Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman dhibee sammuutiin dararamaa jiru. Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni, namoonni sadarkaa diinagdee fi barumsaa garaa garaa qaban, akkasumas namoonni sanyii adda addaa taʼanii fi amantaa garaa garaa hordofan dhiphina wajjin walʼaansoo gochaa jiru. Dhibeen sammuu maalidha? Namootarratti dhiibbaa kan geessisuhoo akkamitti? Barruun kun barbaachisummaa yaalii fayyaa fi Kitaabni Qulqulluun namoota dhibee kanaan dararamaa jiran karaa adda addaatiin kan gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.