Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jaalala Nama Ijaaru Argisiisuu Keessan Itti Fufaa

Jaalala Nama Ijaaru Argisiisuu Keessan Itti Fufaa

“Jaalalli garuu nama ijaara.”—1 QOR. 8:1.

FAARFANNAA: 109, 121

1. Yesuus galgala yeroo dhumaatiif barattoota isaa wajjin dabarsetti dhimma barbaachisaa akkamii irratti isaanii wajjin mariʼate?

YESUUS galgala yeroo dhumaatiif barattoota isaa wajjin dabarsetti, jaalala gara al 30 caqaseera. Barattoonni isaa, ‘wal jaallachuu’ akka qaban adda baasee ibseera. (Yoh. 15:12, 17) Jaalalli isaan waliif qaban baayʼee guddaa waan taʼuuf, duuka buutota isaa warra dhugaa akka taʼan ifatti beeksisa. (Yoh. 13:34, 35) Jaalalli kun miira qofa miti. Yesuus amala iddoo guddaa qabu, jechuunis waaʼee jaalala fedhii ofii aarsaa godhuu dubbachaa ture. Yesuus, “Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu illee jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu. Wanta ani isin ajaju yoo hojjettan, isin michoota koo ti” jedheera.—Yoh. 15:13, 14.

2. (a) Tajaajiltoota Waaqayyoo gidduutti maal argina? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?

2 Jaalalli dhugaan fedhii ofii aarsaa godhuu fi tokkummaa cimaan tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiran qaban, saba Waaqayyoo akka taʼan addaa baasee isaan beeksisa. (1 Yoh. 3:10, 11) Tajaajiltoonni Yihowaa biyyi, gosti, qooqni ykn akkaataan guddinaa isaanii maal iyyuu yoo taʼe, jaalalli akka Kiristoos gidduu isaanii baayʼinaan jiraachuu isaatti guddaa galateeffanna! Haa taʼu malee, ‘Keessumaa yeroo harʼaa jaalalli barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yihowaa fi Yesuus jaalalaan kan nu ijaaran akkamitti? Nutoo dhuunfaatti jaalala akka Kiristoos isa ‘nama ijaaru’ argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?’ jennee gaafanna taʼa.—1 Qor. 8:1.

JAALALLI KEESSUMAA AMMA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

3. “Yeroon addaa” kun namoota irratti dhiibbaa gochaa kan jiru akkamitti?

3 ‘Yeroo addaa’ kanatti jireenyi ‘dadhabbii fi rakkinaan’ waan guutameef, namoonni baayʼeen dhiphina miiraa sadarkaa adda addaa qabuun rakkachaa jiru. (Far. 90:10; 2 Xim. 3:1-5) Namoonni lakkoofsi isaanii hangana hin jedhamne abdii akka kutatan isaanitti dhagaʼama. Waggaa waggaadhaan namoonni 800,000 ol taʼan akka of ajjeesan ni tilmaamama, kun immoo sekoondii 40⁠tti gara nama tokkootu of ajjeesa jechuu dha. Kan nama gaddisiisu, Kiristiyaanonni tokko tokko illee dhiibbaa kanaaf harka kennuudhaan of ajjeesaniiru.

4. Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi duʼuuf hawwii akka qaban ibsan eenyufaʼi?

4 Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoon bara duriitti turan tokko tokkos haala isaan mudatetti baayʼee abdii waan kutataniif duʼuu akka qaban isaanitti dhagaʼamee ture. Fakkeenyaaf Iyoob inni baayʼee dhiphatee ture: “Ani jireenya koo nan balfe; jiraachuu koo itti fufuu hin barbaadu” jechuudhaan miira gaddaatiin dubbateera. (Iyo. 7:16; 14:13, NW) Yoonaasis itti gaafatamummaa isaaf kenname irratti wantoonni isa mudatan baayʼee abdii waan isa kutachiisaniif, “Amma . . . yaa Waaqayyo, ani jiraachuu irra duʼuu anaaf wayya, hadaraa lubbuu koo ana keessaa fuudhi!” jechuudhaan dubbateera. (Yon. 4:3) Raajii amanamaa kan ture Eliyaasis yeroo tokko haalli inni keessa ture dhiibbaa akka isa irratti godhe waan isatti dhagaʼameef, “Amma na gaʼaatii yaa Waaqayyo na ajjeesi!” jechuudhaan duʼuuf gaafatee ture. (1 Mot. 19:4) Haa taʼu malee, Yihowaan tajaajiltoota isaaf bulan kanneeniif iddoo guddaa kenna akkasumas akka jiraatan barbaada. Miira isaanitti dhagaʼame kanaaf isaan ceephaʼuu mannaa amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaanii akka itti fufaniif fedhii duʼuuf qaban akka moʼan isaan gargaareera akkasumas jaalalaan isaan ijaareera.

5. Obboloonnii fi obboleettonni keenya keessumaa yeroo ammaa jaalalli keenya kan isaan barbaachisu maaliifi?

5 Obboloonnii fi obboleettonni keenya miirri abdii kutachuu isaanitti dhagaʼamuu baatus baayʼeen isaanii haalawwan dhiphisoo taʼan isaan mudata akkasumas jaalalaan ijaaramuu isaan barbaachisa. Tokko tokko ariʼatamnii fi qoosaan isaan mudata. Kaan immoo bakka hojii isaaniitti ni balaaleffatamu ykn ni hamatamu. Yookiin immoo saʼaatii dabalataa waan hojjetaniif baayʼee dadhabu ykn hojii nama dhiphisu hojjetu. Warri kaan immoo rakkinoonni maatii humna nama dhabsiisan isaan mudata, tarii hiriyaa gaaʼelaa hin amanne irraa dhiibbaan isaan irra gaʼa taʼa. Dhiibbaa kanaa fi kan birootiin kan kaʼe obboloonni gumii keessa jiran baayʼeen karaa qaamaa fi miiraa akka dadhaban isaanitti dhagaʼama. Maarree, warra abdii kutatan kana gargaaruu kan dandaʼu eenyudha?

JAALALA YIHOWAATIIN IJAARAMAA

6. Yihowaan tajaajiltoota isaa jaalalaan kan ijaaru akkamitti?

6 Yihowaan akka isaan jaalatu waaqeffattoota isaatiif irra deddeebiʼee mirkaneessuudhaan isaan ijaara. Israaʼeloonni amanamoo taʼan jechoota Yihowaan, ‘Ati ana duratti gati-jabeessaa fi ulfina-qabeessa waan taateef, ani si jaalladheera, ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin!’ jechuudhaan dubbate kana yommuu dhagaʼan baayʼee jajjabaatanii taʼuu qaba. (Isa. 43:4, 5) Tajaajiltoota Yihowaa keessaa tokko waan taateef Yihowaan baayʼee akka si jaallatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. * Dubbiin Waaqayyoo warra waaqeffannaa dhugaa hordofaniif, “Inni oolchuudhaaf aango-qabeessa; inni of irraa buʼee sitti in gammada” jechuudhaan abdii kenna.—Sef. 3:16, 17.

7. Jaalalli Yihowaa haadha mucaa ishii kunuunsituu wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

7 Yihowaan qorumsi saba isaa mudatu maal iyyuu yoo taʼe isaan deeggaruu fi jajjabeessuuf waadaa galeera. “[Isin] akka mucaatti kaasuu ishee irratti in baatamtu, gudeeda ishee irrattis in ururfamtu. Haati mucaa ishee akkuma urursitu, anis akkasuma isin nan urursa” (Isa. 66:12, 13) Haati jaalala qabeettii taate takka mucaa ishii dugdatti yommuu baattu ykn jilba ishii irratti yommuu urursitu tasgabbii guddaatu isatti dhagaʼama! Yihowaan karaa kanaan jaalalli inni waaqeffattoota isaatiif qabu hammam guddaa akka taʼee fi gadi fageenya akka qabu fakkeenya miira namaa tuqutti fayyadamee ibseera. Yihowaa biratti gatii guddaa akka qabduu fi jaalatamaa akka taate matumaa hin shakkin.—Er. 31:3.

8, 9. Jaalalli Yesuus nu cimsuu kan dandaʼu akkamitti?

8 Kiristiyaanonni dhugaan Waaqayyo akka isaan jaalatu amanuuf sababii gara biraas qabu. “Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.” (Yoh. 3:16) Yesuusis lubbuu isaa nuuf kennuudhaan jaalala argisiiseera! Jaalalli inni nuuf qabu kunis baayʼee nu cimsa! Dubbiin Waaqayyoo ‘rakkinni ykn dhiphinni’ illee “jaalala Kiristoos irraa gargar nu baasuu” akka hin dandeenye abdii kenna.—Rom. 8:35, 38, 39.

9 Qorumsi karaa qaamaa, miiraa ykn hafuuraa nu dadhabsiisu yeroo nu mudatu jaalalli Kiristoos inni humna guddaa qabu jabaannee dhaabbachuuf cimina nuu kennuu dandaʼa. (2 Qorontos 5:14, 15 dubbisi.) Qorumsawwan akka balaa uumamaa, ariʼatamaa, abdii kutachuu ykn dhiphina cimaa jiran yommuu nu mudatanitti illee jaalalli Yesuus jabaannee akka dhaabbannuu fi abdii akka hin kutanne humna nuu kenna.

OBBOLOOTA KEENYA JAALALLI KEENYA ISAAN BARBAACHISA

Fakkeenya Yesuus qoʼachuun warra kaan jajjabeessuuf si kakaasuu dandaʼa (Keeyyata 10, 11 ilaali)

10, 11. Obboloota dhiphatan ijaaruuf itti gaafatamummaa kan qabu eenyudha? Ibsi.

10 Karaa Yihowaan jaalalaan itti nu ijaaru tokko gumii Kiristiyaanaa ti. Nutis dhuunfaatti, Obbolootaa fi obboleettota keenya jaalachuu fi karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa miiraas isaan ijaaruudhaan jaalala Yihowaan nutti argisiise deebisnee argisiisuu dandeenya. (1 Yoh. 4:19-21) Phaawulos ergamaan, “Akkuma amma gochaa jirtan wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa” jechuudhaan Kiristiyaanota jajjabeesseera. (1 Tas. 5:11) Eeyyee, jaarsolii qofa utuu hin taʼin warri gumii keessa jiran hundi obbolootaa fi obboleettota jajjabeessuu fi ijaaruudhaan fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hordofuu dandaʼu.—Roomaa 15:1, 2 dubbisi.

11 Warri dhiphina cimaa qabanii fi gumii keessa jiran tokko tokko gargaarsi ogeessa fayyaa fi qorichi isaan barbaachisa taʼa. (Luq. 5:31) Jaarsolii fi warri gumii keessa jiran kaan ogeeyyii fayyaa sammuu akka hin taane gad of qabuudhaan amananii fudhatu. Haa taʼu malee, isaanis taʼan warri gumii keessa jiran kaan, ‘warra dhiphatan jajjabeessuu, warra dadhaboo deggeruu fi hundumaatti obsa argisiisuu’ irratti gaʼee guddaa qabu. (1 Tas. 5:14) Kiristiyaanonni hundi dubbii nama jajjabeessu dubbachuudhaan warra dhiphatan ijaaruuf, jaalala garaadhaa maddee fi obsa isaanitti argisiisuu qabu. Atoo madda jajjabinaa taʼaa jirtaa? Gargaarsa akkasii akkamitti akka kennitu beekuun kee caalaatti buʼa qabeessa akka taatu si gargaaruu dandaʼa.

12. Nama gumiin jaalalaan isa ijaare tokko akka fakkeenyaatti caqasi.

12 Jaalalli keenya namoota dhiphina cimaa qaban ijaaruu kan dandaʼu akkamitti? Obboleettiin Awurooppaa keessa jiraattu takka, “Yeroon itti of ajjeesuuf yaadee ture jira” jetteetti. “Haa taʼu malee, mala gaarii ittiin deggersa argadhu qaba. Gumiin ani keessa jiru lubbuu koo oolcheera. Obboloonnii fi obboleettonni yeroo hundumaa na jajjabeessu, akkasumas jaalala natti argisiisu. Akka ani dhiphina qabu kan beekan namoota muraasa yoo taʼan illee, gumiin yeroo hundumaa na gargaara. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko akka maatii hafuuraa koo naaf taʼaniiru. Akka gaariitti na kunuunsu akkasumas guyyaatti saʼaatii 24 na gargaaruuf qophaaʼoodha.” Dhugaa dha, namni hundi wal qixa gargaarsa kennuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, dhugumaan akka isaan gargaarru argisiisuun keenya, namoota dhiphina cimaa qaban irratti jijjiirama guddaa fiduu dandaʼa. *

WARRA KAAN JAALALAAN IJAARUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

13. Warra kaan ijaaruuf wanti baayʼee barbaachisaa taʼe maalidha?

13 Akka gaariitti dhaggeeffadhu. (Yaq. 1:19) Akka namaaf gaddan karaa argisiisuun dhaggeeffachuun jaalala argisiisuudha. Miira nama dhiphate sanaa hubachuuf, gaaffiiwwan malaan qophaaʼanii fi gara laafina argisiisan gaafachuu dandeessa. Kana kan gootu taanaan, miira obboleessa kee sanaa hubachuu fi isa ijaaruu dandeessa. Dhugumaan akka isaaf yaadduu fi akka isa jaallattu fuula kee irraa akka mulʼatu godhi. Kiristiyaanni sun waan hundumaa tokko tokkoon ibsuu akka qabu yoo isatti dhagaʼame, obsa qabaadhu, akkasumas dubbii isaa akka addaan hin kunne miira kee toʼadhu. Obsaan dhaggeeffachuudhaan miira isatti dhagaʼamu caalaatti hubachuu dandeessa. Kunis obboleessi ykn obboleettiin dhiphatan sun amanannaa si irratti qabaachuudhaan, wanta ati isaan ijaaruuf dubbatu dhaggeeffachuuf caalaatti qophaaʼoo akka taʼan godha. Dhugumaan akka isaaniif yaaddu yommuu argisiistu, jajjabina guddaa isaaniif argamsiisuu dandeessa.

14. Ceephaʼuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?

14 Ceephaʼuu irraa fagaadhu. Warra dhiphatan ceephaʼuun, dhiphinni isaanii akka itti caalu gochuu fi carraaqqii nuti garaa qulqulluudhaan kakaanee jaalalaan isaan ijaaruuf goonu fudhatama dhabsiisuu dandaʼa. “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana, arrabni ogeessaa garuu in fayyisa.” (Fak. 12:18) Jechoota nama miidhaniin taʼe jennee warra dhiphatan ‘waraanuu’ akka hin barbaanne beekamaadha. Taʼus, namni tokko utuu itti yaadamin dubbiidhaan yoo ‘waraaname’ illee miidhaan isaa baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. Warra kaan jajjabeessuudhaan jaalalaan isaan ijaaruuf, hamma dandaʼametti iddoo isaanii of keenyee akka isaaniif yaadnu argisiisuu gaafata.—Mat. 7:12.

15. Meeshaa gaariin warra kaan jaalalaan ijaaruuf itti fayyadamuu dandeenyu kamidha?

15 Dubbii Waaqayyootiin warra kaan jajjabeessi. (Roomaa 15:4, 5 dubbisi.) Kitaabni Qulqulluun yaadawwan jajjabina kennuuf gargaaran hedduu qabateera. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqayyo isa jabaatanii dhaabachuu fi jajjabina namaaf kennu’ biraa kan argame dha. Caqasoota nama jajjabeessan malees meeshaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran hedduu qabna. Indeeksii Barreeffamoota Waldaa Masaraa Eegumsaa fi Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼetti fayyadamuu ni dandeenya. Meeshaawwan kun caqasoota rakkoowwan hundumaa dandamachuuf gargaaran argachuuf nu gargaaruu dandaʼu. Kanaafuu meeshaawwan kun yaadawwan nama jajjabeessan kennuuf carraaqqiin nuti jaalalaan kakaanee goonu caalaatti buʼa qabeessa akka taʼu gochuu dandaʼu.

16. Kiristiyaanota dhiphatan yommuu jajjabeessinu amalawwan akkamii argisiisuu nu barbaachisa?

16 Gara laafeyyii fi garraamii taʼaa. Amalawwan kun karaa jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe itti argisiifamu siʼa taʼu, nama tokko jajjabeessuu fi ijaaruuf barbaachisaa dha. Yihowaan, “Abbaa gara laafinaa fi Waaqa jajjabina hundaa” siʼa taʼu, tajaajiltoota isaatiif “gara laafina guddaa” qaba. (2 Qorontos 1:3-6 dubbisi; Luq. 1:78; Rom. 15:13) Phaawulos, “Akkuma haati hoosistu tokko daaʼima ishii gaarummaadhaan kunuunsitu, nutis yeroo isin gidduu turre garraamummaadhaan isin kunuunsine. Kanaaf, jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, misiraachoo Waaqayyoo qofa utuu hin taʼin, lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre; sababiin isaas isin nu biratti guddaa jaallatamoo turtan” jedhee barreessuudhaan gama kanaan fakkeenya gaarii taʼeera. (1 Tas. 2:7, 8) Gara laafina akka Waaqayyoo yommuu argisiisnu, deebii kadhannaa nama dhiphate sanaa taʼuu dandeenya.

17. Ilaalcha madaalamaa akkamii qabaachuun keenya obboloota keenya jaalalaan ijaaruuf nu gargaara?

17 Obboloonni kee hirʼina kan hin qabne akka taʼan isaan irraa hin eegin. Obbolootaa fi obboleettota kee hafuuraatiif ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Obboloonni kee amala mudaa hin qabne akka qabaatan isaan irraa eeguun waan hin dandaʼamne taʼuu isaa irra iyyuu abdii si kutachiisuu dandaʼa. (Lal. 7:21, 22) Yihowaan wanta tajaajiltoota isaa irraa eegu wajjin haala wal qabateen, dhugaa jiru tilmaama keessa akka galchu yaadadhu. Nutis fakkeenya isaa yoo hordofne, hirʼina warra kaanii dandaʼuuf qophaaʼoo taana. (Efe. 4:2, 32) Wanti isaan gochaa jiran gaʼaa akka hin taane godhanii akka yaadan gochuu mannaa, wanta isaan gochaa jiran caqasii isaan galateeffadhu. Kun isaan jajjabeessuu dandaʼa. Garaadhaa galateeffachuun warra kaan jaalalaan ijaaruu fi tajaajila qulqulluu dhiheessan irratti ‘waan ittiin gammadan’ akka argatan gochuu dandaʼa. Nama tokko warra kaanii wajjin wal bira qabanii abdii kutachiisuu mannaa, kana gochuun keenya baayʼee gaariidha.—Gal. 6:4.

18. Warra kaan jaalalaan ijaaruuf wanti nu kakaasu maalidha?

18 Hoolonni Yihowaa hundi, isaa fi Yesuus isa aarsaa furii dhiheesse biratti gatii guddaa qabu. (Gal. 2:20) Obbolootaa fi obboleettota keenya hafuuraatiif jaalala guddaa qabna. Akkasumas gara laafinaa fi jaalalaan isaan kunuunsuu barbaanna. Madda jajjabinaa taʼuudhaaf, “wantoota nagaa argamsiisanii fi wantoota wal ijaaruuf gargaaran haa hordofnu.” (Rom. 14:19) Hundi keenya Jannata dhufu keessatti yeroo wanti abdii nu kutachiisu tokko illee hin jiraanne hawwii guddaadhaan eegganna! Dhukkubni, waraanni, duuti cubbuu dhaalleen dhufu, ariʼatamni, walitti buʼiinsi maatii gidduutti uumamuu fi abdii kutachuun hin jiraatu. Waggaan kumni yommuu darbu, ilmaan namootaa cubbuu irraa walaba taʼu. Warri qorumsa isa dhumaa darban, ilmaan Yihowaa warra lafa irra jiraatan taʼuudhaan, “bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa” argatu. (Rom. 8:21) Hundi keenya jaalala isa nama ijaaru argisiisuu fi galma gammachiisaa fi gatii guddaa qabu kana argachuuf wal gargaaruu keenya itti haa fufnu.

^ key. 12 Yaadaa fi miira of ajjeesuu irratti gorsa qabatamaa taʼe argachuuf, mata dureewwan Dammaqaa! irratti baʼan kana ilaali: “Maaliifan Jiraadha? Sababii Itti Jiraachuu Qabdu Sadii” (Ebla 2014); “Jiraachuun Yommuu Si Nuffisiisu,” (Amajjii 2012) (Amaariffa); fi “Lubbuudhaan Jiraachuun Gatii Qaba” (Onkoloolessa 2001) (Amaariffa).