Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tokkummaa Nama Gammachiisuu fi Ayyaana Yaadannoo

Tokkummaa Nama Gammachiisuu fi Ayyaana Yaadannoo

“Walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!”—FAR. 133:1.

FAARFANNAA: 18, 14

1, 2. Bara 2018⁠tti haala adda taʼee fi tokko nu godhu akkamiitu jira? Akkas kan jennu maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

BITOOTESSA 31, 2018⁠tti, aduun lixuu yeroo jalqabdu tajaajiltoonni Waaqayyoo fi namoonni fedhii qaban hedduun, Irbaata Gooftaa kabajuuf walitti qabamu. Addunyaa maratti namoonni miliyonaan lakkaaʼaman guyyuma tokko keessatti Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos kabaju. Ayyaanni waggaa waggaadhaan kabajamu kun, taʼee dinqisiisaa guutummaa Lafaa irratti raawwatamuu fi tokko nu godhu dha!

2 Yihowaanii fi Yesuus namoonni miliyonaan lakkaaʼaman saʼaatii garaa garaatti sagantaa adda taʼe kana irratti argamuudhaan hamma guyyaan sun xumuramutti ayyaanicha kabajuu isaanii yommuu argan hammam akka gammadan yaaduu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun “[tuutni] uummataa guddaa eenyu illee lakkaaʼuu hin dandeenyee fi saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” sagalee guddaadhaan, “Fayyina kan arganne, Waaqayyo keenya isa teessoo irra taaʼee fi Hoolicha irraa ti” akka jedhan raajii dubbatee ture. (Mul. 7:9, 10) Yihowaanii fi Yesuus Ayyaana Yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamuun kan kaʼe ulfina argachuun isaanii baayʼee nama gammachiisa!

3. Mata dureen kun gaaffiiwwan kamiif deebii kenna?

3 Gaaffiiwwan mata duree kana keessatti deebii argatan tokko tokko ni kaʼu. (1) Ayyaana Yaadannootiif dhuunfaatti qophaaʼuu fi Ayyaana kana irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? (2) Ayyaanni Yaadannoo kun tokkummaa saba Waaqayyoo kan cimsu akkamitti? (3) Nuti hoo, gama keenyaan tokkummaa kanaaf gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti? (4) Ayyaanni Yaadannoo yeroo dhumaatiif kabajamu jiraa laata? Taanaan, yoomi?

AYYAANICHAAF QOPHAAʼUU FI IRRAA FAYYADAMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

4. Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf waan dandeenye hunda gochuu kan qabnu maaliifi?

4 Ayyaanicha irratti argamuun hammam barbaachisaa akka taʼe irratti yaadaa. Walgaʼiiwwan gumii kutaa waaqeffannaa keenyaa akka taʼan hin dagatinaa. Yihowaanii fi Yesuus ayyaana waggaa bakka guddaa qabu kana irratti argamuuf carraaqqii kan godhu eenyu akka taʼe ni ilaalu. Haalli qaama keenyaa ykn haalli kan biraan hamma nu hin daangessinetti Ayyaanicha irratti argamuu keenya akka ilaalan barbaanna. Walgaʼiiwwan waaqeffannaatiif bakka guddaa akka kenninu gocha keenyaan kan argisiisnu yoo taʼe, Yihowaan maqaan keenya ‘macaafa seenaa’ ykn “kitaaba jireenyaa” irratti barreeffamee akka turu gochuuf sababii dabalataa qabaata.—Mil. 3:16; Mul. 20:15.

5. Guyyoota Ayyaana Yaadannoo dura jiranitti, ‘amantii keessa jiraachuu fi dhiisuu keenya beekuuf of gamaaggamuu’ kan dandeenyu akkamitti?

5 Guyyaan Ayyaanichaa yeroo dhihaachaa dhufu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu kadhannaadhaanii fi of eeggannoodhaan qoruuf yeroo ramaduu dandeenya. (2 Qorontos 13:5 dubbisi.) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? ‘Amantii keessa jiraachuu fi dhiisuu keenya beekuuf of gamaaggamuudhaani.’ Kana gochuuf immoo akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa tokkicha fedhii isaa raawwatuu fi isa duratti fudhatama argatee akkan taʼe nan amanaa? Misiraachoo Mootummichaa lallabuu fi barsiisuuf waanan dandaʼu hunda nan godhaa? Guyyaa dhumaa keessa akka jiraannuu fi bulchiinsi Seexanaa dhiheenyatti akka xumuramu dhugumaan akkan amanu gochi koo ni argisiisaa? Amanannaan yeroon Yihowaadhaaf of murteessetti Yihowaa fi Yesuus irratti qabu amma nan qabaa?’ (Mat. 24:14; 2 Xim. 3:1; Ibr. 3:14) Deebii gaaffiiwwan kanaa irratti yaaduun keenya, eenyummaa keenya beekuuf yeroo hunda akka of qorru nu gargaara.

6. (a) Jireenya argachuun kan dandaʼamu maal gochuudhaan qofa dha? (b) Jaarsi gumii tokko waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannootiif kan qophaaʼu akkamitti? Ati hoo wanta kana fakkaatu gochuu kan dandeessu akkamitti?

6 Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu hiika Ayyaanichaa ibsan dubbisaatii irratti xiinxalaa. (Yohaannis 3:16; 17:3 dubbisi.) Jireenya bara baraa argachuun kan dandaʼamu, Yihowaa “beekuu” fi Ilma isaa isa tokkicha Yesuusitti ‘amanuudhaani.’ Ayyaanichaaf qophaaʼuuf, mata dureewwan Yihowaa fi Yesuusitti caalaatti dhihaachuuf isin gargaaran muraasa filattanii qorannaa irratti gochuu dandeessu. Obboleessi yeroo dheeraadhaaf jaarsa gumii taʼe tokko maal akka godhu haa ilaallu. Waggoota baayʼeedhaaf mata dureewwan Masaraa Eegumsaa waaʼee Ayyaana Yaadannoo fi jaalala Yihowaa fi Yesuus nutti argisiisanii dubbatan walitti qabachaa ture. Ayyaanicha kabajuuf torban muraasni yeroo hafu, mata dureewwan kana irra deebiʼee dubbisudhaan Ayyaanicha kabajuun maaliif akka barbaachisaa taʼe irratti xiinxala. Darbee darbee immoo wanta walitti qabate irratti mata duree tokko ykn lama itti dabalata. Jaarsi gumii kun, mata dureewwan kana irra deebiʼee dubbisuu isaa fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu Ayyaana Yaadannoo dubbisee irratti xiinxaluu isaatiin waggaa waggaadhaan wanta haaraa akka barate hubateera. Hunda caalaa immoo, jaalalli inni Yihowaa fi Yesuusiif qabu wagguma waggaadhaan akka dabale itti dhagaʼama. Qoʼannaa akkanaa gochuun keessan, jaalalaa fi dinqisiifannaa Yihowaa fi Yesuusiif qabdan waan dabaluuf, Ayyaanicha irraa caalaatti akka fayyadamtan isin gargaaruu dandaʼa.

GAʼEE AYYAANICHI TOKKUMMAA KEENYA IRRATTI QABU

7. (a) Yesuus guyyaa Irbaata Gooftaa isa jalqabaa kabajetti waaʼee maalii kadhate? (b) Yihowaan kadhannaa Yesuusiif deebii akka kenne kan argisiisu maali dha?

7 Yesuus, galgala Irbaata Gooftaa isa jalqabaa kabajetti, duuka buutonni isaa hundi tokkummaa akka qabaatanii fi tokkummaan isaanii tokkummaa isaa fi Abbaa isaa gidduu jiru wajjin tokko akka taʼu kadhate. (Yohaannis 17:20, 21 dubbisi.) Yihowaan kadhannaa Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiheesse kanaaf deebii kenneera; yeroo ammaatti namoonni miliyonaan lakkaaʼaman Yihowaan Ilma isaa akka erge ni amanu. Walgaʼiiwwan saba Waaqayyoo kaan irraa haala adda taʼeen, Ayyaanni Yaadannoo tokkummaa Dhugaa Baatonni Yihowaa qaban kan mirkaneessu dha. Namoonni saba garaa garaa irraa dhufanii fi bifa adda addaa qaban iddoowwan walgaʼii guutummaa lafaa irra jiranitti walitti qabamu. Naannoowwan tokko tokkotti namoonni sanyii garaa garaa qaban walgaʼii akkanaa gochuun isaanii kan barame miti. Walgaʼii akkanaa yoo godhan illee namoonni ilaalcha gaarii isaaniif hin qabaatan. Haa taʼu malee, tokkummaan akkanaa Yihowaa fi Yesuusiin baayʼee gammachiisa!

8. Yihowaan tokkummaa ilaalchisee Hisqiʼeliif ergaa akkamii kenne?

8 Saba Yihowaa waan taaneef tokkummaa qabaachuun keenya nu hin dinqisiisu. Yihowaan waaʼee tokkummaa kanaa raajii iyyuu dubbatee ture. Uleewwan lama, jechuunis ulee “Yihudaa” fi ulee “Yoseef” walitti qabsiisuu ilaalchisee ergaa inni Hisqiʼel raajichatti hime ilaalaa. (Hisqiʼel 37:15-17 dubbisi.) Gaaffii DubbistootaaMasaraa Eegumsaa Adoolessa 2016 irratti baʼe irratti akkana jedhameera: “Yihowaan ergaa abdii guddaa qabu, jechuunis sabni Israaʼel Biyyattii Abdachiifamtetti erga deebiʼanii booda tokko akka taʼan Hisqiʼelitti himee ture. Haaluma wal fakkaatuun ergaan kun, jalqaba guyyoota dhumaa irraa eegalee sabni Waaqayyoo tokko akka taʼan ni dubbata.”

9. Ayyaanni yaadannoo waggaa waggaadhaan kabajamu raajiin Hisqiʼel raawwatamuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?

9 Bara 1919 kaasee, Yihowaan suutuma suutaan jalqaba dibamtoota ulee ‘Yihudaatti’ fakkeeffaman gurmeessuu fi tokko gochuu jalqabe. Achiis namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qabanii fi ulee ‘Yoseefitti’ fakkeeffaman baayʼinaan dibamtootatti yeroo dabalaman, tuutni lamaan “tuuta tokko” taʼan. (Yoh. 10:16; Zak. 8:23) Yihowaan uleewwan lamaan kana walitti qabsiisuudhaan harka isaa keessatti tokko isaan gochuuf waadaa gale. (His. 37:19) Yeroo ammaatti tuutni lamaanuu Mootii tokkicha, Yesuus Kiristoos isa ‘Daawit garbicha’ Waaqayyootti fakkeeffame jalatti tokkummaadhaan tajaajilaa jiru. (His. 37:24, 25) Dibamtoonni lafa irra jiranii fi ‘hoolonni kan biraan’ waggaa waggaadhaan Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos kabajuuf walitti qabamuun isaanii, tokkummaan kitaaba Hisqiʼel irratti caqasame dhugaa taʼuu isaa argisiisa! Haa taʼu malee, tokkummaan kun akka itti fufuu fi akka cimu gochuuf nuti dhuunfaatti maal gochuu dandeenya?

KARAAWWAN DHUUNFAATTI TOKKUMMAA CIMSUU ITTI DANDEENYU

10. Tokkummaa saba Waaqayyoo gidduu jiru cimsuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Tokkummaa saba Waaqayyoo cimsuu karaan itti dandeenyu inni tokko amala gad of qabuu horachuu dha. Yesuus yeroo lafa irra turetti barattoonni isaa kan gad of qaban akka taʼan isaan gorsee ture. (Mat. 23:12) Kan gad of qabnu yoo taane, of tuulummaan inni hafuura addunyaa taʼe nu hin toʼatu. Kanaa mannaa, gad of qabuun keenya obboloota nu geggeessaniif akka bitamnu nu gargaara; isaaniif ajajamuun keenya immoo gumii keessatti tokkummaa qabaachuuf gargaara. Hunda caalaa garuu, gad of qabuun keenya Waaqa keenya isa ‘warra of tuulan mormuu fi warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa kennu’ ni gammachiisa.—1 Phe. 5:5.

11. Hiika maxinoo fi wayiniin Ayyaana Yaadannoo irratti dhihaatan qaban irratti yaaduun keenya, tokkummaa keenya cimsuuf kan nu gargaaru akkamitti?

11 Karaan tokkummaa cimsuu itti dandeenyu inni lammaffaan immoo, hiika maxinoo fi wayiniin Ayyaana Yaadannoo qabu irratti yaaduu dha. Galgala adda taʼe sana dura, keessumaa immoo galgala sana, hiika maxinoon raacitii hin qabnee fi wayinii diimaan sun qaban irratti gadi fageenyaan yaadaa. (1 Qor. 11:23-25) Maxinichi foon Yesuus isa cubbuu hin qabnee fi aarsaa taʼe, wayinichi immoo dhiiga isaa isa dhangalaʼe argisiisa. Haa taʼu malee, maxinoo fi wayiniin kun maal jechuu akka taʼan beekuu caalaa wanti nu barbaachisu jira. Aarsaan furii Kiristoos karaawwan jaalalli itti ibsame lamaan, jechuunis jaalala Yihowaan Ilma isaa nuuf jecha kennuudhaan nutti argisiisee fi jaalala Yesuus fedhiidhaan lubbuu isaa nuuf kennuudhaan nutti argisiise kan dabalatu taʼuu isaa yaadadhaa. Jaalala isaan nutti argisiisan irratti yaaduun keenya, nutis akka isaan jaallannu nu kakaasuu qaba. Jaalalli nuyii fi namoonni nu wajjin waaqeffatan Yihowaadhaaf qabnu, akka funyoo walitti nu hidhuudhaan tokkummaa keenya nuu cimsa.

Dhiifama yeroo goonu tokkummaa cimsina (Keeyyata 12 fi 13 ilaali)

12. Yesuus fakkeenya waaʼee gooftaa tokkoo fi hojjettoota isaa dubbate irratti, Yihowaan dhiifama akka goonu akka nu irraa eegu kan ibse akkamitti?

12 Karaan tokkummaa itti cimsinu inni sadaffaan, warra kaaniif dhiifama gochuu dha. Namoota nu miidhaniif dhiifama yeroo goonu, dhiifama cubbuu karaa aarsaa furii Kiristoosiin argameef dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. Fakkeenya Yesuus Maatewos 18:23-34 irratti dubbate erga dubbistanii booda akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Wanta Yesuus barsiise hojii irra oolchuuf fedhii nan qabaa? Obboloota ana faana tajaajilan obsaan nan qabaa? Haala isaan keessa jiran hoo nan hubadhaa? Namoota na miidhaniif dhiifama gochuuf qophaaʼaa dhaa?’ Dhugaa dha, sadarkaan cubbuu garaa gara; namoonni cubbuu dhaalan balleessaa tokko tokkoof dhiifama gochuun baayʼee isaanitti ulfaata. Haa taʼu malee, fakkeenyi kun wanta Yihowaan nu irraa eegu nu barsiisa. (Maatewos 18:35 dubbisi.) Yesuus, obboloota keenyaaf dhiifama gochuuf sababii gaʼaa utuu qabnuu dhiifama gochuufii yoo didne Yihowaanis dhiifama akka nuuf hin goone ifatti dubbateera. Kun wanta sirriitti itti yaaduu qabnu dha! Akkuma Yesuus nu barsiise warra kaaniif dhiifama kan goonu yoo taʼe, tokkummaa keenya isa bakka guddaa qabu eegnee jiraanna.

13. Nagaa kan uumnu taʼuun keenya tokkummaa kan cimsu akkamitti?

13 Warra kaaniif dhiifama yeroo goonu, namoota nagaa uumnu taʼuu keenya argisiisna. Gorsa Phaawulos ergamaan, “Hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa” jechuudhaan kenne yaadadhaa. (Efe. 4:3) Tibba Ayyaana Yaadannoo kanatti, keessumaa immoo galgala Ayyaanichi kabajamutti akkaataa obboloota keessan itti qabdan irratti sirriitti yaadaa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Nama haaloo hin qabanne akkan taʼe ifatti nan argisiisaa? Nagaa fi tokkummaa cimsuuf waanan dandaʼe hunda akkan godhuttan beekamaa?’ Tibba Ayyaanichaatti gaaffiiwwan kana irratti yaaduun keenya barbaachisaa dha.

14. ‘Jaalalaan waliif dandaʼuudhaan jiraachuu’ kan qabnu maaliifi?

14 Karaan arfaffaan tokkummaa itti cimsinu, Yihowaa isa Waaqa jaalalaa taʼe fakkaachuudhaan jaalala argisiisuu dha. (1 Yoh. 4:8) Namoota nu wajjin Yihowaa waaqeffatan ilaalchisee, “Isaan jaallachuun qaba taʼa, michuu isaanii taʼuuf garuu dirqamni na irra hin jiru” jechuu hin qabnu. Yaada akkasii qabaachuun gorsa Phaawulos, “Jaalalaan waliif dandaʼuudhaan jiraadhaa” jechuudhaan kenne wajjin wal faallessa. (Efe. 4:2) “Waliif dandaʼuudhaan jiraadhaa” qofa akka hin jenne hubadhaa. Kana gochuu kan qabnu “jaalalaan” akka taʼe dubbateera. Lamaan isaanii garaa garummaa qabu. Gumiiwwan keenya keessa namoonni Yihowaan ofitti harkise garaa garaa jiru. (Yoh. 6:44) Yihowaan kan ofitti isaan harkise jaallatamoo waan taʼaniif taʼuu qaba. Nama hidhata amantii keenya taʼe tokko jaalalli keenya kan isaaf hin malle goonee akkamitti yaaduu dandeenya ree? Jaalala Yihowaan akka argisiisnu nu ajaje argisiisuu irraa duubatti jechuu hin qabnu!—1 Yoh. 4:20, 21.

AYYAANNI YAADANNOO INNI DHUMAA YOOMI?

15. Ayyaanni Yaadannoo yeroo dhumaatiif kabajamu akka jiru akkamitti beekna?

15 Ayyaanni Yaadannoo yeroo dhumaatiif gaafni itti kabajamu jira. Kana akkamitti beekna? Phaawulos ergamaan xalayaa jalqabaa warra Qorontosiif barreesse irratti, Kiristiyaanonni dibamoon waggaa waggaadhaan duʼa Yesuus kabajuudhaan ‘hanga inni dhufutti duʼa Gooftaa labsuu’ isaanii akka itti fufan dubbateera. (1 Qor. 11:26) Jechi as irratti ‘dhufuu’ jedhame, ‘dhufaatii’ Yesuus raajii waaʼee bara dhumaa dubbate irratti ibse wajjin tokko dha. Rakkina Guddaa dhiheenyatti dhufu ilaalchisee Yesuus akkana jedhe: “Mallattoon Ilma namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuu gaddaan qoma isaanii rurrukutu; isaanis Ilmi namaa humnaa fi ulfina guddaadhaan duumessa samiitiin yommuu dhufu ni argu. [Yesuusis], maleekota isaa sagalee malakataa guddaadhaan ni erga; isaanis warra isaaf filataman andaara samii isa tokkoo hanga isa kan biraatti kallattii arfanii walitti ni qabu.” (Mat. 24:29-31) ‘Warra isaaf filataman walitti qabuun’ kun, yeroo Kiristiyaanonni dibamtoota taʼanii fi hanga ammaatti lafa irra jiran hundi badhaasa isaanii isa samii itti fudhatan argisiisa. Kun kan taʼu, kutaan jalqabaa Rakkina Guddaa erga darbee booda, garuu immoo waraanni Armaagedoon jalqabamuu isaa dura dha. Achii warri 144,000 taʼan hundi, Yesuus wajjin taʼuudhaan mootota lafaa injifatu. (Mul. 17:12-14) Yeroo sanatti Yesuus ‘dhufeera’ waan taʼeef, Ayyaanni Yaadannoo dibamtoonni gara samiitti walitti qabamuu isaanii dura kabajamu kun isa dhumaa taʼa.

16. Ayyaana Yaadannoo waggaa kana kabajamu irratti argamuuf kan murteessite maaliifi?

16 Bitootessa 31, 2018 Ayyaana Yaadannoo irratti argamuuf murteessuudhaan haa fayyadamnu. Akkasumas, Yihowaan tokkummaa sabni isaa qabaniif gumaacha akka goonu akka nu gargaaru isa haa kadhannu! (Faarfannaa 133:1 dubbisi.) Gaaf tokko Ayyaanni Yaadannoo nuti kabajnu isa dhumaa akka taʼu yaadadhaa. Hammasitti garuu Ayyaanicha irratti argamuuf waan dandeenye hunda haa goonu; akkasumas tokkummaa gammachiisaa yeroo Ayyaana Yaadannootti argamuuf bakka guddaa haa laannu.