Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Odeeffannoo jiinii ilmaan namootaa keessa jiru jijjiiruun umurii dheeraa jiraachuuf nama gargaaraa?

Barbaacha Umurii Dheeraa Jiraachuuf Godhame

Barbaacha Umurii Dheeraa Jiraachuuf Godhame

“Hojii Waaqayyo ilmaan namootaa akka itti qabamaniif isaaniif kenne nan arge. Inni wanta hundumaa yeroo isaatti bareechee tolcheera. Inni garaa ilmaan namootaa keessa bara baraaf jiraachuu kaaʼeera.”—Lallaba 3:10, 11, NW.

JECHOONNI bara durii Solomoon Mootichi inni ogeessa ture dubbate kunneen, wanta ilmaan namootaa jireenya ilaalchisee isaanitti dhagaʼamu sirriitti kan ibsani dha. Umuriin namootaa gabaabbachuu fi duuti kan oolle taʼuun isaa tarii ilmaan namootaa umurii dheeraa jiraachuuf jaarraa hedduudhaaf hawwii guddaa akka qabaatan isaan godhee taʼuu dandaʼa. Seenaanii fi sheekkoowwan, ilmaan namootaa iccitii umurii dheeraa jiraachuuf gargaaru argachuuf barbaacha hedduu akka godhan ibsu.

Fakkeenyaaf Giilgaamish isa mootii Sumeeriyaa ta’e haa fudhannu. Oduuwwan durii hedduun waa’ee jireenya isaa qabataniiru. Oduuwwan durii kana keessaa tokko Giilgaamish duʼa jalaa ooluun akkamitti akka dandaʼamu beekuuf daandii balaaf nama saaxilu irra deemee akka ture ibsa. Taʼus, karaa duʼa jalaa itti oolu barachuu hin dandeenye.

Alkeemistiin bara giddu galeessaa labraatoorii isaa keessatti

Dhaloota Kiristoos Dura jaarraa arfaffaatti alkeemistoonni Chaayinaa qoricha qopheessuuf yaali godhan, kunis, “qoricha waan hunda fayyisuu” fi umurii dheeressu jedhame amanama. Meerkurii fi albuuda arseeniikii summii qabu walitti makuudhaan qoricha dhugamu qopheessanii turan. Qorichi isaan qopheessan Kunis mootota Chaayinaa hedduu akka ajjeese yaadama. Baroota giddu galaa, Awurooppaa keessatti, namoonni qoricha qopheessan tokko tokko amalli warqiin ligida dandaʼuuf qabu akka umurii dheeressuutti yaaduudhaan warqii garaa namaa keessatti daakamuu dandaʼu qopheessuuf yaalanii turan.

Yeroo harʼaatti, namoonni waaʼee uumamaa fi waaʼee jeneetikii qoratan tokko tokko namoonni maaliif akka dullooman beekuuf yaalii gochaa jiru. Akkuma namoota ‘qoricha umurii dheeressu’ argachuuf yaalanii turan sanaa, qorannoon saayintistoota kanaas namoonni sababii dullumaa fi duʼaa beekuuf hawwii guddaa akka qaban argisiisa. Taʼus, qorannoon akkasii maal ifa godhe?

WAAQAYYO “GARAA ILMAAN NAMOOTAA KEESSA BARA BARAAF JIRAACHUU KAAʼEERA.”​—LALLABA 3:10, 11

YEROO HARʼAATTI SABABII DULLUMAA BEEKUUF YAALII GOCHUU

Saayintistoonni seelii qaama namaa irratti qorannoo godhan, namni maaliif akka dulloomuu fi akka duʼu ilaalchisee ibsawwan 300 ol ta’an kennaniiru. Waggoota dhihoodhaa asitti, Saayintistoonni moleekiyuulii irratti qorannoo godhan jiinotaa fi prootinoota irratti jijjiirama gochuudhaan dulluma seelii beeladoota laaboraatoorii keessa jiranii fi seelii namootaa irra gaʼu tursuu dandaʼaniiru. Buʼaan argame kun, namoonni beekamoo taʼan gama qarshiitiin qorannoo “rakkoo duuti fidu” irratti godhamu deeggaruuf isaan kakaaseera. Qorannoowwan kun maal argamsiisaniiru?

Umurii namootaa dheeressuuf yaaluu. Baayooloojistoonni tokko tokko wanti dullumaaf sababa taʼu inni guddaan, kutaa dhuma kiroomoozoomii keenyaa teeloomeeres jedhamu keessatti akka argamu amanu. Teeloomeeresiin, seelonni yommuu qoqqoodamaa adeeman odeeffannoo jiinii keenya keessa jiruuf eegumsa godha. Haa taʼu malee, yeroo seelonni qoqqoodaman hundatti Teeloomeeres gabaabbachaa adeema. Yeroo booda, seelonni qoqqoodamuu waan dhaabaniif dulloomuu jalqabna.

Badhaafamtuu Noobeelii bara 2009 kan taate Elsaabet Bilaakbarnii fi gareen ishii inzaayimii gabaabbachuu teeloomeeres tursuudhaan seeliin akka hin dulloomne godhu beekuu dandaʼaniiru. Haa taʼu malee, gabaasni isaan dhiheessan, teeloomeeresiin ‘dinqiidhaan umurii akka hin dheeressine, jechuunis hamma jiraachuu dandeenyu caalaa akka jiraannu nu gochuu akka hin dandeenye’ mirkaneesseera.

Odeeffannoo seelota keessa jiru jijjiiruun karaa dulluma hambisuuf yaalii itti godhan kan biraa dha. Seelonni dulloomanii qoqqoodamuu yommuu dadhaban, seelota dhukkuba ittisanii fi dhihoo jiraniif dhaamsa dogoggoraa kan ergan siʼa taʼu, kunis dhagni akka dhiitaʼu, dhukkubbii cimaanii fi dhibeen fayyaa akka uumamu gochuu dandaʼu. Dhiheenya kana saayintistoonni Faransaayi seelii namoota dulloomanii kan qindeessan siʼa taʼu, isaan keessaa tokko tokko umuriin isaanii 100 ol ture. Geggeessaa garee kanaa kan taʼe Piroofesar Ziyaan Maarki Lemaatireen qorannoon isaanii seelonni “akka hin dulloomne jijjiiruun” akka dandaʼamu kan argisiisu akka taʼe dubbataniiru.

SAAYINSIIN UMURII KEENYA DHEERESSUU NI DANDAʼAA?

Yaaliin umurii dheeressuuf godhamu yeroo harʼaatti hamma jiraachuu dandeenyu caalaa umurii keenya dheeressuu akka dandaʼu kan irratti walii galan Saayintistoota hunda miti. Dhugaa dha, jaarraa 19⁠ffaatii asitti umuriin namootaa kan duraa caalaa dheerateera. Haa taʼu malee, kun ta’uu kan danda’e, qulqullinaa eeggachuu, dhukkuba daddarbaa ittisuu, qoricha akka antiibaayotikii fi talaallii fudhachuu irratti tarkaanfii guddaan waan fudhatameefi dha. Namoonni waaʼee jiinii qoratan tokko tokko umuriin namootaa, isa namoonni jiraachuu dandaʼan irra caaluu akka hin dandeenye amanu.

Musee inni barreessaa Kitaaba Qulqulluu taʼe gara waggaa 3,500 dura, akkana jedheera: “Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baay’ates waggaa saddeettama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaa’amus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina.” (Faarfannaa 90:10) Namoonni umurii namootaa dheeressuuf yaalii godhanis, hamma Museen ibse irra baayʼee hin caalle.

Karaa biraatiin immoo, uumamawwan galaana diimaa archiin ykn sanyiiwwan kiwooyoog jedhaman keessaa inni tokko gara waggaa 200 ol jiraachuu kan dandaʼu siʼa taʼu, mukeetii guguddaan akka seekooyaa jiran immoo waggoota kumaan lakkaaʼaman jiraachuu dandaʼu. Umurii keenya wantoota kanaa fi wantoota lubbuu qabeeyyii taʼan kaan wajjin wal bira qabnee yeroo ilaallu, ‘Kan jiraannu waggaa 70 ykn 80 qofa dhaa?’ jennee gaafachuun keenya hin oolu.