Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanonni Maanguddoota Taatan—Yihowaan Amanamummaa Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna

Kiristiyaanonni Maanguddoota Taatan—Yihowaan Amanamummaa Keessaniif Iddoo Guddaa Kenna

ADDUNYAA maratti jaarsoliin mirga saba Waaqayyoo gidduutti tajaajiluuf argatan baayʼee jaallatu. Isaan hunda keenyaaf eebba guddaadha! Haa taʼu malee, Yeroo muraasa dura, sirreeffamni tokko godhamee ture. Jaarsoliin maanguddoota taʼan itti gaafatamummaa isaanii tokko tokko jaarsolii dargaggoota taʼaniif akka kennan gaafatamanii turan. Karaa kamiin?

Qophiin haaraan kun, ilaaltonni ol aanaa aanaa fi barsiisonni manneen barumsaa tiʼookraasii yommuu umuriin isaanii waggaa 70 taʼu karaa kanaan tajaajiluu isaanii akka dhaaban gaafata. Akkasumas, jaarsoliin umuriin isaanii waggaa 80 taʼan, itti gaafatamummaa isaanii adda addaa kan akka qindeessaa Koree Waajjira Damee ykn qindeessaa qaama jaarsolii gumii jiran, jaarsolii dargaggoota taʼaniif kennu. Jaarsolii maanguddoon jaallatamoo taʼan kun sirreeffama kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼame? Yihowaa fi jaarmiyaa isaatiif amanamoo taʼuu isaanii argisiisaniiru!

Keen inni gara waggaa 49f qindeessaa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajile, “Murtoo godhametti guutummaatti walii galeen ture” jedheera. “Dhugaa dubbachuuf, guyyaadhuma natti himame sana ganama dargaggeessi qindeessaa taʼee tajaajilu tokko akka barbaachisu Yihowaatti kadhannaa dhiheesseen ture.” Ilaalchi Keen, ilaalcha obboloonni amanamoon addunyaa maratti argaman qaban kan ibsu dha. Dhugaa dha, obboloota isaanii tajaajiluu waan jaallataniif, jalqaba irratti hamma tokko gaddanii turan.

Espaarandiyoon inni gumii isaa keessatti qindeessaa qaama jaarsolii taʼee tajaajilaa ture “Xinnoo na gaddisiisee ture” jedheera. Haa taʼu malee, “Haala fayyaa koo isa caalaatti mancaʼaa deemuuf, yeroon dabalataa na barbaachisa ture” jechuudhaan dhugaa isaa amanee fudhateera. Akkuma yaaduu dandeenyu Espaarandiyoon Yihowaa tajaajiluu fi gumii isaatiif eebba taʼuu isaa itti fufeera.

Obboloonni yeroo dheeraadhaaf daawwattoota ol aanaa taʼanii tajaajilaa turanii fi bifa tajaajilaa kan biraa irratti ramadaman hoo? Aalan inni waggaa 38f daawwataa ol aanaa taʼee tajaajilaa ture, “Yommuun dhagaʼe garmaleen naʼe” jedheera. Taʼus, faayidaa dargaggoota hojiidhaaf leenjisuun qabu hubateera, akkasumas amanamummaadhaan tajaajiluu isaa itti fufeera.

Raasil inni waggaa 40f daawwataa ol aanaa fi barsiisaa manneen barumsaa tiʼookraasii taʼee tajaajilaa ture, innii fi haati manaa isaa jalqaba irratti abdii kutatanii akka turan dubbateera. “Mirga keenya baayʼee dinqisiifanna, tajaajila keenya itti fufuuf jabina akka qabnus nutti dhagaʼama ture.” Raasilii fi haati manaa isaa babalʼistoota isaanii wajjin tajaajilan gammachiisuuf, leenjii argatanii fi muuxannoo qabanitti fayyadamaa jiru.

Ati dhuunfaatti akka namoota olitti ibsamanii sitti dhagaʼamee hin beeku yoo taʼe illee, seenaan 2 Saamuʼel irra jiru tokko namoota miirri akkasii isaanitti dhagaʼamu hubachuuf si gargaaruu dandaʼa.

NAMA HUMNA ISAA BEEKUU FI HAALA JIRU TILMAAMA KEESSA GALCHU

Mee haala yeroo ilmi Daawit Mootichaa Abiishaalom fincila kaasetti ture yaadi. Daawit Yerusaalemii gara Mahanaayim ishii baha Laga Yordaanositti argamtuutti baqatee ture. Bakka kanatti Daawitii fi namoonni isaa wajjin turan wanta jireenyaaf isaan barbaachisu tokko tokko dhabanii turan. Wanta raawwatame ni yaadattaa?

Namoonni naannoo sana jiraatan sadii siree, wantoota nyaataman garaagaraa fi miʼawwan nyaata bilcheessuuf barbaachisan arjummaadhaan isaanii fidan. Namoota kana keessaa tokko Baarzilaayi ture. (2 Sam. 17:27-29) Fincilli Abiishaalom erga fashalaaʼee booda, Daawit gara Yerusaalemitti yommuu deebiʼu Baarzilaayi hamma Yordaanositti isa geggeesse. Daawit yeroo kanatti akka inni gara Yerusaalem dhaqu cimsee isa gaafate. Baarzilaayi ‘badhaadhaa’ kan turee fi nyaanni mootichi isaaf kennu kan isa hin barbaachisne yoo taʼe iyyuu, Daawit yoo inni isa duukaa dhaqe akka isa sooru itti hime. (2 Sam. 19:31-33) Daawit kana kan godhe amalawwan Baarzilaayii fi yaada inni kennuuf dinqisiifannaa waan qabuuf taʼuu hin oolu. Mana mootummaa keessa jiraachuu fi hojjechuun mirga guddaa taʼuun isaa beekamaa dha!

Baarzilaayi nama haala qabatamaa jiru tilmaama keessa galchuu fi humna isaa beeku waan taʼeef, umuriin isaa waggaa 80 akka taʼe dubbate. Itti dabalees, “Wanta gaarii fi wanta hamaa gargar baasee beekuu nan dandaʼaa ree?” jedhe. Maal jechuu isaa ture? Baarzilaayi umurii dheeraa jiraate keessatti ogummaa hedduu argatee taʼuu qaba. Akkasumas, akkuma “maanguddoota” warra yeroo booda Rehobiyaam Mootichaaf gorsa kennanii gorsa gaarii kennuu ni dandaʼa ture. (1 Mot. 12:6, 7; Far. 92:12-14; Fak. 16:31) Kanaafuu, Baarzilaayi wanta gaarii fi hamaa gargar baasuu ilaalchisee yaadni inni dubbate dhiibbaa ykn daangaa dullumni qaama isaa irratti fide kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Dullumni miira dhandhamuu fi dhagaʼuu isaa irratti dhiibbaa akka geessise amanee fudhateera. (Lal. 12:4, 5) Kanaafuu Baarzilaayi gama isaatiin Daawit Kiimhaam isa dargaggeessaa fi tarii ilma isaa taʼuu hin oolle gara Yerusaalemitti akka fudhatu isa gaafate.—2 Sam. 19:35-40.

KAROORA BAAFACHUU

Sirreeffamni olitti ibsamee fi umurii wajjin haala wal qabateen godhame, ilaalcha Baarzilaayi qabu wajjin kan wal fakkaatu dha. Akkuma haala Baarzilaayi irraa hubachuun dandaʼamu, yeroo keenyattis wanti tilmaama keessa galuu qabu haalaa fi dandeettii nama tokkoo qofa miti. Wanta maanguddoota amanamoo addunyaa maratti tajaajilaa jiraniif caalaatti gaarii taʼe qabatamaadhaan ilaaluun barbaachisaa dha.

Kiristiyaanonni maanguddoon humna isaanii beekan kun, jaarmiyaan Yihowaa guddina fuulduratti dhufuuf qophaaʼuu kan dandaʼu, itti gaafatamummaan isaan yeroo dheeraadhaaf raawwachaa turan obboloota dargaggoota taʼaniin yoo hojjetame akka taʼe ni hubatu. Akkuma Baarzilaayi ilma isaa leenjisee taʼuu dandaʼuu fi Phaawulos ergamaan Ximotewosiin leenjise, yeroo baayʼee dargaggoota kan leenjisan obboloota maanguddoota taʼani dha. (1 Qor. 4:17; Filp. 2:20-22) Obboloonni dargaggoota taʼan kun yeroo ammaa ‘qaama Kiristoos ijaaruu’ irratti gargaarsa gochuudhaan, ‘kennaa dhiirotaa’ taʼuu isaanii mirkaneessaniiru.—Efe. 4:8-12; Lakkoobsa 11:16, 17, 29 wajjin wal bira qabi.

HOJIIWWAN ADDA ADDAA IRRATTI HIRMAACHUU DANDAʼAN

Gumiiwwan saba Waaqayyoo addunyaa maratti argaman keessatti obboloonni itti gaafatamummaa tokko tokko warra kaaniif kennan, hojii Yihowaa keessatti carraawwan haaraa ykn balʼinaan hojjetaman keessatti hirmaachuu dandaʼaniiru.

Maarkoon inni waggaa 19f daawwataa ol aanaa ture, “Haalli koo inni haaraan abbootii manaa obboleettota keenyaa warra Dhugaa Baatota hin taane gargaaruuf naaf heyyameera” jedheera.

Jeraaldoon inni waggaa 28f daawwataa ol aanaa ture, “Galmi keenya inni haaraan warra karaa hafuuraa qabbanaaʼan gargaaruu fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuu ture” jedheera. Jeraaldoon innii fi haati manaa isaa namoota 15 Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa akka jiranii fi namoonni qabbanaaʼan hedduun walgaʼii irratti argamaa akka jiran gabaasa godheera.

Aalan inni olitti ibsame, “Yeroo ammaa hojii lallabaa irratti guutummaatti hirmaachuuf carraa arganneerra. Addababayiitti, naannoo daldalaa fi ollaawwan keenyaaf lallabaa kan jirru siʼa taʼu, isaan keessaa lama Galma Walgaʼii dhufaniiru” jedheera.

Obboleessa amanamaa dandeettii qabduu fi saba Waaqayyoo gidduutti itti gaafatamummaa haaraa fudhatte yoo taate, karaa kan biraan adda taʼee fi gumaacha gochuu itti dandeessu jira. Muuxannoo kee isa gatii guddaa qabu dargaggoota gumii keessa jiraniif hiruudhaan hojii Yihowaa deggeruu irratti hirmaachuu ni dandeessa. Raasil inni olitti ibsame, “Yihowaan dargaggoota gaggaarii dandeettii qaban leenjisee itti fayyadamaa jira” jedheera. “Waldaan obbolummaa barumsa isaanii isa hojiidhaaf nama kakaasuu fi hojii tiksummaa isaan raawwatan irraa fayyadamaa jira!”—Saanduqa “ Dargaggoonni Dandeettii Isaanii Guutummaatti Akka Itti Fayyadaman Gargaaraa” jedhu ilaali.

YIHOWAAN AMANAMUMMAA KEETIIF IDDOO GUDDAA KENNA

Dhiheenyatti bifa tajaajilaa kan biraa irratti hirmaachuu kan jalqabde yoo taʼe ilaalcha sirrii qabaadhuu itti fufi. Hojii garaa guutuudhaan raawwatteen jireenya namoota hedduu irratti dhiibbaa gooteetta, kana gochuu kees itti fufuu ni dandeessa. Jaallatamaa taateetta, jaallatamaa taatee itti fufuus ni dandeessa.

Hunda caalaa immoo garaa Yihowaa keessatti iddoo dhaabbataa taʼe argatteetta. “Inni hojii keessan, akkasumas qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu keessan itti fufuudhaan jaalala isin maqaa isaatiif argisiistan hin irraanfatu.” (Ibr. 6:10) Caqasni geggeessaa hafuuraatiin barreeffame kun wanti inni abdachiise hundi wanta kanaan dura raawwannee ol akka taʼe nuuf mirkaneessa. Yihowaa gammachiisuuf jecha carraaqqii kanaan dura gootee fi gochuu kee itti fuftuun kan kaʼe isa biratti gatii guddaa waan qabduuf inni matumaa si hin irraanfatu!

Jijjiiramni hojii olitti ilaalle dhuunfaatti si hin muudanne yoo taʼe hoo? Dhimmi kun siinis si ilaallachuu dandaʼa. Karaa kamiin?

Atis yeroo ammaatti maanguddoo amanamaa hojii isaa irratti jijjiiramni godhame wajjin kan wal argitu yoo taʼe bilchina isaa fi muuxannoo isaa irraa fayyadamuu ni dandeessa. Gorsaa fi yaada akka siif kennu isa gaafadhu. Akkasumas hojii yeroo ammaa hojjetu irratti muuxannoo isaa amanamummaadhaan akkamitti akka itti fayyadamu hubadhu.

Maanguddoo itti gaafatamummaa haaraa fudhattee tajaajilaa jirtus taʼe, obboleessa ykn obboleettii qophii kana irraa fayyadamaa jirtu yoo taate, Yihowaan amanamummaa obboloota yeroo dheeraadhaaf isa tajaajilanii fi tajaajiluu isaanii itti fufaniif iddoo guddaa akka kennu yaadadhu.