Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaʼee Waaqayyoo Barachuun kan Si Fayyadu Akkamitti?

Waaʼee Waaqayyoo Barachuun kan Si Fayyadu Akkamitti?

Gaaffii, ‘Waaqayyo Eenyu?’ jedhuuf deebii argachuuf, hamma ammaatti wanta hedduu baranneerra. Maqaansaa Yihowaa akka taʼee fi amalootasaa keessaa inni guddaan jaalala akka taʼe Kitaaba Qulqulluurraa barachuudhaan jalqabneerra. Kana malees, ilmaan namootaa warra uumamasaa taʼaniif, kanaan dura maal akka godhee fi gara fuulduraatti maal akka godhu qoʼanneerra. Waaʼee Waaqayyoo wanti barannu hedduun kan jiru taʼus, ‘Kana gochuun koo faayidaa maalii naaf argamsiisa?’ jettee gaafatta taʼa.

Yihowaan “Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama” jechuudhaan abdii kenneera. (1 Seenaa Baraa 28:9) Waaqayyoon yeroo barbaadduu fi yeroo isa beektu isa “wajjin michummaa cimaa” qabaatta; kun kennaa addaati. (Faarfannaa 25:14) Michummaan akkasii faayidaa akkamii siif argamsiisuu dandaʼa?

Gammachuu dhugaa. Yihowaan “Waaqa gammadaa” akka taʼetti ibsameera. (1 Ximotewos 1:11) Isatti dhihaachuu fi fakkeenyasaa hordofuun kee gammachuu dhugaa siif argamsiisa; kunis karaa miiraa, karaa sammuu fi karaa qaamaa si fayyada. (Faarfannaa 33:12) Kana malees, akkaataa jireenyaa miidhaa geessisurraa fagaattee jireenya gammachuu qabu jiraachuu, barsiifata gaarii horachuu fi warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaachuu ni dandeessa. Atis yaada faarfatichi, “Waaqayyotti dhihaachuun anaaf gaarii dha” jechuudhaan dubbaterratti walii galuu dandeessa.—Faarfannaa 73:28.

Dhuunfaatti siif yaada, akkasumas xiyyeeffannaa siif kenna. Yihowaan, “Ija koo si irra kaaʼee sin gorsa” jechuudhaan tajaajiltootasaatiif waadaa galeera. (Faarfannaa 32:8) Kana jechuun Yihowaan tajaajiltootasaatiif dhuunfaatti xiyyeeffannaa kenna, akkasumas wanta tokkoon tokkoon isaaniitiif barbaachisu isaaniif ni guuta jechuudha. (Faarfannaa 139:1, 2) Yihowaa wajjin takkaa hariiroo gaarii erga uumtee booda, yeroo hunda akka inni si gargaaru ni hubatta.

Abdii dinqisiisaa. Yihowaan furtuu yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa jiraachuuf si gargaaru siif kennuu malees, abdii dinqisiisaa akka qabaattu carraa siif kenneera. (Isaayyaas 48:17, 18) Kitaabni Qulqulluun, “Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si Waaqa dhugaa isa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu” jedha. (Yohaannis 17:3) Abdiin Waaqayyo kennu yeroo rakkisaa taʼe kanatti akka qofoo doonii “jabaa fi amansiisaa” taatee itti fufuuf si gargaara.—Ibroota 6:19.

Kanneen olitti ilaalle sababiiwwan guguddaa Waaqayyoon akka gaariitti beekuu fi dhuunfaatti hariiroo isa wajjin uumuuf si kakaasan keessaa muraasa qofadha. Dhugaa Baatota Yihowaa akka haasofsiistu ykn odeeffannoo argachuuf weebsaayitii jw.org/om jedhamu akka ilaaltu si affeerra.