Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Ha⁠r⁠ʼaatti Qajeelfama Yihowaa Irraa Fayyadamaa

Yeroo Ha⁠r⁠ʼaatti Qajeelfama Yihowaa Irraa Fayyadamaa

FILANNOO OGUMMAA IRRATTI HUNDAAʼE—POOLAANDI

“YOMMUUN cuuphame umuriin koo waggaa 15 ture; jiʼa jaʼa booda immoo qajeelchaa gargaaraa taʼee tajaajiluun jalqabe. Waggaa tokko booda, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuufan foormii guute. Yommuun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa xumuru, bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluufan gaafadhe. Iddoon itti dhaladhe, akkasumas akkoo koo ishii Dhugaa Baatuu Yihowaa hin taanee fi wajjiniin jiraachaa ture dhiisee deemuu barbaadeen ture. Daawwataan ol aanaa aanaa naannoodhuma ani itti dhaladhe keessatti akkan tajaajiluuf ramadamuu koo yommuu natti himu baayʼeen gadde! Wanta natti dhagaʼame akka inni hin hubanne gochuufan yaale. Mataa koo buusee, wanta inni natti hime irratti yaaduuf isa biraan deeme. Obboleettii anaa wajjin tajaajiltuun akkanan jedhe: ‘Wantuma Yoonaas godhe akkan godhe natti dhagaʼama. Haa taʼu malee Yoonaas dhuma irratti gara Nanawwee dhaqeera. Kanaaf anis bakkan ramadametti tajaajiluun qaba.’

“Amma naannoon itti dhaladhe keessatti qajeelchaa taʼee waggaa afuriif tajaajileera; qajeelfama naa kenname hordofuun koo ogummaa taʼuu isaas hubadheera. Rakkinni inni guddaan ilaalcha sirrii hin taane qabaachuu koo ture. Amma gammachuu guddaa argadheera. Jiʼa tokko keessatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu 24 gaggeessuu dandaʼeera. Yihowaadhaaf galanni haa taʼuutii, akkoo koo ishii kanaan dura na mormaa turte illee qoʼannaa jalqabsiisuu dandaʼeera.”

BUʼAA GAARII ARGAME—FIIJII

Barattuun Kitaaba Qulqulluu Fiijii jiraattu tokko walgaʼii guddaa irratti argamuu ykn abbaa manaa ishii wajjin afeerraa guyyaa dhalootaa firoota isaanii irratti argamuu keessaa tokko filachuu qabdi turte. Abbaan manaa ishii walgaʼicha irratti argamuu akka dandeessu walii gale. Ishiinis walgaʼicha booda afeerraa sana irratti akka argamtu isatti himte. Walgaʼicha booda yommuu gara manaatti deebitu garuu haala karaa hafuuraa balaa irra ishii buusuu dandaʼu irraa fagaachuu akka qabdu waan ishiitti dhagaʼameef utuu hin dhaqin hafte.

Abbaan manaa ishii haadha manaa isaa wajjin akka waliin dubbatanii turanii fi “Walgaʼii Dhugaa Baatotaa” booda akka dhuftu yommuu firoota isaatti himu, isaan immoo “Ishiin hin dhuftu; Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa dhalootaa hin kabajan!” isaan jedhan. *

Kanaan kan kaʼes, abbaan manaa ishii haati manaa isaa amantii fi qalbii ishii wajjin haala wal qabateen ejjennoo cimaa qabaachuu ishiitti baayʼee ishiitti boone. Amanamtuu taʼuun ishii yeroo booda isaafis taʼe warra kaaniif dhugaa baʼuuf carraa ishiidhaaf baneera. Buʼaa maaliitu argame? Abbaan manaa ishii afeerraa Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatuuf isaaf dhihaate ni fudhate; haadha manaa isaa wajjinis walgaʼii irratti argamuu jalqabe.

^ KEY. 7 “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Muddee 15, 2001 irratti baʼe ilaali. (Amaariffa)