Yommuu Jireenyi Garmalee Ulfaataa Fakkaatu
Fakkeenyaaf, Saali * ishiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattuu fi qabeenyaa ishii gara caalaa obomboleettiidhaan dhabde akkana jetteetti: “Dhiphina na irra gaʼe dandamachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Guyyoota hedduuf kana caalaa obsuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼama ture.”
Yookiin namni jaallannu tokko yoo duʼe hoo? Jaaniis ishiin Awustiraaliyaa keessa jiraattu wanta yaadattu akkana jechuudhaan dubbatteetti: “Yommuun ilmaan koo lamaan duʼaan dhabetti qaamni koo akkuma miʼa caccabeetti gatii kan dhabe waan natti fakkaateef, iddootti deebisuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼamee ture. Kanaafuu, ‘Maaloo, ani kana caalaa dhiphina dandamachuu hin dandaʼu! Duʼuun barbaada’ jedheen Waaqayyoon kadhadhe.”
Gama biraatiin immoo Daaniʼeel, haati manaa isaa amanamummaa ishii utuu hin eegin yommuu haftetti baayʼee gaddee ture. Akkas jedheera: “Haati manaa koo amanamummaa ishii utuu hin eegin akka hafte yommuu dubbattetti akka waan albeen garaa koo na waraaneetti natti dhagaʼame. Dhiphinni qaamaa kun jiʼoota hedduudhaaf irra deddeebiʼee natti dhagaʼameera.”
Mata dureen Masaraa Eegumsaa kun yommuu wantoonni armaan gadii nu mudatan illee jiraachuun gatii kan qabu maaliif akka taʼe ibsa
Kanaafuu, mee jalqaba, yommuu balaan gaʼu akkamitti dandamachuu dandeenya.
^ Maqaawwan mata duree kanaa fi warra itti aanan keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.