Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?

Waaqa Waan Hundumaa Qabuuf kan Kenninu Maaliifi?

“Yaa Waaqayyo keenyaa, nuyi amma si in galateeffanna.”—1 SEN. 29:13.

FAARFANNAA: 80, 50

1, 2. Yihowaan qabeenya isaatti fayyadamee arjummaa kan argisiisu akkamitti?

YIHOWAAN Waaqa arjaa taʼe dha. Wanti qabnu hundi isa irraa kan argame dha. Warqii, meetii fi qabeenyawwan lafaa hundi kan Yihowaa yommuu taʼan, jireenyi akka itti fufu gochuuf wantoota kanatti fayyadama. (Far. 104:13-15; Hag. 2:8) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan wanta saba isaatiif barbaachisu dhiheessuuf qabeenyawwan isaatti karaa dinqii taʼeen akkamitti akka fayyadame seenaawwan argisiisan hedduu qabateera.

2 Sabni Israaʼel lafa onaa keessa yeroo turanitti, Yihowaan waggoota 40f mannaa fi bishaan isaaniif kenneera. (Bau. 16:35) Kanaafuu, “homtuu isaanitti hin hir’anne.” (Nah. 9:20, 21) Yihowaan Elsaaʼitti fayyadamee zayitii xinnoo dubartii amanamtuun abbaan manaa irraa duʼe takka qabdu karaa dinqii taʼeen baayʼiseera. Kennaan Waaqayyoo kun dubartittiin liqii ishii irra jiru akka kaffaltuu fi sana boodas qarshii ishii fi ilma ishii jiraachisuu dandaʼu akka qabaattu godheera. (2 Mot. 4:1-7) Yesuusis gargaarsa Yihowaatiin, yeroo barbaachisutti karaa dinqii taʼeen nyaatas taʼe qarshii kennuudhaan gargaarsa godhee ture.—Mat. 15:35-38; 17:27.

3. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

3 Yihowaan qabeenya uumamawwan isaa lafa irra jiran jiraachisuu dandaʼuu fi hammana hin jedhamne qaba. Taʼu iyyuu, tajaajiltoonni isaa qabeenya isaaniitti fayyadamanii hojii jaarmiyaan isaa hojjetu akka deggaran isaan affeera. (Bau. 36:3-7; Fakkeenya 3:9 dubbisi.) Yihowaan qabeenya keenya deebisnee akka isaaf kenninu kan nu irraa eegu maaliifi? Namoonni amanamoon dur turan hojii tajaajiltoonni Yihowaa raawwatan qarshiidhaan deggaraa kan turan akkamitti? Jaarmiyaan Yihowaa qarshii yeroo harʼaatti buusii godhamu hojii irra kan oolchu akkamitti? Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.

YIHOWAADHAAF KAN KENNINU MAALIIFI?

4. Hojii Yihowaa yeroo deggarru maal isatti argisiisna?

4 Yihowaa waan jaallannuu fi waan isa dinqisiifannuuf isaaf kennina. Wanta Yihowaan nuuf jecha raawwate hunda yeroo yaannu garaan keenya baayʼee tuqama. Daawit Mootichi wantoota ijaarsa mana qulqullummaatiif barbaachisan ilaalchisee ibsa yeroo kennetti, wanti qabnu hundi Yihowaa biraa kan argame akka taʼee fi wanti Yihowaadhaaf kenninu kam iyyuu duruma iyyuu kan inni nuuf kenne taʼuu isaa amanee fudhateera.—1 Seenaa 29:11-14 dubbisi.

5. Kitaabni Qulqulluun fedhiidhaan kennuun karaawwan guguddaa Yihowaa itti waaqeffannu keessaa tokko taʼuu isaa kan ibsu akkamitti?

5 Kennaa kennuun karaa Yihowaa itti waaqeffannu keessaa tokko dha. Yohaannis ergamaan tajaajiltoonni Yihowaa samii irra jiran akkana yeroo jedhan mulʼataan dhagaʼeera: “Yaa Waaqa keenya Yihowaa, ati wantoota hundumaa waan uumteef, isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala.” (Mul. 4:11) Wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu isaaf kennuudhaan Yihowaadhaaf ulfina kennuun keenya akka isaaf malu sitti hin dhagaʼamuu? Yihowaan sabni Israaʼel ayyaanota waggaa waggaatti kabajaman sadi irratti isa duratti akka dhihaatan karaa Musee isaan ajajee ture. Israaʼeloonni yeroo ayyaanota kanaatti ‘harka isaanii duwwaa Waaqayyo duratti kan hin dhiʼaanne siʼa taʼu,’ kunis karaa Yihowaa itti waaqeffatan keessaa tokko ture. (Kes. 16:16) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis hojii kutaan jaarmiyaa Yihowaa inni lafa irraa hojjetu deggaruuf fedhiidhaan kennaa kennuun keenya, karaawwan guguddaa Yihowaa itti waaqeffannu keessaa tokko dha.

6. Kennuun nuuf gaarii kan taʼe akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

6 Fudhachuu qofa utuu hin taʼin, arjummaadhaan kennuun nuuf gaarii dha. (Hojii Ergamootaa 20:35 dubbisi.) Mucaa qarshii xinnoo warri isaa isaaf kennan irraa deebisee kennaa isaaniif kennu yaaduu dandeenya. Warri isaa kennaa kana baayʼee dinqisiifatu! Ilmi ykn intalli qajeelchaa taʼanii warra isaanii wajjin jiraatan, baasii manaatiif akka taʼu qarshii xinnoo warra isaaniitiif kennuun isaanii sirrii dha. Warri ijoollee isaanii irraa kana eeguu baatanis, karaa ijoolleen wanta warri isaanii isaaniif godhan dinqisiifachuu isaanii itti argisiisan waan taʼeef kennaawwan kana ni fudhatu taʼa. Yihowaanis wantoota qabnu irraa kennuun keenya nuuf gaarii akka taʼe beeka.

BARA DURIITTI KENNAA KENNUU

7, 8. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii turan (a) hojii hojjetamaa jiru tokkoof, (b) akka walii galaatti hojicha deggaruuf buusii gochuudhaan fakkeenya kan nuuf taʼan akkamitti?

7 Tajaajiltoonni Yihowaa hojii isaa deggaruuf jecha buusii gochaa akka turan Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisna. Yeroo tokko tokko tajaajiltoonni Yihowaa hojii hojjetamaa jiru tokko deggaruuf buusii godhu. Fakkeenyaaf, akkuma Daawit Mootichi yeroo ijaarsa mana qulqullummaatti godhe, Museenis hojii godoo qulqullaaʼaatiif buusiin akka godhamu gaafatee ture. (Bau. 35:5; 1 Sen. 29:5-9) Bara bulchiinsaa Yoʼaas Mootichaatti, luboonni qarshii mana Yihowaa suphuuf sassaabametti fayyadamanii turan. (2 Mot. 12:4, 5) Gumii Kiristiyaanaa isa jalqabaa keessatti sababa beelaatiin gargaarsi barbaachisee yeroo turetti, obboloonni “obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa erguuf jecha hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan.”—HoE. 11:27-30.

8 Yeroo kan biraattis, tajaajiltoonni Yihowaa warra hojicha geggeessan gargaaruuf wantoota tokko tokko kennaniiru. Seera Musee jalatti Lewwoonni akka gosoota kaanii dhaala hin argatan turan. Kanaa mannaa Israaʼeloonni kurnoo (harka kudhan keessaa tokko) kan kennan siʼa taʼu, kun immoo Lewwoonni hojii godoo qulqullaaʼaa keessatti raawwatan irratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara ture. (Lak. 18:21) Haaluma wal fakkaatuun, Yesuusii fi ergamoonni isaas arjummaa dubartoonni “qabeenya isaaniitiin isaan tajaajilan” itti argisiisan irraa fayyadamaniiru.—Luq. 8:1-3.

9. Buusiiwwan bara duriitti godhaman maddi isaanii maal ture?

9 Dhugaa dha, buusiiwwan kun maddi isaanii adda adda dha. Israaʼeloonni godoo qulqullaaʼaa yeroo lafa onaa turanitti ijaaraniif buusii kan godhan qabeenya yeroo Gibxii baʼanitti fidanii dhufan irraa taʼuu hin oolu. (Bau. 3:21, 22; 35:22-24) Jaarraa jalqabaatti immoo, Kiristiyaanonni tokko tokko lafaa fi mana dabalatee qabeenya qaban gurguranii qarshicha gara ergamootaatti fidu turan. Ergamoonnis buusiiwwan sana warra isaan barbaachisuuf kennu turan. (HoE. 4:34, 35) Warri kaan immoo yeroo hunda qarshii adda baasanii kaaʼuudhaan hojicha deggaruuf buusii godhu turan. (1 Qor. 16:2) Kanaafuu, warra baayʼee sooreyyii taʼanii hamma namoota baayʼee hiyyeeyyii taʼaniitti namoonni hundi buusii ni godhu turan.—Luq. 21:1-4.

YEROO HARʼAA KENNAA KENNUU

10, 11. (a) Tajaajiltoota Yihowaa bara durii arjummaadhaan kennaa turan fakkaachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mirga hojii Mootummichaa deggaruuf qabdu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

10 Nutis yeroo harʼaatti kaayyoo adda taʼe tokkoof buusii akka goonu gaafatamna taʼa. Fakkeenyaaf gumii keessaniif galma haaraa ijaaruuf karoorfameeraa? Yookiin immoo galmi itti fayyadamaa jirtan haareffamaa jiraa? Waajjira damee biyya keenyaa haaressuuf, walgaʼii guddaa irratti argamnu tokko geggeessuuf ykn obboloota balaan uumamaa irra gaʼe gargaaruuf qarshiin akka barbaachisu dhageenyeerra taʼa. Obboloota waajjira muummee keessattis taʼe waajjiroota damee guutummaa lafaa irratti argaman keessatti hojjetan deggaruufis buusii ni goona. Buusiiwwan nuti goonu misiyoonota, qajeelchitoota addaa fi obboloota hojii daawwannaa hojjetan deggaruuf oola. Gumiin keessan Galmawwan Walgaʼii Guguddaa fi Galmawwan Walgaʼii gumii obboloonni guutummaa lafaa irra jiran itti fayyadaman ijaaruu irratti deggarsa qarshii dhaabbataa taʼe akka godhu hin shakkisiisu.

11 Hundi keenya iyyuu hojii Yihowaan bara dhumaa kanatti raawwachaa jiru deggaruu ni dandeenya. Buusiin goonu hedduun namootatti kan mulʼatu miti. Saanduqoota buusii Galma Walgaʼii keessa jiran keessa dhoksaatti buusii goona taʼa ykn karaa weebsaayitii jw.org intarneetiidhaan buusii goona taʼa. Buusii xinnoon nuti goonu gatii guddaa akka hin qabne nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, buusiiwwan argaman garri caalaan kennaawwan guguddaa muraasa irraa utuu hin taʼin kennaawwan xixinnoo hedduu irraa kan argamani dha. Obboloonni keenya hiyyummaa keessa jiran illee, warra Maqedooniyaa “utuma hiyyummaa guddaa keessa jiranii” kennuuf mirgi akka isaaniif kennamu kadhachuudhaan arjummaadhaan kennan wajjin wal fakkaatu.—2 Qor. 8:1-4.

12. Jaarmiyaan keenya buusiiwwanitti karaa gaarii taʼeen fayyadamuuf kan carraaqu akkamitti?

12 Qaamni Ol Aanaan buusiiwwan argaman amanamummaadhaan hojii irra oolchuuf carraaqqii kadhannaa dabalatu godha. (Mat. 24:45) Buusiiwwan argaman sirriitti qoqqoodamanii hojii irra oolfamu. (Luq. 14:28) Bara duriitti, namoonni buusiiwwan dhimma tokkoof ramadaman ilaalchisee itti gaafatamummaa qaban qajeelfama isaaniif kennamu hordofuudhaan buusiiwwan argaman kaayyoo yaadame irra oolchu turan. Fakkeenyaaf, Izraan buusii warqii, meetii fi wantoota gatiin isaanii guddaa yeroo ammaatti doolaara Ameerikaa miliyoona 100 taʼu, mootii Faares irraa fudhatee gara Yerusaalemitti deebiʼee ture. Izraan buusiiwwan kun kennaa Yihowaadhaaf fedhiidhaan kennaman akka taʼanitti waan ilaaleef, daandii sodaachisaa sana irratti akka hin saamamne gochuuf qajeelfama ifa taʼe kennee ture. (Iz. 8:24-34) Phaawulos ergamaanis obboloota Yihudaa keessa jiran gargaaruuf buusii sassaabeera. Namoonni buusii sana hojii irra oolchan, ‘Yihowaa duratti qofa utuu hin taʼin, namoota durattis waan hundumaa amanamummaadhaan akka hojjetan’ godheera. (2 Qorontos 8:18-21 dubbisi.) Yeroo harʼaattis jaarmiyaan keenya fakkeenya Izraa fi Phaawulos hordofuudhaan, buusiiwwan argaman karaa sirrii taʼeen hojii irra oolchuuf of eeggannoo guddaa godha.

13. Yaalii yeroo dhihoodhaa as jaarmiyaan Yihowaa hojii salphisuuf godhe akkamitti ilaaluu qabna?

13 Maatiin tokko baasii fi galii isaanii wal madaalchisuuf ykn Yihowaadhaaf caalaatti hojjechuuf jecha jireenya isaanii salphisuu fi baasii isaanii hirʼisuu yeroo yaadan sirreeffama gochuun isaan barbaachisa taʼa. Jaarmiyaan Yihowaas akkasuma godha. Waggoota dhihoodhaa asitti sochiiwwan nama gammachiisan baayʼeen godhamaa jiru. Kanaan kan kaʼes, yeroo tokko tokko qarshii argamu irra inni baasii godhamu yeroon itti caale jira. Kanaafuu, jaarmiyichi buusii arjummaadhaan gootan karaa caalaatti gaarii taʼeen fayyadamuuf jecha karaa itti baasii hirʼisuu fi hojicha salphisu barbaada.

FAAYIDAA BUUSII KEESSAN IRRAA ARGAMU

Kennaan kennitan hojii keenya addunyaa maraa deggara (Keeyyata 14-16 ilaali)

14-16. (a) Wantoonni buusii gootaniin raawwatamaa jiran tokko tokko maal faʼi? (b) Qophiiwwan kana irraa kan fayyadamte karaawwan kamiini?

14 Namoonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan hedduun, yeroo qophiin hafuuraa baayʼeen itti godhamu akkasii arganii akka hin beekne dubbatu. Mee yaadaa! Yeroo dhihoodhaa as weebsaayitii jw.org jedhamuu fi JW Biroodkaastiingi fayyadamuu jalqabneerra. Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa afaanota dabalataa hedduudhaan maxxanfameera. Bara 2014/2015⁠tti isteediyamota guguddaa magaalota addunyaa 14 keessa jiran keessaa tokko tokko walgaʼii guyyaa sadii “Mootummaa Waaqayyoo Barbaaduu Keessan Itti Fufaa!” jedhamu keessummeessaniiru. Namoonni achitti argaman baayʼee gammadanii turan.

15 Namoonni baayʼeen faayidaa guddaa jaarmiyaa Yihowaa irraa argataniif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Fakkeenyaaf, haati manaa fi abbaan manaa Eeshiyaa keessatti tajaajilan, qophii JW Biroodkaastiingi ilaalchisee akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Magaalaa xinnoo takka keessatti tajaajilla. Kanaafuu, yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhagaʼama; jaarmiyaan Yihowaa sochii balʼaa gochaa akka jirus salphaatti daganna. Haa taʼu malee, qophiiwwan adda addaa JW Biroodkaastiingi irratti baʼan yeroo ilaallu, kutaa waldaa obbolummaa addunyaa maraa taʼuu keenya yaadanna. Obboloonni jaallatamoon naannoo keenyatti argamanis, qophii JW Biroodkaastiingitti baayʼee gammadu. Yeroo baayʼee, sagantaa jiʼa jiʼaan baʼu erga ilaalanii booda, miseensota Qaama Ol Aanaatti akka dhihaatan akka isaanitti dhagaʼame dubbatu. Amma yeroo kam iyyuu caalaa kutaa jaarmiyaa Waaqayyoo taʼuu isaaniitti baayʼee boonu.”

16 Yeroo ammaa addunyaa maratti Galmawwan Walgaʼii gara 2,500 taʼan ijaaramaa ykn balʼinaan haareffamaa jiru. Miseensonni gumii Honduraas keessa jiru tokkoo Galma Walgaʼii haaraa ijaarratanitti fayyadamuu erga jalqabanii booda akkana jechuudhaan barreessaniiru: “Kutaa maatii Yihowaa isa lafaa fi samii taʼuu keenyatti, akkasumas waldaa obbolummaa addunyaa maraa qabaachuu keenyatti baayʼee gammanna; wantoonni kun lamaanuu hawwiin naannoo keenyatti Galma Walgaʼii qabaachuuf qabnu dhugaa akka taʼu nu gargaaraniiru.” Namoonni baayʼeen Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota afaan isaaniitti hiikaman kaan yeroo argatan, akkasumas gargaarsa erga balaan uumamaa gaʼee booda godhamu irraa yeroo fayyadaman ykn buʼaa bakka namoonni baayʼatanitti tajaajiluudhaan argamu erga ilaalanii booda dinqisiifannaa isaanii ibsu.

17. Akkaataan jaarmiyichi yeroo harʼaatti itti hojjetu gargaarsa Yihowaa qabaachuu isaa kan mirkaneessu akkamitti?

17 Buusii fedhiidhaan godhamuun qofa wantoota kana hunda raawwachuun akkamitti akka dandaʼamu namoonni halaalaa argan hubachuu hin dandaʼan. Hogganaan dhaabbata guddaa tokkoo, gamoowwan keenya hojiin maxxansaa itti hojjetamu keessaa isa tokko erga daawwatee booda, hojiin keenya namoota fedhiidhaan of dhiheessaniin, buusii fedhiidhaan godhamuun, akkasumas wanti gurguramus taʼe daldalli geggeeffamu utuu hin jiraatin kan raawwatamu taʼuun isaa baayʼee isa dinqisiise. Wanta nuti hojjennu kana raawwachuun matumaa kan hin dandaʼamne taʼuu isaa dubbate. Dhugaa isaa ti! Kun kan dandaʼame Yihowaan hojicha waan deggaruuf qofa akka taʼe beekna.—Iyo. 42:2.

EEBBA YIHOWAADHAAF DEEBISANII KENNUUDHAAN ARGAMU

18. (a) Mootummicha deggaruuf kennaa yeroo kenninu eebbawwan akkamii arganna? (b) Ijoolleen keenyas taʼan namoonni haaraan kennuu irratti akka hirmaatan isaan leenjisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yihowaan hojii guddaa yeroo harʼaa hojjetamaa jiru deggaruuf carraa nuu kennuudhaan nu kabajeera. Mootummicha deggaruuf kennaa kennuun eebba akka nuuf argamsiisu nuu mirkaneesseera. (Mil. 3:10) Yihowaan namni arjummaadhaan kennu akka badhaadhu waadaa galeera. (Fakkeenya 11:24, 25 dubbisi.) ‘Fudhachuu irra kennuun caalaatti waan nama gammachiisuuf’ kennuun gammachuus namaaf argamsiisa. (HoE. 20:35) Ijoolleen keenyas taʼan namoonni haaraan kennuu irratti hirmaachuu fi eebba hedduu argachuu akkamitti akka dandaʼan isaan leenjisuuf dubbiidhaanis taʼe gocha keenyaan fakkeenya taʼuufii dandeenya.

19. Mata dureen kun gama kamiin si jajjabeesse?

19 Wanti qabnu hundi Yihowaa irraa kan argame dha. Wanta qabnu deebisnee isaaf kennuun keenya, akka isa jaallannuu fi wanta nuuf jecha godhe hundaaf akka isa dinqisiifannu argisiisa. (1 Sen. 29:17) Namoonni ijaarsa mana qulqullummaatiif “jaalala isaaniitiin waan kennaniif gammadanii garaa isaanii hundumaan Waaqayyoof jaalalaan dhiheessaniiru.” (1 Sen. 29:9, hiika bara 1899) Nutis wanta harka Yihowaa irraa arganne deebisnee isaaf kennuudhaan gammachuu argachuu keenya itti haa fufnu.