MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Amajjii 2018

Maxxansi kun mata dureewwan q⁠o⁠ʼannaa Guraandhala 26 hanga Ebla 1, 2018tti q⁠o⁠ʼataman kan qabate dha.

FEDHIIDHAAN OF DHIHEESSANIIRU

Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru​​—⁠Maadaagaaskaar

Tajaajiltoota naannoo ba⁠l⁠ʼaa Maadaagaaskaaritti ergaa Mootummichaa lallabuuf of dhiheessan tokko tokko wajjin wal bari.

“Inni Warra Dadhabaniif Humna In Kenna”

Guyyaan dhumaa yeroo dhihaachaa dhufu, jireenyi caalaatti rakkisaa t⁠a⁠ʼa. Caqasni waggaa 2018 Yihowaan akka nu jabeessu akka isa kadhannu nu yaadachiisa.

Tokkummaa Nama Gammachiisuu fi Ayyaana Yaadannoo

Akka tajaajiltoota Waaqayyootti, karaawwan Ayyaanni Yaadannoo tokkummaa keenya itti nuu cimsu tokko tokko maali dha? Ayyaanni Yaadannoo yeroo dhumaatiif kan kabajamu yoomi?

Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?

Karaa jaalala Waaqayyoof qabnu itti ibsinu keessaa inni tokko kennaa isaaf kennuu dha. Qabeenya keenyaan Yihowaadhaaf ulfina kennuun kan nu fayyadu akkamitti?

Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?

Jaalalli gaariin jaalala 2 Ximotewos 3:​2-4 irra jiru irraa adda kan t⁠a⁠ʼe akkamitti? Deebiin gaaffii kanaa gammachuu dhugaa argachuuf nu gargaara.

Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa

Amalawwan namoonni guyyoota dhumaa keessa jiraatan argisiisanii fi amalawwan tajaajiltoonni Waaqayyoo argisiisan garaa garummaa akkamii qabu?

Kana Beektaa?

Dhugaawwan b⁠u⁠ʼuuraa Seera Musee falmii guyyaa guyyaadhaan namoota gidduutti uumamu hiikuuf Isra⁠a⁠ʼel durii keessatti hojii irra ni oola turee?