Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyoo fi Kiristoosiin Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Waaqayyoo fi Kiristoosiin Ilaalchisee Dhugaa Jiru

Namoonni waaqolii hedduu kan waaqeffatan taʼus, Waaqni dhugaan tokko qofadha. (Yohaannis 17:3) Inni “Isa Hundumaa Gararraa” jiru, Uumaa wanta hundumaa fi Madda jireenyaati. Waaqeffannaan keenya isa qofaaf mala.—Daaniʼel 7:18; Mulʼata 4:11.

Waaqayyo Eenyu?

Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu isa jalqabaa keessatti GARA SIʼA 7,000 ARGAMA

YIHOWAA Maqaa Waaqayyoo

GOOFTAA, WAAQAYYO, ABBAA Maqaawwan ulfinaa Yihowaa tokko tokko

Maqaan Waaqayyoo Eenyu? Waaqayyo ofuma isaatii, “Ani Yihowaa dha. Maqaan koos isa kana” jedheera. (Isaayyaas 42:8) Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti gara al 7,000 argama. Haa taʼu malee, namoonni Kitaaba Qulqulluu hiikan hedduun maqaa kana maqaa ulfinaa kan akka “Gooftaa” jedhuun bakka buusaniiru. Waaqayyo michuusaa akka taatu waan barbaaduuf, ‘maqaa isaa akka waammattu’ si jajjabeessa.—Faarfannaa 105:1.

Maqaawwan Ulfinaa Yihowaa. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaa argisiisuuf maqaawwan ulfinaa kanneen akka “Waaqayyo,” “Hundumaa kan Dandaʼu,” “Uumaa,” “Abbaa,” fi “Gooftaa” jedhanitti fayyadama. Kadhannaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman hedduun maqaa ulfinaa Waaqayyoos taʼe maqaasaa isa Yihowaa jedhamu ni caqasu.—Daaniʼel 9:4.

Bifa Waaqayyoo. Waaqayyo qaama hafuuraa ijaan hin mulʼannedha. (Yohaannis 4:24) Kitaabni Qulqulluun, “Namni Waaqayyoon arge hin jiru” jedha. (Yohaannis 1:18) Kitaabni Qulqulluun waaʼee miirasaa ni dubbata. Namoonni isa gaddisiisuus taʼe ‘isa gammachiisuu’ ni dandaʼu.—Fakkeenya 11:20; Faarfannaa 78:40, 41.

Amaloota Waaqayyoo Warra Dinqisiisoo Taʼan. Waaqayyo sabni keessaa dhufanii fi akkaataan guddinaasaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota hunda ija tokkoon ilaala. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Kana malees, inni “Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee kan taʼe” dha. (Baʼuu 34:6, 7) Haa taʼu malee, amaloota Waaqayyoo keessaa arfansaanii baayʼee nama hawwatu.

Humna. Inni “Waaqa Hundumaa Dandaʼu” waan taʼeef, waadaa gale hundumaa raawwachuuf humna daangaa hin qabne qaba.—Uumama 17:1.

Ogummaa. Qaamni ogummaa qabaachuudhaan Waaqayyoon qixxaatu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun waaʼeesaa yeroo dubbatu, “Isa kophaa isaa ogeessa taʼe” kan jedhu kanaafi.—Roomaa 16:27.

Haqa. Waaqayyo yeroo hunda wanta sirrii taʼe raawwata. “Wanti inni godhu mudaa hin qabu,” inni Waaqa “matumaa haqa hin jalʼisne dha.”—Keessa Deebii 32:4.

Jaalala. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Waaqayyo jaalala kan argisiisu qofa utuu hin taʼin, inni ofuma isaatii jaalaladha. Jaalallisaa inni amalootasaa kaan hundumaarra caalu wanta inni godhu hundarratti dhiibbaa godha; kunimmoo karaa hedduudhaan nu fayyada.

Michummaa Waaqayyo Namoota Wajjin Qabu. Waaqayyo Abbaa keenya isa samii isa jaalala qabeessa taʼedha. (Maatewos 6:9) Isatti kan amannu yoo taʼe, michootasaa taʼuu dandeenya. (Faarfannaa 25:14) Waaqayyo kadhannaadhaan akka isatti dhihaattu barbaada; ‘siif waan yaaduuf, yaaddoo kee hundumaa isa irratti akka gattu’ si affeereera.—1 Pheexiros 5:7; Yaaqoob 4:8.

Garaagarummaan Waaqayyoo fi Kiristoos Gidduu Jiru Maalidha?

Yesuus Waaqayyo Miti. Waaqayyo kallattiidhaan kan uume Yesuusiin qofa waan taʼeef inni uumama adda taʼedha. Kitaabni Qulqulluun Ilma Waaqayyoo jedhee kan isa waamu kanaafi. (Yohaannis 1:14) Yihowaan Yesuusiin erga uumee booda wanta ykn qaama kamiyyuu uumuuf Ilmasaa isa hangafaa kana “hojjetaa dandeettii qabu” godhee fayyadameera.—Fakkeenya 8:30, 31; Qolosaayis 1:15, 16.

Yesuus Kiristoos inni Waaqayyo akka taʼe dubbatee hin beeku. Kanaa mannaa, ‘Ani bakka buʼaa Waaqayyoo ti; kan na erge isa dha’ jedheera. (Yohaannis 7:29) Yesuus barattootasaa keessaa tokkotti waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, ‘Abbaa koo fi Abbaa keessan,’ akkasumas ‘Waaqa koo fi Waaqa keessan’ jedheera. (Yohaannis 20:17) Yesuus erga duʼee booda Yihowaan duʼaa isa kaasee samii keessatti mirga isaatti aangoo guddaa isaaf kenneera.—Maatewos 28:18; Hojii Ergamootaa 2:32, 33.

Yesuus Kiristoos Waaqayyotti Akka Dhihaattu Si Gargaara

Yesuus waaʼee Abbaasaa nu barsiisuuf gara lafaa dhufeera. Yihowaan waaʼee Yesuus yeroo dubbatu, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa dha. Isa dhagaʼaa” jedheera. (Maarqos 9:7) Yesuus eenyuyyuu caalaa Waaqayyoon sirriitti beeka. “Ilmaa fi nama Ilmi isatti mulʼisuu barbaadu qofa malee Abbaan eenyu akka taʼe kan beeku tokko illee hin jiru” jedheera.—Luqaas 10:22.

Yesuus amaloota Waaqayyoo guutummaatti calaqqisiiseera. Yesuus amaloota Abbaasaa sirriitti waan calaqqisiiseef, “Namni ana arge hundi Abbaas argeera” jedhee dubbachuu dandaʼeera. (Yohaannis 14:9) Yesuus dubbii fi gochasaatiin Abbaasaa fakkaachuudhaan namoota gara Waaqayyootti harkiseera. “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” jedheera. (Yohaannis 14:6) Kana malees, ‘Waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa ni waaqeffatu; sababiin isaas, Abbaan namoonni akkanaa akka isa waaqeffatan barbaada’ jedheera. (Yohaannis 4:23) Mee yaadi! Yihowaan namoota akkuma kee waaʼeesaa dhugaa barachuuf fedhii qaban barbaadaa jira.