Egeree Kee Filachuu Dandeessa!
EGEREEN KEE DHUGUMAAN FILANNOO KEERRATTI KAN HUNDAAʼEDHAA? Namoonni tokko tokko jireenya isaanii kan toʼatu hiree ykn wanta dursee murteeffame malee, filannoo dhuunfaa isaanii akka hin taane amanu. Galma tokkorra gaʼuu yeroo dadhaban, kun kan taʼe waan takkaa isaanitti murteeffameef akka taʼe godhanii yaadu. “Silumayyuu naaf hin jenne!” jedhu.
Kaanimmoo, hacuuccaa fi jalʼina haqaa addunyaa keessa jiru keessaa karaan baʼuun itti dandaʼamu akka hin jirre yeroo argan abdii kutatu. Jireenya isaanii fooyyessuuf kan yaalan taʼus, yeroo baayʼee wantoonni akka waraana, yakka, balaa uumamaa fi dhukkubaa jiran karoorri isaanii akka galmaan hin geenye gufuu isaanitti taʼu. Kanaafuu, ‘Maaliifan dhamaʼa?’ jedhanii yaadu.
Haalawwan jireenya keessatti si mudatan karoora baafatterratti dhiibbaa akka godhan beekamaadha. (Lallaba 9:11) Haa taʼu malee, jireenya bara baraa gara fuulduraatti argattu ilaalchisee filannoo gochuu ni dandeessa. Kitaabni Qulqulluun, egereen kee filannaa keerratti kan hundaaʼe akka taʼe dubbata. Maal akka jedhu ilaali.
Museen inni geggeessaa saba Israaʼel durii ture sabichi Biyyatti Abdachiifamtetti galuuf yeroo jedhutti akkana jedhee ture: “Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura [kaaʼeera]; atii fi sanyiin kee akka jiraattaniif jireenya filadhu; kanas kan gootu, Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan, sagalee isaa dhagaʼuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaani.”—Keessa Deebii 30:15, 19, 20.
‘Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura kaaʼeera; atii jireenya filadhu.’—Keessa Deebii 30:19
Eeyyee! Waaqayyo Israaʼelota garbummaa Gibxii jalaa baasee, Biyyattii Abdachiifamte keessa bilisummaa fi gammachuudhaan akka jiraatan waadaa isaaniif galeera. Haa taʼu malee, kun akkasumaan kan argamu miti. Eebbawwan kana argachuuf, ‘jireenya filachuu’ qabu turan. Akkamitti? ‘Waaqayyoon jaallachuudhaan, sagalee isaa dhagaʼuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaani.’
Yeroo harʼaattis, filannoon wal fakkaatu siif dhihaateera; filannaan ati gootu egeree kee murteessa. Waaqayyoon jaallachuuf, sagalee isaa dhagaʼuu fi isatti maxxanuuf filachuudhaan jireenya, jechuunis lafa jannata taaterra bara baraaf jiraachuuf filachuu dandeessa. Haa taʼu malee, tarkaanfiiwwan kana fudhachuun maalfaa dabalata?
WAAQAYYOON JAALLACHUU FILADHU
Jaalalli amala Waaqayyoo isa guddaadha. Yohaannis ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, “Waaqayyo jaalala” jedhee barreesseera. (1 Yohaannis 4:8) Yesuus ajajni hundarra caalu isa kam akka taʼe yeroo gaafatametti, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan jaalladhu” jedhee kan deebise kanaafi. (Maatewos 22:37) Hariiroon Yihowaa wajjin qabdu, sodaarratti ykn faduulumaan ajajamuurratti utuu hin taʼin, jaalalarratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Haa taʼu malee, isa jaallachuu filachuu kan qabnu maaliifi?
Jaalalli Yihowaan ilmaan namootaatiif qabu jaalala warri ijoollee isaaniitiif qabanii wajjin wal fakkaata. Warri jaalala qabeeyyii taʼan mudaa qabaatanis, ijoolleen isaanii gammachuu fi milkaaʼina akka argatan waan barbaadaniif, ijoollee isaanii ni barsiisuu, ni jajjabeessuu, ni gargaaruu, akkasumas ni adabu. Ijoollee isaaniirraa hoo maal eegu? Ijoolleen isaanii akka isaan jaallatanii fi wanti isaan isaan barsiisan kan isaan fayyadu taʼuu isaa akka hubatan barbaadu. Maarree, Abbaan keenya inni samii inni mudaa hin qabne, wanta nuu godhe hunda akka dinqisiifannu nurraa eeguun isaa sirrii mitii?
SAGALEE ISAA DHAGAʼI
Afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechi, “dhagaʼuu” jedhu yeroo baayʼee ergaa, “ajajamuu” jedhu of keessatti kan qabatedha. Mucaa tokkoon, “Warra kee dhagaʼi” yeroo jennus akkasuma jechuu keenya mitii? Kanaafuu, sagalee Waaqayyoo dhagaʼuun wanta inni jedhe beekuu fi isaaf ajajamuu argisiisa. Kallattiidhaan sagalee Waaqayyoo dhagaʼuu kan hin dandeenye taʼus, Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe dubbisuu fi gorsa isaa hojiirra oolchuudhaan isa dhagaʼuu dandeenya.—1 Yohaannis 5:3.
Yesuus yeroo tokko, sagalee Waaqayyoo dhagaʼuun barbaachisaa taʼuu isa ibsuuf, “Namni dubbii afaan Yihowaa keessaa baʼu hundumaatiin malee, nyaata qofaan jiraachuu hin dandaʼu” jedhee ture. (Maatewos 4:4) Akkuma nyaanni nu barbaachisu waaʼee Waaqayyoo beekuunis nu barbaachisa; beekumsi kun nyaata caalaayyuu nu barbaachisa. Maaliif? Solomoon Mootichi inni ogeessi, “Akkuma maallaqni eegumsa argamsiisu, ogummaanis eegumsa argamsiisa; caalmaan beekumsaa fi ogummaa garuu nama isaan argate lubbuudhaan jiraachisuu isaanii ti” jedheera. (Lallaba 7:12) Beekumsii fi ogummaan Waaqayyo biraa argamu yeroo harʼaatti eegumsa nuuf godha, akkasumas filannoo ogummaarratti hundaaʼee fi jireenya bara baraa nuuf argamsiisu gochuuf nu gargaara.
ISATTI MAXXANI
Fakkeenya Yesuus dubbatee fi mata duree darberratti caqasame yaadadhu; Yesuus achirratti, “Karri gara jireenyaatti geessu . . . dhiphaa dha, daandiin isaas qalʼoo dha; namoonni isa argatanis muraasa” jedheera. (Maatewos 7:13, 14) Daandii akkasiirra yommuu deemnu, bakka barbaannu gaʼuuf, jechuunis jireenya bara baraa argachuuf, qaama daandii sana sirriitti beekutti dhihaannee isa faana deemuun akka nu gargaaru beekamaadha. Kanaafuu, Waaqayyotti dhihaannee jiraachuuf sababii quubsaa qabna. (Faarfannaa 16:8) Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
Guyyaa guyyaadhaan wantoonni gochuu qabnuu fi wantoonni gochuu barbaannu hedduun jiru. Wantoonni akkasii waan nu qabaniif ykn xiyyeeffannaa keenya waan harkisaniif, wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuuf yeroo dhabuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; guyyoonni kun hamoo waan taʼaniif, yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa” jechuudhaan kan gorsu kanaafi. (Efesoon 5:15, 16) Jireenya keenya keessatti wanta kamiyyuu caalaa hariiroo Waaqayyoo wajjin qabnuuf dursa kennuudhaan, isatti dhihaannee jiraachuu dandeenya.—Maatewos 6:33.
FILANNAAN ISAA KAN KEETI
Jireenya kee darbe jijjiiruu kan hin dandeenye taʼus, siifis taʼe namoota jaallattuuf egeree gaarii filachuu ni dandeessa. Kitaabni Qulqulluun Abbaan keenya inni samii Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi maal akka nurraa eegu nutti hima. Miikiyaas raajichi maal akka jedhe qalbeeffadhu:
“Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera. Yihowaan maal si irraa barbaada? Haqa akka raawwattu, amanamummaa akka jaallattu, gad of qabuudhaan Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?”—Miikiyaas 6:8.
Affeerraa Yihowaan akka isaa wajjin deddeebitu siif dhiheesse fudhattee, eebba bara baraa namoota affeerraa isaa fudhataniif qopheesse ni argattaa laata? Filannoon isaa kan keeti!