Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?

Jaalala Akkamiitu Gammachuu Dhugaa Argamsiisa?

“Sabni gooftichi [“Yihowaan,” NW]Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!”—FAR. 144:15.

FAARFANNAA: 111, 109

1. Yeroon keessa jirru adda kan taʼe akkamitti?

SEENAA ilmaan namootaa keessatti yeroo adda taʼe keessa jiraanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun raajiidhaan dubbate, Yihowaan “tuuta uummataa guddaa . . . saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan” walitti qabaa jira. Warri walitti qabaman kun, “saba humna qabeessa” namoota gammadoo miliyoona saddeetii ol qabate taʼaniiru; akkasumas ‘halkanii fi guyyaa tajaajila qulqulluu Waaqayyoof dhiheessu.’ (Mul. 7:9, 15; Isa. 60:22, NW) Namoonni Waaqayyoonis taʼe namoota kaan jaallatan akka yeroo kanaatti baayʼatanii hin beekan.

2. Namoonni Waaqayyo irraa fagaatan jaalala sirrii hin taane akkamiitiin beekamu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

2 Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun yeroo ammaa kana jaalalli sirrii hin taane, jechuunis jaalalli ofittummaa irratti hundaaʼe namoota Waaqayyo irraa fagaatanii jiraatan irratti akka mulʼatu raajii dubbateera. Phaawulos ergamaan, “Guyyoota dhumaatti . . .  namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, . . . Waaqayyoon jaallachuu caalaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu” jechuudhaan barreesseera. (2 Xim. 3:1-4) Jaalalli ofittummaa irratti hundaaʼe kun jaalala Kiristiyaanotaa irraa adda; siruma iyyuu faallaa isaa ti. Namoonni galma ofittummaa irratti hundaaʼe hordofuun isaanii gammachuu barbaadan isaaniif hin argamsiisu. Kanaa mannaa, ofittummaa waan babalʼisuuf jireenyi ulfaataa akka taʼu godha.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla? Maaliif?

3 Phaawulos jaalalli ofittummaa irratti hundaaʼe babalʼachuun isaa Kiristiyaanotaaf sodaachisaa akka taʼu hubatee ture. Kanaafuu, namoota jaalala sirrii hin taane qaban ‘irraa akka fagaatan’ isaan akeekkachiiseera. (2 Xim. 3:5) Haa taʼu malee, namoota akkanaa irraa guutummaatti fagaachuu hin dandeenyu. Ilaalcha addunyaa naannoo keenya guutee jiru irraa fagaachuu fi Yihowaa isa Waaqa jaalalaa taʼe gammachiisuu kan dandeenyu akkamitti ree? Mee jaalala Waaqayyoo fi jaalala 2 Ximotewos 3:2-4 irratti ibsame wal bira qabnee haa ilaallu. Kana gochuun keenya jaalala nuti argisiisnu, jechuunis isa gammachuu dhugaa argamsiisu qorree ilaaluu fi fooyyessuuf nu gargaara.

WAAQAYYOON JAALLACHUU MOO OF JAALLACHUU?

4. Jaalala sirrii ofiif qabaachuun dogoggora kan hin taane maaliifi?

4 Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee“namoonni kan of jaallatan” akka taʼan barreesseera. Of jaallachuun keenya dogoggoraa? Jaalala sirrii ofiif qabaachuun dogoggora miti, siruma iyyuu barbaachisaa dha. Yihowaan akkasitti nu uume. Yesuus, “Nama akka ofii keetti jaalladhujedheera. (Mar. 12:31) Yoo of jaallachuu baanne nama kan biraa jaallachuu hin dandeenyu. Kana malees Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Abbootiin manaas haadhotii manaa isaanii akkuma qaama isaaniitti jaallachuu qabu. Namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa ni jaallata; namni qaama isaa jibbu hin jiru; kanaa mannaa . . . ni soora, akkasumas ni kunuunsa.” (Efe. 5:28, 29) Kanaafuu, jaalala sirrii ofiif qabaachuun barbaachisaa dha.

5. Namoota garmalee of jaallatan akkamitti ibsita?

5 Of jaallachuun 2 Ximotewos 3:2 irratti ibsame isa sirrii miti. Jaalala ofittummaa irratti hundaaʼee fi sirrii hin taane dha. Namoonni garmalee of jaallatan, waaʼee ofii isaanii hamma yaaduu qaban caalaa yaadu. (Roomaa 12:3 dubbisi.) Jireenya isaanii keessatti iddoo guddaa kan kennan ofii isaaniitiifi. Waaʼee warra kaanii baayʼee hin yaadan. Dogoggorri tokko yeroo uumamu, itti gaafatamummaa fudhachuu mannaa warra kaan ceephaʼu. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko, namoota ofittoo taʼan dhaddee wajjin wal fakkeessa. ‘Dhaddeen, kubbaa fakkaattee of maruudhaan rifeensa ishii isa hoʼaa fi lallaafaa taʼe of keessatti qabattee, qoree (filaa) ishii isa qara taʼe qofa warra kaanitti mulʼisti.’ Namoonni ofittoo taʼan akkanaa gammachuu dhugaa hin qaban.

6. Waaqayyoon jaallachuun buʼaa akkamii argamsiisa?

6 Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu, amalawwan gaggadhee Phaawulos ergamaan tarreessee fi bara dhumaatti babalʼatan keessaa ofittummaan jalqaba irratti akka caqasame dubbatu; kun kan taʼes amalawwan gadheen kaan isa irraa waan maddaniifi. Faallaa kanaatiin immoo, namoonni Waaqayyoon jaallatan amalawwan kana irraa adda taʼan argisiisu. Kitaabni Qulqulluun, jaalala gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, dansummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu wajjin wal qabsiisa. (Gal. 5:22, 23) Faarfatichi, “Sabni gooftichi [“Yihowaan,” NW] Waaqayyo isaa taʼeef haa gammadu!” jechuudhaan barreesseera. (Far. 144:15) Yihowaan Waaqa gammachuu qabu yeroo taʼu, tajaajiltoonni isaas amala kana calaqqisiisu. Kana malees, namoota ofittoo taʼanii fi fudhachuudhaan qofa gammadan irraa haala adda taʼeen, tajaajiltoonni Yihowaa faayidaa warra kaaniitiif jecha of kennuudhaan gammadu.—HoE. 20:35.

Garmalee of jaallachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 7 ilaali.)

7. Gaaffiiwwan kamtu jaalala Waaqayyoof qabnu qoruuf nu gargaara?

7 Jaalalli ofii keenyaaf qabnu jaalala Waaqayyoof qabnu irra akka hin caalle akkamitti beekuu dandeenya? Gorsa Filiphisiyus 2:3, 4 irra jiru irratti yaadaa; akkana jedha: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa; faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.” Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Gorsa kana jireenya koo keessatti hojii irra nan oolchaa? Fedhii Waaqayyoo raawwachuuf garaadhaa nan hawwaa? Gumii keessattis taʼe tajaajila irratti namoota gargaaruuf nan yaalaa?’ Of kennuun salphaa kan taʼu yeroo hunda miti. Carraaqqii gochuu fi fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata. Haa taʼu malee, Waaqa uumama hunda irratti ol aantummaa qabu duratti fudhatama argachuu caalaa maaltu nama gammachiisa?

8. Namoonni tokko tokko jaalalli Waaqayyoof qaban maal akka godhan isaan kakaaseera?

8 Namoonni tokko tokko jaalalli Waaqayyoof qaban caalaatti Yihowaa tajaajiluuf jecha hojii galii guddaa argamsiisu akka dhiisan isaan godheera. Eriikaan ishiin Yunaayitid Isteetis keessa jiraattu, ogeettii fayyaa ti. Taʼus gama yaalii fayyaatiin beekamummaa argachuu mannaa, qajeelchaa yeroo hundaa taʼuudhaan abbaa manaa ishii wajjin biyyoota hedduu keessatti tajaajilteetti. Akkana jetteetti: “Muuxannoo hedduun naannoo tajaajilaa afaan biyya kan biraa itti dubbatamutti gargaaruudhaan argannee fi michummaan nuti uumne, eebba guddaa nuuf argamsiiseera. Ammas ogummaa yaalii fayyaa irrattan hojjedha; haa taʼu malee, yeroo koo fi humna koo caalaatti karaa hafuuraa namoota fayyisuu fi gumii gargaaruu irratti dabarsuun koo, gammachuu guddaa naaf argamsiiseera.”

QABEENYA SAMII IRRAA MOO QABEENYA LAFA IRRAA?

9. Jaalalli maallaqaa gammachuu kan hin argamsiisne maaliifi?

9 Phaawulos, namoonni “maallaqa kan jaallatan” akka taʼan barreesseera. Waggoota muraasa dura, qajeelchaan Aayerlaandi keessa jiraatu tokko nama tokko waaʼee Waaqayyoo haasofsiise. Namichi kunis boorsaa isaa keessaa qarshii muraasa baasee ol qabuudhaan, “Waaqni koo isa kana!” jedhe. Namoonni baayʼeen fuulleetti dubbachuu baatan illee, addunyaan namoota qarshii fi wantoota qarshiin bitu jaallataniin kan guutame dha. Kitaabni Qulqulluun garuu, “Namni horii jaallatu horii hin quufu, namni badhaadhummaa jaallatus isa hin quufu” jechuudhaan akeekkachiisa. (Lal. 5:10) Namoonni akkanaa yeroo hunda qarshii dabalataa kan barbaadan siʼa taʼu, isa kuufachuuf jecha “waraansa baayʼee” ofitti fidu.—1 Xim. 6:9, 10.

10. Kitaabni Qulqulluun badhaadhummaa fi hiyyummaa ilaalchisee maal jedha?

10 Hundi keenya qarshiin akka nu barbaachisu beekamaa dha. Qarshiin hamma tokko eegumsa namaaf godha. (Lal. 7:12) Haa taʼu malee, namni tokko wanta jireenyaaf isa barbaachisu qofa qabaachuudhaan gammachuu dhugaa argachuu dandaʼaa? Eeyyee ni dandaʼa! (Lallaba 5:12 dubbisi.) Aguur ilmi Yaaqee, “Soora harʼaa-borii anaaf kenni malee, na hin badhaasin, na hin deegsinis!” jechuudhaan kadhateera. Garmalee hiyyeessa akka hin taane kan kadhate maaliif akka taʼe sirriitti nuu gala. Itti aansuudhaan akka dubbatetti, hatuuf qoramee wanta Waaqayyoof ulfina hin argamsiisne akka hin raawwanne waan barbaadeefi. Sooressa taʼuu kan hin barbaanne garuu maaliifi? “Quufee akkan si hin wallaalletti. ‘Waaqayyo eenyu inni?’ akka ani hin jennetti” jechuudhaan barreesseera. (Fak. 30:8, 9) Isinis namoota Waaqayyotti utuu hin taʼin qabeenya isaaniitti amanaman beektu taʼa.

11. Yesuus Qarshii ilaalchisee gorsa akkamii kenne?

11 Namoonni qarshii jaallatan Waaqayyoon gammachiisuu hin dandaʼan. Yesuus akkana jedheera: “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼee bitamuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata; yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi qabeenyaaf bitamuu hin dandeessan.” Kana dubbachuu isaa dura akkana jedhee ture: “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee hatuu dandaʼutti ofii keessaniif lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa. Kanaa mannaa, bakka biliin nyaachuu fi ligidni balleessuu, akkasumas hattuun cabsee hatuu hin dandeenyetti ofii keessaniif samii irratti qabeenya kuufadhaa.”—Mat. 6:19, 20, 24.

12. Jireenya salphaa jiraachuun, Waaqayyo tajaajiluun akka nuu salphatu kan godhu akkamitti? Fakkeenya kenni.

12 Obboloonni baayʼeen jireenya salphaa jiraachuun isaanii gammachuu argachuuf qofa utuu hin taʼin, Yihowaa tajaajiluuf yeroo dabalataa argachuufis akka isaan gargaare hubataniiru. Jaak inni Yunaayitid Isteetis jiraatu, mana isaa fi dhaabbata hojii isaa yoo gurgure innis taʼe haati manaa isaa qajeelchaa taʼuuf yeroo dabalataa akka argatan waan hubateef, mana isaa fi dhaabbata hojii isaa ni gurgure. Akkana jedheera: “Mana keenya isa bareedaa fi qabeenya keenya iddoo bareedaatti argamu dhabuun ulfaataa ture. Garuu waggoota hedduudhaaf rakkina bakka hojiitti uumamuun kan kaʼe, aareen manatti deebiʼa ture. Haati manaa tiyya qajeelchaa yeroo hundaa waan taateef yeroo hunda gammachuu qabdi turte. ‘Ani hogganaa hunda irra caalun qaba!’ jetti turte. Amma anis qajeelchaa waanan taʼeef, lamaan keenya iyyuu Yihowaadhaaf hojjechaa jirra.”

Garmalee qarshii jaallachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 13 ilaali.)

13. Ilaalcha qarshiidhaaf qabnu akkamitti qoruu dandeenya?

13 Ilaalcha qarshiidhaaf qabnu qoruuf, amanamoo taʼuu fi akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Wanta Kitaabni Qulqulluun qarshii ilaalchisee dubbatutti nan amanaa? Wanta dubbatu wajjin hoo walsimeen jiraadhaa? Qarshii argachuun, jireenya koo keessatti wanta dursa qabu dhaa? Walitti dhufeenyan Yihowaa fi namoota wajjin qabu caalaa qabeenyaafan iddoo guddaa kennaa? Yihowaan wanta na barbaachisu akka naaf guutu isaatti nan amanamaa?’ Yihowaan namoota isa abdatan matumaa akka hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mat. 6:33.

YIHOWAA MOO WANTOOTA NU GAMMACHIISAN JAALLANNA?

14. Of gammachiisuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuu jechuun maal jechuu dha?

14 Akkuma raajiidhaan dubbatame yeroo harʼaatti namoonni hedduun “wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” taʼaniiru. Ofiifis taʼe qarshiidhaaf ilaalcha madaalamaa qabaachuun rakkina akkuma hin qabne, ilaalchi of gammachiisuudhaaf qabnus daangaa isaa darbuu baannaan rakkina hin qabu. Yihowaan akka of cunqursinus taʼe wantoota gaarii nu gammachiisan irraa akka fagaannu hin barbaadu. Kitaabni Qulqulluun namoota tajaajiltoota Waaqayyoo taʼaniin akkana jedha: “Dhaqii buddeena kee gammachuudhaan nyaadhu, daadhii waynii kees garaa qulqulluudhaan dhugi!”—Lal. 9:7.

15. Of gammachiisuun 2 Ximotewos 3:4 irratti ibsame kan akkamii ti?

15 Ximotewos Isa Lammaffaa 3:4 namoonni hamma Waaqayyoon irraanfachuu dandaʼanitti of gammachiisuudhaaf bakka guddaa akka kennan dubbata. Caqasichi namoonni “Waaqayyoon jaallachuu caalaa” wantoota isaan gammachiisan akka jaallatan dubbata; kun garuu, hamma tokko Waaqayyoon akka jaallatan kan argisiisu miti. Hayyuun tokko akkana jedheera: “[Caqasni] kun, hamma tokko Waaqayyos akka jaallatan kan argisiisu akka hin taane hin shakkisiisu. Kanaa mannaa, namoonni kun matumaa Waaqayyoof jaalala akka hin qabne kan argisiisu dha.” Kun namoota of gammachiisuudhaaf bakka guddaa kennaniif akeekkachiisa gaarii dha! Yaanni “wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” jedhu, namoota ‘jireenya qananiitiin fudhataman’ argisiisa.—Luq. 8:14.

16, 17. Yesuus of gammachiisuu wajjin haala wal qabateen fakkeenya akkamii taʼeera?

16 Yesuus of gammachiisuudhaaf ilaalcha sirrii akka qabu argisiiseera. ‘Cidha gaaʼelaa’ irrattii fi “afeerraa nyaataa guddaa” irratti argamee ture. (Yoh. 2:1-10; Luq. 5:29) Cidha irratti argame sana irratti, daadhiin wayinii waan hanqateef dinqiidhaan bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiireera. Yeroo biraatti immoo, Yesuus namoonni qajeeloo of godhan nyaachuu fi dhuguu isaatiin yeroo isa ceephaʼanitti isaan mormeera.—Luq. 7:33-36.

17 Haa taʼu malee, Yesuus of gammachiisuu irratti garmalee hin xiyyeeffanne. Yihowaadhaaf dursa kenna ture; akkasumas dadhabe utuu hin jedhin warra kaan gargaara ture. Namoonni hedduun jireenya akka argataniif, fedhiidhaan muka dhiphinaa irratti duʼeera. Namoota fakkeenya isaa hordofuu barbaadaniin akkana jedheera: “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ariʼatan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa! Isaan raajota warra isin duraa akkasuma ariʼachaa turan; egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in taʼa.”—Mat. 5:11, 12.

Garmalee qarshii jaallachuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 18 ilaali.)

18. Of gammachiisuu hammam akka jaallannu qoruuf gaaffiiwwan kamtu nu gargaara?

18 Of gammachiisuu hammam akka jaallannu qoruu kan dandeenyu akkamitti? Akkana jennee of gaafachuun keenya gaarii dha: ‘Walgaʼii fi tajaajila caalaa bashannanaafan dursa kennaa? Yihowaa tajaajiluuf jecha fedhii koo tokko tokko nan dhiisaa? Wantan itti bashannanu yeroon filadhu, filannoo koo ilaalchisee wanta Yihowaatti dhagaʼamu tilmaama keessa nan galchaa?’ Garaadhaa Waaqayyo kan jaallannu yoo taʼe, wantoota inni akka itti hin gammanne beeknu irraa qofa utuu hin taʼin, wantoota akka inni itti hin gammanne nutti dhagaʼamu irraas fagaachuuf carraaqii goona.—Maatewos 22:37, 38 dubbisi.

KARAA GAMMACHUUN ITTI ARGAMU

19. Gammachuu dhugaa kan hin arganne namoota akkamiiti?

19 Addunyaan Seexanaa waggoota 6,000f ilmaan namootaa irra rakkina geessisaa ture baduuf jedha. Lafti tun, namoota ofis taʼe maallaqa, akkasumas wantoota isaan gammachiisan garmalee jaallataniin guutamteetti. Namoonni kun, wantoota argachuu dandaʼan irratti garmalee kan xiyyeeffatanii fi hunda caalaa fedhii isaaniitiif dursa kan kennani dha. Namoonni akkanaa yoom iyyuu gammachuu dhugaa hin argatan. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni, Waaqayyo inni kan Yaaqoob gargaarsa isaa taʼeef, abdii isaas Waaqayyo isaa goofticha irra inni kaaʼate haa gammadu!”—Far. 146:5.

20. Waaqayyo jaallachuun gammachuu kan siif argamsiise akkamitti?

20 Jaalalli tajaajiltoonni Yihowaa isaaf qaban dabalaa dhufeera. Namoonni kan biraan Yihowaa beekanii fi isa jaallatan lakkoofsi isaanii waggaa waggaatti dabalaa jira. Kun immoo, Mootummaan Waaqayyoo bulchaa akka jiruu fi dhiheenyatti eebbawwan baayʼee nama gammachiisan akka fidu ragaa taʼa. Gammachuu dhugaan dhuma hin qabne, fedha Waaqayyoo raawwachuudhaan, akkasumas isa hundaa ol taʼe gammachiisaa akka jirru beekuudhaan argama. Akkasumas namoonni Yihowaa jaallatan bara baraaf gammadanii jiraatu! Mata duree itti aanu irratti, amalawwan jaalala ofittummaa irratti hundaaʼeen dhufan tokko tokkoo fi amalawwan kun amalawwan tajaajiltoonni Yihowaa qaban irraa adda kan taʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.