Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | KENNAAN HUNDA CAALU MAALI DHA?

“Kennaan Hanga Harʼaatti Argadhe Keessaa Isa Hunda Caalu Dha”

“Kennaan Hanga Harʼaatti Argadhe Keessaa Isa Hunda Caalu Dha”

Akkas kan itti dhagaʼame, intala waggaa 13 buchullaan saree ishiidhaaf kenname turte. Dubartiin hojii daldalaa irratti milkoofte tokko immoo, yommuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barachaa turte kompiitarri abbaan ishii kenneef, kennaa jireenya ishii jijjiire akka taʼe dubbatteetti. Akkasumas abbaan manaa dhihoo gaaʼela godhate tokko, haati manaa isaa gaaʼela isaanii waggaa tokkoffaa yeroo kabajan kaardii harkaan qopheessite isaaf kennite, kennaa hunda irra caalu akka taʼe isatti dhagaʼameera.

Waggaa waggaadhaan, namoonni hedduun kennaa “hunda caalu” akkasii yeroo adda taʼe tokko irratti michuu ykn fira isaaniitiif kennan barbaaduuf yeroo hedduu dabarsu, akkasumas carraaqqii guddaa godhu. Garri caalaan isaanii immoo, deebii armaan olitti caqasaman fakkaatan dhagaʼuu jaallatu. Ati hoo? Kennaa dhugumaan dinqisiifamu kennuun ykn fudhachuun si gammachiisaa?

Carraan akkasii kan garaa nama tuqu, kennaan sun miira nama kennameef sanatti dhagaʼamu qofa utuu hin taʼin, miira nama kenne sanatti dhagaʼamus ni dabalata. Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedha. (Hojii Ergamootaa 20:35) Dhugaa dha, gammachuun kennuudhaan argamu, kennaan sun nama kennameef sana biratti caalaatti gatii guddaa kan qabu taʼee yoo argame dha.

Kanaaf, kennaan ati kennitu siifis taʼe isa fudhatuuf, madda gammachuu dhugaa argamsiisu akka taʼu gochuu kan dandeessu akkamitti? Kennaa “hunda caalu” kennuun kan hin dandaʼamne yoo taʼe immoo, kennaan kee dhugumaan akka dinqisiifamuuf maal gochuu dandeessa?