mataa isaanii cimsachuu akka qaban beekamaa dha. Warri, facaasuu fi bishaan obaasuu dandeessu. Akka guddatu kan godhu garuu Waaqayyo qofa dha. (1 Qor. 3:6) Kanaaf, hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhaa; ijoollee keessan jaallatamoo taʼan barsiisuuf carraaqqii cimaa godhaa; akkas yoo gootan Yihowaan carraaqqii keessan ni eebbisa.—Efe. 6:4.