Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE QOʼANNAA 18

‘Dorgommicha Hamma Dhumaatti Fiigaa’

‘Dorgommicha Hamma Dhumaatti Fiigaa’

“Dorgommicha sana hamma dhumaatti fiigeera.”—2 XIM. 4:7.

FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna

QABIYYEE *

1. Hundi keenya maal gochuu qabna?

KEESSUMAA dhukkubsattee ykn dadhabdee yeroo jirtutti dorgommii fiigichaa rakkisaa akka taʼe beektu tokko irratti hirmaachuu ni barbaaddaa? Waan barbaaddu hin fakkaatu. Haa taʼu malee, Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni dhugaan hundi dorgommii tokko irra akka jiran dubbateera. (Ibr. 12:1) Dargaggootas taane maanguddoota, ciccimoos taane dadhaboo, badhaasa Yihowaan nuuf qopheesse argachuu yoo barbaanne hundi keenya hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuu qabna.—Mat. 24:13.

2. Akkuma 2 Ximotewos 4:7, 8, irratti ibsame Phaawulos waaʼee kanaa bilisummaadhaan dubbachuu kan dandaʼe maaliifi?

2 Phaawulos haala gaariidhaan ‘dorgommicha hamma dhumaatti waan fiigeef’ waaʼee kanaa dubbachuuf bilisummaan itti dhagaʼamee ture. (2 Ximotewos 4:7, 8 dubbisi.) Haa taʼu malee, dorgommiin Phaawulos waaʼee isaa dubbate maali dha?

DORGOMMIIN MAALI DHA?

3. Dorgommiin Phaawulos waaʼee isaa dubbate maali dha?

3 Yeroo tokko tokko Phaawulos barumsa barbaachisaa taʼe barsiisuuf taphawwan Giriikii durii keessatti taphatamaa turan akka fakkeenyaatti fayyadameera. (1 Qor. 9:25-27; 2 Xim. 2:5) Yeroo baayʼee jireenya Kiristiyaanotaa fakkeenyaan ibsuuf fiigichatti fayyadameera. (1 Qor. 9:24; Gal. 2:2; Filp. 2:16) Namni tokko “dorgommii” kana keessa kan seenu yeroo Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamutti dha. (1 Phe. 3:21) Fiigicha isaa kan xumuru immoo yeroo Yihowaan badhaasa jireenya bara baraa isaaf kennutti dha.—Mat. 25:31-34, 46; 2 Xim. 4:8.

4. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

4 Wantoonni fiigicha dheeraa fiiguu fi jireenya Kiristiyaanaa wal fakkeessan tokko tokko maal faʼi? Wanti wal isaan fakkeessu hedduun jira. Mee isaan keessaa sadan isaanii haa ilaallu. Tokkoffaa, daandii isa sirrii irra fiiguun nu barbaachisa; lammaffaa, sarara isa dhumaa irratti xiyyeeffachuu qabna; akkasumas sadaffaa, rakkoowwan daandii irratti nu mudatan moʼuu qabna.

DAANDII ISA SIRRII IRRA FIIGAA

Hundi keenya daandii jireenyaa Kiristiyaanaa irra fiiguu qabna (Keeyyata 5-7 ilaali) *

5. Daandii akkamii hordofuu qabna? Maaliif?

5 Fiigicha irratti badhaasa argachuuf, fiigdonni daandii warri dorgommii kana qindeessan qopheessan irra fiiguu qabu. Haaluma wal fakkaatuun nutis badhaasa jireenya bara baraa argachuu yoo barbaanne, daandii ykn jireenya Kiristiyaanummaa hordofuu qabna. (HoE. 20:24; 1 Phe. 2:21) Haa taʼu malee, Seexannii fi warri fakkeenya isaa hordofan filannoo kan biraa akka goonu jechuunis, ‘isaanii wajjin akka fiignu’ barbaadu. (1 Phe. 4:4) Daandii jireenyaa nuti hordofnuttti ni qoosu, akkasumas daandiin isaan irra deeman gaarii akka taʼee fi gara bilisummaatti akka geessu dubbatu. Haa taʼu malee, kun soba dha.—2 Phe. 2:19.

6. Fakkeenya Biraayaan irraa maal barattu?

6 Namni warra addunyaan Seexanaa dhiibbaa irratti godhee wajjin fiigan hundi daandiin isaan filatan gara bilisummaatti utuu hin taʼin, gara garbummaatti kan geessu taʼuu isaa yeroo gabaabaa keessatti ni hubatu. (Rom. 6:16) Mee fakkeenya Biraayaan ilaalaa. Warri isaa daandii jireenya Kiristiyaanaa akka hordofu isa jajjabeessu turan. Haa taʼu malee, yeroo umuriin isaa waggoota kurnanii taʼutti daandiin sun gammachuu kan isaaf argamsiisu taʼuu fi dhiisuu isaa shakkuu jalqabe. Biraayaan warra ulaagaa Seexanaatiin jiraatan wajjin fiiguuf murteesse. Akkana jedheera: “Yeroo xinnoo booda wanti bilisummaa jedhamuu fi ani argachuuf hawwe sun kiyyoo araadawwan hedduudhaan qabamuutti akka na geesse nan hubadhe. Yeroo booda qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu, dhugaatii alkoolii dhuguu fi jireenya gadhiisii jiraachuun jalqabe. Sana booda waggoota hedduudhaaf suutuma suuta qorichawwan sammuu namaa hadoochanii fi ciccimoo taʼan yaaleera, hedduu isaaniitiifis garbicha taʼeera. . . . Araada koo kana guuttachuufis qoricha sammuu namaa hadoochu gurguruun jalqabe.” Boodas, Biraayaan ulaagaa Yihowaatiin jiraachuuf murteesseera. Achiis daandii isaa jijjiiruudhaan bara 2001⁠tti cuuphame. Yeroo ammaatti daandii Kiristiyaanaa waan hordofuuf gammachuu dhugaa argateera. *

7. Akka Maatewos 7:13, 14 jedhutti daandiiwwan nu fuuldura jiran lama kam faʼi?

7 Dhuguma iyyuu daandii sirrii irra deemnu filachuun keenya baayʼee barbaachisaa dha! Seexanni hundi keenya daandii dhiphaa “gara jireenyaatti geessu” irra fiiguu keenya dhiisnee, gara daandii balʼaa namoonni addunyaa kanaa hedduun irra deemanitti akka ceenu barbaada. Daandiin kun daandii namoonni hedduun filatanii fi irra deemuuf salphaa taʼe dha. Haa taʼu malee, ‘gara badiisaatti geessa.’ (Maatewos 7:13, 14 dubbisi.) Daandii isa sirrii taʼe hordofuu fi akka irraa hin gorreef Yihowaatti amanamuu fi isa dhagaʼuu qabna.

DAANDII KEESSAN IRRATTI XIYYEEFFADHAA, WARRA KAAN AKKA HIN GUFACHIISNES OF EEGGADHAA

Daandii keessan irratti xiyyeeffadhaa, warra kaan akka hin gufachiisnes of eeggadhaa (Keeyyata 8-12 ilaali) *

8. Namni fiigu tokko yoo gufate maal godha?

8 Morkattoonni dorgommii fiigicha dheeraa irratti hirmaatan akka hin gufannetti daandii fuuldura isaanii dura jiru irratti xiyyeeffatu. Haa taʼu malee, akkuma tasaa warri isaan wajjin fiigan isaan gufachiisuu ykn boolla keessa galuu dandaʼu. Yoo kufan ammas kaʼanii fiiguu isaanii itti fufu. Namoonni kun adda durummaadhaan kan xiyyeeffatan wanta isaan gufachiise irratti utuu hin taʼin, sarara xumuraa fi badhaasa moʼachuuf hawwatan irratti dha.

9. Yoo gufanne maal gochuu qabna?

9 Dorgommii fiigichaa keenya irratti, wanta dubbannuu fi wanta goonuun dogoggora raawwachuudhaan yeroo baayʼee gufachuu dandeenya. Yookiin warri nu wajjin fiigan dogoggora nu miidhu raawwachuu dandaʼu. Kun wanta eegamu dha. Hundi keenya mudaa qabna; akkasumas hundi keenya daandii jireenyatti geessuu fi dhiphaa taʼe irra fiigaa jirra. Kanaan kan kaʼes, darbee darbee walitti buʼuun keenya hin oolu. Phaawulos yeroo tokko tokko sababa namni tokko isa kan biraa ‘itti komatu’ qabaachuu akka dandaʼu hubateera. (Qol. 3:13) Haa taʼu malee, wanta nu gufachiise irratti utuu hin taʼin, badhaasa fuula keenya dura jiru irratti haa xiyyeeffannu. Yoo gufanne, kaanee fiiguu keenya itti haa fufnu. Aarree fi mufannee Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu yoo dhiisne sarara isa xumuraa hin darbinu, badhaasichas hin argannu. Kana malees, warra jireenya argachuuf daandii isa dhiphaa irra fiiguuf yaalii godhan gufachiisuun keenya hin oolu.

10. Warra kaanitti ‘gufuu’ taʼuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Karaan warra nu wajjin fiiganitti ‘gufuu’ taʼuu irraa itti of qusannu kan biraan, mirga keenyatti cichuu mannaa hamma dandaʼametti filannaa isaanii tole jennee fudhachuu dha. (Rom. 14:13, 19-21; 1 Qor. 8:9, 13) Karaa barbaachisaa taʼe kanaan warra kallattiidhaan dorgommii fiigichaa irratti hirmaatan irraa adda taʼuu keenya argisiisna. Namoonni kun kan wal morkatan siʼa taʼu, namni fiigu hundi badhaasicha ofii isaatiif qofa argachuuf yaalii godha. Fiigdonni kun adda durummaadhaan waaʼee fedhii ofii isaanii qofa yaadu. Kanaafuu, isaan fuuldura taʼuuf jecha warra kaan dhiibanii darbuuf yaalii godhu. Kana irraa haala faallaa taʼeen nuti wal hin dorgomnu. (Gal. 5:26; 6:4) Galmi keenya hamma dandaʼametti namoonni hedduun nuu wajjin sarara xumuraa sana akka darbanii fi badhaasa jireenyaa sana akka argatan gargaaruu dha. Kanaafuu, gorsa Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin kakaʼee, “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuuf carraaqqii goona.—Filp. 2:4.

11. Fiigduun tokko maal irratti xiyyeeffata? Maaliif?

11 Fiigdonni daandii fuula isaanii dura jiru ilaaluu malees sarara isa dhumaa irratti ni xiyyeeffatu. Sarara isa dhumaa ija isaaniitiin ilaaluu kan hin dandeenye taʼanis, yeroo sarara sana qaxxaamuranii badhaasicha fudhatan yaada isaaniitiin ilaaluu dandaʼu. Yeroo hunda waaʼee badhaasichaa yaaduudhaan dammaqinaan itti fufuu dandaʼu.

12. Yihowaan gaarummaadhaan maal nuuf kenneera?

12 Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee sabni isaa dorgommii fiigichaa godhan sana xumuruudhaan badhaasicha akka argatan, jechuunis samii irratti ykn lafa jannata taatu irratti jireenya bara baraa akka argatan waadaa isaaniif galeera. Jireenyi keenya hammam gaarii akka taʼu akka yaannuuf Kitaabni Qulqulluun waaʼee badhaasa kanaa ni ibsa. Abdii Yihowaan yeroo gara fuulduraa ilaalchisee nuuf kenne irratti yaaduu keenya yoo itti fufne, murtoon jabaannee dhaabbachuuf goone caalaatti ni cima.

RAKKOOWWAN YOO JIRAATANIS FIIGUU KEESSAN ITTI FUFAA

Rakkoowwan yoo nu irra gaʼanis, dorgommii jireenyaaf godhamu fiiguu keenya itti fufuu barbaanna (Keeyyata 13-20 ilaali) *

13. Warra kallattiidhaan dorgommii fiigichaa irratti hirmaatan irraa karaa itti caallu akkamii qabna?

13 Fiigdonni Giriikii dorgommii irratti hirmaatan rakkoowwan kan akka dadhabbii fi dhukkubbii jiran dandamachuu qabu turan. Haa taʼu malee, kan amanaman leenjii argatanii fi jabina ofii isaanii irratti qofa ture. Nutis akkuma fiigdota sanaa dorgommii sana irratti akkamitti fiiguu akka qabnu leenjii ni arganna. Haa taʼu malee, nuti warra kallattiidhaan dorgommii fiigichaa irratti hirmaatan irraa karaa itti caallu qabna. Madda humna daangaa hin qabne irraa gargaarsa argachuu dandeenya. Yihowaatti yoo amanamne, inni nu leenjisuuf qofa utuu hin taʼin nu cimsuufis waadaa nuuf galeera!—1 Phe. 5:10.

14. Yaanni 2 Qorontos 12:9, 10 irratti argamu rakkoowwan moʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?

14 Phaawulos rakkoowwan hedduu moʼuu qaba ture. Arrabsoo fi ariʼatama warra kaanii dabalatee, yeroo tokko tokko dadhabaa akka taʼe itti dhagaʼameera, akkasumas ‘qoree foon isaa waraanu’ dandamachuun isa barbaachisee ture. (2 Qor. 12:7) Haa taʼu malee, rakkoowwan kun abdii kutachuuf sababa akka taʼan godhee ilaaluu mannaa, Yihowaatti amanamuuf carraa akka isaaf banan godhee ilaaleera. (2 Qorontos 12:9, 10 dubbisi.) Phaawulos ilaalcha akkanaa waan qabuuf, Yihowaan rakkoowwan isaa hundumaa irratti isa gargaareera.

15. Fakkeenya Phaawulos yoo hordofne maal arganna?

15 Nutis amantii keenyaaf jecha arrabsamuu ykn ariʼatamuu dandeenya. Rakkina fayyaa ykn dadhabbii wajjin jiraachuun nu barbaachisa taʼa. Haa taʼu malee, fakkeenya Phaawulos kan hordofnu yoo taʼe, rakkoowwan kun hundi carraa gargaarsa Yihowaa itti argannu nuuf taʼuu dandaʼu.

16. Dhibee fayyaa yoo qabaattan illee maal gochuu dandeessu?

16 Siree irra ciistanii ykn wiilcharii irra teessanii jirtuu? Jilbi keessan laafeeraa ykn ijji keessan dadhabeeraa? Maarree, dargaggootaa fi warra fayyaa qaban wajjin fiiguu ni dandeessuu? Eeyyee ni dandeessu! Maanguddoonnii fi obboloonni dhibee fayyaa qaban hedduun daandii jireenyatti geessu irra fiigaa jiru. Hojii kana humna ofii isaaniitiin hojjechuu hin dandaʼan. Kanaa mannaa, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa bilbilaan ykn viidiyoodhaan kallattiidhaan darban dhaggeeffachuudhaan Yihowaa irraa jabina argachuu dandaʼu. Akkasumas, doktarootaaf, narsootaa fi firoottaniif dhugaa baʼuudhaan hojii bartoota gochuu irratti ni hirmaatu.

17. Yihowaan warra humni isaanii daangeffame ilaalchisee maaltu itti dhagaʼama?

17 Humni keessan daangeffamuu isaatiin kan kaʼe abdii kutachuudhaan matumaa fiigicha daandii jireenya argamsiisu irra fiiguu akka hin dandeenye gootanii hin yaadinaa. Isatti waan amantaniif, akkasumas waggoota hedduudhaaf jabaattanii waan dhaabbattaniif Yihowaan isin jaallata. Yeroo kam iyyuu caalaa yeroo ammaatti gargaarsi Yihowaa isin barbaachisa; inni isin hin dhiisu. (Far. 9:10) Kanaa mannaa, caalaatti isinitti dhihaata. Mee wanta obboleettiin dhibee fayyaa qabdu takka dubbatte qalbeeffadhaa; akkana jetteetti: “Dhibee fayyaa hedduu qabaachuun koo, warra kaaniif dhugaa baʼuuf carraan ani qabu hirʼachuu isaa hubadheera. Haa taʼu malee, carraaqqii xinnoon ani godhu illee Yihowaa akka gammachiisu nan beeka; kun immoo gammachuu naaf argamsiisa.” Yommuu abdii kutattan kophaa keessan akka hin taane yaadadhaa. Fakkeenya Phaawulos kaaʼe irratti yaadaa; jechoota nama jajjabeessanii fi “Dadhabinatti . . . guddaa nan gammada. Sababiin isaas, ani yeroon dadhabu yeroo sanatti humna qaba” jechuudhaan dubbates yaadadhaa.—2 Qor. 12:10.

18. Keessumaa obboloota tokko tokko rakkinni cimaan akkamii isaan irra gaʼuu dandaʼa?

18 Namoonni daandii jireenyatti geessu irra fiigan tokko tokko immoo rakkinni kan biraan isaan irra gaʼa. Obboloonni kun haalawwan warri kaan arguus taʼe hubachuu hin dandeenye tokko tokko isaan mudatu. Fakkeenyaaf, dhiphina ykn yaaddoo cimaa wajjin qabsoo gochuun isaan barbaachisa taʼa. Tajaajiltoonni Yihowaa jaallatamoo taʼan kun keessumaa rakkinni cimaan akkasii kan isaan irra gaʼu maaliifi? Sababiin isaas, namni tokko harki isaa yoo cabe ykn wiilcharii irratti yoo daangeffame namni hundi rakkina inni ykn ishiin keessa jiran ilaaluu fi gargaarsa gochuuf kakaʼuu dandaʼa. Namoonni karaa miiraa ykn karaa sammuu dhibee qaban garuu wanta alaan mulʼatu akkamii iyyuu qabaachuu dhiisuu dandaʼu. Dhiphinni isaanii akkuma dhiphina nama harki isaa cabe tokko itti dhagaʼamu wajjin kan wal fakkaatu taʼus, warri kaan gara laafina wal fakkaatu isaanitti argisiisuu dhiisuu dandaʼu.

19. Fakkeenya Mefii-Bosheet irraa maal baranna?

19 Humni keessan kan daangeffame yoo taʼee fi namoonni karaa sirrii hin taaneen akka isin hubatan yoo isinitti dhagaʼame, fakkeenya Mefii-Bosheet irraa jajjabina argachuu dandeessu. (2 Sam. 4:4) Inni nama humni isaa daangeffamee fi Daawit Mootichi karaa dogoggoraan hubate ture. Mefii-Bosheet wanti kun kan isa irra gaʼe dogoggora isaatiin hin turre. Haa taʼu malee, kun ilaalcha sirrii hin taane akka qabaatu isa hin goone; kanaa mannaa, wantoota gaggaarii jireenya isaa keessatti argate dinqisiifateera. Gaarummaa Daawit kanaan dura isatti argisiiseef galateeffateera. (2 Sam. 9:6-10) Kanaafuu, yeroo Daawit karaa dogoggora taʼeen isa qabetti, Mefii-Bosheet wanta taʼe hundumaa tilmaama keessa galcheera. Dogoggorri Daawit akka isa mufachiisu hin heyyamne. Wanta Daawit raawwateefis Yihowaa hin komanne. Mefii-Bosheet mootii Yihowaan muude gargaaruuf wanta gochuu dandaʼu irratti xiyyeeffateera. (2 Sam. 16:1-4; 19:24-30) Yihowaanis fakkeenyi gaariin Mefii-Bosheet kaaʼe faayidaa keenyaaf jecha Dubbii Isaa keessatti akka galmeeffamu godheera.—Rom. 15:4.

20. Dhiphinni obboloota tokko tokko irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Taʼus, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu?

20 Obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko dhiphina cimaa isaan irra gaʼuun kan kaʼe namoota kaan biratti baayʼee kan sodaatanii fi ija laafeyyii akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Namoota hedduu gidduuti argamuun kan isaanitti ulfaatu taʼus, walgaʼiiwwan gumii, aanaa fi naannoo irratti argamuu isaanii itti fufu. Nama hin beeknetti dubbachuun kan isaanitti ulfaatu taʼus, tajaajila irratti warra kaanitti ni dubbatu. Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa akka hin taane mirkanaaʼaa taʼi. Namoonni hedduun haala akkasii wajjin walʼaansoo godhu. Yihowaan carraaqqii lubbuu keessan guutuudhaan gootanitti akka gammadu yaadadhaa. Abdii kutachuu dhiisuun keessan inni isin eebbisaa fi jabina isin barbaachisu isiniif kennaa akka jiru mirkaneessa. * (Filp. 4:6, 7; 1 Phe. 5:7) Dhibee qaamaa fi sammuu dandamattanii Yihowaa tajaajilaa jirtu taanaan, isa gammachiisaa akka jirtan mirkanaaʼoo taʼuu dandeessu.

21. Hundi keenya gargaarsa Yihowaatiin maal gochuu dandeenya?

21 Kan nama gammachiisu dorgommii fiigichaa kallattiidhaan godhamuu fi dorgommii Phaawulos waaʼee isaa dubbate gidduu garaa garummaan tokko tokko jira. Bara duriitti dorgommii fiigichaa kallattiidhaan godhamu irratti badhaasicha kan argatu nama tokko qofa dha. Haala kana irraa faallaa taʼeen, Kiristiyaanni amanamummaadhaan daandii jireenyaa irra fiiguu isaa itti fufu hundi badhaasa jireenya bara baraa ni argata. (Yoh. 3:16) Dorgommii fiigichaa kallattiidhaan godhamu irratti fiigdonni hundi qaamni isaanii fayyaa taʼuu qaba ture; kun taʼuu baannaan, moʼuuf carraan isaan qaban xiqqoo dha. Karaa kan biraatiin immoo hedduun keenya dhibee fayyaa kan qabnu taʼus, jabaannee dhaabbachaa jirra. (2 Qor. 4:16) Hundi keenya gargaarsa Yihowaatiin dorgommii sana hamma dhumaatti fiiguu ni dandeenya!

FAARFANNAA 144 Badhaasicha Irratti Xiyyeeffadhu!

^ key. 5 Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Yihowaa hedduun rakkoowwan sababa dullumaatiin dhufaniin kan kaʼe ni rakkatu; hedduun isaanii immoo dhibeewwan fayyaa hammaachaa deemanii wajjin jiraachuuf dirqamaniiru. Darbee darbee hundi keenya dadhabbiin nutti dhagaʼama. Kanaafuu, yaanni fiigicha jedhu kan nama sodaachisu fakkaachuu dandaʼa. Mata dureen kun hundi keenya jabinaan fiiguu fi dorgommii jireenyaa Phaawulos ergamaan waaʼee isaa dubbate irratti moʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa.

^ key. 6 Mata duree “Kitaabni Qulqulluun Jireenya Namootaa Ni Jijjiira” jedhuu fi barruu Masaraa Eegumsaa Amajjii 1, 2013⁠tti baʼe ilaali.

^ key. 20 Dhiphina dandamachuu, akkasumas muuxannoo obboloota akka gaariitti dhiphina dandamatanii ilaalchisee yaadawwan dabalataa hojii irra ooluu dandaʼan argachuu yoo barbaadde sagantaa Caamsaa 2019 jw.org® irraa ilaali. (Amaariffa) LAAYIBRARII > JW BIROODKAASTINGII® irraa ilaali.

^ key. 63 IBSA FAKKII: Obboleessi maanguddoon kun tajaajilaan qabamuun isaa daandii Kiristiyaanaa isa sirrii irra deemuu isaa akka itti fufu isa gargaareera.

^ key. 65 IBSA FAKKII: Dhugaatii alkoolii hedduu akka dhugan isaan dirqisiisuudhaan ykn ofii keenyaaf akka malee dhuguudhaan warra kaan gufachiisuu dandeenya.

^ key. 67 IBSA FAKKII: Obboleessi tokko yeroo hospitaala keessa ciisee jirutti illee, warra kunuunsa isaaf godhaniif dhugaa baʼuudhaan dorgommii Kiristiyaanaa gochuu isaa itti fufeera.