Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yesuus Dhugumaan Maal Fakkaata Ture?

Yesuus Dhugumaan Maal Fakkaata Ture?

Namni Yesuusiin suuraa kaasee beeku tokko illee hin jiru. Yesuus matumaa suuraa kaʼee ykn bifa isaa bocee hojjetee hin beeku. Taʼus fakkiin isaa hojiiwwan artistoonni jaarraawwan darbanitti hojjetan baayʼee keessatti ni argama.

Dhugaa dha, artistoonni kun Yesuus maal akka fakkaatu hin beekan. Yesuusiin haala kanaan akka kaasan wanti dhiibbaa isaan irratti godhe, aadaawwan balʼinaan jiran, ilaalcha amantiiwwanii fi namoota isaan hojjechiisani dha. Taʼus fakkiiwwan isaan kaasan kun ilaalcha namoonni Yesuusii fi barumsa isaatiif qaban irratti dhiibbaa gochuu fi jalʼisuu ni dandaʼu.

Artistoonni tokko tokko Yesuus nama laafaa, rifeensi mataa isaa dheeraa taʼee fi areeda haphii qabu ykn nama gaddaa jiru fakkeessanii isa kaasaniiru. Fakkiiwwan kaan irratti immoo, Yesuus humna guddaa kan qabu, ifaan kan marfame ykn namoota isaa wajjin jiran irraa kan fagaate akka taʼetti ibsameera. Fakkiiwwan akkasii Yesuus maal akka fakkaatu sirriitti ni ibsuu? Kana akkamitti beekuu dandeenya? Karaan kana beekuu itti dandeenyu inni tokko yaadawwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiranii fi Yesuus maal fakkaachuu akka dandaʼu argisiisan qoruu dha. Yaadawwan kun ilaalcha sirrii akka isaaf qabaannus nu gargaaruu dandaʼu.

“DHAQNA ANAAF QOPHEESSITE”

Tarii Yesuus jechoota kana kan dubbate yeroo cuuphametti taʼuu dandaʼa. (Ibroota 10:5; Maatewos 3:13-17) Dhaqni isaa kun maal fakkaata ture? Gara waggaa 30 dura maleekaan Gabriʼel jedhamu Maariyaamiin, ‘Ulfooftee ilma ni deessa, innis ilma Waaqayyoo jedhama’ ishiidhaan jedhee ture. (Luqaas 1:31, 35) Kanaaf, Yesuus akkuma Addaam yeroo uumametti ture nama mudaa hin qabne ture. (Luqaas 3:38; 1 Qorontos 15:45) Yesuus nama qaama guutuu qabu, tarii immoo karaa tokko tokkoon haadha isaa Maariyaam ishii Yihudii taate kan fakkaatu taʼuu qaba.

Yesuus warra Roomaa irraa haala adda taʼeen, akka aadaa Yihudootaatti areeda isaa guddisa ture. Areedni akkasii mallattoo ulfinaa fi kabajaa siʼa taʼu, dheeraa fi kan hin sirreeffamne miti. Yesuus areeda isaa fi rifeensa isaa kan sirreeffatu ykn kan mummuratu akka ture hin shakkisiisu. Rifeensa isaanii kan hin muranne, Naaziroota akka Siimson Waaqayyoof adda of baasan qofa turan.—Lakkoobsa 6:5; Abboota Firdii 13:5.

Yesuus umurii isaa waggaa 30 keessaa gara caalaa isaa, meeshaalee boodatti hafoo taʼaniin anaaxii taʼee hojjechuudhaan dabarse. (Maarqos 6:3) Kanaaf, nama qaama cimaa qabu taʼuu qaba. Tajaajila isaa yeroo jalqabetti harka isaa qofaan, ‘hunda isaanii hoolotaa fi loon isaanii wajjin mana qulqullummaa keessaa akka ariʼe; saantima warra qarshii jijjiiraniis akka bittinse, minjaala isaaniis akka gaggaragalche’ ibsameera. (Yohaannis 2:14-17) Wanta akkasii gochuuf nama cimaa fi humna guddaa qabu taʼuu qaba. Yesuus, “Ani kanaaf waanan ergameef, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba” jedhee waan tureef, kana gochuuf qaama Waaqayyo hojii inni isaaf kenne akka raawwatuuf isaaf qopheessetti fayyadamee taʼuu qaba. (Luqaas 4:43) Guutummaa Filisxeem keessa deemee erga kana labsuuf cimina qaamaa guddaa qabaachuu gaafata.

“GARA KOO KOTTAA, ANIS BOQONNAA ISINIIF NAN KENNA”

Keessumaa fuulli Yesuus inni ifaanii fi nama hawwatu, namoota ‘dadhabanii fi baʼaan isaanitti ulfaateef’ afeerriin kun gammachiisaa akka taʼu godhee taʼuu qaba. (Maatewos 11:28-30) Miira hoʼaa fi gaarummaa kan qabu taʼuun isaa, namoonni isa irraa barachuuf fedhii qaban boqonnaa argachuu akka dandaʼan ragaa cimaa isaaniif taʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Innis ijoollee sana hammate” waan jedhuuf, ijoollee xixinnoon illee Yesuusitti dhihaachuu ni barbaadu turan.—Maarqos 10:13-16.

Yesuus duʼuu isaa dura gaddee kan ture taʼus, nama gadduudhaan beekamu hin turre. Fakkeenyaaf, cidha Qaanaa keessa ture tokko irratti bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiruudhaan namoonni akka gammadan godheera. (Yohaannis 2:1-11) Yeroo gara biraa namootaa wajjin turetti immoo, barumsawwan matumaa hin irraanfatamne barsiiseera.—Maatewos 9:9-13; Yohaannis 12:1-8.

Hunda caalaa immoo, lallabni Yesuus namoonni isa dhaggeeffatan abdii jireenya bara baraa isa gammachiisaa taʼe akka qabaatan godheera. (Yohaannis 11:25, 26; 17:3) Barattoonni isaa 70mni muuxannoo lallaba isaanii yommuu isaaf gabaasanitti, innis ‘gammaduudhaan’ “maqaan keessan samii irratti waan barreeffameef gammadaa” isaaniin jedhee ture.—Luqaas 10:20, 21.

“ISIN GARUU AKKANA HIN TAʼINAA”

Geggeessitoonni amantii bara Yesuusitti turan, xiyyeeffannaa ofitti harkisuu fi aangoo isaanii argisiisuuf mala qopheessu turan. (Lakkoobsa 15:38-40; Maatewos 23:5-7) Yesuus isaan irraa haala adda taʼeen, barattoonni isaa warra kaan irratti “gooftaa” akka hin taane isaan ajajee ture. (Luqaas 22:25, 26) Kana malees Yesuus, “Barsiisota seeraa irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii naannaʼuu jaallatu; iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu barbaadu” jedhee isaan akeekkachiiseera.—Maarqos 12:38.

Faallaa kanaatiin, Yesuus namootatti waan makamuuf yeroo tokko tokko adda baasanii isa beekuun hin dandaʼamu ture. (Yohaannis 7:10, 11) Ergamoota isaa 11 warra amanamoo taʼan gidduutti illee qaamaan adda taʼee hin mulʼatu ture. Yihudaan inni dabarsee isa kenne namoonni jeequmsa uuman Yesuusiin akka beekan gochuuf, dhungatee ‘mallattoo akka isaaniif kennu’ dubbatee ture.—Maarqos 14:44, 45.

Kanaafuu, waaʼee Yesuus wanti hedduun kan hin beekamne taʼus, bifti isaa isa yeroo baayʼee fakkii irratti mulʼatu akka hin fakkaanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, hunda caalaa barbaachisaa kan taʼe, dhugumaan wanta inni fakkaatu utuu hin taʼin, ilaalcha yeroo ammaatti nuti isaaf qabnu dha.

“YEROO GABAABDUU BOODA ADDUNYAAN SIʼACHI ANA HIN ARGU”

Yesuus jechoota kana erga dubbatee guyyoota muraasa booda duʼee awwaalameera. (Yohaannis 14:19) Yesuus lubbuu isaa ‘namoota hedduudhaaf furii godhee’ kenneera. (Maatewos 20:28) Waaqayyo guyyaa sadaffaatti, “hafuuraan” duʼaa isa kaasee barattoota isaa tokko tokkotti “akka mulʼatu isa godhe.” (1 Pheexiros 3:18; Hojii Ergamootaa 10:40) Yesuus barattoota isaatti yeroo mulʼatetti maal fakkaata ture? Namoonni isatti dhihaatan illee yeruma sana isa beekuu waan hin dandeenyeef, bifti isaa isa duraa irraa baayʼee adda akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Maariyaam Magdalaan nama ashaakiltii kunuunsu ishiitti fakkaatee ture; barattoonni gara Emaahus deemaa turan lama immoo, keessummaa isaanitti fakkaatee ture.—Luqaas 24:13-18; Yohaannis 20:1, 14, 15.

Yeroo harʼaatti Yesuus maal fakkaata jennee yaaduu qabna? Yesuus erga duʼee gara waggaa 60 booda, Yohaannis ergamaan inni jaallatamaa taʼe mulʼataan isa argee ture. Wanti Yohaannis arge Yesuus fannoo irratti fannifamee utuu duʼuuf jedhuu hin turre. Kanaa manaa, Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa “Mootii moototaa, gooftaa gooftotaa” taʼe, isa jinniiwwanii fi namoota dabalatee diinota Waaqayyoo injifachuudhaan ilmaan namootaatiif eebba bara baraa fidu ture.—Mulʼata 19:16; 21:3, 4.