Dhibee Addunyaa Maratti Babalʼate
“Yeroo hunda yeroon kophaa koo kutaa koo keessa taaʼuttillee hamma tokko nan dhiphadha.”
“Yeroo miirri baayʼee gaarii taʼe natti dhagaʼamu nan sodaadha. Yeroon baayʼee gammadu takka turee baayʼee akkan gaddu beeka.”
“Wanta guyyuma tokkotti na mudaterratti xiyyeeffachuufan yaala; yeroo tokko tokko garuu akkuma tasaa waaʼee wantoota hedduu yaaddaʼuun jalqaba.”
Atoo akka namoota dhibee sammuu wajjin walʼaansoo gochaa jiran kanaa sitti dhagaʼamee beekaa? Yookiin namni jaallattu tokko rakkina akkasii wajjin walʼaansoo gochaa jiraa?
Taanaan rakkina kana wajjin walʼaansoo gochaa kan jiru si qofa akka hin taane mirkanaaʼaa taʼi. Yeroo harʼaatti namoonni baayʼeen dhibee sammuu wajjin walʼaansoo gochaa jiru ykn namni jaallatan dhibee kanaan dararamuu isaatiin kan kaʼe dhiibbaan isaanirra gaʼaa jira.
‘Yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼee’ fi nama dhiphisu keessa jiraachaa akka jirru ifadha. (2 Ximotewos 3:1) Qorannaan tokko akka argisiisutti addunyaa maratti nama saddeet keessaa namni tokko dhibee sammuu wajjin walʼaansoo godha. Weerara dhibee Kooviid 19n kan kaʼe bara 2020tti lakkoofsi namoota dhibee kana wajjin walʼaansoo godhanii isa bara 2019tti turerraa dhibbeentaa 26n dabaleera; lakkoofsi namoota dhiphina sammuu cimaa taʼee wajjin walʼaansoo godhaniimmoo dhibbeentaa 28n dabaleera.
Yeroo harʼaatti namoonni hammamii yaaddoo fi dhiphina sammuu wajjin walʼaansoo gochaa akka jiran beekuun barbaachisaadha. Wanti kana caalaa barbaachisaa taʼe garuu, atis taate namoonni jaallattu akkamitti fayyaa keessan eeggachuu akka dandeessan beekuudha.
Fayyummaan sammuu maalidha?
Namni sammuun isaa fayyaa taʼe miirri gaariin isatti dhagaʼama, akkasumas hojii isaa akka gaariitti hojjeta. Yaaddoo dandamachuu, hojii buʼa qabeessa taʼe hojechuu fi jireenyatti gammaduus ni dandaʼa.
Dhibeen sammuu . . .
-
Dadhabina dhuunfaatiin kan kaʼe wanta dhufu MITI.
-
Dhibee dhiphina guddaa geessisuu fi yaada, miiraa fi amala namaa jeequ DHA.
-
Yeroo baayʼee namni tokko warra kaan wajjin michummaa uumuu fi hojii guyyaa guyyaa hojjechuun akka isatti ulfaatu gochuu dandaʼa.
-
Namoota umurii garaa garaarratti argaman, akkasumas aadaa, sanyii, gosa, amantaa, sadarkaa barnootaa fi sadarkaa dinagdee garaa garaa qaban tuquu dandaʼa.
Gargaarsa argachuu
Yeroo tokko tokko namni tokko akkuma tasaa amala adda taʼe argisiisuu, garmalee rafuu ykn hirriba dhabuu, garmalee nyaachuu ykn nyaata lagachuu, akkasumas baayʼee dhiphachuu ykn gadduu dandaʼa; namni haalli akkasii isa mudate sababa rakkinichaa adda baasuu fi yaalii fayyaa argachuuf gargaarsi ogeessa fayyaa isa barbaachisuu dandaʼa. Garuu eessaa gargaarsa argachuu dandaʼa?
Yesuus Kiristoos inni namoota hundumaa caalaa ogeessa taʼe, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu” jedheera. (Maatewos 9:12) Namoonni dhibee fayyaa wajjin walʼaansoo godhan yaalii fayyaa gaarii yoo argatanii fi qoricha yoo fudhatan mallattoowwan isaanirratti mulʼatan ni hirʼatu, akkasumas jireenya gammachiisaa jiraachuu dandaʼu. Namoonni akkasii mallattoon isaanirratti mulʼatu cimaa fi yeroo dheeraadhaaf kan ture yoo taʼe dafanii yaalii fayyaa argachuun isaanii gaariidha. a
Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa taʼuu baatus gorsi inni kennu fayyummaa sammuu keenyaa eeggachuuf nu gargaara. Mata dureewwan kanatti aananii jiranirraa Kitaabni Qulqulluun dhibee sammuu dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe akka dubbistu si affeerra.
a Masaraan Eegumsaa yaalii fayyaa kam filachuu akka qabnu hin dubbatu. Namni hundi filannaawwan jiranirratti of eeggannoodhaan erga yaadee booda murtoo mataa isaa gochuu qaba.