Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Addunyaan kun jibbaan kan guutame dha. Namoonni jibba isaanii karaa garaa garaatiin ibsu. Fakkeenyaaf, loogii raawwachuu, wanta hamaa dubbachuu ykn miidhaa qaamaa illee namoota irraan geessisuu dandaʼu. Jibba injifachuun ni dandaʼamaa? Mata dureewwan maxxansa kanaa gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin jibba injifachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsu. Waadaa Waaqayyo bara baraaf jibba balleessuuf gales qabataniiru.