JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
4 | Gargaarsa Waaqayyootiin Jibba Injifadhu
Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
“Firiin hafuuraa jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, garraamummaa, of toʼachuu dha.”—GALAATIYAA 5:22, 23.
Maal Jechuu Dha?
Gargaarsa Waaqayyootiin jibba injifachuun ni dandaʼama. Hafuurri qulqulluun amaloota ofii keenyaan matumaa horachuu hin dandeenye akka horannu nu gargaara. Kanaafuu, jibba injifachuuf ofuma keenyaan yaaluu mannaa, gargaarsa Waaqayyootti amanamuun keenya gaarii dha. Kana kan goonu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isa, “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedhee nutti dhagaʼama. (Filiphisiyus 4:13) Akkasumas, “Kan na gargaaru Yihowaa . . . dha” jechuu dandeenya.—Faarfannaa 121:2.
Maal Gochuu Dandeessa?
“Yihowaan nama lola jaallatu irraa gara nama naga qabeessa taʼeetti akkan jijjiiramu godheera.”—WOLDOO
Yihowaan hafuura qulqulluu akka siif kennu cimsii kadhadhu. (Luqaas 11:13) Jireenya kee keessatti amaloota gaggaarii argisiisuuf akka si gargaaru isa gaafadhu. Kitaabni Qulqulluun amaloota jibba injifachuuf gargaaran kanneen akka jaalalaa, nagaa, obsaa fi of toʼachuu ilaalchisee maal akka jedhu qoradhu. Jireenya kee keessatti karaawwan amaloota kana horachuu itti dandeessu barbaadi. Namoota amaloota kana horachuuf carraaqan michoota godhadhu. Namoonni kun, “jaalalaa fi hojii gaariidhaaf [si] kakaasuu” dandaʼu.—Ibroota 10:24.