Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Raajiiwwan Raawwii Isaanii Argatan

Raajiiwwan Raawwii Isaanii Argatan

Mata duree jalqabaarratti, Kiriisas beekaa Deelfiitti argamu tokkoon gowwoomfamee akkamitti mootii Faarsiin akka injifatame ilaalleerra. Karaa biraatiin, Kitaabni Qulqulluun raajii dinqisiisaa mootii Faarsi ilaalchisee dubbatamee fi tokko tokkoon raawwatame qabateera.

Mootichi dhalachuu isaa gara waggaa 200 dura, Isaayyaas raajichi inni Ibricha taʼe maqaan isaa Qiiros akka jedhamuu fi Baabilon ishii magaalaa guddoo taate akkamitti akka injifatu dubbateera.

Isaayyaas 44:24, 27, 28: “Yihowaan . . . akkana jedha: . . . Ani bishaanota gad fagoodhaan, ‘Hurkaa, lageen keessan hundumaas nan gogsa’ nan jedha; waaʼee Qiirosis, ‘Inni tiksee koo ti, fedhii koo hundumaas guutummaatti ni raawwata’ nan jedha; waaʼee Yerusaalem, ‘Ishiin deebitee ni ijaaramti,’ waaʼee mana qulqullummaas, ‘Buʼuurri kee ni kaaʼama’ nan jedha.”

Akka barreessaan seenaa Giriikii Herodotas jedhetti, loltoonni Qiiros bishaan Laga Efraaxis isa Baabilon keessa qaxxaamuru kallattii biraatti akka yaaʼu godhanii turan. Malli Qiiros itti fayyadame, loltoonni isaa lagicha ceʼanii magaalattiitti akka seenan dandeessiseera. Qiiros magaalattii erga injifatee booda, Yihudoota boojuudhaan Baabilon keessa jiraachaa turan bilisa baaseera; gara Yerusaalem ishii waggaa 70 dura balleeffamtee turtetti deebiʼanii magaalattii deebisanii akka ijaaranis isaaniif heyyameera.

Isaayyaas 45:1: “Yihowaan Qiiros isa dibe sanaan, isa saboonni akka isaaf bitaman gochuuf, mootota meeshaa waraanaa hiiksisuuf, karrawwan akka hin cufamneefis balbaloota isa duratti banuuf harka isaa mirgaa qabate sanaan akkana jedha.”

Warri Faarsi balbaloota dallaa magaalattii guguddaa lamaan utuu hin cufamin irraanfatamaniin magaalattiitti seenaniiru. Warri Baabilon wanta Qiiros karoorfate utuu beekaniiru taʼee, karrawwan kallattii lagichaatiin jiran hunda ni cufatu turan. Haa taʼu malee, karri magaalattii banaa waan tureef, loltoota kana ofirraa ittisuu hin dandeenye.

Raajiin dinqisiisaa taʼe kun, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwataman hedduu keessaa tokko qofadha. a Raajii namoonni yeroo baayʼee waaqolii isaaniirraa akka dhufe dubbatanirraa haala adda taʼeen, raajiin Kitaaba Qulqulluu Qaama, “Wanta gara fuulduraatti taʼu jalqaba irraa kaasee, wantoota hamma yoonaatti hin raawwatamnes bara dheeraa dura nan dubbadha” jedhee dubbaterraa kan dhufedha.—Isaayyaas 46:10.

Akkana jechuu kan dandaʼu, Waaqa dhugaa isa maqaan isaa Yihowaa taʼe qofadha. Maqaan kun hiikni isaa “Akka Taʼu Godha” jechuudha. Kunis wantoota gara fuulduraatti raawwataman beekuu fi fedhii isaa wajjin akka wal siman gochuu akka dandaʼu argisiisa. Wanta waadaa gale hunda akka raawwatus nuuf mirkaneessa.

RAAJIIWWAN YEROO HARʼAATTI RAAWWATAMAA JIRAN

Bara keenya ilaalchisee raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu maal akka jedhan beekuu barbaaddaa? Gara waggaa 2,000 dura, Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe” akka dhufu raajii dubbatee ture. Dhuma maaliiti? Dhuma lafaa ykn ilmaan namootaa utuu hin taʼin, dhuma jeequmsa, hacuuccaa fi rakkina waggoota kumaan lakkaaʼamaniif ilmaan namootaa miidhaa turaniiti. Mee raajiiwwan “guyyoota dhumaa” adda baasanii beeksisan muraasa haa qorru.

2 Ximotewos 3:1-5: “Guyyoota dhumaatti . . . namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne, gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu; Waaqa kan sodaatan fakkaatu, humna isaa garuu ni ganu.”

Amaloonni kun namoota yeroo harʼaa jiranirratti baayʼinaan mulʼachaa jiru mitii? Namoota garmalee of jaallatan, maallaqa jaallatanii fi boonuudhaan of bokoksan gidduu akka jiraannu hin hubannee? Namoonni salphaatti kan hin gammannee fi warra kaan wajjin walii galuuf fedhii kan hin qabne taʼuu isaanii hoo hin hubannee? Ijoolleen warra isaaniitiif akka hin ajajamnee fi walumaa galatti namoonni Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu akka jaallatanis akka hubatte hin shakkisiisu. Haalli kun guyyaa guyyaadhaan ittuma caalaa jira.

Maatewos 24:6, 7: “Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. . . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.”

Bara 1914 kaasee namoonni sababii waraanaa fi walitti buʼiinsaatiin duʼan miliyoona 100 ol akka taʼan tilmaamama; lakkoofsi kunis lakkoofsa uummataa biyyoota hedduurra baayʼee caala. Booʼicha, gaddaa fi dhiphina sababii dhumaatii kanaatiin gaʼe tilmaamuu dandeessa. Maarree, mootummoonni dogoggora isaaniirraa baratanii waraanni akka dhaabbatu godhaniiruu?

Maatewos 24:7: “Hanqinni nyaataa . . . ni taʼa.”

Dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa akkana jedhee ture: “Addunyaa keessatti nyaanni gaʼaan namoota hundumaa quubsu kan oomishamu taʼus, guyyaa guyyaadhaan namoonni miliyoona 815 taʼan, jechuunis namoota sagal keessaa tokko hagabuu bula. Kana malees, namoota sadii keessaa tokko nyaata madaalamaa dhabuu isaatiin dararama.” Waggaa waggaadhaan ijoolleen miliyoona sadii taʼan beelaan akka duʼan tilmaamama.

Luqaas 21:11: “Kirkirri lafaa guguddaan ni taʼa.”

Waggaa waggaadhaan kirkirri lafaa gara 50,000 taʼu ilmaan namootaarra ni gaʼa. Kirkirri lafaa gara 100 taʼu gamoowwanirratti miidhaa guddaa kan geessisu yeroo taʼu, waggaa waggaadhaan kirkirri lafaa guddaan tokko ni uumama. Tilmaamni tokko akka argisiisutti, kirkirri lafaa bara 1975 fi 2000 gidduutti uumame lubbuu namoota 471,000 galaafateera.

Maatewos 24:14: “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.”

Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoona saddeetii ol taʼan, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti biyyoota 240​tti lallabaa fi dhugaa baʼaa jiru. Magaalota guguddaa keessattis taʼe baadiyyaatti, akkasumas naannoowwan fagoo bosona keessattii fi gaarreenirratti argamanitti misiraachicha ni lallabu. Raajiin dubbatame akka argisiisutti hojiin kun hamma Waaqayyo barbaadutti yommuu raawwatamu “dhumni ni dhufa.” Kana jechuun maal jechuudha? Dhuma bulchiinsa ilmaan namootaa fi jalqaba bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo taʼa jechuudha. Mootummaa Waaqayyoo jalatti abdii akkamiitu raawwatama? Dubbisuu kee yoo itti fufte deebii isaa ni argatta.