Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada

Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada

“Akka nuyi itti hojjetamne [Yihowaan] in beeka, biyyoo taʼuu keenyas in yaadata.”—FAR. 103:14.

FAARFANNAA: 30, 10

1, 2. (a) Namoota aangoo guddaa qaban irraa haala adda taʼeen, Yihowaan namoota kan qabu akkamitti? (b) Mata duree kana keessatti maal qoranna?

NAMOONNI aangoo guddaa qabanii fi namoota irratti dhiibbaa gochuu dandaʼan yeroo baayʼee warra kaan irratti ‘gooftaa taʼu’ akkasumas isaan hacuucu. (Mat. 20:25; Lal. 8:9) Yihowaan garuu haalli isaa kana irraa baayʼee adda dha! Inni Hundumaa kan Dandaʼu taʼus, namoota cubbuu dhaalaniif gad fageenyaan yaada. Inni gaarummaa ni argisiisa akkasumas namaaf ni yaada. Miira keenyaaf akka yaadu ni argisiisa, akkasumas wantoota nu barbaachisaniif xiyyeeffannaa kenna. ‘Biyyoo taʼuu keenyas waan yaadatuuf’ wanta gochuu dandeenyu caalaa akka goonu nu hin gaafatu.—Far. 103:13, 14.

2 Kitaabni Qulqulluun karaawwan Yihowaan tajaajiltoota isaatiif akka yaadu itti argisiise ilaalchisee fakkeenyota hedduu qabateera. Mee isaan keessaa sadii irratti haa xiyyeeffannu. Tokkoffaa, karaa Waaqayyo Saamuʼel isa ijoollee tureef yaaduudhaan ergaa murtii Eelii isa Luba Ol Aanaa turetti akka dubbatu itti gargaare; lammaffaa, yeroo Museen geggeessaa Israaʼel taʼee tajaajiluu didetti akkaataa inni obsa isatti argisiisee fi sadaffaa, akka namaaf yaadu karaa argisiisuun akkaataa inni Israaʼeloota Gibxii keessaa itti baase. Fakkeenyota kana yommuu qorru, waaʼee Yihowaa maal akka nu barsiisanii fi barumsawwan hojii irra oolchuu dandeenyu haa hubannu.

AKKA ABBAATTI SAAMUʼELIIF AKKA YAADU ARGISIISEERA

3. Gaaf tokko halkan wanta adda taʼe akkamiitu Saamuʼeliin mudate? Kun hoo gaaffii akkamii kaasa? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

3 Saamuʼel godoo qulqullaaʼaa keessatti ‘Waaqayyoof hojjechuu’ kan jalqabe ijoollummaa isaatti ture. (1 Sam. 3:1) Gaaf tokko halkan Saamuʼel erga rafee booda, wanti baayʼee adda taʼe tokko ni raawwatame. * (1 Saamuʼel 3:2-10 dubbisi.) Sagaleen tokko yommuu isa waamu dhagaʼe. Saamuʼel, Eelii maanguddichi inni Luba Ol Aanaa taʼe akka isa waame waan yaadeef, fiigee gara isaa dhaquudhaan, “Kunoo, asan jira, maal jette?” isaan jedhe. Eeliin akka isa hin waamne dubbate. Sana booda wanti akkasii yeroo lama yommuu taʼu, Eeliin Saamuʼeliin waamaa kan jiru Waaqayyo akka taʼe hubate. Kanaafuu inni akkamitti deebii kennuu akka qabu isatti hime, Saamuʼelis ni ajajame. Yihowaan jalqabuma irratti karaa maleekaa isaa Saamuʼelitti kan of hin beeksisne maaliif ture? Kitaabni Qulqulluun maaliif akka taʼe kan hin ibsine taʼus, wantoonni sana booda raawwataman Yihowaan Saamuʼeliif baayʼee yaadee akka ture argisiisu. Akkamitti?

4, 5. (a) Saamuʼel itti gaafatamummaa Waaqayyo isaaf kenneef deebii akkamii kenne? Ganama itti aanutti hoo maaltu taʼe?(b) Seenaan kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?

4 1 Saamuʼel 3:11-18 dubbisi. Seerri Yihowaa ijoolleen maanguddoo keessumaa immoo nama aangoo qabu akka kabajan isaan ajajeera. (Bau. 22:28; Lew. 19:32) Kanaafuu, namni akka Saamuʼel ijoollee taʼe ganamaan kaʼee ija jabinaan ergaa murtii Waaqayyoo Eeliitti hima jedhanii yaaduun ulfaataa dha. Seenaan isaa, Saamuʼel ‘mulʼata arge sana Eliitti himuu akka sodaate’ dubbata. Haa taʼu malee, Waaqayyo Saamuʼeliin akka waamaa ture Eeliidhaaf ifa godhe. Kanaan kan kaʼe Eeliin haala isaa waan hubateef, Saamuʼel akka isatti himu gaafate. Achiis, ‘Wanta inni sitti dubbate hundumaa keessaa tokko illee ana hin dhoksin’ jedhee isa ajaje. Saamuʼelis ajajamuudhaan, wanta hundumaa ‘utuu hin dhoksin isatti hime.’ Wanti Saamuʼel dubbate Eeliidhaaf guutummaatti haaraa hin turre. Kun wanta “namni Waaqayyoo” maqaan isaa hin ibsamne tokko isatti dubbatee ture wajjin kan wal simu ture.

5 Seenaan kun Yihowaan hammam akka namaaf yaaduu fi ogeessa akka taʼe argisiisa. Waaqayyo Saamuʼeliin waamaa kan ture isa akka taʼe Eeliidhaaf ifa godheera. Kunis Eeliin Saamuʼelitti dubbachuuf dursa akka fudhatu kan isa kakaase siʼa taʼu, Saamuʼel yeroo kanatti raajii Waaqayyoo taʼee tajaajilaa kan jiru taʼus, ajajamuu isaa itti fufee ture.—1 Sam. 2:27-36. Seenaan waaʼee Saamuʼelii fi Eelii dubbatu Yihowaan baayʼee akka namaaf yaaduu fi ogeessa akka taʼe argisiisa.

6. Karaa Waaqayyo Saamuʼel isa ijoollee ture itti gargaare irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

6 Atoo ijoollee dhaa? Taanaan, seenaan waaʼee Saamuʼel ibsu, Yihowaan rakkoowwan si mudachaa jiranii fi miira sitti dhagaʼamu akka hubatu argisiisa. Tarii ija laafessa waan taateef, ergaa Mootummichaa namoota guguddaa taʼanitti himuun ykn hiriyoota kee irraa adda taatee mulʼachuun sitti ulfaata taʼa. Taʼus, Yihowaan si gargaaruu akka barbaadu mirkanaaʼaa taʼi. Kanaafuu, wanta garaa kee keessa jiru kadhannaadhaan isa duratti dhangalaasi. (Far. 62:8) Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessa jiran kan akka Saamuʼel isa ijoollee turee irratti xiinxali. Kana malees, ijoollees taʼan maanguddoota, Kiristiyaanota hidhata kee taʼanii fi rakkoowwan si mudachaa jiran moʼan haasofsiisi. Tarii karaa isaan matumaa hin eegneen, Yihowaan isaan gargaaree akka ture sitti himuu dandaʼu.

MUSEEDHAAF AKKA YAADU ARGISIISEERA

7, 8. Yihowaan Museedhaaf baayʼee akka yaadu kan argisiise akkamitti?

7 Museen yommuu umuriin isaa waggaa 80 taʼu Yihowaan itti gaafatamummaa ulfaataa isaaf kenne. Israaʼeloota garbummaa Gibxii jalaa isaan baasuu qaba ture. (Bau. 3:10) Museen Miidiyaan keessatti waggaa 40f tiksee taʼee tajaajilaa waan tureef, itti gaafatamummaa kana fudhachuun isa naasisee taʼuu hin oolu. “Gara mootii Gibxii dhaqee, saba Israaʼel biyya Gibxiitii kanan baasu ani eenyu?” jedheera. Waaqayyos, “Ani sii wajjin nan taʼa” jechuudhaan irra deebiʼee Museedhaaf mirkaneesseera. (Bau. 3:11, 12) Kana malees, jaarsoliin Israaʼel, “dubbii kee in dhagaʼu” jechuudhaan waadaa isaaf galeera. Taʼus, Museen, ‘Dubbii koo hin dhagaʼan taʼa’ jedhee deebise. (Bau. 3:18; 4:1) Museen Yihowaan dogoggoree taʼuu dandaʼa jechaa waan ture fakkaata! Taʼus, Yihowaan obsa argisiisuu isaa itti fufe. Kana irra darbee iyyuu wanta godhe qaba. Museen dinqii akka raawwatu humna isaaf kennuudhaan, humna akkasii qabaachuu irratti namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffaman keessaa isa jalqabaa akka taʼu isa godheera.—Bau. 4:2-9, 21.

8 Museen nama akka gaariitti dubbachuu hin dandeenye akka taʼe ibsuudhaan ammas sababii dhiheessuu isaa itti fufe. Waaqayyos deebisee, “Ani immoo akka ati dubbattuuf sin gargaara! Waan ati dubbattus sin barsiisa!” jedhe. Maarree Museen dhuma irratti tole jedheeraa? Tole akka hin jenne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama; sababiin isaas gad of qabuudhaan nama kan biraa akka ergu Waaqayyoon gaafateera. Yeroo kanatti Yihowaan aaruun isaa sirrii dha. Taʼus, ejjennoo isaatti hin cichine. Kanaa mannaa, ammas miira Museetiif yaaduu isaa itti fufuudhaan, Aaron bakka Musee buʼee akka dubbatu isaaf muudeera.—Bau. 4:10-16.

9. Yihowaan obsaa fi gaarummaa argisiisuun isaa Museen itti gaafatamummaa isaa akka raawwatu akkamitti isa gargaare?

9 Seenaan kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? Waaqa Hundumaa Dandaʼu waan taʼeef, Museen yaada isaa dafee akka fudhatu isa sodaachisuu ni dandaʼa ture. Kanaa mannaa Yihowaan, tajaajilaa isaa isa humna isaa beekuu fi gad of qabu kanaa wajjin akka taʼu, obsaa fi gaarummaadhaan irra deddeebiʼee isaaf mirkaneesseera. Akka kanaan isaaf yaaduun isaa buʼaa argamsiiseeraa? Eeyyee! Museen akkuma Yihowaan isaaf godhe, warra kaan garraamummaadhaan qabuu fi akka isaaniif yaadu argisiisuudhaan, geggeessaa beekamaa taʼeera.—Lak. 12:3.

Hariiroo namoota kaanii wajjin qabduun fakkeenya Yihowaa ni hordoftaa? (Keeyyata 10 ilaali)

10. Namaaf yaaduudhaan fakkeenya Yihowaa yommuu hordofnu faayidaa akkamii arganna?

10 Barumsa hojii irra oolchuu dandeenyu: Ati abbaa manaa, abbaa ykn jaarsa gumiitii? Taanaan, hamma taʼe tokko aangoo qabda. Kanaafuu namoota kunuunsa kee jala jiraniif yaaduu, akkasumas gaarummaa fi obsa isaanitti argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun kee barbaachisaadha! (Qol. 3:19-21; 1 Phe. 5:1-3) Fakkeenya Yihowaa fi Yesuus Kiristoos isa Musee Guddicha taʼee hordofuuf yommuu carraaqxu salphaatti namoonni sitti dhihaatu, warra kaaniifis boqonnaa argamsiista. (Mat. 11:28, 29) Akkasumas fakkeenya gaarii isaaniif ni taata.—Ibr. 13:7.

SODAACHISAA TAʼUS FAYYISAA NAMAA YAADU

11, 12. Yihowaan Israaʼeloota yommuu Gibxii keessaa baasu, nagaa fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu kan godhe akkamitti?

11 Israaʼeloonni Dh.K.D. bara 1513⁠tti yommuu Gibxii keessaa baʼan miliyoona sadii ol taʼuu hin oolan. Namoonni kun dhaloota sadii hamma afurii waan taʼaniif, ijoolleen, maanguddoonnii fi namoonni dadhaboon ykn hirʼina qaamaa qaban isaan gidduu jiraachuun isaanii hin shakkisiisu. Tuuta namootaa guddaa akkasii geggeessanii Gibxii keessaa baasuun, Geggeessaa hubataa fi namaaf yaadu akka barbaachisu beekamaa dha. Yihowaan karaa Musee gaggeessaa akkasii taʼuu isaa argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, Israaʼeloonni mana isaanii isa keessa jiraachaa turan dhiisanii yommuu baʼan tasgabbiin isaanitti dhagaʼameera.—Far. 78:52, 53.

12 Yihowaan sabni isaa nagaa fi tasgabbiin akka isaanitti dhagaʼamu kan godhe akkamitti? Tokkoffaa, Gibxii keessaa kan isaan baase “akka loltoonni waraanaaf tarree galanii baʼanitti” jechuunis akka gaariitti isaan gurmeessee ture. (Bau. 13:18, NW) Gurmaaʼinni akkasii Waaqni isaanii haala jiru akka toʼatu Israaʼelootaaf mirkaneessee taʼuu qaba. Kana malees Yihowaan, “guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo ibsaa ibiddaatiin” akka isaanii wajjin jiru ifatti mulʼiseera. (Far. 78:14) Kana jechuun Yihowaan, “Hin sodaatinaa. Ani isin geggeessuu fi isin eeguuf isinii wajjinan jira” akka jedhetti kan lakkaaʼamu ture. Dhuguma iyyuu wabiin akkasii yeroo muraasa booda ni barbaachisa ture!

Yihowaan Galaana Diimaa biratti wanta Israaʼelootaaf akka yaadu argisiisu akkamii raawwate? (Keeyyata 13 ilaali)

13, 14. (a) Yihowaan Galaana Diimaa biratti wantoota Israaʼelootaaf akka yaadu argisiisan akkamii raawwate? (b) Yihowaan Gibxoota irratti humna isaa kan argisiise akkamitti?

13 Baʼuu 14:19-22 dubbisi. Mee loltoota Faraʼoonii fi Galaana Diimaa gidduu jiraachuu keetiin kan kaʼe karaa itti baatu akka dhabde godhii yaadi. Achiis Waaqayyo tarkaanfii fudhate. Utubaan duumessaa gara duuba buufatichaatti naannaʼuudhaan, Gibxoota ittisee dukkana keessa akka taʼan isaan godhe. Buufanni balʼaan ati keessa jirtu garuu ifa argachaa jira! Boodas, Museen harka isaa galaanicha irratti yommuu diriirsu argite, achiis qilleensi bahaa cimaan dhufee karaa balʼaa gara gamaatti ceesisu bane. Ati, maatiin kee fi beelladoonni kee namoota kaanii wajjin karaa balʼaa baname sana irra deemuu jalqabdan. Yeruma sana wanta haaraa taʼe tokko argite. Karichi dhoqqee hin qabu ykn nama hin mucuceessu; gogaa fi jabaataa waan taʼeef irra deemuuf salphaa dha. Kanaan kan kaʼes, warri suuta jedhanii deeman illee nagaadhaan gara gamaatti ceʼaniiru.

14 Baʼuu 14:23, 26-30 dubbisi. Kana gidduutti, Faraʼoon inni gowwaa fi of tuulaa taʼe, isaan ariʼuuf dafee karicha irra buʼe. Ammas Museen harka isaa galaanicha irratti diriirse. Yeroo kanatti bishaan bitaa fi mirgaan tuulamee ture walitti deebiʼe. Galaanichi karaa lamaaniinuu akka sunaamii kallattii lamaan walitti adeemuutti walitti rukutame. Faraʼoonii fi loltoonni isaa ooluuf carraa hin arganne!—Bau. 15:8-10.

15. Seenaan kun waaʼee Yihowaa maal si barsiise?

15 Seenaan kun Yihowaan Waaqa seera qabeessa akka taʼe kan argisiisu siʼa taʼu, amalli kun immoo nagaa fi tasgabbiin akka nutti dhagaʼamu nu gargaara. (1 Qor. 14:33) Kana malees Yihowaan saba isaa karaawwan qabatamaa taʼaniin kunuunsuudhaan tiksee jaalala qabeessa taʼuu isaa argisiiseera. Diinota isaanii irraa isaan eeguudhaan nageenyi akka isaanitti dhagaʼamu godheera. Dhuma sirna kanaatti dhihaachaa yommuu jirru kanatti, dhugaawwan kana beekuun baayʼee nama jajjabeessa.—Fak. 1:33.

16. Akkaataa Yihowaan Israaʼeloota itti oolche qoruudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Yeroo harʼaas Yihowaan saba isaa akka gareetti, karaa hafuuraa fi qaamaa kunuunsaa jira. Yeroo rakkina guddaa isa saffisaan dhihaachaa jiruttis kana gochuu isaa itti fufa. (Mul. 7:9, 10) Kanaafuu, ijoollees taane ykn maanguddoo, fayya buleessa ykn hirʼina qaamaa kan qabnu, sabni Waaqayyoo yeroo rakkina guddaatti hin naʼan ykn hin sodaatan. * Kanaa mannaa, wanta kana irraa faallaa taʼe raawwatu! Yaada Yesuus Kiristoos, “Fayyinni keessan waan dhihaateef, kaʼaa dhaabadhaa, mataa keessanis ol qabadhaa” jechuudhaan dubbate yaadatti qabatu. (Luq. 21:28) Yeroo Goog, jechuunis saboonni waltaʼiinsa uumanii fi Faraʼoon isa bara durii caalaa humna qaban haleellaa geessisanitti illee amanannaa akkasii ni qabaatu. (His. 38:2, 14-16) Sabni Waaqayyoo amanannaa isaanii eeganii kan itti fufan maaliifi? Yihowaan akka hin jijjiiramne waan beekaniifi dha. Inni ammas kunuunsa kan godhuu fi Fayyisaa namaaf yaadu taʼuu isaa ni argisiisa.—Isa. 26:3, 20.

17. (a) Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu akkaataa Yihowaan saba isaa itti kunuunse ibsan irraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii qoranna?

17 Fakkeenyonni mata duree kana keessatti ibsaman, Yihowaan karaa gaarummaa qabuu fi akka namaaf yaadu argisiisuun, saba isaa akka kunuunsu, qajeelchuu fi oolchu kanneen argisiisan keessaa muraasa qofa dha. Seenaawwan akkasii irratti yommuu xiinxaltu, wantoota amalawwan Yihowaa ati sana dura akka gaariitti hin beekne argisiisan qalbeeffadhu. Kana gochuun kee amalawwan gaggaariin sun caalaatti sammuu fi garaa kee keessa akka seenan gochuudhaan jaalala Waaqayyoof qabduu fi amantii isa irratti qabdu siif cimsu. Mata dureen itti aanu warra kaaniif yaaduu irratti karaawwan fakkeenya Yihowaa itti hordofnu ibsa. Maatii, gumii Kiristiyaanaa fi tajaajila irratti xiyyeeffanna.

^ key. 3 Joseefas inni seenaa Yihudootaa barreesse Saamuʼel yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 12 akka ture dubbateera.

^ key. 16 Namoota Armaagedoon irraa oolan keessaa tokko tokko hirʼina qaamaa kan qaban taʼuu dandaʼu jedhanii yaaduun sirrii dha. Yesuus yeroo lafa irra turetti, namoota “dhibee gosa hundumaa” qaban kan fayyise siʼa taʼu, kunis warra duʼaa kaafamaniif utuu hin taʼin, warra Armaagedoon irraa oolaniif maal akka godhu argisiisa. (Mat. 9:35) Warri duʼaa kaafaman fayyaa guutuu akka qabaatan hin shakkisiisu.