Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Eenyu?

Waaqayyo Eenyu?

Namoonni hedduun Waaqayyotti ni amanna jedhu. Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo eenyu?’ jettee yoo gaafatte deebii garaagaraa argatta. Tokko tokko Waaqayyo abbaa murtii gara jabeessa dogoggora namoonni hojjetaniif isaan adabuu barbaadu akka taʼetti ilaalu. Warri kaanimmoo maaliyyuu yoo godhan, inni yeroo hunda jaalala akka isaanitti argisiisuu fi dhiifama akka isaaniif godhu yaadu. Waaqayyo nurraa fagoo akka jiruu fi xiyyeeffannaa akka nuuf hin kennine kan amananis jiru. Yaadawwan wal faallessan akkasii waan jiraniif, namoonni hedduun Waaqayyoon beekuun akka hin dandaʼamne isaanitti dhagaʼama taʼa.

Waaqayyo eenyu akka taʼe beekuun barbaachisaadhaa? Eeyyee. Waaqayyoon caalaatti beekuun jireenyi kee kaayyoo fi hiika akka qabaatu gochuu dandaʼa. (Hojii Ergamootaa 17:26-28) Waaqayyotti dhihaachaa yommuu deemtu, innis caalaatti si jaallata, akkasumas si gargaara. (Yaaqoob 4:8) Dhumarrattis, waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuun kee, jireenya barabaraa siif argamsiisuu dandaʼa.—Yohaannis 17:3.

Waaqayyoon beekuu kan dandeessu akkamitti? Mee waaʼee nama akka gaariitti beektu tokkoo yaadi; michuu baayʼee itti dhihaattu tokko yaaduu dandeessa. Michummaan keessan akkamitti guddate? Tarii maqaasaa, amalasaa, wanta inni jaallatuu fi wanta inni jibbu, wanta inni kanaan dura hojjetee fi hojjechuu yaade, akkasumas waaʼeesaa wanta kan biraa erga beektee booda taʼuu dandaʼa. Nama sanatti akka dhihaattu kan godhe waaʼeesaa beekuu keeti.

Haaluma wal fakkaatuun wantoota armaan gadii qoruudhaan Waaqayyoon beekuu dandeenya:

Barruun kun gaaffilee kanaaf deebii Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe kennuuf qophaaʼe. Mata dureewwan kun Waaqayyo eenyu akka taʼe beekuuf qofa utuu hin taʼin, isa wajjin hariiroo dhuunfaa qabaachuun kan si fayyadu akkamitti akka taʼe barachuuf si gargaaru.