Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bara Baraaf Akka Jiraannuuf Uumamne

Bara Baraaf Akka Jiraannuuf Uumamne

NU KEESSAA umurii dheeraa fi gammachiisaa taʼe jiraachuu kan hin barbaanne jiraa? Mee fayyaa fi gammachuudhaan jireenya bara baraa jiraachuun hammam gammachiisaa taʼuu akka danda’u yaadi! Namoota jaallannu wajjin yeroo dabarsuu, addunyaa mara irra deemnee daawwachuu, wanta haaraa barachuu, ogummaadhaan guddachuu akkasumas, wanta barbaannee fi garaa keenya gammachiisu hunda barachuu ni dandeenya.

Fedhiin akkasii wanta uumamaan hin jirre dhaa? Lakki! Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoo fedhii akkasii nu keessa akka kaa’e dubbata. (Lallaba 3:11) Kana malees, “Waaqayyo jaalala dha” jedha. (1 Yohaannis 4:8) Waaqni jaalala qabeessa taʼe fedhii bara baraaf jiraachuu nu keessa erga kaa’ee booda fedhiin kun akka hin raawwatamne kan godhu yoo taʼe kun sirrii dhaa?

Duuti diina keenya akka taʼe ifa dha. Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun duuti ‘Diina’ hamaa akka taʼe ibsa. (1 Qorontos 15:26) Tokko tokko dafanii kan duʼan si’a taʼu, warri kaan immoo turanii duʼu. Taʼus, yeroo booda duʼuun waan hin oolle dha. Namoonni hedduun waa’ee duʼaa yaaduu kan hin jaallanne taʼuu isaa irra iyyuu isaan sodaachisa. Diinni kun ni badaa laata? Kun dhugumaan ni dandaʼamaa?

ABDACHUUF RAGAA QABNA

Waaqayyoo namoonni akka duʼan matumaa kaayyoo isaa akka hin taane beekuun keenya nu dinqisiisaa! Kitaabni Seera Uumamaa Waaqayyoo namoonni bara baraaf lafa irra akka jiraatan kaayyoo isaa akka ture ragaa dhiheessa. Yihowaan namoonni akka irra jiraataniif lafa iddoo mijooftuu godhee uume. Achiis, nama isa jalqabaa Addaamiin erga uumee booda, dhaaba Eeden keessa isa kaa’e. Boodas, “Waaqayyo waanuma hojjete hundumaa in ilaale; kunoo, innis baayʼee gaarii ture.”—Uumama 1:26, 31.

Addaam mudaa kan hin qabne taʼee bifa Waaqayyootiin uumame. (Keessa Deebii 32:4) Haati manaa Addaam Hewaanis hirʼina tokko illee utuu hin qabaatiin, sammuunii fi qaamni ishii mudaa kan hin qabne ture. Yihowaan, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa! Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota qilleensa keessa balaliʼan irratti, uumama lafa irra munyuuqan hundumaa irrattis mootummaa qabaadhaa!” isaaniin jedhe.—Uumama 1:28.

Sanyiin isaanii baayʼatee lafa guutuudhaaf yeroo fudhata. Akkuma Waaqayyo dubbatetti lafti namootaan hamma guutamtutti Hewaan ijoollee godhatti, ijoolleen ishiis ijoollee godhachuu isaanii itti fufu turan. (Isaayaas 45:18) Yihowaan Addaamii fi Hewaan akka jiraatan kan yaade hamma ijoollee isaanii, tarii immoo ijoollee ijoollee isaanii arganitti qofa utuu taʼee, abdii kana isaaniif kennuu fi dhumni isa maal akka taʼe matumaa hin beekan jedhanii yaaduun sirriidhaa?

Bineensota hunda irratti ol aantummaa akka qabaatan itti gaafatamummaa isaaniif kennames mee yaadi! Addaam bineensotaaf maqaa akka moggaasu kan isatti himame si’a taʼu, kunis yeroo isatti fudhatee taʼuu qaba. (Uumama 2:19) Haa taʼu malee, isaan irratti ol aantummaa qabaata jechuun waa’ee isaanii barachuu fi akkamitti akka isaan kunuunsu hubachuu qaba jechuu dha. Kun immoo caalaatti yeroo dabalataa fudhata.

Kanaafuu, Waaqayyoo lafti namootaan akka guutamtuu fi bineensota irratti ol aantummaa akka qabaatan qajeelfama kennuun isaa, hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa yeroo dheeraa jiraachuuf akka uumaman kan argisiisu dha. Dhugaa dha, Addaam yeroo baayʼee dheeraa taʼe jiraataniiru.

KAAYYOON WAAQAYYOO NAMOONNI LAFA JANNATA TAATE IRRA BARA BARAAF AKKA JIRAATAN TURE

ISAAN UMURII DHEERAA JIRAATANIIRU

Addaam waggaa, 930

Matusaalaa waggaa, 969

Nohi waggaa, 950

Yeroo harʼaa waggaa, 70-80

Kitaabni Qulqulluun namoonni bara durii jiraatan warra yeroo harʼaa jiraannu caalaa umurii dheeraa akka jiraatan argisiisa. Akkana jedha: “Barri Addaam jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi soddoma ture.” Achiis, namoota waggaa dhibba sagalii ol jiraatan jaʼa tarreessa! Isaaniis Sheet, Enosh, Qayinaan, Yaared, Matusaalaa fi Nohi dha. Hundi isaanii bishaan badiisaa bara Nohii dura kan jiraatan si’a taʼu, Nohi bishaan badiisaa dura waggaa dhibba jaʼa jiraateera. (Uumama 5:5-27; 7:6; 9:29) Umurii dheeraa akkasii jiraachuun kan dandaʼame akkamitti?

Namoonni kun hundi kan jiraatan yeroo namoonni mudaa hin qabne jiraatanitti dhihoo ture. Kunis, umurii dheeraa akka jiraataniif sababa guddaa taʼuu hin oolu. Haa taʼu malee, gonkummaa qabaachuun umurii dheeraa jiraachuu wajjin kan walqabatu akkamitti? Kana malees, duuti kan balleeffamu akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf, jalqaba maaliif akka dulloomnuu fi duunu hubachuu nu barbaachisa.