Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dursanii iftoominaan mariʼachuun barbaachisaa dha

Namni Jaallattan Dhukkuba D⁠u⁠ʼaaf Nama Saaxiluun Yeroo Qabamu

Namni Jaallattan Dhukkuba D⁠u⁠ʼaaf Nama Saaxiluun Yeroo Qabamu

DOOREEN, abbaan mana ishii Wesliin inni umuriin isaa 54 taʼe, dhukkuba xannacha sammuu baayʼee cimaa taʼeen qabamuu isaa yeroo beektu gar malee naate turte. * Doktooronni jiʼoota muraasaaf qofa akka jiraatu itti himanii turan. Waan ishiitti dhagaʼamee ture ilaalchisee akkana jetteetti: “Waanan dhagaʼe amanuun natti ulfaate. Torbaan hedduudhaaf fajajeen ture. Kun nuu irra utuu hin taʼin, waan nama biraa irra gaʼa jiru natti fakkaatee ture. Haala kanaaf of hin qopheessine.”

Kan nama gaddisiisu, wanti Dooreenitti dhagaʼame wanta namoota hedduutti dhagaʼamu dha. Namni tokko yeroo kamitti iyyuu dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun qabamuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen namoonni isaan jaallatan dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun yommuu qabaman isaan kunuunsuuf fedhii qabaachuu isaaniitiin galateeffamuu qabu. Taʼus, nama dhukkubsate kunuunsuun hojii ulfaataa dha. Miseensonni maatii, nama dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun qabame sana jajjabeessuu fi kunuunsuuf maal gochuu dandaʼu? Namoonni nama dhukkubsate sana kunuunsan miira adda addaa isaanitti dhagaʼamuu dandaʼu dandamachuu kan dandaʼan akkamitti? Namni sun yeroo duʼuu jala gaʼutti hoo maal eeguu qabu? Jalqaba garuu, sababii yeroo harʼaatti nama dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun qabame kunuunsuun baayʼee rakkisaa itti taʼe haa ilaallu.

HAALA RAKKISAA BARRI KUN FIDE

Saayinsiin fayyaa, jireenya ilmaan namootaa wajjin haala wal qabateen jijjiirama tokko tokko fideera. Gara jaarraa tokkoo dura, biyyoota baayʼee guddatan keessatti illee giddu galeessi umuriin namootaa isa ammaa irra baayʼee gabaabaa ture. Namoonni dhukkuba daddarbaadhaan qabaman ykn balaan irra gaʼe yeroo muraasa giddutti duʼu turan. Carraan gara mana yaalaatti geeffamuu muraasa kan ture siʼa taʼu, namoonni baayʼeen manuma isaanii keessatti maatii isaaniitiin walʼaanamanii duʼu turan.

Yeroo harʼaatti guddinni gama yaalii fayyaatiin argame, ogeeyyiin fayyaa umurii namootaa dheeressuuf dhukkuba cimaa wajjin walʼaansoo gochuuf isaan dandeessiseera. Dhukkuboonni yeroo muraasa keessatti duʼaaf nama saaxilaa turan, yeroo ammaatti waggoota baayʼeedhaaf dandamatanii jiraachuun dandaʼameera. Haa taʼu malee, umuriin namootaa dabaluun isaa guutummaatti fayyaa taʼaniiru jechuu miti. Yeroo baayʼee namoonni dhukkuba cimaadhaan qabaman, humna baayʼee waan hin qabneef of kunuunsuu hin dandaʼan taʼa. Namoota akkasii kunuunsuun baayʼee rakkisaa kan taʼee fi carraaqii guddaa kan gaafatu dha.

Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun mana isaanitti utuu hin taʼin mana yaalaa keessatti duʼu. Namoonni yeroo harʼaa hedduun mallattoowwan namni tokko duʼuuf akka jedhu argisiisan kan hin beekne taʼaniis, muraasni isaanii garuu nama duʼaa jiru arganiiru. Wanta dhufuuf jedhu sodaachuun isaa, namni tokko kunuunsi miseensa maatii isaa dhukkubsateef godhu akka itti ulfaatu, darbees akka dhiisu isaa gochuu dandaʼa. Kun akka hin taaneef maaltu gargaaruu dandaʼa?

DURSANII QOPHAAʼUU

Wanta Dooreen irra gaʼee irraa hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni baayʼeen namni isaan jaallatan dhukkuba nama ajjeesuu dandaʼuun qabamuu isaa yommuu beekan naasuu guddaatu itti dhagaʼama. Dhiphina guddaa, sodaa fi gadda si mudatan utuu jiranii wanta dhufuuf jiruuf qophaaʼuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Tajaajilaan Waaqayyoo amanamaa taʼe tokko, “Nuyi ogummaa garaatti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenyaa lakkaaʼuu nu barsiisi!” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 90:12) Eeyyee, nama jaallattu sanaa wajjin guyyoota hafan akka gaariitti dabarsuuf, Yihowaan ‘guyyoota jireenya kee’ ogummaadhaan ‘lakkaaʼuu’ akka si barsiisuuf garaadhaa isa kadhadhu.

Kunis karoora gaarii baasu gaafata. Namni ati jaallattu sun dubbachuu kan dandaʼuu fi dhimmicha irratti mariʼachuuf fedhii yoo qabaate, yeroo inni yaada isaa ibsuu dadhabutti namni bakka isaa buʼee murteessu eenyu akka taʼe isa gaafachuun gaarii taʼuu dandaʼa. Yommuu hafuurri isaa citu karaa namtolcheetiin hafuura baafachuu, mana yaalaa seenuu ykn yaalii fayyaa tokko tokko gochuu kan barbaadu taʼu isaa ilaalchisee dursanii maree ifa taʼe gochuun, waldhabiinsaa fi gaabbii miseensota maatii gidduuti uumamu xiqqeessuuf gargaara. Dursanii iftoominaan mariʼachuun, maatiin nama dhukkubsate sanaa isa kunuunsuu irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara. Kitaabni Qulqulluun, “Mareen hin jiru yoo taʼe, wanti yaadame fiixaan hin baʼu” jedha.—Fakkeenya 15:22.

KARAA GARGAARUUN ITTI DANDAʼAMU

Yeroo baayʼee, hojiin namoota kunuunsa kennanii inni guddaan jajjabina kennuu dha. Namni duʼuu jala gaʼe tokko, akka jaallatamuu fi kophaa isaa akka hin taane akka isaaf mirkaneeffamu barbaada. Kana gochuun kan dandaʼamu akkamitti? Barreeffama ykn faarfannaa isa jajjabeessuu fi isa gammachiisuu dandaʼu filachuudhaan dubbisiif ykn faarfadhuuf. Namoonni baayʼeen miseensi maatii isaanii tokko harka isaanii qabee sagalee laafaadhaan yeroo isaanitti dubbatu jajjabaataniiru.

Yeroo baayʼee nama isaan gaafachuu dhufe itti himuun gaarii dha. Gabaasni tokko akkana jedheera: “Qaamota miiraa shanan qabnu keessaa hamma dhumaatti kan hojjetu gurra keenya dha. Namni [dhukkubsate] sun kan rafe fakkaatu iyyuu dhagaʼuu waan dandaʼuuf, wanta yeroo inni dammaqee jiru isa biratti hin haasofne dubbachuu irra of qusadhu.”

Kan dandaʼamu yoo taʼe, waliin kadhadhaa. Kitaabni Qulqulluun, yeroo tokko Phaawulos ergamaanii fi michoonni isaa baayʼee dhiphatanii fi lubbuudhaan hin oolu jedhanii abdii kutatanii akka turan dubbata. Gargaarsa akkamii barbaadanii turan? Phaawulos, “Isinis wawwaannaa nuu gochuudhaan nu gargaaruu dandeessu” jedhee michoota isaa kadhatee ture. (2 Qorontos 1:8-11) Yeroo dhiphinni guddaan nu irra gaʼuu fi yeroo dhukkuba cimaadhaan qabamnu, wanti kadhannaa caala nu gargaaru dandaʼu hin jiru.

DHUGAA JIRU AMANII FUDHACHUU

Yeroo baayʼee namni jaallannu tokko akka duʼuuf jedhu yaaduun qofti illee nama gaddisiisa. Akka duunuuf waan hin uumamneef kun kan nama dinqisiisu miti. Duuti kutaa jireenya keenyaa ti jennee amannee akka fudhannu taanee hin uumamne. (Roomaa 5:12) Dubbiin Waaqayyoo, duʼa ‘diina’ jedhee waama. (1 Qorontos 15:26) Kanaaf, waaʼee duʼa nama jaallannuu yaaduu kan hin barbaanne taʼuun keenya, hubatamaa taʼuu isaa irra iyyuu waanuma jiru dha.

Haa taʼu malee, wanta taʼuuf jiru yaaduun, sodaa miseensonni maatii qaban hirʼisuudhaan, wantoota barbaachisoo taʼan mijeessuu irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara. Wantoota taʼuu dandaʼan keessaa tokko tokko saanduqa “ Torbanoota Xumuraa” jedhuu keessatti caqasamaniiru. Wantoonni saanduqa kana keessatti ibsaman hundi, tokkoon tokkoon nama dhukkubsatee irratti mulʼatu ykn tartiiba ittiin barreeffamaniin raawwatamu jechuu miti. Taʼus, namoonni dhukkubsatan harki caalaan mallattoowwan kana keessaa yoo xinnaate muraasni isaanii irratti ni mulʼatu.

Namni jaallatan sun erga duʼe booda, michuu duratti nu gargaaruuf waadaa gale tokko waamuun gaarii taʼuu dandaʼa. Namoonni kunuunsa kennaa turanii fi maatiin, namni isaan jaallatan sun dhiphinaa fi dhukkuba irraa bilisa taʼuu isaa mirkanaaʼoo taʼuu barbaadu. Uumaan ilmaan namootaa, “Warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan” jechuudhaan nuuf mirkaneessa.—Lallaba 9:5.

KUNUUNSAA ISA HUNDA CAALU

Gargaarsa nama kamii iyyuu fudhachuu akka qabnu baranneerra

Yeroo miseensi maatii dhukkuba duʼaaf nama saaxiluun qabamu qofa utuu hin taʼin, yeroo gaddaa namni sun erga duʼee booda jiruttis Waaqayyootti amanamuun baayʼee barbaachisaa dha. Waaqayyo, namoonni kaan dubbii jajjabeessu akka dubbatanii fi gocha gaarii akka raawwatan gochuudhaan si gargaaru dandaʼa. Dooreen akkana jetteetti: “Gargaarsa nama kamii iyyuu fudhachuu akkan qabu baradheera. Isa eegne caalaa gargaarsa hedduu arganneerra. Anii fi abbaan manaa koo, Yihowaan, ‘Ani kunoo rakkina kana akka dandamattan isin gargaaruuf isinii wajjinan jira’ akka nuun jecha jiru mirkanaaʼoo turre. Kana matumaa hin irraanfadhu.”

Eeyyee, Yihowaan Kunuunsaa isa hunda caalu dha. Uumaa keenya waan taʼeef, dhukkubaa fi gadda nutti dhagaʼamu ni hubata. Dandamachuu akka dandeenyuuf gargaarsaa fi jajjabina nu barbaachisu nuu kennuuf dandeettiis taʼe fedhii qaba. Kana caalaa immoo, dhiheenyatti duʼa bara baraaf dhabamsiisuuf, namoota biliyoonaan lakkaaʼamanii fi yaadannoo isaa keessa jiran duʼaa kaasuuf waadaa galeera. (Yohaannis 5:28, 29; Mulʼata 21:3, 4) Yeroo sanatti, namoonni hundi akkuma Phaawulos, “Yaa duʼa nana injifannoon kee meerre ree? Yaa duʼa nana ilkeen kee meerre ree?” jechuu dandaʼu.—1 Qorontos 15:55.

^ KEY. 2 Maqaawwan jijjiiramaniiru.