JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
2 | Haaloo hin Baʼin
Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
“Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. . . . ‘“Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedha Yihowaan’ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessanii haaloo hin baʼinaa.”—ROOMAA 12:17-19.
Maal Jechuu Dha?
Yeroo namni tokko nu miidhutti aaruun waanuma jiru taʼus, Waaqayyo haaloo akka baanu nuuf hin heyyamne. Kanaa mannaa, akka isa eeggannu nu jajjabeesseera; inni dhiheenyatti miidhaa gaʼe hundumaa ni sirreessa.—Faarfannaa 37:7, 10.
Maal Gochuu Dandeessa?
Namoonni mudaa waan qabaniif haaloo kan baʼan yoo taʼe jibbi caalaatti hammaachaa deema. Kanaafuu, namni tokko yoo si mufachiise ykn yoo si miidhe haaloo hin baʼin. Miira kee toʼachuudhaan karaa nagaa qabuun deebisuuf yaali. Yeroo tokko tokko, calluma jedhanii bira darbuun gaarii dha. (Fakkeenya 19:11) Yeroo tokko tokko garuu, wanta uumame gabaasuun gaarii taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, yakki tokko yoo sirratti raawwatame yakka sana poolisiitti ykn qaamota seeraa kan birootti gabaasuuf filatta taʼa.
Haaloo baʼuun of miidhuu dha
Rakkina tokko karaa nagaa qabuun furuun kan hin dandaʼamne yeroo fakkaatutti hoo maal gochuu dandeessa? Yookiin immoo nagaa buusuuf wanta dandeessu hundumaa kan goote taʼus rakkinichi yoo furamuu baate hoo? Haaloo hin baʼin. Haaloo baʼuun haalli isaa akka hammaatu godha. Haaloo baʼuu mannaa, jibba injifachuuf yaali. Waaqayyo rakkinichaaf furmaata akka kennu amanuu ni dandeessa. “Isatti amanami, innis siif jecha tarkaanfii ni fudhata.”—Faarfannaa 37:3-5.