Abdiiwwan Gara Fuulduraatti Raawwataman
Akkuma Yesuus raajiidhaan dubbatetti misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo guutummaa lafaarratti lallabamaa jira. (Maatewos 24:14) Kitaabni Daaniʼel inni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe, Mootummaan kun bulchiinsa Waaqayyoo akka taʼe ibsa. Daaniʼel boqonnaan 2 raajii bulchiinsota ykn mootummoota ilmaan namootaarratti olaantummaa qabanii fi Baabilon ishii duriirraa jalqabee hamma bara keenyaatti walitti aansuudhaan kaʼan tokko tokko ibsu qabateera. Wanta gara fuulduraatti taʼu ilaalchisee lakkoofsi 44 akkana jedha:
“Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa. Mootummaan kunis saba kan biraa kamitti iyyuu dabarfamee hin kennamu. Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”
Raajiin kunii fi raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan biroon Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hunda akka bakka buʼu, akkasumas namoota lafarra jiraataniif tasgabbii fi nagaa akka fidu ibsu. Mootummaa sana jalatti jireenyi maal fakkaata? Abdiiwwan dinqisiisoon yeroo dhihootti raawwataman tokko tokko gaditti ibsamaniiru.
-
WARAANNI HIN JIRAATU
Faarfannaa 46:9: “[Waaqayyo] guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa. Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa; gaariiwwan fardaa waraanaas ibiddaan ni guba.”
Maallaqnii fi beekumsi yeroo ammaatti meeshaalee waraanaa kalaquuf oolu hundi namoota ajjeesuu mannaa faayidaa namootaatiif utuu oolee, addunyaan maal akka fakkaatu mee yaadi! Abdiin kun Mootummaa Waaqayyoo jalatti guutummaatti raawwatama.
-
DHUKKUBNI HIN JIRAATU
Isaayyaas 33:24: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”
Mee addunyaan namni dhukkuba onnee, kaansarii, busaa ykn dhukkuba kan biraatiin dararamu tokkollee keessa hin jirre maal akka fakkaatu yaadi. Yeroo sanatti manni yaalaa fi qorichi hin barbaachisu. Namoonni gara fuulduraatti lafarra jiraatan hundi fayyaa guutuu qabaatu.
-
HANQINNI NYAATAA HIN JIRAATU
Faarfannaa 72:16: “Midhaan hedduun lafa irra ni jiraata; fiixee gaarotaa irrattis irraa hafaa ni taʼa.”
Lafti nyaata gaʼaa nama hundaaf gaʼu argamsiisti, namni hundis nyaata ni argata. Beellis taʼe hanqinni nyaata madaalamaa hin jiraatu.
-
DHIPHINNI, GADDII FI DUUTI HIN JIRAATU
Mulʼata 21:4: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”
Kana jechuun lafa jannata taaterra mudaa malee barabaraaf jiraanna jechuudha! Kun waadaa Uumaan keenya Yihowaan inni jaalala qabeessa taʼe nuuf galedha.
“FIIXAAN NI BAASA”
Abdiiwwan kun hundi abjuu akka taʼan sitti dhagaʼamaa? Namoonni hedduun jireenyi Kitaaba Qulqulluu keessatti waadaa galame kan nama gammachiisu taʼuu isaa kan amanan taʼus, sababa garaa garaatiin kan kaʼe yaada barabaraaf jiraachuu jedhu hubachuun isaanitti ulfaata. Namni jireenya akkasii jiraatee beekuu fi waaʼee isaa nutti himuu dandaʼu waan hin jirreef, kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu.
Ilmaan namootaa yeroo dheeraadhaaf garbummaa cubbuu fi duʼaa jalatti gaddaan, dhiphinaa fi rakkinaan dararamaa waan turaniif, namoonni hedduun wantoota kana kutaa jireenyaa baramaa taʼan godhanii fudhataniiru. Kaayyoon Uumaan keenya Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu garuu kanarraa baayʼee addadha.
Waaqayyo waadaan inni gale hundi guutummaatti akka raawwatamu akka hubannu nu gargaaruuf akkana jedheera: “Dhugumaan wantan itti gammadu ni raawwata, wantan itti isa erges fiixaan ni baasa malee akkanumaan gara kootti hin deebiʼu.”—Isaayyaas 55:11.
Kitaaba Qulqulluu keessatti Yihowaan Waaqa “sobuu hin dandeenye” akka taʼe ibsameera. (Tiitoo 1:2) Waaqayyo yeroo gara fuulduraa ilaalchisee wantoota dinqisiisoo kana hunda akka raawwatu waadaa waan galeef, gaaffilee kanneenirratti yaaduu qabna: Dhuguma ilmaan namootaa lafa Jannata taaterra barabaraaf jiraachuu ni dandaʼuu? Abdii Waaqayyo kennerraa fayyadamuuf maal gochuu qabna? Mata dureewwan itti aanan gaaffilee kanaaf deebii kennu.