Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge.”—FAARFANNAA 139:16

Waaqayyo Si Hubataa?

Waaqayyo Si Hubataa?

UUMAMNI MAAL NU BARSIISA?

Mee waaʼee firooma namoonni qaban keessaa isa hunda irra caaluu fi lakkuuwwan guutummaatti wal fakkaatan gidduu jiruu yaadi. Namoonni akkasii wanta wal isaan fakkeessu hedduu qabu. Naansii Siigal ishiin Daayireektara Giddu Gala Qorannaa Lakkuu fi ofii ishiis lakkuu taate, lakkuuwwan tokko tokko, “Wanta inni tokko isa kaanitti dubbachuu barbaade utuu isaaf hin ibsin wanta inni kaan dubbachuu barbaade sirriitti hubachuu dandaʼu” jetteetti. Dubartiin takka walitti dhufeenya ishii fi lakkuu ishii gidduu jiru ilaalchisee, “Waaʼee walii keenyaa waan hundumaa guutummaatti beekna” jetteetti.

Wal hubannaa adda taʼe kanaaf wanti gumaacha godhu maali dha? Haalli naannoo fi akkaataan guddinaa gaʼee akka qaban qorannoon kan ibsu taʼus, lakkuuwwan jiinii wal fakkaatu qabaachuun isaanii gaʼee guddaa kan qabu fakkaata.

MEE YAADI: Uumaan jiinii dinqisiisaa taʼe kana hundumaa uume uumama tokkoon tokkoon keenyaa gadi fageenyaan akka hubatu hin shakkisiisu. Daawit Faarfatichi, “Gadameessa haadha koo keessatti situ na tolche. Ani dhoksaatti yommuun hojjetame . . . lafeen koo iyyuu si duraa hin dhokanne. Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge.” (Faarfannaa 139:13, 15, 16) Uumama keenyas taʼe, wanta jireenya keenya keessatti nu mudatee fi eenyummaa keenya irratti dhiibbaa godhe kan beekuu fi guutummaatti kan hubatu Waaqayyo qofa dha. Waaqayyo akka gaariitti kan nu beeku taʼuun isaa fi uumamni keenya, inni guutummaatti akka nu hubatu nuuf mirkaneessa.

KITAABNI QULQULLUUN HUBANNAA WAAQAYYOO ILAALCHISEE MAAL NU BARSIISA?

Daawit, “Yaa Waaqayyo, ati qortee na ilaalteetta, na beektas! Taaʼuu koo fi ijaajjuu koo in beekta, fagoodhaas yaada koo in hubatta. Utuma dubbiin afaan kootii hin baʼin, isa ani jechuuf ture hundumaa ati dur illee beekte, yaa Waaqayyo!” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera. (Faarfannaa 139:1, 2, 4) Kana malees, Yihowaan miira keessa keenya jiru ni beeka, akkasumas ‘wanta yaadni namaa itti hidhamee jiru hundumaa ni hubata.’ (1 Seenaa 28:9; 1 Saamuʼel 16:6, 7) Caqasoonni kun waaʼee Waaqayyoo maal ibsu?

Wanta kadhannaadhaan dhiheessuuf yaadne hundumaa fi miira keenya baasnee yoo dubbachuu baanne illee, Uumaan keenya wanta nuti hojjennu qofa utuu hin taʼin, maaliif akka hojjennus ni hubata. Kana malees, humni keenya daangaa qabaachuu isaatiin kan kaʼe wanta barbaannu hundumaa akka hin raawwanne yoo nu dhowwe illee, inni wanta gaarii nuti hojjechuu barbaannu ni hubata. Waaqayyo keessa keenyatti jaalala waan uumeef, inni yaadaa fi kakaʼumsa keenya isa jaalala irratti hundaaʼe ilaaluu fi hubachuuf fedhii, darbees hawwii guddaa akka qabu beekamaa dha.—1 Yohaannis 4:7-10.

Wanti Waaqayyo hin argine tokko illee hin jiru. Yeroo namoonni kaan rakkina keenya hin beekne ykn guutummaatti hin hubannetti illee inni ni beeka

Kitaabni Qulqulluun maal nuuf mirkaneessa?

  • “Iji Yihowaa warra qajeelota irra jira; gurri isaas wawwaannaa isaanii ni dhaggeeffata.”—1 PHEEXIROS 3:12.

  • Waaqayyo, “Waan gochuun siif taʼu sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif taʼu sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin toʼadha” jechuudhaan abdii kenneera.—FAARFANNAA 32:8.

WAAQAYYO BAAYʼEE GARA LAAFESSA DHA

Waaqayyo haala keenyaa fi miira keenya akka hubatu beekuun keenya rakkina dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼaa? Mee wanta Aanaa ishii Naayijeeriyaa keessa jiraattu irra gaʼe yaadi. “Haala koo isa abdii hin qabneen kan kaʼe, jiraachuun koo gatii qabaachuu fi dhiisuu isaa shakkeen ture” jechuudhaan ibsiteetti. “Ani dubartii abbaan manaa irraa duʼe dha. Taʼus, utuun intala too ishii dhukkuba haadirosefalasiitiin (dhangalaʼaa hedduun sammuu keessa jiraachuu) kan kaʼe hospitaala ciistee jirtu kunuunsaa jiruu kaansarii harmaa akkan qabuu fi yaalii baqaqsanii hodhuu, keemooteeraappii fi raadiyooteeraappii gochuu akkan qabu qorannoodhaan beekame. Hospitaala ciisee intala too ishii hospitaala ciistee jirtu kunuunsuun anaaf baayʼee ulfaataa ture.”

Aanaan haala kana akka dandamattu maaltu ishii gargaare? “Caqasoota kan akka Filiphisiyus 4:6, 7 isa ‘nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu garaa keessanii fi yaada keessan ni eega’ jedhuu irratti nan xiinxalan ture. Caqasa kana yeroon yaadadhu hundatti, Yihowaan, isa ani of beeku caalaa akka na beeku waanan hubadhuuf, dhuunfaatti akkan isatti dhihaadhe natti dhagaʼama. Obbolootaa fi obboleettota koo jaallatamoo gumii keessa jiran irraas jajjabina hedduu argadheera.

“Amma iyyuu haala fayyaa koo wajjin qabsoo gochaa kanan jiru taʼus, haalli koos taʼe kan intala tiyyaa fooyyaʼeera. Yihowaa of biraa waan qabnuuf, rakkoowwan yeroo nu mudatan yaada dogoggoraa qabaachuu akka hin qabne baranneerra. Yaaqoob 5:11, ‘Warra jabaatanii dhaabatan gammadoo akka taʼanitti ilaalla. Iyyoob jabaatee akka dhaabate dhageessaniittu; kanaan kan kaʼes wanta Yihowaan isaaf godhe argitaniittu; Yihowaan jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha’” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. Yihowaan haala Iyoob guutummaatti hubateera, nutis rakkina nu irra gaʼaa jiru kam iyyuu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.