Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa

Garaa Garummaa Namoota Gidduu Jiru Argaa

“Garaa garummaa warra qajeelotaa fi warra jal’oota gidduu jiru . . . in argitu.”—MIL. 3:18.

FAARFANNAA: 127, 101

1, 2. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran qorumsa akkamiitu isaan mudata? (Fakkiiwwan jalqaba irra jiran ilaali.)

NAMOONNI ogeeyyii fayyaa taʼan hedduun, namoota dhukkuba namatti darbuun qabaman gidduutti hojjetu. Dhukkubsattoota isaanii gargaaruu waan barbaadaniif isaan kunuunsu. Haa taʼu malee, yeroo kanatti dhukkuba fayyisuuf yaalan kanaan akka hin qabamne of eeggachuun isaanii barbaachisaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, baayʼeen keenya namoota ilaalchaa fi amala gadhee amalawwan Waaqayyo jaallatu wajjin wal faallessan qaban wajjin jiraanna akkasumas hojjenna. Kun qorumsa guddaa nutti taʼa.

2 Guyyoonni dhumaa kun namoota amala mancaʼaa qabaniin kan guutamani dha. Xalayaa lammaffaan Phaawulos ergamaan Ximotewosiif barreesse, amala namoonni Waaqayyo irraa fagaatan ittiin beekaman ibsa; amalawwan kun gara fuulduraatti ittuma caalaa deemu. (2 Ximotewos 3:1-5, 13 dubbisi.) Amalawwan kun babalʼachuun isaanii kan nu suukanneessu taʼu illee, namoonni amalawwan kana argisiisan dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼu. (Fak. 13:20) Mata duree kana keessatti, amalawwan namoonni guyyoota dhumaa argisiisanii fi amalawwan tajaajiltoonni Waaqayyoo argisiisan garaa garummaa akkamii akka qaban ilaalla. Kana malees, namoota kaan karaa hafuuraa utuma gargaarruu amalawwan gadhee taʼaniin akka hin faalamne akkamitti of eeguu akka dandeenyu ni ilaalla.

3. Amalawwan 2 Ximotewos 3:2-5 irratti ibsaman namoota akkamii irratti mulʼatu?

3 Phaawulos ergamaan, ‘guyyoonni dhumaa yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ akka fidan barreesseera. Itti aansuudhaanis, amalawwan gaggadhee namoonni yeroo ammaa argisiisan 19 tarreesse. Amalawwan xalayaa Phaawulos Ximotewosiif barreesse irra jiran keessaa jechoonni Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti bakka biraatti hin caqasamne jiraatanis, wanti inni barreesse isa Roomaa 1:29-31 irra jiru wajjin wal fakkaata. Phaawulos waaʼee amalawwan gaggadhee dubbachuuf yeroo jedhu, “namoonni . . . ” jechuudhaan jalqabe. Haa taʼu malee, amalawwan kana kan argisiisan namoota hunda miti. Kiristiyaanonni amalawwan kana irraa guutummaatti adda taʼan qabu.Miilkiyaas 3:18 dubbisi.

ILAALCHA OFII KEENYAAF QABNU

4. Namoota kooraan of bokoksan akkamitti ibsita?

4 Phaawulos namoonni baayʼeen ofittoo akka taʼanii fi maallaqa akka jaallatan erga dubbatee booda, kan of jajan, kan of tuulanii fi kooraan kan of bokoksan akka taʼanis ibseera. Yeroo baayʼee namni tokko amalawwan kana qabaachuun isaa dandeettii, bareedina, qabeenyaa fi sadarkaa isaatiin warra kaan irra akka caalu akka itti dhagaʼamu argisiisa. Namoonni amalawwan akkanaa qaban dinqisiifannaa fi kabaja guddaa argachuu hawwu. Hayyuun tokko nama koorri isa toʼate ilaalchisee, “[Namni akkanaa] garaa isaa keessatti iddoo aarsaa xiqqoo ofii isaatiif itti sagadu qaba” jechuudhaan barreesseera. Namoonni tokko tokko, koorri daangaa isaa darbe jibbisiisaa fi namumti kooru sun illee warra kaan irratti kan jibbu akka taʼe dubbatu.

5. Namoonni amanamoo taʼan illee kooraan mooʼamanii kan turan akkamitti?

5 Yihowaan kooraaf jibba guddaa akka qabu beekamaa dha. Inni “nama waan guddaatti of ilaalu” ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Koorri, Waaqatti akka hin dhihaanne nu dhoowwa. (Far. 10:4) Amala Diyaabilos ittiin beekamu dha. (1 Xim. 3:6) Kan nama gaddisiisu garuu, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo turan tokko tokko illee koorri isaan toʼatee ture. Mootii Yihudaa kan ture Uziyaan waggoota baayʼeedhaaf nama amanamaa ture. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Uziyaan nama jabaa erga taʼee booddee, of gurguddisee kufaatii ofitti in fide; inni ofuma isaatiin gara mana qulqullummaatti ol galee, aarsaa isa ixaanni irratti aarfamu irratti aarsaa ixaanaa dhiʼeessuu barbaaduu isaatiin Waaqayyoon gooftaa isaa in yakke.” Booda immoo Hisqiyaas Mootichis yeroodhaaf qofa taʼus koorri isa toʼatee ture.—2 Sen. 26:16; 32:25, 26.

6. Daawit kooruuf sababa maalii qaba ture? Taʼus kan hin koorre maaliifi?

6 Namoonni tokko tokko bareedina, beekamtii, dandeettii muuziqaa, cimina qaamaa ykn iddoo guddaa qabaachuu isaaniitiin koorri itti dhagaʼama. Daawit wantoota kana keessaa tokko qofa utuu hin taʼin hunda isaanii qaba ture; taʼus jireenya isaa guutuu kan gad of qabu taʼee jiraateera. Daawit, Goliyaadiin erga ajjeesee booda intalli Saaʼol Mootichaa yeroo isaaf kennamtu akkana jedhee ture: “Intala mootii kanan fuudhu, ani eenyu? Israaʼel keessaas qomoon koo, qomoon abbaa kootiis isa kam?” (1 Sam. 18:18) Daawit gad of qabee akka jiraatu kan isa gargaare maali dha? Daawit amalawwan, dandeettiiwwanii fi mirgawwan qabu kan argate, Waaqayyo xiyyeeffannaa isaaf kennuuf jecha waan ‘gadi jedheef,’ (NW) jechuunis waan gad of qabeef ture. (Far. 113:5-8) Daawit wantoonni gaariin inni qabu hundi Yihowaa irraa kan argaman akka taʼe beeka ture.—1 Qorontos 4:7 wajjin wal bira qabii ilaali.

7. Amala gad of qabuu argisiisuuf maaltu nu gargaara?

7 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis akkuma Daawit kan gad of qaban taʼuuf carraaqqii godhu. Yihowaan inni uumama cufa keessatti Qaama hundaa olii taʼe kan gad of qabu taʼuun isaa baayʼee nu ajaaʼiba. (Far. 18:35) Gorsa geggeessaa hafuuraatiin barreeffamee fi akkana jedhu hojii irra oolchina: “Gara laafina garaadhaa madde, gaarummaa, gad of qabuu, garraamummaa fi obsa uffadhaa.” (Qol. 3:12) Akkasumas, jaalalli ‘akka of hin jajnee fi akka of hin bokoksine’ beekna. (1 Qor. 13:4) Gad of qabuun keenya, namoonni gara Yihowaa akka dhufan gochuu dandaʼa. Abbootiin manaa amala haadhotii manaa isaaniitiin mooʼamuu akkuma dandaʼan, tajaajiltoonni Yihowaa gad of qabuun isaanii warra kaan gara Yihowaatti harkisuu dandaʼa.—1 Phe. 3:1.

AKKAATAA WARRA KAAN ITTI QABNU

8. (a) Yeroo harʼaatti namoonni tokko tokko warraaf ajajamuu akkamitti ilaalu? (b) Kitaabni Qulqulluun ijoolleen maal akka godhan ajaja?

8 Phaawulos, namoonni guyyoota dhumaa keessa jiraatan ilaalcha akkamii akka waliif qabaatan ibseera. Guyyoota dhumaatti ijoolleen warra isaaniitiif kan hin ajajamne akka taʼan dubbateera. Yeroo harʼaatti amalli kun kitaabota, fiilmiiwwanii fi sagantaawwan televijiinii irratti fudhatama kan qabu, siruma iyyuu kan jajjabeeffamu taʼus, ajajamuu diduun maatii laaffisa, kun immoo hawaasa irratti dhiibbaa gadhee geessisa. Kun dhugaa taʼuun isaa erga beekamee yeroo dheeraan darbeera. Kan nama dinqisiisu, Giriik durii keessatti namni tokko warra isaa yoo rukute, mirga namummaa isaa hunda ni dhaba ture; akka seera Roomaatti immoo abbaa ofii rukutuun ajjeesuu wajjin tokko akka taʼetti ilaalama ture. Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaas taʼan Afaan Giriikii, ijoolleen warra isaanii akka kabajan ajaju.—Bau. 20:12; Efe. 6:1-3.

9. Dargaggoonni warra isaaniitiif akka ajajaman maaltu isaan gargaara?

9 Ijoolleen wanta warri isaanii isaaniif godhan irratti yaaduun isaanii, ajajamuu diduu irraa isaan eeguu dandaʼa. Galateeffannaan isaaniif qabanii fi Waaqayyo inni Abbaa hunda keenyaa taʼe kana akka godhan akka isaan irraa eegu hubachuun isaanii gaarii dha. Dargaggoonni waaʼee warra isaanii waan gaarii dubbachuudhaan, dargaggoonni kaanis warra ofii isaaniitiif ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaaruu dandaʼu. Dhugaa dha, warri ijoollee isaaniitiif jaalala hin qaban taanaan, ijoolleen garaadhaa ajajamuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Dargaggeessi tokko warri isaa garaadhaa akka isa jaallatan kan isatti dhagaʼamu yoo taʼe garuu, yeroo ajajamuun isatti ulfaatutti illee warra isaa gammachiisuuf kakaʼa. Oostan akkana jechuudhaan dhugaa isaa dubbateera: “Yeroo baayʼee kanan balleessu taʼu illee, warri koo qajeelfama gaarii naa kennu, sababa seera tokko itti baasan naaf ibsu, akkasumas akka gaariitti akka waliin haasofnu godhu turan. Kana gochuun isaanii ajajamuun akka naaf salphatu godheera. Akka naaf yaadan waanan hubadheef, isaan gammachiisuun barbaada ture.”

10, 11. (a) Amalawwan gaggadheen namoonni jaalala akka waliif hin qabaanne argisiisan kam faʼi? (b) Kiristiyaanonni dhugaan hammam nama jaallatu?

10 Phaawulos amalawwan namoonni jaalala waliif dhabuu isaanii argisiisan kan biraas ibseera. Kan hin galateeffanne yaanni jedhu, namoota gaarummaa warri kaan isaaniif godhan hin dinqisiifanne waan argisiisuuf, Phaawulos “warra isaaniitiif kan hin ajajamne” erga jedhee booda kan hin galateeffanne jechuun isaa sirrii dha. Kana malees namoonni amanamoo kan hin taane taʼu. Walii galuuf fedhii kan hin qabne taʼuudhaan warra kaanitti araaramuu akka hin barbaanne argisiisu. Kan nama arrabsanii fi gantoota taʼuudhaan, namoota kaan irratti qofa utuu hin taʼin Waaqayyo irratti illee dubbii hamaa dubbatu. Namoonni maqaa balleessan, jechuunis maqaa gaarii warri kaan qaban balleessuuf oduu nama miidhu kan dubbatan ni jiraatu. *

11 Namoota yeroo harʼaatti jaalala dhabanii jiran irraa haala faallaa taʼeen, namoonni Yihowaa waaqeffatan warra kaaniif jaalala dhugaa qabu. Kun yoom iyyuu dhugaa dha. Yesuus nama jaallachuun inni kutaa agaappee taʼe, ajajawwan Seera Musee keessa jiran keessaa jaalala Waaqayyoof qabnutti aanee isa lammaffaa akka taʼe dubbateera. (Mat. 22:38, 39) Yesuus, jaalalli waliif qabnu amala Kiristiyaanota dhugaa addaan baasee beeksisu taʼuu isaas dubbateera. (Yohaannis 13:34, 35 dubbisi.) Kiristiyaanonni warra diinota isaanii taʼanitti illee jaalala akkasii argisiisu.—Mat. 5:43, 44.

12. Yesuus warra kaanitti jaalala kan argisiise akkamitti?

12 Yesuus warra kaaniif jaalala guddaa akka qabu argisiiseera. Magaalaadhaa gara magaalaatti deemee misiraachoo waaʼee Mootummaa Waaqaa dubbatu namootatti himeera. Namoota iji isaanii jaame, naafa taʼan, dhukkuba nadaayiitiin qabamanii fi gurri isaanii duude fayyiseera. Namoota duʼanis kaaseera. (Luq. 7:22) Yesuus namoonni baayʼeen kan isa jibban taʼus, ilmaan namootaatiif lubbuu isaa kenneera. Jaalalli Yesuus argisiise jaalala Abbaan isaa argisiisu guutummaatti kan calaqqisiisu ture. Dhugaa Baatonni Yihowaa guutummaa lafaa irratti warra kaanitti jaalala akka Waaqaa argisiisu.

13. Jaalalli nuyi warra kaanitti argisiisnu Yihowaatti dhihaachuuf kan isaan gargaaru akkamitti?

13 Jaalalli nuti namoota kaanitti argisiisnu, warri kaan gara Abbaa keenya isa samiitti akka harkifaman godha. Fakkeenyaaf, namichi Taayilaandi keessa jiraatu tokko walgaʼii naannoo irratti jaalala obboloonni waliif qaban arguu isaatiin baayʼee tuqame. Gara mana isaatti erga deebiʼee booda, torbanitti al lama Kitaaba Qulqulluu akka isa qoʼachiisan gaafate. Firoota isaa hundaaf kan lallabe siʼa taʼu, walgaʼii naannoo sana irratti argamee jiʼa jaʼa booda yeroo jalqabaatiif gumii irratti kutaa dubbisa Kitaaba Qulqulluu dhiheesse. Jaalala warra kaaniif qabnu qoruuf akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Maatii koo keessatti, gumii irrattii fi tajaajila irratti namoota gargaaruuf carraaqqii nan godhaa? Warra kaaniif ilaalcha akka Yihowaa qabaachuuf nan carraaqaa?’

YEEYYII FI HOOLAA

14, 15. Namoonni baayʼeen amalawwan akka bineensotaa akkamii argisiisu? Isaan keessaa tokko tokko kan jijjiiraman hoo akkamitti?

14 Amalawwan namoonni guyyoota dhumaa keessa jiran argisiisan kaanis, sababii Kiristiyaanonni namoota akkanaa irraa fagaachuu itti qaban kan biraan akka jiru argisiisu. Namoonni Waaqayyotti hin amanne, wanta gaarii kan hin jaallanne taʼu ykn akka hiikawwan tokko tokko kaaʼanitti, kan “wanta gaarii jibban” ykn kan “waan gaariidhaaf diina” taʼan taʼu. Kan of hin toʼannee fi gara jabeeyyii taʼu. Namoonni tokko tokko mata jabeeyyii ykn akka hiika isa jalqabaatti dursanii kan hin yaannee fi dantaa kan hin qabne taʼu.

15 Namoonni kanaan dura amalawwan akka bineensotaa kana argisiisaa turan jijjiirama godhaniiru. Jijjiiramni kun, raajii Kitaaba Qulqulluu tokko keessatti karaa nama hawwatuun dubbatamee ture. (Isaayaas 11:6, 7 dubbisi.) Raajii kana irratti bineensonni akka yeeyyii fi leencaa jiran, beeladoota akka hoolaa fi jabbii jiran wajjin nagaadhaan akka jiraatan dubbatameera. Haalli tasgabbaaʼaan kun kan babalʼatu, ‘akkuma galaanni bishaaniin guutu, lafti beekumsa Waaqayyootiin waan guutamtuuf’ akka taʼe hubadhu. (Isa. 11:9) Bineensonni waaʼee Yihowaa barachuu waan hin dandeenyeef, raajiin kun karaa hafuuraa namoota irratti raawwatama.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun jireenya jijjiira! (Keeyyata 16 ilaali)

16. Kitaabni Qulqulluun namoonni amala isaanii akka jijjiiran kan isaan gargaare akkamitti?

16 Namoonni kanaan dura akkuma yeeyyii gara jabeeyyii turan hedduun, amma garuu warra kaan wajjin nagaadhaan jiraatu. Muuxannoowwan kana keessaa tokko tokko mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa ni Jijjiira” jedhuu fi jw.org. irratti walitti aansee baʼu irraa dubbisuu dandeessu. Namoonni Yihowaa beekanii fi isa tajaajilan, namoota Waaqayyoon kan sodaatan fakkaatu humna isaa garuu ni ganu jedhaman irraa adda dha. Warri hamoon kun Waaqayyoon akka waaqeffatan dubbatan iyyuu gocha isaaniitiin kun soba taʼuu isaa argisiisu. Namoonni kanaan dura gara jabeeyyii turan “namummaa haaraa isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame [uffataniiru].” (Efe. 4:23, 24) Namoonni waaʼee Waaqayyoo yeroo baratan, qajeelfama isaa wajjin wal simanii jiraachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubatu. Achiis, amantii, ilaalchaa fi amala isaanii irratti jijjiirama gochuuf kakaʼu. Jijjiirama akkanaa gochuun salphaa taʼuu baatus, hafuurri Waaqayyoo namoota fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadan waan gargaaruuf jijjiirama gochuun ni dandaʼama.

“NAMOOTA AKKASII IRRAA FAGAADHU”

17. Namoonni amala gadhee qaban dhiibbaa akka nu irratti hin goone gochuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Garaa garummaan namoota Waaqayyoon tajaajilanii fi hin tajaajille gidduu jiru baayʼee ifa taʼaa dhufeera. Nuyi warri Waaqayyoon tajaajillu, ilaalchi jalʼaan warri kaan qaban dhiibbaa akka nu irratti hin goone of eeggachuu qabna. Gorsa namoota 2 Ximotewos 3:2-5 irratti ibsaman kana irraa akka fagaannuuf nuu kenname hojii irra oolchuun keenya gaarii dha. Namoota amalawwan gadhee qaban irraa guutummaatti fagaachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Isaan wajjin hojjechuu, gara mana barumsaa deemuu ykn jiraachuu qabna taʼa. Garuu, ilaalcha isaanii fi amala isaanii irraa fagaachuu dandeenya. Kana gochuu kan dandeenyu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi namoota Yihowaa tajaajiluuf murteessan hiriyaa godhachuudhaan karaa hafuuraa yoo of cimsine dha.

18. Dubbiinii fi amalli keenya karaa hafuuraa warra kaan fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?

18 Kana malees, karaa hafuuraa warra kaan gargaaruuf carraaquu qabna. Yihowaan yeroo sirrii taʼetti wanta sirrii taʼe dubbachuuf akka isin gargaaru kadhachuudhaan, warra kaaniif lallabuuf carraa barbaadaa. Warri kaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya akka beekan gochuu qabna. Kana yoo goone, amalli keenya inni gaariin nuuf utuu hin taʼin Waaqayyoof ulfina kan fidu taʼa. “Wanta fedhii Waaqayyoo wajjin wal faallessuu fi hawwii addunyaa irraa akka fagaannu, sirna ammaa keessatti sirriitti akka yaadnu, qajeelummaadhaan, akkasumas namoota Waaqayyoof bulan taanee akka jiraannu” leenjii arganneerra. (Tit. 2:11-14) Amalawwan Waaqayyo jaallatu kan qabnu yoo taʼe, namoonni kaan kana ni ilaalu; isaan keessaa tokko tokko iyyuu, “Waaqayyo isin wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis isin wajjin ni deemna” jechuu dandaʼu.—Zak. 8:23, NW.

^ key. 10 Jechi Afaan Giriikii “maqaa kan balleessan” ykn “kan nama himatan” jedhamee hiikame, diyaabolos kan jedhu siʼa taʼu, jechi kun Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaa Seexana isa hamaa Waaqayyo arrabseef kenname dha.