Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Duʼa Jalaa Ooluun hin Dandaʼamu

Duʼa Jalaa Ooluun hin Dandaʼamu

VIIDIYOO waa’ee wellistuu beekamtuu taatee fi tarii immoo ati dinqisiifattu tokkoo ibsu ilaalaa akka jirtu godhii yaadi. Viidiyichi waaʼee ijoollummaa ishii, barumsa muuziqaa ishiin barattee fi shaakala ishiin utuu walirraa hin kutin goote ibsa. Kana booda yeroo ishiin biyyoota adda addaa deemuudhaan agarsiisa irratti argamtuu fi addunyaa maratti beekamtii argattu argita. Utuma baayʼee hin turin, yeroon itti soorama baatu kan gaʼe si’a taʼu, achiis dulloomtee ni duute.

Fiilmiin kun asoosama utuu hin taʼin, seenaa dhugaa nama tokko irratti kan hundaa’e si’a taʼu, yeroo ammatti dubartiin kun duuteetti. Namni tokko wellisaa, saayintistii, atileetii ykn namoota beekamtii argatan kaan taʼu iyyuu seenaan isaa kanuma fakkaata. Namni kun wantoota gaggaarii hedduu raawwatee ta’uu danda’a; haa ta’u malee utuu hin dulloomnee fi hin duunee sana caalaa wantoota hedduu hangamii raawwachuu dandaʼa laata? jettee akka gaafattu beekamaa dha.

Haalli kun kan nama gaddisiisu taʼus, wanti hunduma keenya eeggatu kanuma dha. (Lallaba 9:5) Hammam carraaqqii cimaa yoo goone iyyuu, dhiibbaa duutii fi dullumni nu irraan geessisan jalaa baʼuu hin dandeenyu. Kana malees dhukkuba cimaadhaan ykn balaa tasaa nurra ga’uun lubbuun keenya darbuu danda’a. Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, nuti akkuma hurrii ganamaa isa “yeroo muraasaaf mulʼatee sana booda badu dha.”—Yaaqoob 4:14.

Namoota tokko tokkoof jireenyi amansiisaa kan hin taanee fi gatii kan hin qabne waan itti fakkaatuuf, ilaalcha “bor waan duunuuf, haa nyaannu, haa dhugnus” jedhu qabu. (1 Qorontos 15:32) Haa ta’u malee, akkaataa jireenyaa akkasii hordofuun duʼa jalaa ooluun akka hin dandaʼamne amananii fudhachuu kan argisiisu mitii? Dhiheenyattis ta’e gara fuulduraatti, keessumaa immoo yeroo rakkinni cimaan nu mudatu ‘Jireenyi isuma ammaa kana qofa dhaa?’ jennee gaafachuun keenya hin oolu. Maarree deebii gaaffii kanaa eessaa argachuu dandeenya?

Yeroo har’aa namoonni hedduun deebii isaa saayintistoota biraa arganna jedhanii abdatu. Dhugaa dha, guddinni gama saayinsii fi yaalii fayyaatiin argame hamma tokko umuriin keenya akka dheeratu gochuu danda’eera. Kana malees, saayintistoonni tokko tokko umuriin namaa caalaatti akka dheeratu gochuuf hojjechaa jiru. Carraaqqii isaan godhan buʼaa akkamii iyyuu yoo argamsiise, gaaffiiwwan akkana jedhan amma iyyuu deebii barbaadu: Kan dulloomnuu fi kan duunu maaliifi? Duuti inni diina keenya ta’e akka injifatamu abdiin jiraa? Mata dureewwan itti aanan dhimmawwan kanneenii fi gaaffii, ‘Jireenyi isuma ammaa kana qofa dhaa?’ jedhuuf deebii kennu.