Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaʼee Yeroo Gara Fuulduraa Raajuu

Waaʼee Yeroo Gara Fuulduraa Raajuu

‘Yeroon gara fuulduraa anaa fi maatii koorratti maal fida laata?’ jettee yaaddee beekaa? Gara fuulduraatti badhaadhinaa fi jaalala waan argattu sitti fakkaatamoo, rakkinnii fi kophummaan waan sitti dhufu sitti fakkaata? Yeroo dheeraa waan jiraattumoo, umuriin kee waan gabaabbatu sitti fakkaata? Waggoota kumaan lakkaaʼamaniif namoonni deebii gaaffilee kanaa tilmaamaa turaniiru.

Hayyoonni yeroo harʼaa jiran haala addunyaa qorachuudhaan waaʼee gara fuulduraa raajii dubbatu. Wantoonni isaan dubbatan hedduun raawwatamaniiru, kaan garuu hin raawwatamne, tokko tokkommoo haala baayʼee nama gaddisiisuun utuu hin raawwatamin hafaniiru. Fakkeenyaaf, bara 1912​tti Guliiyelmoo Maarkooniin inni telegiraafii shiboo hin qabne kalaqe, “Barri meeshaalee shiboo hin qabnee yommuu dhufu waraanni jiraachuu hin dandaʼu” jedhee akka raajii dubbate ibsama. Namni kubbaaniyyaa Deekkaa Riikardi jedhamuuf bakka buʼaa taʼee fi garee muuziqaa Biitilsi bara 1962 dhiisee baʼe tokko, gareen gitaara taphatu beekamummaan isaa akka itti hin fufne amana ture.

Namoonni hedduun waaʼee gara fuulduraa beekuuf qaamota humna namootaatii ol taʼanirraa gargaarsa argachuuf yaalu. Namoonni tokko tokko namoota urjii lakkaaʼan gorsa gaafatu; raajiin qaamolee samiitti fayyadamanii dubbatan barruulee fi gaazexaa hedduurratti ni baʼa. Kaanimmoo namoota hooda dubbatan ykn barruu harkaa fi wantoota kan biroo ilaaluudhaan waaʼee gara fuulduraa raaguu akka dandaʼan dubbatan gorsa gaafatu.

Bara duriittis namoonni luboota waaqa isaanii akka bakka buʼan dubbatan odeeffannoo gaafachuudhaan waaʼee gara fuulduraa beekuuf yaalu turan. Fakkeenyaaf, mootii Liidiyaa kan taʼe Kiriisas, Qiiros mootii Faarsi yoo lole maaltu akka taʼu akka isatti himuuf beekaa Deelfii, Giriikitti argamuuf kennaa gatii guddaa qabu ergee ture. Beekaan sunis Kiriisas Qiiros irratti yoo duule “bulchiinsa guddaa tokko” akka balleessu dubbate. Kiriisas injifannoo akka argatu abdachuudhaan kan duule taʼus, bulchiinsi guddaan balleeffame garuu kanuma isaa ture.

Raajiin beekaan sun dubbate gatii kan hin qabne ture; injifannoo kan argatu eenyuyyuu yoo taʼe raajiin isaa kan raawwatame fakkaachuu dandaʼa. Kiriisas odeeffannoo sirrii hin taane kanaan kan kaʼe wanta qabu hunda dhabeera. Yeroo harʼaattis namoonni waaʼee gara fuulduraa beekuuf malawwan beekamoo taʼanitti fayyadaman kanumatu isaanirra gaʼa.