Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 11

Sagalee Yihowaa Dhaggeeffadhaa

Sagalee Yihowaa Dhaggeeffadhaa

‘Kun Ilma koo ti. Isa dhagaʼaa.’—MAT. 17:5.

FAARFANNAA 89 Dhagaʼi, Ajajami, ni Eebbifamta

QABIYYEE *

1-2. (a) Yihowaan namootatti kan dubbate akkamitti? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?

YIHOWAAN nutti dubbachuu ni jaallata. Bara duriitti yaada isaa nuuf ibsuuf, raajota, maleekotaa fi Ilma isaa Kiristoos Yesuusitti fayyadameera. (Amo. 3:7; Gal. 3:19; Mul. 1:1) Yeroo harʼaa, karaa Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluutiin nutti dubbata. Kitaaba Qulqulluu kan nuuf kenne, yaada isaa barachuu fi daandiiwwan isaa hubachuu akka dandeenyuufi dha.

2 Yesuus yeroo lafa irra turetti Yihowaan samii irraa yeroo adda addaa Sadii itti dubbatee ture. Mee wanta Yihowaan dubbate, wanta inni dubbate irraa maal akka barannuu fi akkamitti akka irraa fayyadamnu haa ilaallu.

“ATI ILMA KOO ISA JAALLATAMAA DHA”

3. Akkuma Maarqos 1:9-11 irratti ibsame, Yihowaan yeroo Yesuus cuuphame maal jedheera? Wantoonni Yihowaan dubbate dhugaawwan barbaachisaa kamfaa mirkaneessu?

3 Yeroon Yihowaan samii irraa dubbate inni jalqabaa, Maarqos 1:9-11 irratti galmeeffameera. (Dubbisi.) Akkas jedheera: “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada.” Yesuus Abbaan isaa akka isa jaallatuu fi amanannaa akka isa irratti qabu yommuu isaaf ibsu sagalee isaa dhagaʼuun isaa hammam garaa isaa tuqeera! Wanti Yihowaan dubbate waaʼee Yesuus dhugaawwan barbaachisaa taʼan sadii mirkaneessa. Tokkoffaa, Yesuus Ilma isaa ti. Lammaffaa, Yihowaan Ilma isaa ni jaallata. Sadaffaa, Yihowaan Ilma isaatti ni gammada. Mee tokkoon tokkoon isaanii gad fageenyaan haa qorru.

4. Yesuus yeroo cuuphametti karaa haaraa taʼeen Ilma Waaqayyoo kan taʼe akkamitti ture?

4 ‘Ati Ilma koo ti.’ Yihowaan yaada kana dubbachuudhaan, Yesuus, Ilmi isaa inni jaallatamaan Isaa wajjin walitti dhufeenya haaraa akka uume argisiiseera. Yesuus utuu gara lafaa hin dhufin dura iyyuu Ilma Waaqayyoo ture. Haa taʼu malee, yeroo cuuphametti karaa haaraatiin Ilma Waaqayyoo taʼeera. Yeroo kanatti, Waaqayyo Yesuus Ilma isaa isa dibame taʼuudhaan gara samiitti deebiʼee Mootii Mootummaa Waaqayyoo fi Luba Ol Aanaa taʼuuf abdii qabaachuu isaa beeksise. (Luq. 1:31-33; Ibr. 1:8, 9; 2:17) Kanaafuu, yeroo Yesuus cuuphametti Abbaan isaa, ‘Ati Ilma koo ti’ jechuuf sababii gaʼaa qaba ture.—Luq. 3:22.

Galateeffannaa fi jajjabinni yommuu nuuf kennamu ni lalisna (Keeyyata 5 ilaali) *

5. Jaalala keenya ibsuu fi warra kaan jajjabeessuu irratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

5 “Ati . . . isa jaallatamaa dha.” Fakkeenyi Yihowaan jaalalaa fi gammachuu isaa ibsuudhaan kaaʼe, warra kaan jajjabeessuuf carraa akka barbaannu nu yaadachiisa. (Yoh. 5:20) Namni iddoo guddaa kenninuuf tokko akka nu jaallatu yommuu ibsuu fi wanta gaarii hojjenneef yommuu nu galateeffatu ni lalisna. Haaluma wal fakkaatuun, obboloota keenya gumii keessa jiranii fi miseensota maatii keenyaatti jaalala argisiisuu fi isaan jajjabeessuun keenya barbaachisaa dha. Warra kaan yommuu galateeffannu amantii isaanii cimsina akkasumas amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaarra. Keessumaa warri ijoollee isaanii jajjabeessuun isaanii barbaachisaa dha. Warri ijoollee isaanii garaadhaa yommuu galateeffatanii fi jaalala isaanitti argisiisan, ijoolleen isaanii akka lalisan isaan gargaaru.

6. Yesuus Kiristoos irratti amanannaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

6 “Ani sitti nan gammada.” Jechoonni kun Yesuus fedha Abbaa isaa amanamummaadhaan akka raawwatu Yihowaan amanannaa akka isa irratti qabu argisiisu. Yihowaan Yesuus irratti amanannaa akkasii qaba; nutis Yesuus abdii Yihowaan kenne hundumaa amanamummaadhaan akka raawwatu amanannaa guutuu qabaachuu ni dandeenya. (2 Qor. 1:20) Fakkeenya Yesuus yommuu qorannu, isa irraa barachuu fi faana isaa hordofuuf caalaatti kutannoo qabaanna. Yihowaan tajaajiltoonni isaas akka gareetti Ilma isaa irraa barachuu isaanii akka itti fufan amanannaa akkasii qaba.—1 Phe. 2:21.

“ISA DHAGAʼAA”

7. Akka Maatewos 17:1-5 irratti ibsametti, Yihowaan samii irraa kan dubbate yeroo kamitti dha? Wanti inni dubbate hoo maal ture?

7 Maatewos 17:1-5 dubbisi. Yihowaan yeroo lammaffaaf samii irraa kan dubbate yommuu Yesuus ‘jijjiirametti’ ture. Yesuus, Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannisiin fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼee ture. Utuu achi jiranii mulʼata ajaaʼibsiisaa tokko argan. Fuulli Yesuus ni ife uffanni isaas akka ifaa ni calaqqise. Namoonni Musee fi Eliyaasiin bakka buʼan lama waaʼee duʼaa fi duʼaa kaʼuu isaa Yesuus wajjin dubbachuu jalqaban. Ergamoonni sadan kun “muganii” kan turan taʼus, yeroo guutummaatti dammaqanitti mulʼata ajaaʼibsiisaa kana arganiiru. (Luq. 9:29-32) Itti aansuudhaan, duumessi ifaan tokko kan isaan uwwise siʼa taʼu, duumessa sana keessaa sagalee tokko jechuunis sagalee Waaqayyoo dhagaʼan! Akkuma yeroo Yesuus cuuphametti godhe, Yihowaan, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha” jechuudhaan, Ilma isaatti akka gammaduu fi akka isa jaallatu ibseera. Haa taʼu malee, yeroo kanatti itti dabaluudhaan, “Isa dhagaʼaa” jedhe.

8. Mulʼatichi Yesuusii fi barattoota isaa irratti dhiibbaa akkamii geessisee ture?

8 Mulʼatichi ulfinaa fi aangoo Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan gara fuulduraatti argatu dursee kan ibsu ture. Kiristoos, rakkinaa fi duʼa dhiphinaa gara fuulduraatti isa mudatu dandaʼuuf jajjabina argatee akka ture hin shakkisiisu. Kana malees, mulʼanni kun barattoonni qorumsa amanamummaa fi hojii guddaa gara fuulduraatti isaan eeggatuuf amantiin isaanii akka cimuu fi akka jajjabaatan godhee taʼuu qaba. Pheexiros ergamaan gara waggaa 30 booda mulʼata jijjiiramuu Yesuus argisiisu kana caqasuun isaa, mulʼaticha akka hin irraanfanne argisiisa.—2 Phe. 1:16-18.

9. Yesuus barattoota isaatiif gorsa barbaachisaa akkamii kenneera?

9 “Isa dhagaʼaa.” Yihowaan Ilma isaa akka dhageenyuu fi akka isaaf ajajamnu akka barbaadu ifa godheera. Yesuus yeroo lafa irra jirutti maal dubbatee ture? Wantoota barbaachisaa taʼan hedduu dubbateera! Fakkeenyaaf, duuka buutonni isaa misiraachoo akkamitti akka lallaban jaalalaan isaan barsiiseera, akkasumas dammaqanii akka eegan irra deddeebiʼee isaan yaadachiiseera. (Mat. 24:42; 28:19, 20) Kana malees, cimanii akka hojjetanii fi abdii akka hin kutanne isaan jajjabeesseera. (Luq. 13:24) Yesuus, duuka buutonni isaa wal jaallachuun isaanii, tokkummaa isaanii eeganii itti fufuu fi ajaja isaa eeguun isaanii barbaachisaa akka taʼe cimsee ibseera. (Yoh. 15:10, 12, 13) Gorsi Yesuus duuka buutota isaatiif kenne baayʼee barbaachisaa ture! Gorsi kun, akkuma yeroo Yesuus kenne sana barbaachisaa ture, harʼas barbaachisaa dha.

10-11. Yesuusiin akka dhageenyu akkamitti argisiisuu dandeenya?

10 Yesuus, “Namni dhugaa cinaa dhaabatu hundi sagalee koo ni dhagaʼa” jedheera. (Yoh. 18:37) ‘Wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keenya itti fufuudhaan’ sagalee isaa akka dhageenyu argisiisna. (Qol. 3:13; Luq. 17:3, 4) Dabalataanis, “yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti” hinaaffaadhaan misiraachicha lallabuudhaan sagalee isaa akka dhageenyu argisiisna.—2 Xim. 4:2.

11 Yesuus, “Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu” jedheera. (Yoh. 10:27) Duuka buutonni Yesuus wanta inni dubbate dhaggeeffachuu qofaan utuu hin taʼin, wanta dhagaʼan hojii irra oolchuudhaan sagalee isaa akka dhagaʼan argisiisu. Isaan, “Yaaddoo jireenyaatiin” yaadni isaanii hin hihhiramu. (Luq. 21:34) Kanaa mannaa, haalawwan rakkisaa taʼan keessatti illee, jireenya isaanii keessatti ajaja Yesuus hojii irra oolchuudhaaf dursa kennu. Obboloonni keenya hedduun, miidhaa mormitoonni isaan irraan geessisan, hiyyummaa cimaa fi balaa uumamaa dabalatee qorumsa cimaa isaan irra gaʼu damdamachaa jiru. Kana hundumaa keessatti aarsaa akkamii iyyuu kaffaluudhaan, Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufaniiru. Yesuus duuka buutota isaatiif abdii akkas jedhu kenneera: “Namni ana jaallatu, isa ajajawwan koo fudhatuu fi eegu dha. Nama na jaallatu hunda Abbaan koo ni jaallata.”—Yoh. 14:21.

Tajaajilli keenya dammaqaa taanee akka jiraannu nu gargaara (Keeyyata 12 ilaali) *

12. Karaa kan biraan Yesuusiin akka jaallannu itti argisiisnu maali dha?

12 Karaan Yesuusiin akka dhageenyu itti argisiisnu kan biraanis jira: Innis warra nu gidduutti geggeessitoota akka taʼaniif inni muude deggeruu dha. (Ibr. 13:7, 17) Jaarmiyaan Waaqayyoo, meeshaawwanii fi malawwan haaraa tajaajila keenya irratti itti fayyadamnu, akkaataa walgaʼii keenya torban gidduu itti geggeessinu, Galma Mootummaa itti ijaarruu fi haaressinu akkasumas suphinu irratti sirreeffama hedduu godheera. Qajeelfama jaalala irratti hundaaʼee fi itti yaadamee kenname kana guddaa dinqisiifanna! Qajeelfama jaarmiyichi yeroo sirriitti kennu hordofuuf carraaqqii nuti goonu, Yihowaan akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.

13. Faayidaan Yesuusiin dhaggeeffachuun argamsiisu maalfaʼi?

13 Wantoota Yesuus barsiise hunda dhaggeeffachuudhaan faayidaa arganna. Yesuus barumsi isaa boqonnaa akka isaaniif argamsiisu barattoota isaatiif mirkaneesseera. Akkasumas, “lubbuu keessaniif boqonnaa argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu; baʼaan koos salphaa dha” jedheera. (Mat. 11:28-30) Dubbiin Waaqayyoo inni Wangeelota arfan warra jireenyaa fi tajaajila Yesuus qabatan dabalatu, boqonnaa nuuf argamsiisa, jabina hafuuraa nuuf kenna akkasumas ogeeyyii nu taasisa. (Far. 19:7; 23:3) Yesuus, “Gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedhee ture.—Luq. 11:28.

‘ANI MAQAA KOOTIIF ULFINA NAN KENNA’

14-15. (a) Akkuma Yohaannis 12:27, 28 irratti galmeeffame Yihowaan al sadaffaa samii irraa kan dubbate yeroo akkamiitti ture? (b) Dubbiin Yihowaa Yesuusiin jajjabeessee fi cimsee taʼuu kan dandaʼu maaliifi?

14 Yohaannis 12:27, 28 dubbisi. Wangeelli Yohaannis wanta Yihowaan yeroo sadaffaatiif samii irraa dubbate galmeesseera. Yesuus duʼuu isaa guyyoota muraasa dura, Ayyaana Faasikaa kabajuuf Yerusaalem keessa ture. Yeroo kanatti, “Ani dhiphadheera” jedhee ture. Achiis “Yaa Abbaa, maqaa keetiif ulfina kenni” jedhee kadhate. Abbaan isaas samii keessaa, “Ani maqaa kootiif ulfina kenneera; ammas ulfina nan kennaaf” jedhee deebise.

15 Yesuus kan isa dhiphise, itti gaafatamummaa guddaa Yihowaadhaaf amanamaa taʼee itti fufuuf qabu ture. Inni garmalee dhiphatee duʼa suukanneessaa akka duʼu beeka ture. (Mat. 26:38) Yesuus waan hundumaa caalaa maqaa Abbaa isaatiif ulfina kennuu barbaada ture. Yesuus Waaqayyoon arrabseera jedhamee waan himatameef, duuti isaa Waaqayyo irratti arrabsoo fida jedhee yaaddaʼee ture. Kanaafuu wanti Yihowaan dubbate Yesuusiin baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba! Maqaan Yihowaa ulfina akka argatu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandaʼa. Dubbiin Abbaan isaa dubbate, Yesuusiin jajjabeessuu fi wanta isa irra gaʼuuf isa cimsuu irratti waan hedduu raawwatee taʼuu qaba. Wanta Abbaan isaa yeroo sanatti dubbate kan hubate Yesuus qofa taʼus, Yihowaan wanti Inni dubbate hunda keenyaaf galmeeffamee akka turu godheera.—Yoh. 12:29, 30.

Yihowaan maqaa isaatiif ulfina kenna akkasumas saba isaa ni oolcha (Keeyyata 16 ilaali) *

16. Yeroo tokko tokko arrabsoon maqaa Waaqayyoo irratti dhufu kan nu yaaddessu maaliifi?

16 Akkuma Yesuus, nutis arrabsoon maqaa Yihowaa irra gaʼu nu yaaddessa taʼa. Tarii nutis akkuma Yesuus jalʼinni haqaa nu irra gaʼeera taʼa. Yookiin immoo oduun sobaa mormitoonni waaʼee keenya tamsaasan nu jeeqaa jira taʼa. Arrabsoo oduuwwan kun maqaa Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti fidan yaaduu dandeenya. Yeroo akkasiitti dubbiin Yihowaa jajjabina guddaa nuu kenna. Garmalee dhiphachuun nu hin barbaachisu. ‘Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keenyaa fi yaada keenya akka eegu’ mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Filp. 4:6, 7) Yihowaan matumaa maqaa isaatiif ulfina kennuu hin dadhabu. Inni miidhaa Seexannii fi addunyaan kun tajaajiltoota Isaa amanamoo taʼan irratti fidan hunda karaa Mootummichaa ni sirreessa.—Far. 94:22, 23; Isa. 65:17.

YEROO HARʼAA SAGALEE YIHOWAA IRRAA FAYYADAMUU

17. Isaayaas 30:21 wajjin haala wal simuun Yihowaan yeroo harʼaa kan nutti dubbatu akkamitti?

17 Yihowaan yeroo harʼaas nutti dubbachaa jira. (Isaayaas 30:21 dubbisi.) Dhugaa dha, Waaqayyo yeroo harʼaa samii irraa nutti hin dubbatu. Haa taʼu malee, Dubbii isaa Kitaaba Qulqulluu isa barreeffamaan jiru kan nuuf kenne siʼa taʼu, karaa kanaan qajeelfama nuuf kenna. Kana malees, Yihowaan, ‘Bulchaan amanamaan’ tajaajiltoota isaatiif nyaata kennuu isaa akka itti fufu hafuura isaatiin isa gargaara. (Luq. 12:42) Karaa barreeffamoota maxxanfamanii, karaa intarneetii akkasumas wantoota viidiyoo fi sagaleedhaan qophaaʼaniin nyaata hafuuraa hedduu arganna!

18. Dubbiin Yihowaa amantii keenya kan cimsuu fi jajjabina kan nuuf kennu akkamitti?

18 Egaa wantoota Yihowaan yeroo Ilmi isaa lafa irra turetti dubbate yaadatti haa qabannu! Dubbiin Waaqayyoo inni Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffame, Yihowaan waan hundumaa akka toʼatu akkasumas miidhaa Seexannii fi addunyaan isaa nu irraan gaʼan kam iyyuu akka sirreessu amanannaa nuuf haa kennu. Akkasumas sagalee Yihowaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf haa murteessinu. Kana kan goonu yoo taʼe, rakkoowwan nu irra gaʼaa jiranii fi gara fuulduraatti nu irra gaʼan kam iyyuu akka gaariitti dandamachuu ni dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, “Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, wanta inni abdachiise sana argachuuf jabaattanii dhaabachuun isin barbaachisa” jechuudhaan nu gorsa.—Ibr. 10:36.

FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo ti”

^ key. 5 Yesuus yeroo lafa irra turetti, Yihowaan al sadii samii irraa dubbatee ture. Yeroowwan kana keessaa isa tokkoo irratti, Yihowaan barattoonni Kiristoos Ilma isaa akka dhaggeeffatan isaan ajajeera. Yeroo harʼaa Yihowaan karaa Dubbii isaa isa barumsawwan Yesuus dabalatuu fi barreeffamaan jiruun akkasumas karaa jaarmiyaa isaa nutti dubbata. Mata dureen kun, Yihowaa fi Yesuusiin dhaggeeffachuudhaan akkamitti fayyadamuu akka dandeenyu ibsa.

^ key. 52 IBSA FAKKII: Jaarsi gumii tokko tajaajilaa gumii Galma Walgaʼii suphaa fi kutaa barreeffamaatti hojjechaa jiru tokko arge. Akkasumas miira hoʼaadhaan isa galateeffate.

^ key. 54 IBSA FAKKII: Hiriyoonni gaaʼelaa Seeraa Liyoon jiraatan nama qurxummii qabu tokko walgaʼii irratti akka argamu waraqaa afeerrii kennaniif.

^ key. 56 IBSA FAKKII: Dhugaa Baatonni biyya hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan mana dhuunfaa keessatti walgaʼii godhu. Xiyyeeffannaa akka ofitti hin harkisneef, uffatuma yeroo kaan uffatan uffataniiru.