Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kan Dulloomnuu Fi Kan Duunu Maaliifi?

Kan Dulloomnuu Fi Kan Duunu Maaliifi?

ILMAAN namootaa akka duʼan kaayyoo Waaqayyoo hin turre. Warri keenya jalqabaa, Addaamii fi Hewaan sammuu fi qaamaan mudaa kan hin qabne taʼanii waan uumamaniif hamma harʼaatti illee jiraachuu dandaʼu turan. Kana wanta Yihowaan waaʼee muka dhaaba Eeden keessatti biqile tokko ilaalchisee dubbate irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama.

Waaqayyo Addaamiin, “Gaafa [mukicha] irraa nyaatte . . . dhuguma in duuta” isaan jedhee ture. (Uumama 2:17) Waaqayyo Addaam akka dulloomuu fi akka duʼu godhee isa uume utuu taʼee, ajaja kana isaaf kennuun isaa barbaachisaa hin turre. Addaam muka sana irraa utuu hin nyaanne taʼee akka hin duune beeka ture.

ILMAAN NAMOOTAA AKKA DUʼAN KAAYYOO WAAQAYYOO HIN TURRE

Dhaaba Eeden keessa mukeetii firii nyaataman qaban hedduun jira ture, Addaamii fi Hewaan jireenyaan itti fufuuf dirqama muka sana irraa nyaachuun isaan hin barbaachisu ture. (Uumama 2:9) Hiriyoonni gaaʼelaa jalqabaa kun qamaa jireenya isaanii kenneef akka ajajaman argisiisuuf muka sana irraa nyaachuu dhiisuu qabu turan. Kana malees, Waaqayyo qajeelfama isaanii kennuuf mirga kan qabu isa akka taʼe amananii akka fudhatan kan argisiisu ture.

ADDAAMII FI HEWAAN KAN DUʼAN MAALIIFI?

Addaamii fi Hewaan maaliif akka duʼan hubachuuf maree hunda keenya irratti miidhaa geessisee ture tokko qoruu nu barbaachisa. Seexanni inni Diyaabilos jedhame soba hammina qabu dubbachuuf bofatti fayyadame. Seenaan Kitaaba Qulqulluu, “Bineensa bakkee Waaqayyo gooftaan uume hundumaa keessaa bofni caalaa haxxee ture; innis dubartittiidhaan, ‘Dhuguma Waaqayyo, Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jedha.—Uumama 3:1.

Hewaanis akkana jettee deebiste: “Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa Waaqayyo, ‘Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin bu’inaa! Kanaa achi in duutu’ jedheera.” Bofichi immoo deebisee dubartittiidhaan, “Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jedheen. Haala kanaan, Seexanni Yihowaan sobuudhaan Addaamii fi Hewaaniin wanta gaarii akka isaan jalaa hambise dubbate.—Uumama 3:2-5.

Hewaan wanta dhageesse ni amante. Mukichas xiyyeeffannaadhaan yommuu ilaaltu, mukichi ija namaatti kan toluu fi gomjaasisaa ta’uu isaa argite! Achiis hiixattee ija mukichaa irraa kutattee nyaachuu jalqabde. Kitaabni Qulqulluun sana booda, “Abbaa manaa ishee isa ishee wajjin tureefis immoo in laatte, innis in nyaate” jedha.—Uumama 3:6.

Waaqayyo Addaamiin, “Gaafa isa irraa nyaatte . . . dhuguma in duuta” jedhee ture.​—UUMAMA 2:17

Waaqayyo ijoolleen isaa jaallatamoo taʼan, taʼe jedhanii isaaf ajajamuu diduu filachuu isaanii yommuu argu hangam gaddee akka ture yaadaa! Sana booda maal godhe ree? Yihowaan Addaamiin, ‘Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaattii waan kutamteef gara isaatti ni debita’ jedhe. (Uumama 3:17-19) Sababii kanaaf, “barri Addaam jiraate hundinuu waggaa dhibba sagalii fi soddoma ture, kana booddees in du’e.” (Uumama 5:5) Addaam gara samii hin deemne ykn gara addunyaa hafuuraa taʼe tokkootti hin ceene. Yihowaan biyyoo lafaa irraa isa uumuu isaa dura hin jiru ture. Kanaaf yeroo duʼetti, akkuma biyyoo irraa uumamee ture sanaa jireenya kan hin qabne taʼe. Jiraachuu dhaabe. Kun baayʼee kan nama gaddisiisu dha!

MUDAA KAN QABAANNE MAALIIFI?

Addaamii fi Hewaan taʼe jedhanii Waaqayyoof utuu hin ajajamin waan hafaniif, mudaa kan godhatan taʼuu isaanii irra iyyuu abdii bara baraaf jiraachuu dhabaniiru. Qaamni isaanii jijjiiramuu jalqabe; mudaa kan qabanii fi cubbuu kan dhaalan taʼan. Kana malees, ajajamuu diduudhaan cubbuun isaan raawwatan kan miidhe isaan qofa hin turre. Cubbuu isaanii sanyiiwwan isaaniitti dabarsan. Roomaan 5:12 akkana jedha: “Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale; duutis karaa cubbuu dhufe; kanaaf, namoonni hundi cubbuu waan hojjetaniif duuti namoota hundumaa waliin gaʼe.”

Kitaabni Qulqulluun cubbuu fi duʼa, “kafana namoota hundumaa haguuge, huccuu saboota hundumaa irratti diriirfame” akka taʼetti ibsuun isaa sirrii dha. (Isaayaas 25:7, NW) Kafanni kun akkuma hurrii summii qabuu fi jalaa miliquu hin dandeenyeetti guutummaa ilmaan namootaa haguugeera. Dhuguma iyyuu, ‘namoonni hundi karaa Addaam ni duʼu.’ (1 Qorontos 15:22) Amma akkuma Phaawulos gaafatee ture gaaffiin kaʼu, “Qaama gara duʼa akkasiitti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha?” kan jedhu dha. Maarree qaamni nu oolchuu dandaʼu jiraa?—Roomaa 7:24.