MASARAA EEGUMSAA—MAXXANSA QOʼANNAA Fulbaana 2018

Maxxansi kun mata dureewwan qoʼannaa Onkoloolessa 29 hanga Muddee 2, 2018⁠tti jiran kan qabate dha

“Isin Wantoota Kana yoo Beektanii fi yoo Hojii Irra Oolchitan Gammadoo Dha”

Amala gad of qabuu keenya eeggannee itti fufuu kan dandeenyu karaawwan kamiini dha? Kana gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Kiristiyaanonni Maanguddoota Taatan—Yihowaan Amanamummaa Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna

Yeroo harʼaa Kiristiyaanonni maanguddoo taʼan humna isaanii akka beekan kan argisiisan akkamitti?

Jaalala Nama Ijaaru Argisiisuu Keessan Itti Fufaa

Guyyoota dhumaa rakkisaa taʼan kanatti akkamitti wal jajjabeessuu akka dandeenyu hubadhaa.

Warri “Waaqa Gammadaa” Tajaajilan Gammadoo Dha

Rakkoowwan jiraatanis gammadoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

Saʼaatiin Meeqa?

Namoonni bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti turan saʼaatii akkamitti lakkaaʼu turan?

Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada

Yihowaan warra kaaniif yaaduu irratti fakkeenya gaarii kan taʼe akkamitti?

Namaaf Yaaduu fi Gaarummaa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa

Maatii, gumii fi tajaajila irratti karaawwan warra kaaniif itti yaaddan baradhaa.