Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 4

Jaalala Hoʼaa Horachuu Keessan Itti Fufaa

Jaalala Hoʼaa Horachuu Keessan Itti Fufaa

“Jaalala obbolummaatiin hoʼisaa wal jaalladhaa.”—ROM. 12:10.

FAARFANNAA 109 Garaadhaa Jaalladhaa

QABIYYEE *

1. Maatiiwwan yeroo harʼaa jiran keessa jaalalli jiru baayʼee xinnoo akka taʼe wanti argisiisu maali dha?

KITAABNI QULQULLUUN guyyoota dhumaatti, namoonni “jaalala” kan hin qabne akka taʼan dursee dubbateera. (2 Xi. 3:1, 3) Raajiin kun yeroo harʼaa yommuu raawwatamu argaa jirra. Fakkeenyaaf, Maatiiwwan miliyoonaan lakkaaʼaman sababa wal hiikuutiin kan gargar baʼan siʼa taʼu, kunis abbaan manaa fi haati manaa akka walitti aaran, ijoolleen immoo akka hin jaallatamne akka isaanitti dhagaʼamu taasiseera. Maatiiwwan mana tokko keessa jiraatan illee hariiroo cimaa hin qaban taʼa. Namni waaʼee maatii gorsa kennu tokko, “Haati, abbaa fi ijoolleen xiyyeeffannaa waliif kennuu dhiisanii kompiitara, taableetii, moobaayilii ammayyaa ykn tapha viidiyootiin qabamu. Mana tokko keessa kan jiraatan taʼus, akka gaariitti wal hin beekan” jedheera.

2-3. (a) Akka Roomaa 12:10 jedhutti eenyuuf jaalala hoʼaa qabaachuu qabna? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?

2 Akka namoota addunyaa kana keessa jiran hedduu jaalala kan hin qabne taʼuu hin barbaannu. (Rom. 12:2) Kanaa mannaa, miseensota maatii keenyaaf qofa utuu hin taʼin, warra amantiidhaan nutti firoomaniifis jaalala hoʼaa horachuu qabna. (Roomaa 12:10 dubbisi.) Jaalalli hoʼaan maali dha? Jechoonni kun michummaa cimaa miseensota maatii walitti dhihaatan gidduu jiru argisiisu. Jaalalli obbolootaa fi obboleettota keenya warra maatii hafuuraa keenya taʼaniif qabaachuu qabnu jaalala akkasii ti. Jaalala akkasii yommuu argisiisnu, tokkummaan inni waaqeffannaa dhugaa keessatti barbaachisaa taʼe akka eegamu goona.—Mik. 2:12.

3 Jaalala hoʼaa horachuu fi argisiisuuf akka nu gargaaruuf, mee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu irraa maal barachuu akka dandeenyu haa ilaallu.

‘YIHOWAAN JAALALA GUDDAA QABA’

4. Yaaqoob 5:11 jaalala guddaa Yihowaan nuuf qabu dinqisiifachuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Kitaabni Qulqulluun amalawwan gaggaarii Yihowaan qabu ni ibsa. Fakkeenyaaf, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yo. 4:8) Ibsi kun qofti akka isatti dhihaannu nu taasisa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun “Yihowaan jaalala guddaa kan qabu” akka taʼes ni dubbata. (Yaaqoob 5:11 dubbisi.) Kun ibsa baayʼee namatti toluu fi Yihowaan jaalala guddaa akka nuuf qabu argisiisu mitii?

5. Yihowaan akkamitti gara laafina argisiisa? Nuti hoo akkamitti fakkeenya isaa hordofuu dandeenya?

5 Yaaqoob 5:11 jaalala guddaa Yihowaan qabu amala isaa kan biraa akka isatti dhihaannu nu taasisu, jechuunis gara laafina isaa wajjin akka wal qabsiisu hubadhu. (Bau. 34:6) Yihowaan karaa gara laafina nutti argisiisu keessaa inni tokko dogoggora raawwanneef dhiifama nuuf gochuu dha. (Fr. 51:1) Kitaaba Qulqulluu keessatti gara laafinni dhiifama gochuu caalaa wanta dabalatu hedduu qaba. Gara laafinni miira cimaa nama rakkate tokko yommuu arginu keessa keenyaa madduu fi akka isa gargaarru nu kakaasu dha. Yihowaan fedhii cimaan inni nu gargaaruuf qabu, miira haati tokko mucaa ishiitiif qabdu akka caalu ibseera. (Isa. 49:15) Yommuu rakkannutti gara laafinni Yihowaa akka inni nu gargaaru isa kakaasa. (Fr. 37:39; 1 Qo. 10:13) Obboloonnii fi obboleettonni keenya yommuu nu gaddisiisan dhiifama isaaniif gochuu fi haaloo qabachuu dhiisuudhaan gara laafina isaanitti argisiisna. (Efe. 4:32) Haa taʼu malee, karaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti gara laafina argisiisnu inni guddaan yommuu rakkatan isaan deggeruu dha. Jaalalli gara laafina akka argisiisnu yommuu nu kakaasu, fakkeenya Yihowaa isa jaalala guddaa qabuu hordofna.—Efe. 5:1.

YONAATAANII FI DAAWIT “MICHUMMAA CIMAADHAAN WALITTI MAXXANAN”

6. Yonaataanii fi Daawit jaalala guddaa akka waliif qaban kan argisiisan akkamitti?

6 Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota utuma mudaa qabanii jaalala guddaa walitti argisiisanii qabateera. Mee fakkeenya Yonaataanii fi Daawit haa ilaallu. Kitaabni Qulqulluun, “Yonaataanii fi Daawit michummaa cimaadhaan walitti maxxanan; Yonaataanis akkuma lubbuu isaatti isa ni jaallate” jedha. (1 Sa. 18:1) Daawit Saaʼolitti aansee mootii akka taʼu dibamee ture. Sana booda Saaʼol Daawititti hinaafuudhaan isa ajjeesuuf yaaleera. Ilmi isaa Yonaataan garuu duula abbaan isaa Daawitiin ajjeesuuf godhe irratti isa hin deggerre. Yonaataanii fi Daawit michuu walii taʼanii itti fufuu fi yeroo hundumaa wal deggaruuf waadaa waliif galaniiru.—1 Sa. 20:42.

Garaagarummaan umurii Yonaataanii fi Daawit gidduu jiru jaalala guddaa akka walitti hin argisiisne isaan hin goone (Keeyyata 6-9 ilaali)

7. Wanti Yonaataanii fi Daawit michoota akka hin taane gochuu dandaʼu maal ture?

7 Yonaataanii fi Daawit michummaa cimaa qabaachuun isaanii kan nama dinqisiisu dha; sababiin isaas wantoonni michoota akka hin taane isaan godhan hedduun jiru turan. Fakkeenyaaf Yonaataan gara waggaa 30 Daawitiif hangafa ture. Yonaataan nama umuriidhaan isaa gad taʼee fi muuxannoo hin qabne kanaa wajjin wanti wal nu fakkeessu tokko iyyuu hin jiru jedhee yaaduu dandaʼa ture. Taʼus, Yonaataan ilaalcha isaatiinis taʼe, gocha isaatiin Daawit isaa gad akka taʼe hin argisiisne.

8. Yonaataan Daawitiif michuu gaarii akka ture kan sitti dhagaʼamu maaliifi?

8 Yonaataan Daawititti hinaafuu ni dandaʼa ture. Inni ilma Saaʼol mootichaa waan taʼeef itti aansee mootii taʼuuf mirga akka qabu yaaduu dandaʼa ture. (1 Sa. 20:31) Haa taʼu malee, Yonaataan nama gad of qabuu fi Yihowaadhaaf amanamu ture. Kanaafuu filannoo Yihowaan Daawit itti aansee mootii akka taʼu godhe guutummaatti deggareera. Kana malees, akkas gochuun isaa Saaʼoliin baayʼee kan aarse taʼu illee, Daawitiifis amanamaa ture.—1 Sa. 20:32-34.

9. Yonaataan, Daawitiin akka morkataa isaatti ilaaleeraa? Ibsi.

9 Yonaataan Daawitiif jaalala guddaa waan qabuuf morkataa isaa akka taʼetti isa hin ilaalle. Yonaataan xiyya darbachuutti ogummaa kan qabuu fi loltuu onnataa ture. Innii fi abbaan isaa Saaʼol ‘risaa caalaa saffisoo, Leenca caalaas jajjaboo’ taʼuudhaan beekamu turan. (2 Sa. 1:22, 23) Kanaafuu, Yonaataan waaʼee gootummaa isaa of jajuu ni dandaʼa ture. Taʼus, Yonaataan nama morkatu ykn haaloo qabatu hin turre. Faallaa kanaatiin, Daawit onnataa fi Yihowaatti kan amanamu taʼuu isaatiif Yonaataan isa dinqisiifateera. Yonaataan, Daawitiin akka lubbuu isaatti jaallachuu kan jalqabe iyyuu erga inni Goliyaadiin ajjeesee booda ture. Obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala guddaa akkasii argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

YEROO HARʼAA JAALALA GUDDAA ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

10. “Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa” jechuun maal jechuu dha?

10 Kitaabni Qulqulluun, ‘cimsinee garaadhaa akka wal jaallannu’ nu gorsa. (1 Ph. 1:22) Yihowaan gama kanaan fakkeenya nuuf taʼeera. Jaalalli inni nuuf qabu baayʼee guddaa waan taʼeef, nuti isaaf amanamoo yoo taane, hariiroo isaa wajjin qabnu wanti addaan kutuu dandaʼu hin jiru. (Rom. 8:38, 39) Jechi “cimsaa” jedhu carraaqqii cimaa namni tokko jaalala argisiisuuf godhu argisiisa. Yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuun salphaa miti. Yeroo warri kaan nu aarsan, ‘jaalalaan wal dandaʼuu fi hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa gochuu’ keenya itti fufuu qabna. (Efe. 4:1-3) “Hidhaa nagaa” eeguuf yommuu hojjennu dogoggora obboloota keenyaa irratti hin xiyyeeffannu. Ilaalcha Yihowaan obboloota keenyaaf qabu qabaachuuf carraaqqii cimaa goona.—1 Sa. 16:7; Fr. 130:3.

Ewodiyaa fi Sinxiikeen yaada tokko akka qabaatan gorfamaniiru. Nutis yeroo tokko tokko obbolootaa fi obboleettota keenyaa wajjin walii galuun nutti ulfaachuu dandaʼa (Keeyyata 11 ilaali)

11. Yeroo tokko tokko jaalala guddaa qabaachuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

11 Obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala guddaa argisiisuun yeroo hunda salphaa miti; keessumaa immoo hirʼina isaanii yommuu beeknutti. Haalli isaa akka argisiisutti, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa tokko tokkoof kana gochuun isaanitti ulfaatee ture. Fakkeenyaaf, Ewodiyaa fi Sinxiikeen “misiraachichaaf [Phaawulosii] wajjin” hojjechuun waan isaan rakkise hin fakkaatu. Taʼus, sababa tokko tokkoon walii galuun isaanitti ulfaatee ture. Kanaafuu Phaawulos, “Gooftaadhaan yaada tokko akka qabaatan” isaan gorseera.—Flp. 4:2, 3.

12. Obbolootaa fi obboleettota keenyaaf jaalala guddaa horachuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Yeroo harʼaa obbolootaa fi obboleettota keenyaaf jaalala guddaa horachuu kan dandeenyu akkamitti? Namoota hidhata amantii keenyaa taʼan yommuu caalaatti beeknu, isaan hubachuu fi jaalala guddaa isaaniif qabaachuun salphaa nuuf taʼa. Umurii fi akkaataan guddinaa jaalala akka walitti hin argisiisne nu gochuu hin qabu. Yonaataan Daawitiin gara waggaa 30 akka caalu yaadadhaa; taʼus, michummaa cimaa isaa wajjin uumeera. Nama umuriidhaan si caalu ykn sii gad taʼe tokkootti michoomuuf fedhii qabdaa? Akkas gochuudhaan ‘guutummaa waldaa obbolootaatiif jaalala akka qabdu’ argisiista.—1 Ph. 2:17.

Keeyyata 12 ilaali *

Dargaggoonnii fi maanguddoonni jaarsolii taʼan michummaa cimaa uumuu dandaʼu (Keeyyata 12 ilaali)

13. Warra gumii keessa jiran hundatti wal qixa kan hin dhihaanne maaliifi?

13 Namoota amantiidhaan nutti firoomaniif jaalala guddaa qabaanna jechuun, warra gumii keessa jiran hundatti wal qixa dhihaanna jechuudhaa? Lakki, kun waan hin fakkaanne dha. Wantoota wal fakkaatu waan jaallannuuf, warra kaan caalaa namoota tokko tokkotti dhihaachuun dogoggora jechuu miti. Yesuus ergamoota isaa hunda “michoota” jedhee kan waame taʼus, Yohaannisiif jaalala addaa qaba ture. (Yoh. 13:23; 15:15; 20:2) Taʼus, Yohaannisiif hin loogne. Fakkeenyaaf, Yohaannisii fi obboleessi isaa Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo guddaa argachuuf yommuu isa gaafatan, Yesuus, ‘Karaa mirga koo yookiin karaa bitaa koo taaʼuun wanta ani kennu miti’ isaaniin jedheera. (Mar. 10:35-40) Nutis michoota keenyaaf looguu dhiisuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu qabna. (Yaq. 2:3, 4) Kana gochuun wal qoqqoodiinsa isa gumii Kiristiyaanaa keessatti iddoo hin qabne babalʼisa.—Yih. 17-19.

14. Akka Filiphisiyus 2:3 jedhutti miira dorgommii irraa fagaachuuf maaltu nu gargaara?

14 Walii keenyatti jaalala yommuu argisiisnu gumicha miira dorgommii irraa eegna. Teessoo fudhachuuf isa morkachaa akka jirtutti ilaaluudhaan, Yonaataan Daawitiin dorgomuuf akka hin yaalle yaadadhaa. Hundi keenya iyyuu fakkeenya Yonaataan hordofuu ni dandeenya. Dandeettii isaaniitiin kan kaʼe, obboloota keessan akka morkattootaatti hin ilaalinaa, kanaa mannaa, “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.” (Filiphisiyus 2:3 dubbisi.) Namni hundi gumii keessatti wanta gumaacha godhu akka qabu yaadatti qabadhaa. Kan gad of qabnu yoo taane amaloota gaarii warri kaan qaban arguu fi fakkeenya amanamummaa isaanii irraa fayyadamuu dandeenya.—1 Qo. 12:21-25.

15. Muuxannoo Taaniyaa fi maatii ishii irraa maal baratte?

15 Yihowaan wanti hamaan tokko yommuu nu mudatu, jaalala guddaa obboloonnii fi obboleettonni keenya nutti argisiisanii fi gargaarsa qabatamaa isaan nuuf godhaniin nu jajjabeessa. Maatiin tokko walgaʼii biyyoolessaa “Jaalalli Matumaa hin Badu” jedhuu fi bara 2019 Yunaayitid Isteetisitti godhame irratti sagantaa Sanbadduraa erga hirmaatanii booda wanta isaan mudate haa ilaallu. Taaniyaa ishiin haadha ijoollee sadii taate akkas jetteetti: “Gara hoteela keenyatti deebiʼaa utuu jirruu, konkolaataa tokko daandii isaa gadhiisee dhufee nu rukute. Namni miidhame hin jiru, taʼus konkolaataa keessaa baanee naasuudhaan daandii irra dhaabanne. Namni tokko nageenyi keenya akka eegamuuf gara konkolaataa isaa akka dhaqnu nu waame. Innis obboleessa keenya reefu walgaʼiidhaa deebiʼaa jiru dha. Bakka sana kan dhaabate isa qofa hin turre. Obboloonnii fi obboleettonni bakka buʼoota taʼanii Siwiidin irraa walgaʼichaaf dhufan shanis dhaabataniiru. Obboleettonni anaa fi intala koo miira hoʼaadhaan nu hammatan, kunis wanta baayʼee nu barbaachisu ture. Nuti nagaa akka taanee fi obboloonnii fi obboleettonni sun deemuu isaanii akka itti fufan isaanitti nan hime. Taʼus isaan namoonni gargaarsa yaalii fayyaa kennan erga dhufanii booda illee, nu wajjin turuudhaan wanta nu barbaachisu argachuu keenya mirkaneeffatan. Yeroo rakkisaa kanatti jaalala Yihowaa akka arganne nutti dhagaʼameera. Muudannoon kun jaalala obbolootaa fi obboleettota keenyaaf qabnu nuu cimseera, jaalalaa fi dinqisiifannaa Yihowaadhaaf qabnus nuuf guddiseera.” Rakkinni si mudachuu isaatiin kan kaʼe, yeroo namni hidhata amantii kee taʼe tokko jaalala guddaa sitti argisiise ni yaadattaa?

16. Walii keenyatti jaalala guddaa argisiisuuf sababiiwwan akkamii qabna?

16 Walii keenyatti jaalala guddaa yommuu argisiisnu buʼaan isaa maal akka taʼu mee yaadi. Obbolootaa fi obboleettota keenya yommuu isaan rakkatan isaan jajjabeessina. Tokkummaa saba Waaqayyoo gidduu jiru cimsina. Barattoota Yesuus taʼuu keenya mirkaneessina, kun immoo namoota garaa qajeelaa qaban gara waaqeffannaa dhugaatti harkisa. Hunda caalaa immoo Yihowaa isa, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” taʼeef ulfina fida. (2 Qo. 1:3) Hundi keenya jaalala guddaa horachuu fi argisiisuu keenya itti haa fufnu!

FAARFANNAA 130 Dhiifama Godhaa

^ key. 5 Yesuus barattoonni isaa jaalala waliif qabaniin adda baafamanii akka beekaman dubbateera. Hundi keenya jaalala kana argisiisuuf carraaqqii goona. Akkuma miseensota maatii keenyaa walitti dhihaannu jaallannutti, obboloota keenya jaallachuu barachuu qabna. Mata dureen kun namoota amantiidhaan nutti firoomaniif jaalala cimaa horachuu fi eegnee itti fufuuf nu gargaara.

^ key. 55 IBSA FAKKII: Jaarsi dargaggeessi tokko muuxannoo jaarsa maanguddoo tokkoo irraa fayyadame mana obboleessa maanguddoo sanaatti afeeramee jira. Isaanii fi haadhotiin manaa isaanii jaalalaa fi arjummaa walitti argisiisaa jiru.