Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Faayidaa Kennuun Argamsiisu Dhamdhamadhu

Faayidaa Kennuun Argamsiisu Dhamdhamadhu

“ATOOBISIIN deemuu ni dandaʼa, namichi Chaayinaa kun garuu asuma haa turu!’’ Yaanni kun wanta Aleeksaandiraan yommuu daangaa biyyoota Kibba Ameerikaa lama gidduu jiru ceʼuuf jecha atoobisii keessa turtetti akka tasaa dhageesse dha. Wanta taʼaa jiru ilaaluuf atoobisii irraa yommuu buutu, dargaggeessa Chaayinaa rakkina isa mudate nama daangaa biyyaa eeguuf ibsuuf afaan Ispaanishii caccabsee dubbachuuf yaalaa jiru tokko argite. Aleeksaandiraan gumii Dhugaa Baatota Yihowaa afaan Chaayinaatiin geggeeffamu keessa waan tajaajiltuuf, turjumaana taatee nama kana gargaaruu barbaadde.

Namichis jiraataa heyyama seeraa qabu akka taʼe, garuu ragaa isaa fi maallaqa isaa akka saamame dubbate. Jalqaba irratti namichi daangaa eegu sun haala kana hin amanne; Aleeksaandiraanis gocha seeraan ala nama biyyaa baasuu irratti hirmaachaa akka jirtutti shakkee ture. Dhuma irratti garuu, yaada namichaa kan fudhate taʼus, namichi kun ragaa barbaachisu waan hin qabanneef adaba qarshii isa irratti murteeffame kaffaluu qaba ture. Namichi maallaqa waan hin qabneef, Aleeksaandiraan doolaara 20 akka isaaf liqeessitu itti himte. Namichis baayʼee kan ishii galateeffate siʼa taʼu, doolaara 20 ol akka ishiidhaaf deebisu waadaa gale. Aleeksaandiraan garuu kana kan goote buʼaa argachuuf utuu hin taʼin wanta sirrii gochuu qabdu gochuu ishiitiin gammachuun akka ishiitti dhagaʼamu dubbatte. Achiis, namichaaf barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan muraasa erga kennitee booda, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu isa jajjabeessite.

Muuxannoowwan waaʼee nama hin beeknetti arjummaa argisiisuu ibsan akkasii dhagaʼuun baayʼee nama gammachiisa; namoonni amantii hunda keessa jiranii fi warri amantii hin qabne illee arjummaa akka argisiisan beekamaa dha. Ati hoo haala ofittummaa irraa walaba taʼeen gaarummaa akkasii argisiisuuf fedhii qabdaa? Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” waan jedheef gaaffiin kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu dha. (Hojii Ergamootaa 20:35) Qorattoonni kennuun akka nama gammachiisu waan bira gaʼaniif gama saayinsiitiinis yoo ilaalle gaaffiin kun xiyyeeffannaa keenya kan harkisu dha. Mee kennuun faayidaa akkamii akka qabu haa ilaallu.

“NAMA GAMMACHUUDHAAN KENNU”

Muuxannoon akka argisiisutti kennuu fi gammachuun kan wal qabatu dha. Phaawulos ergamaan, “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu [akka] jaallatu” barreesseera. Phaawulos as irratti, waaʼee Kiristiyaanota hidhata amantii isaanii taʼan rakkina isaanii irratti gargaaruuf arjummaadhaan buusii godhanii dubbachaa ture. (2 Qorontos 8:4; 9:7) Phaawulos, Kiristiyaanonni kun kan kennan gammadoo waan taʼaniif akka taʼe hin dubbanne. Kanaa mannaa, gammadoo kan taʼan kennuu waan dandaʼaniif ture.

Dhugaa dha, akka qorannaan tokko argisiisetti, kennuun “kutaalee sammuu warra gammachuu, walitti dhufeenya hawaasummaa fi wal amanuu wajjin wal qabatan dammaqsee, miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu godha.” Qorannaan kan biraa immoo, “maallaqa namaaf kennuun, ofiif itti fayyadamuu caalaa nama kennu sanaaf gammachuun isaa akka dabalu akka godhu” mirkaneesseera.

Haalli kee wanta barbaaddu akka hin goone akka si daangesse sitti dhagaʼamee beekaa? Dhugaan isaa garuu, eenyu iyyuu ‘kennuudhaan gammachuu’ argachuu dandaʼa. Garaadhaa kakaanee kan kenninu yoo taʼe kennaa xiqqoon iyyuu gaʼaa taʼuu dandaʼa. Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko qopheessitoota barruu kanaatiif, “Waggoota hedduudhaaf saanduqa buusii Galma Mootummaa jiru keessatti maallaqa muraasa qofan gumaachaan ture” jettee ergaa ergitee turte. Itti fufuudhaanis, “Yihowaan isa ani isaaf kenne caalaa naaf kenneera. . . . Kennaa kana akkan kennu waan na dandeessiseef guddaan isa galateeffadha. Kun baayʼee na jajjabeesseera” jetteetti.

Kennuun, maallaqa kennuu qofa akka hin taane beekamaa dha. Karaawwan kennaa kennuun itti dandaʼamu hedduun jiru.

KENNUUN FAYYAA KEETIIF GAARII DHA

Kennuun siinis taʼe warra kaan ni fayyada

Kitaabni Qulqulluun, “Namni gara-laafessi ofiidhuma isaatiif buʼaa argata, namni gara-jabeessi garuu ofuma isaa miidha” jedha. (Fakkeenya 11:17) Namoonni gaariin arjaa waan taʼaniif yeroo isaanii, humna isaanii, xiyyeeffannaa fi wantoota kana fakkaatan kennuuf fedhii qabaatu. Wantoota kana gochuun karaawwan hedduudhaan isaan fayyada; faayidaan inni fayyaadhaaf gumaachus akka laayyootti kan ilaalamu miti.

Namoonni warra kaan gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheessan carraan isaan dhibee fayyaatii fi dhiphina sammuutiin qabamuuf qaban baayʼee muraasa akka taʼe qorannaan ni argisiisa. Walumaa galatti haala fayyaa gaarii qabaatu. Arjummaan dhibeewwan fayyaa gurguddaa kan akka multiple schlerosis ykn HIV fooyyessuu dandaʼa. Kana malees, namoonni araada alkoolii irraa walaba baʼanii fi namoota kaan gargaaruu irratti xiyyeeffatan baayʼee akka hin dhiphanne, akkasumas carraan araadni isaanii isaanitti deebiʼuuf qabu baayʼee akka xiqqaatu ibsameera.

Sababii kun taʼuu itti dandaʼu yommuu ibsan, “gara-laafinni, gaarummaa fi garraamummaan miirri gadheen akka nutti hin dhagaʼamne” akka nu gargaaran ibsaniiru. Kana malees, arjoomuun yaaddoo fi dhibee dhiibbaa dhiigaa xiqqeessu dandaʼa. Akkasumas, namoonni hiriyaa gaaʼelaa isaanii duʼaan dhaban, namoota kaaniif gargaarsa kan godhan yoo taʼe mallattoo dhukkuba dhiphinaatiin qabamuuf isaan saaxilu irraa dafanii fooyyaʼuu dandaʼu.

Kanaaf arjummaan buʼaa guddaa akka qabu homaa hin shakkisiisu.

ARJUMMAAN NAMOOTA KAANITTI DARBUU DANDAʼA

Yesuus duuka buutota isaa akkana jedhee gorseera: “Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu. Isaanis safartuu gaarii gad dhiibamee, sochoofamee irraa dhangalaʼuun safaranii kaasuu keessanitti isiniif kennu. Safartuu isin namaaf itti safartanitti, isaanis deebisanii isiniif safaru.” (Luqaas 6:38) Namootatti arjummaa yommuu argisiistu arjummaa isaaniif godhame ni dinqisiifatu, isaanis arjummaa argisiisuuf kakaʼu. Kanaaf, arjummaan waltaʼiinsii fi michummaan akka cimu taasisa.

Kennuun waltaʼiinsii fi michummaan akka cimu gargaara

Qorattoonni hariiroo namoota gidduu jiru qoratan, “namoonni yeroo hunda gocha ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisan, warri kaanis fakkeenya isaanii akka hordofan akka isaan jajjabeessu” hubataniiru. Kaan hafee, “seenaa namoota gaarummaa guddaa raawwatan ibsu dubbisuun qofti illee, namoonni kaan caalaatti akka arjooman isaan gargaara.” Kanaaf, akka qorannoon tokko ibsetti, “wanti namni tokko godhu namoota dhibbaan lakkaaʼaman irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa; isaan keessaa baayʼeen isaanii kan wal hin beeknee fi namoota ijaan wal arganii hin beekne taʼuu dandaʼu.” Kanaaf, arjummaa xiqqoon namoonni kaanis arjummaa akka argisiisan kakaasuudhaan hawaasa hunda irratti dhiibbaa geessisuu dandaʼa. Bakka arjummaan akkasii itti argisiifamu keessa jiraachuu hin barbaadduu? Eeyyee, namoonni hedduun arjummaa barsiifata yommuu godhatan eebbi hedduun argamuu dandaʼa.

Muuxannoon gaariin biyya Filooriidaa, Yuunaayitid Isteetis irraa argame tokko kana agarsiisa. Obomboleettiin yeroo balaa geessisetti, gareen Dhugaa Baatota Yihowaa tokko namoota balaa sanaan miidhaman gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheessanii turan. Meeshaa mana tokko suphuuf isaan barbaachisu utuu eegaa jiranii dallaan nama ollaa sana jiru tokkoo jalaa diigamuu isaa arganii isaaf suphan. Namichi kun yeroo booda waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaatiif akkana jedhee xalayaa barreessee ture: “Baayʼeen isin galateeffadha, namoonni kun namoota ani hanga harʼaatti arge keessaa namoota baayʼee gaarii taʼani dha.” Dinqisiifannaan isaa hojii wal fakkaataa Dhugaa Baatonni Yihowaa raawwataniif akka ooluuf jecha qarshii hedduu akka kennu isa kakaaseera.

FAKKEENYA ISA HUNDUMAA CAALAA ARJAA TAʼEE HORDOFAA

Argannoon qorannoo saayinsii akka argisiisutti, “ilmaan namootaa warra kaan akka gargaaran wanti isaan kakaasu uumamaan waan keessa isaanii jiru fakkaata.” Qorannichi itti dabaluudhaan ijoolleen xixinnoon illee, “utuu afaan hin hikkatin arjummaa agarsiisuu dandaʼu” jedheera. Kun maalif taʼuu dandaʼe? Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa “akka bifa Waaqayyootti” uumaman jechuudhaan deebii kenna; kana jechuun, amala Waaqayyoo argisiisuu akka dandaʼan taasifamanii uumaman jechuu dha.—Uumama 1:27.

Amalawwan dinqisiisoo Yihowaan inni Uumaa keenya taʼe qabu keessaa tokko arjummaa dha. Inni jireenyaa fi wantoota jireenyatti akka gammannu nu taasisan nuu kenneera. (Hojii Ergamootaa 14:17; 17:26-28) Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Abbaa keenya isa samii wajjin wal baruu fi kaayyoo inni nuuf qabu beekuu dandeenya. Kitaabni kun Waaqayyo gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa akka jiraannuuf qophii nuuf gochuu isaas ni ibsa. * (1 Yohaannis 4:9, 10) Yihowaan Waaqa arjaa dha; atis kan uumamte bifa isaatiin waan taʼeef fakkeenya isaa hordofuudhaan arjummaa argisiisuun kee kan si fayyaduu fi surraa Waaqayyoo kan siif argamsiisu taʼuun isaa kan nama dinqisiisu miti.—Ibroota 13:16.

Aleeksaandiraa, ishii jalqaba mata duree kana keessatti ibsamte ni yaadattaa? Muuxannoon ishii maal irra gaʼe laata? Namni ishii wajjin imalaa ture tokko qarshii ishii akkasumaan akka balleessite ishiitti hime; namni ishiin gargaarte sun garuu hiriyoota isaa magaalaa atoobisiin itti dhaabbatu jiranii wajjin wal argee liqii doolaara 20 isa irra ture yeruma sana ishiidhaaf deebise. Kana malees, namichi sun yaada Aleeksaandiraa fudhatee Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Jiʼa sadii booda, walgaʼii guddaa Dhugaa Baatota Yihowaa Peeruutti Afaan Chaayinaatiin geggeeffamu tokko irratti yommuu isa argitu baayʼee gammadde. Achiis namichi sun wanta Aleeksaandiraan isaaf goote hundaaf galateeffachuuf jecha, ishii fi namoota ishii wajjin gara walgaʼichaa dhaqan mana nyaataa isaatti geessee isaan afeere.

Kennuu fi warra kaan gargaaruun gammachuu guddaa argamsiisa. Kana malees, namoonni Yihowaa isa madda kennaa gaarii hundaa taʼe caalaatti akka beekan gargaaruuf carraa siif argamsiisa. (Yaaqoob 1:17) Maarree faayidaa kennuun argamsiisu argachaa jirtaa?

^ KEY. 21 Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuu fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe ilaali. Kitaabni kun www.pr418.com/om irratti ni argama. WANTOOTA QOPHAAʼAN > KITAABOTAA FI BIROOSHUROOTA jalaa ilaali.