Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Namoonni Duʼan Abdii Maalii Qabu?

Namoonni Duʼan Abdii Maalii Qabu?

Duuti tokkoon tokkoon keenya ni tuqa. Taʼus duuti dhuma waan hundumaatii? Namoonni duʼan bara baraaf irraanfatamanii hafuu? Namoonni duʼan abdii qabuu?

WANTA KITAABNI QULQULLUUN JEDHU ILAALI:

NAMOONNI DUʼAN HIN IRRAANFATAMNE

“Namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi . . . awwaala keessaa ni baʼu.”—Yohaannis 5:28, 29.

Waaqayyo namoota duʼan ni yaadata; namoonni yaadannoo isaa keessa jiran gara jireenyaatti ni deebiʼu.

LAFA IRRATTI DUʼAA KAʼUUN NI RAAWWATAMA

“Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa [ni kaʼu].”—Hojii Ergamootaa 24:15.

Namoonni biliyoonaan lakkaʼaman nagaa guutuu argatanii bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabaachuudhaan gara jireenyaatti deebiʼu.

ABDIIN DUʼAA KAʼUU AMANSIISAA DHA

“Urjoota isatu [Waaqayyotu] lakkaa’ee kaa’e, hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama.”—Faarfannaa 147:4.

Waaqayyo urjoota hunda maqaadhaan waamuu waan dandaʼuuf, namoota duʼaa kaasu salphaatti yaadachuu dandaʼa.