Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kitaaba Qulqulluu Qooqa Guyyaa Guyyaadhaan Dubbatamuun Qophaaʼe

Kitaaba Qulqulluu Qooqa Guyyaa Guyyaadhaan Dubbatamuun Qophaaʼe

HAYYUUN Alan Dazii jedhaman kitaaba isaanii Bible Translations and How to Choose Between Them jedhamu akkana jedhanii barreessaniiru: “Kitaabni Qulqulluun wanta Waaqayyo ilmaan namootaatti dubbate taʼuu isaa ni amanta taanaan, Waaqayyo nutti dubbachaa jira jechuu dha. . . . Amantiin ati hordoftu guutummaa jireenya kee tuqeera taanaan, [Kitaabni Qulqulluun] qooqa guyyaa guyyaadhaan dubbatamuun kan barreeffame taʼuu qaba.”

Namoonni Dubbii Waaqayyoo jaallatan yaada kana irratti guutummaatti walii galu. Namoonni kun yaada, “Kitaabni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffame siʼa taʼu barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf ni fayyada” jedhutti guutummaatti ni amanu. (2 Ximotewos 3:16) Kitaabni Qulqulluun kitaaba durii qofa miti. Kanaa mannaa, kitaabni kun rakkoowwan guyyaa guyyaadhaan nu mudataniif furmaata waan argamsiisuuf, “jiraataa fi humna qabeessa dha.” (Ibroota 4:12) Taʼus, namoonni kitaaba kana akka hubatanii fi hojii irra akka oolchan yoo barbaadame, qooqa guyyaa guyyaadhaan dubbatamuun qophaaʼuu qaba. Kitaabni yeroo baayʼee namoonni Kakuu Haaraa jedhanii waaman kun kan barreeffame, Afaan Giriikii durii isa falaastonni akka Pilaatoo ittiin fayyadamaniin utuu hin taʼin, Afaan Giriikii isa namoonni guyyaa guyyaadhaan dubbatanii fi Koyinee jedhamuun ture. Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun kan barreeffame namoonni bakki guddaan hin kennamneef akka dubbisanii fi akka hubataniif ture.

Kanaan kan kaʼes, waggoota dhihoodhaa asitti hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu ammayyaa hedduun qooqa garaa garaatiin qophaaʼaniiru. Kunis yeroo baayʼee faayidaa guddaa argamsiiseera. Namoonni hedduun yeroo ammaatti salphaatti Kitaaba Qulqulluu argachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, hiikkaawwan ammayyaa kun hedduun loogii irraa walaba taʼanii ergaa isaa karaa sirrii fi ifa taʼeen kaaʼuu irratti hanqina guddaa qabu. Fakkeenyaaf, hiikkaawwan tokko tokko haala warri duʼan keessatti argamanii fi maqaa Waaqa dhugaa ilaalchisee barumsa Kitaaba Qulqulluu isa ifa taʼe dhoksuu barbaadu.

Kanaafuu, namoonni Dubbii Waaqayyoo jaallatan Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata Afaan Oromootiin baʼuu isaatti baayʼee gammadu. Dhugaa Baatonni Yihowaa hiikni ammayyaa kun Amajjii 9, 2016 baʼuu isaa beeksisaniiru. Namoonni kitaaba kana hiikan barumsi amantii hiikkaa isaanii irratti dhiibbaa akka godhu hin heyyamne; hiikkaan kun yaada isaa sirriitti kan dabarse siʼa taʼu, kunis Afaan Oromootiin Kitaaba Qulqulluu caalaatti akka hubatan gargaareera. Haa taʼu malee, kitaaba nama dinqisiisu kana kan hiike eenyu? jettanii gaafattu taʼa.

Namoota Waaqayyoof Ulfina Kennan

Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata namoota Afaan Oromoo dubbataniif haaraa yoo taʼe iyyuu, bara 1950 irraa jalqabee jira ture. Yeroo sanatti hiikni kun Waldaa Masaraa Eegumsaa Kitaaba Qulqulluu fi Tiraaktiitiin Afaan Ingiliffaatiin baʼee ture; Waldaan Kitaaba Qulqulluu biyyoolessaa kun, Kitaaba Qulqulluu maxxansuu irratti seenaa waggoota dheeraa qaba. Masaraan Eegumsaa Fulbaana 15, 1950 akkana jedhee ture: “Miseensonni koree hiikkaa kanaa . . . maqaan isaanii akka hin ibsamne akka barbaadan beeksisaniiru; lubbuudhaan utuu jiraniis taʼe erga duʼanii booda, maqaan isaanii kitaabicha irratti akka caqasamu kan hin barbaanne taʼuu isaanii dubbataniiru. Kaayyoon hiikkaa kanaa maqaa Waaqa isa jiraataa fi isa dhugaa ol ol qabuu dha.”

Guutummaan Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa bara 1961 tti baʼe. Maqaan namoota kitaaba kana hiikanii hanga harʼaatti kan hin ibsamne taʼus, wanti hojii kanaaf isaan kakaase maal akka taʼe ykn hangam hojichaaf akka of kennan garuu beekamaa dha. Seensi Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa 2013 akkana jedha: “Ergaan Kitaaba Qulqulluu barbaachisaa taʼuu isaa waan hubanneef, yaada Kitaaba Qulqulluu keessa jiruuf ulfina guddaa kennuudhaan hiikkaa kana fooyyessinee qopheessineerra. Kaayyoon keenya inni guddaan ergaa isaa sirriitti dabarsuu akka taʼe nutti dhagaʼama. . . . Galmi keenya, ergaa barreeffama isa jalqabaa irra jiru amanamummaadhaan dabarsuu qofa utuu hin taʼin, hiikkaa ifa taʼee fi dubbisuuf salphaa taʼe qopheessuu dha.”

Miseensonni koree hiikkaa kanaa hojii kana hojjechuuf gaʼumsa qabu turanii? Hayyoonni hojii kanatti mufatan tokko tokko, hiikkaan kun maqaa fi sadarkaa barumsaa hiiktota kitaaba kanaa kan hin ibsine waan taʼeef, hojiin hiiktota beekumsa guddaa hin qabneen hojjetame kun walumaa galatti fudhatama argachuu hin qabu jedhanii falmaniiru. Taʼus ilaalcha sirrii hin taane akkanaa kan qaban hayyoota hunda miti. Alan Daziin akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Eenyummaa hiiktota ykn maxxansitoota hiikkaa Kitaaba Qulqulluu tokkoo beekuun keenya, hiikkaan sun gaarii dha ykn gadhee dha jechuuf nu dandeessisaa? Akkana jechuu hin dandeenyu. Furmaanni gaariin hunda caalu hiikkaawwan hunda qoruu dha.” *

Hanga yoonaatti Hiikni Addunyaa Haaraa guutummaatti ykn gar tokkoon isaa koppii miliyoona 214 oliin qooqa 135n addunyaa maratti maxxanfameera. Namoonni kitaaba kana dubbisan hedduun maal hubataniiru?

Hiikkaa Maqaa Waaqayyoo Qulqulleessu

Yesuus barattoonni isaa, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Haa taʼu malee, hiikkaawwan hedduu keessatti Waaqayyo qaama maqaa hin qabnee fi maqaa ulfinaa “Waaqayyo” ykn “Gooftaa” jedhamuun qofa beekamu akka taʼetti ibsameera. Jalqaba irratti garuu haalli isaa akkana hin turre. Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti Waaqayyo gara siʼa 7,000 maqaa dhuunfaa isaa isa Yihowaa jedhamuun ifatti waamameera. (Baʼuu 3:15; Faarfannaa 83:18) Yeroo booda Yihudoonni ilaalcha dogoggoraa irraa kan kaʼe sodaatanii maqaa Waaqayyootti fayyadamuu dhiisan. Ergamoonni Yesuus erga duʼanii booda, gumiin Kiristiyaanaas ilaalcha dogoggoraa kanaan faalameera. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30; 1 Ximotewos 4:1) Namoonni kutaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii garagalchan maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu, jecha Afaan Giriikii Kiriyoos isa hiikni isaa “Gooftaa” jechuu taʼee fi Teeʼos isa hiikni isaa “Waaqayyo” jechuu taʼeen bakka buusuu jalqaban.

Hiikni Addunyaa Haaraa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi maqaa Waaqayyoo qooqa isaaniitiin ilaaluuf isaan dandeessisa

Koreen Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata (“Kakuu Haaraa”) keessatti maqaa Yihowaa iddoo isaatti deebisuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhateera; maqaan kun al 237 achi keessatti ni argama. Maqaa kana iddoo isaatti deebisuuf buʼuura kan taʼe, hawwii hiiktonni kun qaban utuu hin taʼin, beekumsa qabatamaa taʼee fi qorannaa guddaa gochuudhaan argame dha. Fakkeenyaaf Luqaas 4:18, yaada Isaayyaas 61:1 irra jiru caqasa. Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa isa jalqabaa irratti, maqaan Yihowaa caqasa Isaayyaas kana irratti ni argama. * Kanaafuu, Luqaas 4:18 Hiika Addunyaa Haaraa irratti, “Hafuurri Yihowaa ana irra jira; hiyyeessotaaf misiraachoo akka ani lallabu na dibeera” jedhamee hiikamuun isaa sirrii dha.

Hiikni akkanaa namoonni kitaaba kana dubbisan Yihowaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoos isa tokkicha irraa adda baasuuf isaan gargaara. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo dabalatee hiikkaawwan hedduun Maatewos 22:44 irratti, “Gooftichi gooftaa kootiin . . . jedheera” jedhanii hiikaniiru. Haa taʼu malee, as irratti eenyutu eenyutti dubbachaa jira? Caqasni kun Faarfannaa 110:1 irraa kan fudhatame siʼa taʼu, caqasichi Afaan Ibrootaa jalqaba ittiin barreeffameen maqaa Waaqayyoo qabateera. Kanaan kan kaʼes, Hiikni Addunyaa Haaraa Maatewos 22:44 irratti, “Yihowaan Gooftaa kootiin . . . jedha” jedhee hiikeera. Garaa garummaa Yihowaa fi Ilma isaa gidduu jiru ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu hubachuun ulfaataa miti. (Maarqos 13:32; Yohaannis 8:17, 18; 14:28) Taʼus kun fayyina nama tokkootiif dirqama barbaachisaa dha. Hojiin Ergamootaa 2:21, “Namni maqaa Yihowaa waammatu hundi ni fayya” jedha.

Hiikkaa Sirrii fi Ifa Taʼe

Hiikni Addunyaa Haaraa bifawwan adda taʼan dabalataas qaba. Hiikkaa kana qopheessuuf adda durummaadhaan kan tajaajile barreeffama Afaan Giriikii isa Weestikootii fi Horti of eeggannoo guddaadhaan qopheessani dha. Haa taʼu malee, barreeffamoonni paappiirasii durii fi barreeffamoonni guguddaa Neesilii fi Alaandiin, akkasumas Gamtaan Waldaalee Kitaaba Qulqulluu qopheessan ilaalamaniiru. Jechoota Afaan Giriikii warra jalqabaa karaa sirrii taʼee fi amanamummaadhaan hamma dandaʼametti qooqa salphaa fi ammayyaa taʼetti hiikuuf of eeggannoo guddaan godhameera. Kunis barreeffamni Kitaaba Qulqulluu inni jalqabaa miʼaa isaa eegee akka turu, akkasumas kan nama hawwatu taʼee akka itti fufu qofa utuu hin taʼin, wantoota kanaan dura hin hubatamne hubachuuf gargaareera.

Hiikni Addunyaa Haaraa jechoota Afaan Giriikii salphaatti hubachuun hin dandaʼamne ergaa isaanii dabarsuuf yaalii godha. Afaanota ammayyaa hedduu keessatti jechi gocha argisiisu tokko yeroo gochi sun itti raawwatame, jechuunis kan darbe, kan ammaa ykn kan gara fuulduraa taʼuu isaa argisiisuu dandaʼa. Afaan Giriikii keessattis jechi tokko gocha amma raawwatamaa jiru, raawwatamee kan darbe, raawwatamuu isaa kan itti fufe taʼuu fi dhiisuu isaa ni argisiisa. Mee jechoota Yesuus dubbatee fi Maatewos 6:33 irratti argaman ilaali. Afaan Giriikiitiin jechi “barbaaduu” jedhu gocha itti fufiinsa qabu argisiisa. Kanaaf, caqasni kun karaa yaada Yesuus dubbachuu barbaade dabarsuun, “Isin garuu, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu” jedhamee hiikameera. Haaluma wal fakkaatuun Maatewos 7:7 irrattis, “Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa isiniif ni banama” jedhamee hiikameera.—Roomaa 1:32; 6:2; Galaatiyaa 5:15.

Addunyaa Maratti Namoonni Dubbii Waaqayyoo Akka Argatan Gochuu

Kitaabni Qulqulluun Maatewos-Mulʼata kun Afaan Oromootiin baʼuun isaa tarkaanfii jalqabaa qofa dha. Guutummaa Kitaaba Qulqulluu hiikuufis karoorri qabameera. Haa taʼu malee, namoonni hiikkaa Afaan Oromoo kana dubbisan kitaabni kun akkuma hiika Ingiliffaa sirrii fi karaa ifa taʼeen hiikamuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼuu?

Eeyyee, ni dandaʼu. Akkana kan jennu Qaamni Ol Aanaan Dhugaa Baatota Yihowaa hojii hiikkaa kana ol aantummaadhaan toʼachaa waan tureefi dha. Kitaaba Qulqulluu qooqa kan biraatti hiikuun gareedhaan yoo hojjetame caalaatti gaarii akka taʼu murteeffameera. Kanaan kan kaʼes biyyoota hedduu keessatti gareewwan hiikkaa Kitaaba Qulqulluu hundeeffamaniiru. Wanta gareewwan kanaaf barbaachisu guutuuf, gaaffiiwwan hiiktonni Kitaaba Qulqulluu dhiheessaniif deebii kennuu fi kitaabota Hiika Addunyaa Haaraa qooqa adda addaatiin qophaaʼan wal fakkeessuuf kutaan Tajaajila Hiikkaa jedhamu waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti hundeeffameera. Dabalataanis sagantaan kompiitaraa Waachtaawar Tiraansileeshin Siistam jedhamu warra Kitaaba Qulqulluu hiikan gargaaruuf qophaaʼeera. Dhugaa dha, hojiin hiikkaa harki caalaan isaa carraaqqii namootaa akka gaafatu dagatamuu hin qabu. Taʼus, sagantaan kompiitaraa kun carraaqqii gareen hiiktotaa Hiika Addunyaa Haaraa akkuma hiikkaa isa Ingiliffaa karaa sirrii fi ifa taʼeen hiikuuf godhan isaaniif salphiseera. Faayidaawwan hedduu sagantaan kun qabu keessaa tokko, jechoonni Afaan Ibrootaa fi Afaan Giriikii hundi Kitaaba Qulqulluu Ingiliffaa keessatti akkamitti akka hiikaman ibsuu siʼa taʼu, kun immoo warri hiikan jechoota qooqa isaanii keessa jiran filachuu irratti guddaa isaan gargaara.

Qophiin kun milkaaʼina akka argamsiise buʼaa isaa ilaaluudhaan ifatti hubachuun ni dandaʼama. Atis Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Maatewos-Mulʼata kana akka qortu si jajjabeessina. Kitaaba kana warra barreeffama kana maxxansan biraa argachuu dandeessa. Kitaabni kun bifawwan addaa nama gammachiisan hedduus qaba; fakkeenyaaf, ifa kan taʼe, salphaatti kan dubbifamuu fi jalqaba kitaaba hundaa irratti qabiyyee caqasoota beekamoo taʼan daftee argachuuf si gargaaru kan qabu dha. Kitaabni kun buukleetii Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru jedhamuu fi kaartaawwan, akkasumas odeeffannoo dabalataa gaggaarii qabatee wajjin walitti akka itti fayyadamtuuf yaadamee kan qophaaʼe dha. Hunda caalaa garuu, dubbii Waaqayyo jalqaba dubbate qooqa guyyaa guyyaadhaan dubbannuun sirriitti kan dabarsu taʼuu isaa amanuudhaan Kitaaba Qulqulluu kana dubbisuu dandeessa.

^ KEY. 9 Kitaabni Qulqulluun New American Standard Bible inni ibsa dabalataa qabuu fi bara 1971 tti maxxanfame qola isaa irratti, “Dubbiin Waaqayyoo ofii isaatiin ulfina waan qabuuf, ragaa akka taʼuufis taʼe fudhatama akka argatuuf maqaa hayyuu isa kamii illee hin caqasne” jechuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha.

^ KEY. 13 Yeroo baayʼee caqasoonni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa Kakuu Haaraa keessatti yeroo caqasaman hiikkaa Saptuujantii Giriikii irraa akka fudhatamaa turan beekamaa dha. Koppiiwwan Saptuujantii yeroo booda qophaaʼan maqaa Waaqayyoo waan hin qabneef, hayyoonni hedduun maqaan kun Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata keessattis itti dabalamuu hin qabu jedhanii falmu. Haa taʼu malee, koppiiwwan Saptuujantii durii yeroo ammaatti argaman maqaa Yihowaa qubee Afaan Ibrootaatiin barreeffame qabu. Kun maqaa Yihowaa Kitaaba Qulqulluu Maatewos-Mulʼata keessa galchuuf ragaa cimaa nuu taʼa.